Finciltoonni waajjira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituu keessa jiru qabachuu himan

Humni Addaa Sudaan (RSF) waajira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituudha jedhamte el-Faasher keessa jiru qabchuu beeksise. Kun ammoo wal waraansa Sudaan keessatti deemaa jiruuf murteessaadha jedhameera.

Guduunfaa

  • Arsenaal Palaasiin mo'atee dursuu itti fufaamoo, Siitiitu Aston Viilaa mo'atee isa mudda?
  • Baqataan Itoophiyaa miidhaa saalaan yakkamaa ta'e dogoggoraan gadhiifamee ture to'atame
  • Namoonni daqiiqaa 4 keessatti faayaa dolaara mili.100 ol baasu godambaa Faransaay keessaa hatuun shakkaman to'ataman
  • Tiraamp 'waliigaltee nagaa' Taayilaand fi Kaamboodiyaan mallatteessanirratti argamuuf Maaleezhiyaa gale
  • Tiraamp Kuwaala Lampuuritti warra isa simatan waliin shubbise
  • Dubartiin daa'ima ganna 12 erga gudeeddee booda ajjeeste hidhaa umurii guutuun adabamte
  • Walitti bu'insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas gaafatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ASHAMAA! Toora tamsaasa kallattiin deebineerra.

    Toora tamsaasa kallattiin oduu amma ta'aa jiru isiniif dhiyeessinuun deebineerra.Daawwannaa pirezidantiin Ameerikaa biyyoota Eeshiyaatti taasisu ni argattu.

    Taateeewwan biyya keessaas qabna.

    Taphoota Piriimer Liigii Torban saglaffaas kallattiin isniif dhiyeessina.

    Nu waliin turaa.

    Ulfaadhaa!

  2. Bireentifoord 3-2 Liiverpuul

    Liiverpuul Taphoota Piriimer Liigii yeroo afur walitti aansuun mo’ame.

    Cheelsiin akkasuma Sanderlaandiin mo’ameera. Maanchister Yuunaayitid 4-2 Biraayitan mo’ate.

  3. Bireentifoord 3-1 Liiverpuul

    Arnee Isloot dhiibbaa guddaa keessa jiru. Bireentford galchii sadaffaa lakkoofsisan.

    Kiristaal Paalaas, Cheelsii, Maanchister Yuunaayitid, har'a ammoo Bireentifoordiin walitti aansanii mo'amuuf jedhu.

    Kun dorgommii Piriimer Liigiini.

  4. Bireentifoord 2- 1 Liiverpuul- 45'

    Liiverpuul kilebuma shaampiyoonaa tahee xumure hin fakkaatu.

    Kileba walakkaa biiliyoonaa ganna tokkotti baasee taphattoota cicimoo jedhaman fide hin fakkaatu.

    Tapha arfaffaa walitti aansuun mo'amuuf jedhu. Bireentiford 2-0 dursaa turan.

    Galchii Miloosh Kerkeshiin Liiverpuul galchii tokko argateera.

  5. Raashiyaan waliigaltee nagaa Yuukireen akka fudhattuuf Chaayinaan nu gargaarti jedheen abdadha- Tiraamp

    Tiraamp waraana Yuukireen dhaabuuf deeggarsa Chaayinaa gaafatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp waraana Yuukireen dhaabuuf deeggarsa Chaayinaa gaafatan

    Doonaald Tiraamp Raashiyaan akka marii nagaa Yuukireen fudhattuuf Chaayinaan nu gargaarti jedheen abadadha jedhan.

    waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa gidduutti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatu barbaada.

    ''Chaayinaan akka nu gargaartun barbaada'' jedhe Tiraamp.

    Ofiiyyuu Chaayinaa waliin waraana daldalaa keessa jira. Tiraamp xiyyaara ittiin balal'ian 'Air Force One' keessa taa'uun dubbatan.

    Daawwannaaf gara Eeshiyaatti kan balali'an Tiraamp pirezidaantii Chaayinaa Shii Zhiinpingi waliin wal argu jedhamee eegama.

