Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Finciltoonni waajjira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituu keessa jiru qabachuu himan

Humni Addaa Sudaan (RSF) waajira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituudha jedhamte el-Faasher keessa jiru qabchuu beeksise. Kun ammoo wal waraansa Sudaan keessatti deemaa jiruuf murteessaadha jedhameera.

Guduunfaa

  • Arsenaal Palaasiin mo'atee dursuu itti fufaamoo, Siitiitu Aston Viilaa mo'atee isa mudda?
  • Baqataan Itoophiyaa miidhaa saalaan yakkamaa ta'e dogoggoraan gadhiifamee ture to'atame
  • Namoonni daqiiqaa 4 keessatti faayaa dolaara mili.100 ol baasu godambaa Faransaay keessaa hatuun shakkaman to'ataman
  • Tiraamp 'waliigaltee nagaa' Taayilaand fi Kaamboodiyaan mallatteessanirratti argamuuf Maaleezhiyaa gale
  • Tiraamp Kuwaala Lampuuritti warra isa simatan waliin shubbise
  • Dubartiin daa'ima ganna 12 erga gudeeddee booda ajjeeste hidhaa umurii guutuun adabamte
  • Walitti bu'insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas gaafatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Michoonni Yukireen boba’aa fi gaazii Raashiyaa gabaa idil-addunyaa keessaa baasuuf dhaadatan

    Biyyoonni 20 ol Yukireen deeggaran ''boba'aa fi gaazii Raashiyaa gabaa idil-addunyaa keessaa baasuuf'' waadaa galan.

    Kunis qaama tattaaffii preezdaantii Vilaadmiir Puutiin waraana kana akka xumuran dhiibbaa gochuuf taasifamaa jiruudha.

    Muummichi ministeeraa Biriteen Sir Keir Starmer walgahii ''tumsa warra fedhii qaban'' Landanitti erga qopheessanii booda, ''maallaqa humna waraanaa Raashiyaa ugguraa jirra,'' jedhan.

    UK fi US dhiheenya kana dhaabbilee boba’aa gurguddoo Raashiyaa lama irratti qoqqobbii kan kaa’an yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa ammoo al-ergii gaazii uumamaa Moskoo irratti xiyyeeffateera.

    Prezdaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskii, kan Landan keessas turan, Raashiyaa irratti ''dhiibbaan'' lola kana dhaabuuf karaa tokkicha ta'uu dubbataniiru. Innis deeggarsa misaa’eloonni fageenya dheeraa Yukireeniif kennuu ta'uuu himan. Haa ta'uu malee dhimma Misaa'ela Yukireenif kennuu irratti waanti ifoome hin jiru.

  2. Hoogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Shawaa Roobiit ajjeefaman

    Waajjirri kantiibaa magaalaa Shawaa Roobiit har'a waaree booda Facebook isaarratti ibsetti Hoogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalattii Obbo Lammaa Wandaffaraw ''haleellaa humnoonni badii dabeessota ta'an raawwataniin'' ajjeefaman.

    Obbo Lammaan nageenyi magaalattii akka hin boorofne, uummanni magaalattii nagaan ba'ee akka galuu fi tasgabbiin akka jiraatu nama kutannoon hojjetaa turaniidha jedhe ibsi kun.

    Humnoonni lubbuu qondaala kanaa balleessan kanneen yaadaan falmuu sodaatan, mariitti warra hin amannee fi dhiiga dhala namaa dhangalaasuu akka furmaataatti kanneen yaadanidha jedha ibsichi.

    Bulchiinsi magaalattii qaamolee gocha kana raawwatan fi kanneen duubaan jiran hunda adamsuun seeratti dhiheessuun tarkaanfii barsiisaa ta'e akka irratti fudhatu eereera.

    ''Harka badii hundeetti kutuuf carraa jiru kamiyyuu teenyee of hin dabarsinu,'' jedha ibsi kun.

    Jiraattonni magaalattii shakkii jiru hunda akka gabaasanii fi sochii nageenya eegsisuu keessatti tumsa barbaachisu hunda akka taasisan gaafateera bulchiinsi magaalattii.

