Finciltoonni waajjira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituu keessa jiru qabachuu himan

Humni Addaa Sudaan (RSF) waajira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituudha jedhamte el-Faasher keessa jiru qabchuu beeksise. Kun ammoo wal waraansa Sudaan keessatti deemaa jiruuf murteessaadha jedhameera.

Guduunfaa

  • Arsenaal Palaasiin mo'atee dursuu itti fufaamoo, Siitiitu Aston Viilaa mo'atee isa mudda?
  • Baqataan Itoophiyaa miidhaa saalaan yakkamaa ta'e dogoggoraan gadhiifamee ture to'atame
  • Namoonni daqiiqaa 4 keessatti faayaa dolaara mili.100 ol baasu godambaa Faransaay keessaa hatuun shakkaman to'ataman
  • Tiraamp 'waliigaltee nagaa' Taayilaand fi Kaamboodiyaan mallatteessanirratti argamuuf Maaleezhiyaa gale
  • Tiraamp Kuwaala Lampuuritti warra isa simatan waliin shubbise
  • Dubartiin daa'ima ganna 12 erga gudeeddee booda ajjeeste hidhaa umurii guutuun adabamte
  • Walitti bu'insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas gaafatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp qoqqobbii haaraa Raashiyaarra kaa'e, Puutin waliin mariyachuun 'bu'aa hin qabu' jedhe

    Puutin fi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan qoqqobbii haaraa dhaabbilee boba’aa gurguddoo Raashiyaa lamaan irratti xiyyeeffate labsite. Kun ammoo Mooskoon waraana Yukireen keessatti gaggeessaa jirtu mariin karaa nagana furtu dhiibbaa gochuuf jedhameera.

    Beeksisni kun kan ba’e prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin Budaapeestitti wal arguuf karoorfame yeroo hin murtoofneef akka hafu erga dubbatanii guyyaa tokko booda.

    ''Yeroon Vilaadmiir waliin haasa'u hunda marii gaarii taasifna booda [garuu] eessayyuu hin ga’u,'' jedhe Tiraamp.

    Dhiibbaan dinagdee Raashiyaa irratti dhufu xiqqaa ta’uu kan malu ta’us, imaammata alaa Tiraamp irratti jijjiirama guddaa kan bakka bu’u yoo ta’u, kanaan dura hanga biyyoonni Awurooppaa boba’aa Raashiyaa bitachuu dhiisanitti qoqqobbii akka hin keenye dubbatee ture. Kireemlin akka jettetti, Raashiyaan qoqqobbii kanaan ''omaa hin taanu'.

  2. ASHAMAA! Toora Tamsaasa haaraatiin dhufneerra.

    Oduu biyya keessaa, ollaafi Baha Giddu-galeessaa akkasumallee guutuu addunyaaf asiin nu hordofaa!