    Tiraamp Yuukireeniif misaa'ela fageenya dheeraa deemu Tomahawk hin kennine.

    Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa qabeenya Raashiyaa ugguranii turan deeggrsa Yuukireeniif hin oolchine.

    Haala kana keessatti kan dubbatan Tiraamp Raashiyaa gargaaraa kan jiran Hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jon Un arguu akka barbaadanis himaniiru.

  6. Bireentiford 1-0 Liiverpuul- 7'

    Bireentifoordi Liiverpuul irratti galchii lakkoofsisuun dursaa jiru.

    Liiverpuuliif kufaatii biraati. Daangoo Otaaraa galchii bareedduu Liiverpuul irratti lakkoofsise.

    Tilmaamaa

  7. Ruuben Amoorim warra isa shakkaniifi warra isatti amananiif deebii akkamii kenne?

    Ruuben Amoorim

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ruuben Amoorim

    Ruuben Amoorim leenjisaa Maan Yuunaayitid erga tahanii taphoota hedduu hin mo'anne.

    Garuu garee falaasama taphaa isanaiif mijatu ijaaraa jiru.

    Yeroo duulli miiidyaa fi qeeqi itti hammaate keessa jaalalaa fi deeggarsa kan itti agarsiise deeggartoota Yuunaayitid tahuu hime.

    Deeggartoota akkasii qabaachuukootti hedduun gammada. Umuriikoo keessatti kileban leenjisuu barbaaduu fi keessatti milkaa'uu barbaadu Maanchister Yuunaayitid jedhe.

    Yeroo mo'amnu hunda caalaa anaa fi taphattootakootu miidhama. Hedduu gadda. Takka takka hojiima kana yoon dhiisee baheho jedheen yaada ture jedhe.

    Garuu abbaan qabeenya kilebichaa dhimmi kubba miilaa isa ilaaltu Sir Jiim Raatkiliif Amoorim irraa amantaa akka qaban himan.

    Jijjiiramni kileba guddaa akka Maan Yuunaayitid keessatti halkan tokkotti dhufu hin jiru. Amoorim yeroo isa barbaachisa. Yoo xiqqaate waggaa sadii jedhan.

    Oduun leenjisicha hojiirraa gaggeessuu qabbanaa'aa dhufe. Sanderlandiin mo'atan.

    Aanfiildi irratti Liiverpuuliin mo'atan. Biraayitaniin har'a 4-2'n mo'atan. Ammaaf sadarkaa arfaffaa irra jiru. Haga Liiverpuuliifi kileboonni kaan taphatanitti.

    Deebii gaarii amantaa itti gatameef agarsiise fakkaata.

  8. Maanchister Yuunaayitid 3- 1 Biraayitan

    Maanchister Yuunaayitid 4-2 Biraayitan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maanchister Yuunaayitid 4-2 Biraayitan

    Biraayitan duubaa ka'uun galchii lama lakkoofsisan.

    Embuumoo taphataa jabaa akkamii Maan Yuunaayitid argate!

    Taphataan kun erga gara Yuunaayitid dhufee gahumsi agarsiisaa jiru adda. Taphataa cimaan tapha kana irratti filattan eenyu?

    Koobii Maayinuu dhuguma carraa guutuu argachuu qabaa?

    Yuunaayitid walitti aansee tapha sadii mo'ate. Kun Ruuben Amoorimiif haamilee guddaa taha.

    Yuunaayitid qabxii 16 qaba. Yoo tarii Liiverpuulii fi Barnimoz mo'aman sadarkaa 4ffaa irra tura.

  9. Maanchister Yuunaayitid dirree isaa irratti dursaa jira.

    Biriyaan Embuumoo galchii sadaffaa lakkoofsise. Yuunaayitid waan jabaataa jiru fakkaata.

    Liiverpuul erga mo'atee har'as Biraayitaniin galchii Maatiyas Kuunaa, Kaazemiiroo fi Embuumoon dursaa jiru.