  3. Baankiin Biyyaalessaa maamiltoota bittaaf gurgurtaa irratti waliin dhahaan adabuuf dhaadate

    Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Itti fayyadama Herrega Baankii Dhuunfaafi Qaama 3ffaa ilaalchisee dhorkii cimaa kaa'era.

    Maamiltoonni baankii hedduun lakkoofsa herrega baankii isaaniin galmaa'een ala kan qaama sadaffaa fayyafamuun gurgurtaa raawwachuu bira ga'eera jedhe.

    Akka qorannoo bankichaatti sosochiin bittaa fi gurgurtaa hedduun lakkoofsa herrega baankii qaama sadaffaan kan raawwatamudha.

    Kunis to'annoo fi hordoffii sassaabbii galii gibiraa jalaa miliquuf gocha raawwatamu ta'uu bankichi kan beeksise.

    Sosochiin maallaqaa haala kanaan raawwatu shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu waliin kan walqabatu ta'uu akka danda'ullee ibseera.

    Baankichi gocha akkasii irratt tarkaanfii cimaa akka fudhatamu murteessuu ibseera.

  4. Taphoota Piriimer Liigii torban kanaa irratti maaltu eegama?

    Arsenaal Piriimer Liigii dursuu itti fufuuf Kiristaal Paalaas morkata.

    Maanchister waggaa sadii booda dirree isaa irratti Biraayitaniin mo'achuuf falmata.

    Liiverpuul kufaatii taphoota sadii wlaitti aansuun mo'amuu keessaa bahuuf Bireentifoordi waliin morkata.

  5. 'Filannoon dura 'mootummaan rakkoo nagenyaa biyyatti furuu qaba' Prof Mararaaa

    LinkFilannoon waliigalaa Itoophiyaa marsaan 7ffaa Waxabajjii 1 bara 2026 akka geggeefamu Boordiin Filannoo Itoophiyaa yaada dhiyeesseera. Boordichi yaada dhiyeesseen wal qabatee gaggeessitoota paartilee gargaraa wajjin marii taa'eera.

    Guyyaan kaa'ame akka deebi'ee ilaalamu banaa akka tahu kan ibse yoo tahu, paartileen siyaasaa mormituu ammoo yaaddoo qaban ibsaniiru.

    Rakkoo nageenyaa, dirreen siyaasaa dhiphachuufi haala amma jiruun filannoo geggeessuun haqa qabeessa tahuu filannichaa gaaffii keessa akka galchu paartileen mormituu ibsaniiru.

    Dura taa'aan dhaaba KFO Proofeesara Mararaa Guddinaa karoora boordii filannoo ''lafarratti otoo hin taane qilleensa gubbaatti waan bahe fakkaata,'' jedhan.

  6. Tiraamp mariin daldalaa Kanaadaa wajjin qaban hunda adda kutan

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp marii daldalaa Kanaadaa wajjin taasifamu mara hatattamaan dhaabuu himan.

    Miidiyaa hawaasaa isaani Truth Social jedhamu irratti Kanaadaan beeksisa otoo pireezidantiin Ameerikaa duraanii Ronaald Reegan waa'ee miidhaa taarifaa haasa'an agarsiisu gadhiisan jedhan.

    ''Sababa amala badaa agarsiisaniif, MARIIN DALDALAA KANAADAA WALIIN TAASIFAMU DHAABBATEERA,'' jechuun gaafa Kamisaa barreessan Tiraamp.

    Tiraamp miyoota Kanaadaa irraa gara US galan irratti taarifa %35 kan kaa'an yoo tahu miiyota yeroo pireezidantummaa isaanii duraanii taarifa irraa walaba akka tahan Meeksikoo fi Kanaadaa wajiin waliigalan hin jijjiirree ture.

    Tiraamp viidiyoon mootumaa Ontaariyoon deeggarame, adeemsa dhaddachaa taarifni Ameerikaan biyyoota addunyaa baayyee kaa'aa jirtu seera qabeessa tahuu murteessuuf yeroo manni murtii taa'uuf jiutti gadhiifamuun dhiibbaa gochuufi jedhan.

