Doonaald Tiraamp imalasaanii gara Eeshiyaatti taasisaniin hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waliin wal arguu akka barbaadan dubbatan.
"Ani nan godha. Jecha kana dhiisuu yoo barbaaddanis, ani banaadha," jechuun pirezidantiin Ameerikaa gaazexessitoota xiyyaara Humna Qilleensaa ONE keessa turaniitti himan yeroo gara naannichaatti imalaa jira. Itti dabaluunis, Kiim waliin ''hariiroo guddaa'' akka qaban himan.
Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaatti seenaa kan hojjetan yoo ta'u, 2019tti yeroo dhumaaf harka fuudhuudhaan pirezidantii Ameerikaa Kooriyaa Kaabaa keessa miila kaa'an taa'an kan jalqabaa ta'aniiru.
Imala isaanii gara Maaleeziyaa fi Jaappaanitti taasisanis dursaa Chaayinaa Shii Jinping dabalatee, hoggantoota addunyaa hedduu waliin kan wal arguuf jiran yoo ta'u, marii daldalaa jalqaba bara kanaa Tiraamp taariifa bal'aa kaa'uu isaaniitiin ka'e irratti kiyyeeffate gaggeeffamuudha.
Tiraamp Kooriyaa Kaabaa, mootummaa dhoksaa komunistii abbaa irree baay'ee waltajjii addunyaa irratti adda baafame fi yaaliin meeshaa niwukilaraa raawwattuun Kiim akka ''nama rookkeettii xiqqaa'' jechuun itti qoosamaa turaniitti dhiyaachuuf mala addaa fayyadaman.
Traampiifi Kiim bara aangoo Tiraamp jalqabaatti Waayit Haawus keessa turanitti yeroo sadii fuulaa fuulatti kan wal arganii turan yoo ta'u, garuu sagantaa niwukilarii balleessuu irratti waliigaluu hin dandeenye.
Ergasii booda ammoo Kooriyaan Kaabaa yaaliiwwan misaa'ela ardiilee qaxaamuran hedduu taasifteetti jedhu ollaan ishee.
Tiraamp yoo Kooriyaa Kaabaa akka biyya niwukilaraatti beekamtii kan kennan gaafatamanii, Tiraamp Kamisa galgala gaazexeessitootaaf deebii kennaniin, "akka humna niwukilaraa natti fakkaata... Meeshaa niwukilaraa hedduu argataniiru, akkasan jedha,'' jedhaniiru.