    Nu hordofaa

  10. Maatiyaas Kuunaa galchii jalqabaa ofiifis Maan Yuunaayitidiifis lakkoofsise

    Maatiyaas Kuunaa galchii jalqabaa ofiifis Maan Yuunaayitidiifis lakkoofsise

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maatiyaas Kuunaa galchii jalqabaa ofiifis Maan Yuunaayitidiifis lakkoofsise

    Maanchister Yuunaayitid galchii Maatiyas Kuunaan Biraayitaniin dursaa jira.

    Kaazemiiroon galchii lammaffaa lakkoofsiseera.

    Amma gara daqiiqaa 30 taphataniiru. Yuunaayitid yeroo lama rukuttaa peenaaliitii gaafateera.

    VAR garuu ni dide.

    Biraayitan Yuunaayitid irratti olaantummaa qabaachaa ture.

    Har'a Amoorim walitti aansuun tapha sadaffaa injifatuu laata?

  11. Ameerikaan Venezuweelaa irratti waraana banuu barbaaddi- Maduuroo

    Ameerikaan Venezuweelaa irratti waraana banuu barbaaddi- Maduuroo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan Venezuweelaa irratti waraana banuu barbaaddi- Maduuroo

    Pirezidaantiin Venezuweelaa Nikoolaas Maduuroon Ameerikaan ''waraana labsaa jirti'' jechuun himate.

    Ameerikaan doonii waraanaa ishee isa addunyaa irraa isa guddaa jedhamu gara daangaa Venezuweelaatti butteetti.

  12. Sanderlaand Cheelsii dirree isaa irratti salphise.

    Cheelsii 1-2 Sanderlaandi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Cheelsii 1-2 Sanderlaandi

    Sanderlaandi baruma kana ol guddachuun Cheelsii dirree isaa irratti 2-1 mo'ate.

    Gaanaachoon galchii jalqabaa Cheelsiif lakkoofsiseera. Sanderlaand kilabni bara kana ol guddate osoo hin turiin galchii wal qixxeesituu lakkoofsise.

    Daqiiqaa dhumaatti Sanderlaandi lakkoofsisuun Isaanfoord Biriij irratti mo'atan.

    Leenjisaan Sanderlaand hedduu jajamaa jira. Manguddoon ganna 49, lammii Faransaay tahe barnootaanis ispoort Fiiziyoolojii kan jedhamuun haga PhD qaba.

    Abbaan qabeenyaa kilebichaa dargaggoo ganna 27 yoo tahu, maatiin isaas qabeenya guddaa qabaachuun beekamu.

    Qabeenya maatii isaarraa argateen kileba kana bara 2021 bite. Ergasii Shaampiyonshippii keessaa gara Piriimer Liigiitti akka guddatan gargaareera.

  13. Mohammad Saalaan goolii malee akkanaan itti fufuun na yaaddessa- Isloot

    Mohaammad Saalaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Saalaa

    Leenjisaan Liiverpuul Arne Siloot taphataan kilabichaaf murteessaa ta'e Mohammad Saalaa ga'umsa amma irra jiruun itti fufuusaa arguu akka hin barbaanne ibsan.

    Saalaan Liiverpuul keessatti taphataa ga'umsa olaanaa qabudha.

    Bara darbe kilabichaaf goolii 29 galchuun 18 ammoo mijeessee kenneera. Raawwiin isaa kun milkaa'ina kilabichi waancaa nyaachuun galmeesse keessatti qooda olaanaa gumaache.

    Taphataan biyya Afrikaa, Masirii umrii waggaa 33 kun bara kana garuu hanga ammaatti Liiverpuuliif goolii sadi qofa galche.

    Odeessa dabalataa:

  14. Seeskoo fi Yooroon jalqaba irratti hiriiru

    Maanchister Yuunaayitid dirree isaa irratti Biraayitan morkata

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maanchister Yuunaayitid dirree isaa irratti Biraayitan morkata

    Maanchister Yuunaayitid tapha Biraayitan waliin qabuuf Seeskoo fi Yooroo jalqaba irratti galu.