  7. Israa'el Weesti Baank ofitti dabaluuf sagalee kennuu Ameerikaan qeeqxe

    Pireezidantii ittaanaa Ameerikaa JD Vaans fi Ministarri Haajaa Alaa Maarkoo Ruubiyoo isa Israa'el Weest Baankiin qaamashee gochuuf sagalee kennite qeeqan.

    Gaafa Roobii namooti siyaasaa adeemsa duriitti cichan seera wixineee seera Israa'el daangaa Weesti Baank keessatti hojii irra oolchuu jedhu eeyyama jalqabaa kennaniiru.

    Filisxeemonni daangaa kana walaba taha iddoo jedhanii abdatan keessaati.

    Imala gara Israa'el taasisan goolabuun booda, Vaans murtoo Israa'el kennite kana ''tarkaanfii siyaasa doofaa,'' jedhan, akkasuma Ruubiyoon gara Israa'el balali'uun dura tarkaanfiin ofitti dabaluuf yaaluun kuni karoora waraana Gaazaa dhaabuu Tiraamp gufachiisuu danda'a jedhan.

    Ministirri Mummee Israa'el murtoo kana ''warra mormituutu dubbii siyaasaa fiduun lola babal'isaa jiru,'' jedhan

    Netaaniyaahuun paartiinsaanii Likuud wixinee kanarratti sagalee hin kennines jedhaniiru.

  8. Miseensoti maatii afur kaadhimamaa bulchiinsa Ilinooyi afur balaa heelikooptaraan du'an

    Miseensoti maatii afur nama bulchaa Ilinoonyi tahuuf kaadhimamanii balaa heelikooptaraan du'uu hojjettoonni duulaa kaadhimamaa Daaran Beelii dubbatan.

    Miseensota maatii Roobii balaa kanaan Montaanaa, Ekaalaakaa keessa du'an keessaa ilma Beelii, Zakaarii, haadha warraasaa akkasumas ijoolleensaani lama keessatti argamu.

    Kaadhimamaan kuni ijoolleen, ijoolleesaa Vaadaa Rooz, gana 12 fi Saamu'el, 7 du'uu himan.

    Beeliifi haati warraasaanii Sindiin balaa du'aa ijoolleesaanii mudateen ''caba laphee'' keessa waan jiraniif maatii fi namoota itti dhiyaatan qofa akka marfaman gaafataniiru jechuun hojjettoonni duulaa dubbatan.

  9. Pireezidant Tiraamp hundeessaa kiriptoo guddicha addunyaa kanaaf dhiifama godhan

    Tiraamp hundeessaa daldala kiriiptookaaransii guddaa addunyaa kanaa Chaangpeeng Zaawoodhaaf dhiifama godhaniif.

    Hundeessaan Baayinaans CZ jedhamuun beekamu bara 2024tti seera qarshii daddabarsuu US sarbeera jedhamuun hidhaan ji'a afurii irratti murtaa'ee ture.

    Dhaabbannisaa Baayinaans jedhamus qorannoo yakkaan booda qoqqobbii irra kaa'ame cabseera jedhamuun doolaara biiliyoona 4.3 akka kaffalu irratti murameera.

    Dhiifamni kenname kuni Waayit Haawus fayyadama kiriiptoo fudhachuunsaa deebisee falmii kaaseera.

    Seekreetariin Waayit Haawus Kaarolaayin Leeviit, himannaan yeroo Baayidan irratti baname ''waraana kiriptoo irratti banamee dha,'' jechuun Tiraamp fedhii faayinaansii ofii tiksuuf isa hiike isa jedhamuuf deebii kennan.

    Dhimmi kuni sirnaan ilaalamee yeroo bulchiinsa Baayidan akkamalee murtoo kenname sirreesse jedhan.

    ''Kanaaf pireezidantichi hojii akka malee bulchiinsa Baayidan sirreessuuf mirga heeraa isaa fayyadamee,'' jechuun seekreetariin dubbataniiru.

  10. Liivarpuul qe'eesaatti Maan Yunaatidiin injafatamuu booda wal-gahii hatattamaa taa'e

    Dilbata darbe Liivarpuul Anfilditti Manchestar Yunaayitid keessummeessee deeggartoota ofii duratti mo'ame. Injifatamuu booda anballiin kilabichaa Vaandaayik "walgahii taphattootaa" akka waamee ture ibse.

    Anfiilditti 2-1 Yunaayitidiin injifatamuunsaa Liivarpuul walitti aansuun si'a afur akka mo'amuusaa ture. Kanarraa ka'uun qabxii afuriin Arsenaaliin caalamee gabatee Pirimeerliigii 3ffaatti akka gadi bu'u ta'eera.

    Sadarkaan Liivarpuul irra jiru kan isa hin gammachiifne anballiin kilabichaa Vaan Daayik rakkoo jiru ifatti irratti mariyachuuf taphattoota wal-gahii akka waame hima.

    "Haalli jiru cimaa waan ta'ee Wiixata darbe mariyachuuf walitti dhufne," jechuun wal-gahiinsaanii rakkoo cimaa adda ta'eef akka hin taane ibse.

    "Walgahii rakkoo addaa irratti xiyyeeffate miti. Hundi keenyaa akkamitti waa jijjiiruu akka dandeenyu beekna. Amma kan jirru Onkoloolessa keessa," jechuun haala kilabichi amma irra jiru jijjiiruuf yeroo dheeran fuuldura akka jiru ibse.

    Eda halkan tapha Chaampiyoons Liigii irratti 5-1 kilaba Jarman Intiraakt Firaankfart mo'achuunsaa hamilee itti horeera.

    Tapha kanarratti gahuumsa isaa duriirratti hin argamu jedhamuu komataamaa kan jiru Mohaammad Saalaa jalqaba hin hiriirin hafe.

  11. Atileetiin Keeniyaa rikardii maraatoonii dubartootaa harkaa qabdu waggaa sadiif fiigicharraa ugguramte

    Maraatoonii dubartootaan atileetiin Keeniyaa haadha rikardii addunyaa taate waggaa sadiif dorgommiirraa ugguramte.

    Atileet Ruut Chepingetich seera farra qoricha humna namaa kennuu cabsite jedhamteeti adabbii kanaaf kan saaxilamte.

    Haata'u garuu, qorichi dhorkame qaamashee keessatti argamuu dura dorgommii Onkoloolessa 2024 Chikaagotti taasifteen sa'aatii lama, daqiiqaa sagaliifi sekondii 56 galmeessite jalaa hin haqamne.

    Gareen Athletics Integrity Unit (AIU) jedhamu atileetiin Keeniyaa kun waggaa afuriif dorgommiirraa akka ugguramtu himata dhiyeessus, seera farra qoricha humna namaa kennuu cabsuushee waan amanteef gara waggaa sadiitti akka gadi bu'u taasifameef.

    Ruut Chepingetich rikardii maraatoonii dubartootaa duraan atileet Itoophiyaa Tigist Asaffaan qabamee ture daqiiqaa lamatti kan dhiyaatuun fooyyessuun bara 2024 fiigicha maraatoonii Chikaagoo irratti rikardii qabatte.

  12. Biriduun godaantote feetee imalaa turte dhidhimuun namoonni 40 du'an

    Bidiruun godaantota feetee turte galaana Tuniziyaatti dhidhimuun daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 40 du'uu aanga'oonni Tuuniyaa ibsan.

    Balaan bidiruun dhidhimuu kun bara kana balaa naannichatti mudate keessaa isa guddaadha jedhame.

    Godaantonni bidiruun ittiin dhidhimatee du'an martuu biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiitii kan dhufan ta'uutu ibsame.

    Godaantonni kunneen bulchiinsa Tuniziyaa Mahaadiyaa jedhamurra siqee Galaana Medetiraaniyaanii keessatti kan dhidhimte yoo ta'u, yeroo balaan kun mudatu godaantonni 70 ta'an achi keessa turan.