    Biraayitan walitti aansuun Yuunaayitidiin mo’anii ture. Ruuben Amoorim seenaa kana jijjiiruu barbaada.

    Amoorim garee Liiverpuuliin mo’ate irraa nama lama jijjiiran.

    Seskoon Maawont bakka bu’e. Yooroon Maaguweriin bakka bu’e. Daanii Weelbeek kileba ijoollummaa isaa morkata.

    Kaazemiiroo fi Buroonoo Fernaandez sarara gidduurra taphatu. Kuunaa, Embuumoo fi Seskoo sarara duraa irra.

    Diyaaloon bakkuma dedebi’ee ittisaa taphatu gama cinaan taphata.

  15. Waa’ee Sanderlaandi qabxiilee kanneen beektuu?

    Cheelsii v Sanderlaand, tapha torban salgaffaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Cheelsii v Sanderlaand, tapha torban salgaffaa

    Cheelsiin Sanderlaandi waliin morkataa jira.

    Gaanaachoon galchii jalqabaa Cheelsiif lakkoofsiseera. Sanderlaand kilabni bara kana ol guddate osoo hin turiin galchii wal qixxeesituu lakkoofsise.

    Leenjisaan Sanderlaand hedduu jajamaa jira. Manguddoon ganna 49, lammii Faransaay tahe barnootaanis ispoort Fiiziyoolojii kan jedhamuun haga PhD qaba.

    Abbaan qabeenyaa kilebichaa dargaggoo ganna 27 yoo tahu, maatiin isaas qabeenya guddaa qabaachuun beekamu.

    Qabeenya maatii isaarraa argateen kileba kana bara 2021 bite. Ergasii Shaampiyonshippii keessaa gara Piriimer Liigiitti akka guddatan gargaareera.

    Taphattoota murteessoo akka Giraanayit Zhaakaa fa’a mallattesise. Taphni kun qixa xumuramaa?

  16. Sudaaniitti guyyaatti yoo xinnaate daa'imman sadii beelaafi dhibee du'u

    Sudaan manaagala Kaabaa Daarfuur keessaa El-Faashar keessatti yoo xinnaate daa'imni sadii sababii hanqina nyaanaa fi dhibeetiin akka du'an himame.

    Neetworkiin dooktaroota Sudaan akka jedheetti, erga Hummni Deeggarsa Saffiisaa (RSF)n magaalattii irratti qabiinsa isaa cimsuun nyaanni, bishaanii fi qoricha irraa kutee booda, haalli namoomaa hammaataa jira jedha.

    Doktooronni kunneen haalli namoomaa El-Faasher keessatti mudate balaa guddaa, hubannoo namaatiin ol ta'uu dubbatu.

    Ummana kuma 250 kan walakkaan isaanii daa'imman ta'e, gargaarsa lubbuu baraaruu irraa addaan kutamusaanii eejansiin dhaabbileen Biyyoota Gamtooman (UN) beeksiise.

    RSFn magaalattii naanneessuun erga ijaareen booda marfamuun magaalatii cimee jira.

    Akka Neetworkiin Doktoroota Sudaan jedhuutti, furmaati tokkichi daandiiwwan gargaarsaa gara El-Faasheritti deebiisanii banuu qofadha.

    Haata'u malee, qaamoleen wal waraansa Sudaan keessatti hirmaataa jiran lamaanuu waggoota lamaa fi walakkaaf lola kana keessatti lubbuu namoota nagaatiif baayyee of eeggannoo hin agarsiifne.

    Waldhabdee kanaan namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman ajjeefamaniiru.

  17. Turistiin Jaappaan Xaaliyaaniitti boolla bu'uun du'uun ibsameera

    Tursiitiin Jaappaan boollaa bu'uun du'anii argaman

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Turistiin lammii Jaappaan kan umuriin ganna 69 tokko dallaa naannoo Paantiyoon Room irraa kufee du'uusaa miidiyaaleen Xaaliyaanii gabaasan.