    Balaa Roobii darbe mudate jedhame kanaan godaantota bidiruu dhidhimte keessa turan keessaa 30 lubbuun bahanii 40 kan ta'an ammoo du'aniiru.

    Godaantonni biyyoota Kaaba Afrikaa kanneen akka Tuniziyaafi Liibiyaa fa'aarraa ka'uun bidiruun galaana qaxxaamuruun gara Awurooppatti cehu.

  13. Araada ofiin of gammachiisuu 'masterbute' jireenyakoo jijjiire

    Akkuma dararaa nama irra gahuutti ilaalamuu danda'a. Garuu faayidaa fayyaa guddaas qaba jedhama. Ofiin of gammachiisuu ykn 'Masterbution' dargaggoota addunyaa biratti waan baramedha.

    Gochaan ofiin of gammachiisuu kun inni dhiiraa akka hin fuune ykn dubartiin akka hin heerumne godhaa? Rakkoo fayyaa hoo fidaa?

    Qabiyyeen kun namoota umuriin isaanii saal-qunnamtiif gahe ilaallata. Kun seenaa dargaggeessi tokko BBC'f qoodedha. Garuu maqaa isaa ibsuu hin barbaanne.

    Ergan ofiin of gammachiisuu dhiisee amma ji'a 13 taheera. Ejjennoo kanaan itti fufun salphaa hin turre. Dhugaa dubbachuuf garuu jireenyikoo akka duraa sana naa tahuu hin dandeenye.

    Ofiin of gammachiisuu dhiisuun akkam akka gaarii anaaf tahen arge. Torbanootaaf dhaabeen ture. Garuu ittuman deebi'a.

  14. Haleellaa diroonii Yukireen gaggeessiteen Raashiyaa bulchiinsa Belgorooditti ibsaan adda cite

    Jiraattonni Raashiyaa naannoo Belgorod ibsaan irraa citee dukkana keessa akka jiraniifi, haleellaa diroonii Yukireen taasisaa jirtuun sagaleen akeekkachiisaa (sirens) fi dhukaasnis gurra isaan duuchaa jiraachuu dubbatu.

    Haleellaa irra deeddeebiin Raashiyaan daangaa ce'uun Yukireen keessatti gaggeessituuf haaloo ba'uuf Kiiv Raashiyaa, naannoo Belgorod keessatti haleellaa diroonii raawwachaa jirtu cimsitee itti fufteetti.

    "Baayyee sagalee guddaa kan qabuufi sodaachisaadha," jetti jiraattuu Belgorod kan taate Niinaan maqaan ishee akka jijjiiramuuf kan gaafatte.

    "Yeroon sagalee saayirenii [akeekkachiiftuu] dhaga'etti kilinika deemeen deebiyaa jira. Akkuma duraan barame, haleellaa diroonii ilaalchisee ergaa akeekkachiisaa karaa Telegram na qaqqabeera. Isaan booda ammoo dhukaasni battalumatti baname, gara mooraa dhiyoo jiru tokkotti baqadheen dahoo tokko jala gale," jechuun waan ishe emudate yaadatti.

    "Guyyaa itti aanus ammas akkasumaan itti fufe - abidda humna ittisaa, dhukaasa wal walirratti dhaga'amuufi dhohinsa."

    Akka ragaan BBC Raashiyaa agarsiisutti, lakkoofsi haleellaa diroonii Yukireen Belgorod keessatti raawwatu erga bara 2025 gara dachaa afuriin dabaleera.

    Fulbaana keessa, dirooniiwwan Yukireen 4,000 ol ta'an naannoo Belgorord keessatti galmaa'eera.

    Yukireen ammoo haleellaa misaa'elaafi diroonii Raashiyaan guyyaa guyyaan irratti raawwattuun rakkachaa jirti, kun ammoo namoota nagaa ajjeesuun, naannoon Belgorod kun ibsaa malee akka taau godheera.

  15. Buufanni xiyyaaraa Kaartuum hojii jalqabuu suurri saatelaayitii agarsiise

    Suuraan saatalaayitii akka agarsiisutti buufanni xiyyaaraa Kaartuum waggaa lamaaf cufamee ture deebi'ee ijaaramee hojii jalqabeera.

    Kaleessa balaliin iyyaaraa siiviilii waggoota lamaa booda yeroo jalqabaatiif Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Kaartuum qubateera.

    Buufaanni xiyyaaraa kun waraana walii waliinii mootummaa Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) gidduutti ka’e booda cufamee ture.

    Suuraaleen jalqabaa waldhabdee Ebla 2023 eegale kan adura mirkaneessine. Yeroo sana xiyyaaronni waraanaa daandii balalii gubataa jiru irra balali’uu fi imaltoota buufata xiyyaaraa keessatti sodaachisan dabalatee lola cimaa naannoo buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo Sudaan keessatti geggeeffamee agarsiisa ture.

    Waraanni Sudaan bara kana ji'a Sadaasaa keessa RSF irraa Kaartuum deebisee to'ateera - suuraan saatalaayitii Caamsaa irraa eegalee xiyyaaronni guyyoota jalqabaa waldhabdee kanaa keessatti barbadaa'an ammallee bakka sanatti mul’atu.

    Mootummaan Sudaan baatii Hagayyaa keessa buufata xiyyaaraa kana deebisee banuuf waadaa kan seene yoo ta’u, suuraan saatalaayitii booda Adoolessa irraa eegalee hojii bakka manca’e deebisanii suphuu mul’isa.

  16. Waa'ee balaa Konkolaataa naannawa Olancitiitti lubbuu ogeessota fayyaa galaafate waan beeknu

    Balaa Konkolaataa Ogeessota Fayyaa Godina Arsii irraa gara Yunvarsiitii Haramayaatti imalaa turanirra gaheen ogeessotni fayyaa Godina Arsii torba lubbuun darbeera.

    Waliigalaan balaa kanaan ogeessonni sagal lubbuun darbaniiru.

    Ittigaafatamaa itti aanaan waajjira eegumsa Fayyaa Godina Arsii Obbo Mohammad Qaasim BBCtti akka himanitti balaan kuni barii Roobii kaleessaa qaqqabe.

    "Ogeessota fayyaa Ogummaa adda Addaa qaban buufataalee fayyaa Godina keenyaa irraa carraa barnootaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa kenne argatanii Gara Yunvarsiitii Haramayaa imalaa turan"

    "Ogeessonni kunneen konkolaataa deddeebisa uummataan nama 28 ta'anii ture kan deeman. Balichi halkan Roobiitti bari'u naannoo sa'aatii 10tti qaqabe" jedhan.

  17. Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa maalirratti akka xiyyeeffatu Ministiirri Barnootaa beeksise

    Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 maalirratti akka xiyyeeffatuufi qabiyyeewwan kam akka uwwisu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa beeksise.

    Ministeerichi fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti akka beeksisetti, gosoonni barnootaa saayinsii uumamaan qormaata biyyaalessaarratti dhiyaatan: Ingiliffa, Herreega, Iskoolaastik Aptiitiyuudii, keemistirii, Baayolojiifi Fiiziksii yoo ta’an saayinsii hawaasan ammoo Ingiliffa, Herreegea, Seenaa, Ji’ogiraafii, Ikonomiksiifi Iskoolastik Aptiitiyuudiidha.

    Gosoota barnootaa qormaataf dhiyaataniin alatti qabiyyeen barnootaa qormaataaf dhiyaatan kutaa 9 hanga 12 kan jiru ta’uu beeksise.

    “Qormaanni kitaaba barataa qofarraa dhufa jechuun,” waan barataan daree keessatti barateefi kitaaba barnootaa qofarraa qormaanni biyyaalessaa akka dhiyaatu ibse Ministeerichi.

  18. Ertiraanonni reeffa baqataa isaan waliin ture qabatanii deemaa turan daangaa Belaarus irratti argaman

    Ertiraanonni lama reeffa baqataa isaan waliin godaansarra ture qabatanii deemaa turan daangaa Belaarus irratti argaman.

    Eegdonni daangaa Belaarus baqattoonni Ertiraa lama reeffa nama isaan waliin godaanaa turee qabatanii osoo deemanii arguu beeksisan.