    Maanguddoon, Morimasa Hibino jedhaman naannoo sa'aatii biyya keessaatiin sa'aatii 21:50tti (19:50 GMT) olka'iinsa gara meetira torbaa irraa akka kufe himama.

    Boodas lubni achiin darbaa ture tokko namicha boolla keessa ciisee jiruu arguun poolisiitti hime jedha gaazexaan naannoo sanaa la Repubblica.

    Tajaajilli balaa tasaa fi hojjattoonni balaa ibiddaas nama bollaa keessa bu'ee du'e kana baasuudhaaf, karra mana qulqullummaa Roomaa duriitiin ala jiru humnaan akka banana himameera.

    Sababa du'a maanguddoo kanaa adda baasuudhaaf qorannoon gaggeeffamaa jira jedhameera.

    Namichi qarqara dallaarra osoo taa'aa jiruu madaallii isaa to'achu dadhabuun kufe jechuun la RepubbliKaa poolisii wabeeffachuun gabaaseera.

    Qorattoonni suuraa hordoffii fi viidiyoo bakka namichi taa'ee ture argachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Paantiiyoon bakkeewwan hawwata turizimii Xaaliyaanii baay'inaan daawwataman keessaa tokko yoo ta'u, waggaan turistoonni miliyoonaan lakkaa'aman akka dowwatan tilmaamama.

  18. Ijoolleen Gaazaa Israa'el akka baqatan hayyamuuf eeggataa jiran du'aa jiru

    Daa'ima baayyee dadhabee ciisaa jiru

    Gaazaa keessatti lubbuun namoota hedduu ammalleen du'aafi jireenya jidduutti argamu.

    Kutaalee adda addaa Hospitaala Naassar keessatti ijoolleen dhiiraa umuriinsaanii ganna 10 lama kan ciisan yoo ta'u, iini tokko dhukaasa Israa'eliin rukutamee mormaan gadiitti laamsha'eeera.

    Inni biraa amoo, dhita'aa sammuu keessatti bahuun kan qabameedha. Amma dhukaasa dhaabuun erga taasifameen booda, dhukkubsattoonni gara 15,000 ta’an kanneen Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) yaalii hatattamaatu isaan barbaachisa waan ta'eef akka bahan jedhe keessaa tokkodha.

    Olaa Abuu rifeensa ilmashee Amaar suuta qaqabachaa teessee jirti. Amaar Kibba Gaazaatti dunkaana isaanii keessa osoo jiranuu dhukaasa diroonii Israa'eliitiin rukutame jedhu maatiin isaa.

    Lafee dugdaa isaa lama gidduutti kan argamu yoo ta’u, kanaan kan ka'e ergasii laamsha’uun socha'u dadhabe.

    "Hatattamaan yaalii baqaqsanii hodhuutu isa barbaachisa, garuu walxaxaadha. Doktooronni du'aaf, ykn dhiiguu sammuutiif isa saaxilu akka danda'u nutti himaniiru. Kanaafuu bakka meeshaalee gaarii qabutti yaalii baqaqsanii hodhuu isa barbaachisa," jedhan Olaan.

    Yeroo ammaa kanatti Gaazaan haalaa hin taanee keessa jira. Waraana waggaa lamaatiin booda hospitaalonni ishee haala yaaddessaa keessa galaniiru.

  19. Tiraam imalasaa Eshiyaatiin Kiim Joong Un arguu akka barbaadan dubbatan

    Tiraampii fi Kiim

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp imalasaanii gara Eeshiyaatti taasisaniin hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waliin wal arguu akka barbaadan dubbatan.

    "Ani nan godha. Jecha kana dhiisuu yoo barbaaddanis, ani banaadha," jechuun pirezidantiin Ameerikaa gaazexessitoota xiyyaara Humna Qilleensaa ONE keessa turaniitti himan yeroo gara naannichaatti imalaa jira. Itti dabaluunis, Kiim waliin ''hariiroo guddaa'' akka qaban himan.

    Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaatti seenaa kan hojjetan yoo ta'u, 2019tti yeroo dhumaaf harka fuudhuudhaan pirezidantii Ameerikaa Kooriyaa Kaabaa keessa miila kaa'an taa'an kan jalqabaa ta'aniiru.

    Imala isaanii gara Maaleeziyaa fi Jaappaanitti taasisanis dursaa Chaayinaa Shii Jinping dabalatee, hoggantoota addunyaa hedduu waliin kan wal arguuf jiran yoo ta'u, marii daldalaa jalqaba bara kanaa Tiraamp taariifa bal'aa kaa'uu isaaniitiin ka'e irratti kiyyeeffate gaggeeffamuudha.

    Tiraamp Kooriyaa Kaabaa, mootummaa dhoksaa komunistii abbaa irree baay'ee waltajjii addunyaa irratti adda baafame fi yaaliin meeshaa niwukilaraa raawwattuun Kiim akka ''nama rookkeettii xiqqaa'' jechuun itti qoosamaa turaniitti dhiyaachuuf mala addaa fayyadaman.

    Traampiifi Kiim bara aangoo Tiraamp jalqabaatti Waayit Haawus keessa turanitti yeroo sadii fuulaa fuulatti kan wal arganii turan yoo ta'u, garuu sagantaa niwukilarii balleessuu irratti waliigaluu hin dandeenye.

    Ergasii booda ammoo Kooriyaan Kaabaa yaaliiwwan misaa'ela ardiilee qaxaamuran hedduu taasifteetti jedhu ollaan ishee.

    Tiraamp yoo Kooriyaa Kaabaa akka biyya niwukilaraatti beekamtii kan kennan gaafatamanii, Tiraamp Kamisa galgala gaazexeessitootaaf deebii kennaniin, "akka humna niwukilaraa natti fakkaata... Meeshaa niwukilaraa hedduu argataniiru, akkasan jedha,'' jedhaniiru.

  20. Dubartiin daa'ima ganna 12 erga gudeeddee booda ajjeeste hidhaa umurii guutuun adabamte

    Loolaa Deeviyeet yeroo ajjeefamte umuriin ishee waggaa 12 ture

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Loolaa Deeviyeet yeroo ajjeefamte umuriin ishee waggaa 12 ture

    Dubartiin Paaris keessatti daa'ima ganna 12 Lola Daviet jedhamtu gudeeddee fi ukkamsitee ajjeeste murtiin umurii guutuu itti murtaa'us dhimmi kun Faransaay baayyee rifachiiseera.

    Faransaayitti murtiin umurii guutuu murtaa'uun baay'ee kan hin baratamne yoo ta'u, dubartiin maqaanshee Dahbiya Benkired jedhamtuufi umurinshee kan ganna 27 kun dubartii jalqabaa adabbiin kun itti murtaa'edha.

    Dubartiin kunis ol adeemtuu kana Onkoloolessa bara 2022 ajjeefafte reenfa ishee gatte.

    Jimaata darbe ammoo abbootiin murtii osoo murtii hin kennin dura dubartiin kun "Dhiifama nan barbaada, wanti ani hojjedhes baay'ee suukaneessaadha,"jettee turte.

    Kaameraan CCTV Onkoloolessa 14, 2022 waraabame akka agarsiisutti, yeroo da'immattin, mana barumsaatii gara manaatti deebitu itti dhiyaachuudhaan sossobee fuutee akka deemte ibsameera.

    Isaan boodas daa'ima tana gudeeddi irratti raawwachuufi ukkamsitee ajjeessuu ragaan mana murtichaa kan ibse.

    Faransaayi keessatti namoonni biroo murtiin akkanaa itti murtaa'e, nama namoota heddu ajjeesee fi gudeede Mikaa'el Fohurniret, jedhamu fi jihaadistii Salah Abdeslam, kan bara 2015 kan Paaris keessatti haleellaa raawwatameen lubbuu namoota 130 galaafate irratti ture.