    Karaa kuta bulchiinsa Kaabaa Belaarus, Biraaslaav jedhamu kan Latiiviyaa waliin wal daangeesuun reeffi lammii Ertiraa argamuu midiyaan ACB gabaaseera.

    Ertiraanota ta'uu isaanii turjumaanaan kan ibsan godaantonni kunneen akka ibsanitti, Latiiviyaa erga seenaniin booda namoota uffata loltootaa uffataniin reebichi irratti raawwatameera.

    Namoonni uffaa loltootaa uffatanii isaan reeban kunneen bilbil isaanii akka jalaa fudhatan, meeshaadhaan akka doorsisan, akkasuma daangaa Belaarus irratti isaan gatanii akka deeman dubbatu godaantonni Ertiraa kunneen.

  19. Boordiin Filannoo Itoophiyaa filannoon marsaa 7ffaa Waxabajjii 1 akka ta'u yaada dhiyeesse

    Filannoon waliigalaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan Waxabajjii 1, 2026 akka gaggeeffamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa yaada dhiyeesse.

    Boordichi guyyaa filannoon itti gaggeeffamu yaada dhiyeesseen wal-qabatee gaggeessitoota paartilee garaa garaa wajjin marii taasiseera.

    Guyyaan kaayame irra deebin akka ilaalamuuf banaa akka ta'uu boordichi kan ibse yoo ta'u, paartileen siyaasaa yaaddoo qaban ibsaniiru.

    Rakkoo nageenyaa, dirreen siyaasaa dhiphachuu, fi haala amma jiru keessatti filannoo gaggeessuun haqa qabeessummaa gaaffii keessa akka galchu yaaddoo paartileen siyaasaa kaasaniidha.

    Dura taa'aa paartii Kongiresii Federaalistii Oromoo (OFC) kan ta'an Prof. Mararaa Guddinaa turtii Addis Standard wajjin taasisaniin, filannoo haqa qabeessa, dhugaafi bilisaa gaggeessuuf haalli mijataan homaatuu akka hin jirre ibsan.

    Filannoon tokko bilisa, haqa qabeessafi dhugaa akka ta'u kan taasisan dirreen siyaasaa dorgommiin siyaasaa itti gaggeeffamu jiraachuufi nageenyi waaraan jiraachuu akka ta'e kan himan Prof. Mararaan, "haala qabatamaa amma jiruun lamaansaanituu biyyattii keessa hin jiran" jedhan.

    Marii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa paartilee siyaasaa wajjin gaggeesse irratti rakkoo nageenyaa dabalatee haalonni filannoon akka hin gaggeeffamne taasisan heddu jiraachuu paartileen boordichaaf ibsuu Addis Standard gabaase.

  20. 'Itoophiyaan rakkoo Ertiraa waliin jiru jaarsummaan furuu barbaaddi'- Amb. Diinaa Muftii

    Miseensa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa mana maree bakka bu'oota ummataa fi dura taa'aa garee michooma paarlaamaa Itoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa kan ta'an Ambasaaddar Diinaa Muftii turtii BBC waliin taasisaniin, Ertiraa waliin waraanatti seenuun fedhii mootummaa fi ummata Itoophiyaa miti jedhan.

    Haa ta'u malee tuttuqqaa fi ''sochiin seera qabeessa hin taane'' waldhabdee hammeessu jiraatus gama Itoophiyaan fedhiifi qophiin waraana akka hin jirre himan.

    Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa waggoota muraasa darban keessa Gaanfa Afrikaatti akkuma muddama uumee fi ajandaa biyyoota ollaaf idiladdunyaa ta'etti jira.

    Ambaasaaddar Diinaan, ulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa diinagdee, nageenyaa fi tasgabbii ishee irratti qormaata ta'uu eeran.

    Kanas ta'e sana, ulaan galaanaa egeree biyyattiifillee akkaan murteessaa waan ta'eef, kana milkeessuuf taattaaffiin karaa nagaa fi dippiloomaasii jalqabame akka itti fufu himaniiru.