Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe

Ameerikaa, kibba Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamoo daldalaa tokkotti bu'uun balaa mudateen namoonni lama du'an, 18 miidhaman jedhan qondaalonni.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa'el Yaman haleeltus Huutiin haleellaa akka itti fufu ibse

    Hidhattoota Huutii

    Madda suuraa, EPA

    Qondaalli siyaasaa Huutii tokko Israa'el irratti haleellaa gaggeessan itti fufuun Filisxeem bira dhaabbachuu isaanii ammas akka mirkaneessan ibsan.

    Qondaalli kunis wayita tibbana Israa'el qilleensarraan Yaman haleeltetti kan kana dubbatan.

    Mohammad al-Bukayitii ''Israa'el irratti qiyyaafachuun haleellaa keenya itti fufna,'' jechuun ejjennoo Huutii BBC'tti himan.

    Hanga Israa'el duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwachaa jirtu dhaabdutti gareensaanii haleellaa akka itti fufu himan qondaalli Huutii kun.

    Israa'el Kamisa darbe buufata xiyyaaraa Yaman kan magaalaa Sana'aatti argamu haleeluun yoo xiqqaate namoota afur ajjeeste, kaan madeessite. Bal'inaaf ammoo asiin galu dandeessu.

  2. US'tti viidiyoon sirreeffamaan harkisaa cancalaan hidhame du'uun dura poolisootaan reebamu mul'ise

    Sirreeffamaa gurraacha poolisootaan marfame ture

    Madda suuraa, New York State Attorney General's Office

    Sirreeffamaan lammii Ameerikaa gurraachi tokko osoo hin du'iin dura, viidiyoon mana sirreessaa Niiw Yoork keessatti polisootaan garmalee yoo reebamu agarsiisu ifa ta'e.

    Sirreeffamaan gaheessa umuriin waggaa 43, Roobart Biruuksi reebamee guyya ittaanu manuma sirreessaa keessatti du'e.

    Qorannoo mana sirreessaa Maarsii sirreeffamaan kun keessatti ajjeeffameetti taasifame hordofee, bulchaan Niiw Yoork Kaachii Hoochiil, qondaaltoota miidhaa kana keessatti hirmaatan 13 fi narsiin mana sirreessichaa hojiirraa akka hari'ataman ajajan.

    Waajjirri Abbaa Alanagaa waliigalaa Niiw Yoorki, Leetishiyaa Jeems, du'a Roobarti irratti qorannoo banuu beeksiisan.

    Viidiyoon guyyaa Jimaataa gadi dhiifame kun Roobarti siree qorannoo fayyaatiif harkiisaa hidhamee bakka taa'eetti poolisoonni fuulaa fi qaamaa saalaasaa irra deddebiin yoo rukutan agarsiisa.

    Qondaalli mana sirreessichaa tokko ammoo osoo Roobartii reebuu hin eegaliin dura yoo waan ta'e afaansaa keessa galchu mul'ata.

    Qondaalli biraa ammoo sirreffamaa harikaasaa cancalaan hidhame kopheedhaan garaa keessa yoo reebu agarsiisa.

    Viidiyichi dabalataan qondaalli tokko morma Roobarti hudhee qabuun erga siree qorannoo irraa kaaseen booda deebiisee humnaan yoo kuffiisuu agarsiisa.

    Sirreeffamaan kunis miidhaan irratti raawwatameen boromtaasaa du'e. Sababiin du'a Roobarti mormiisaa hudhamee ta'u qorannoowwan marsaa jalqabaa mirkanneessan.

    QOndaaltoonni mana sireessaa kunneen sababii itti Roobarti gara dhaabbata qorannoo kanatti geessaniif ifa miti. viidiyichis asagale hin qabu.

    Haatii alangaa tunis, ''vidiyoo kanas sababii addaa tibba ayyaanaatti gadi dhiisaniif qabu'' jedhan.

    ''Viidiyoowwan kanneen ifa kanan taasiseef sababiin maatii Roobartiif ittigaafatamummaa fi dirqama qabuufiidha. Kana malees, jiraattoota Niiw Yoorkiif iftoomiinaafi ittigaafatamummaa agarsiisuufan'' jedhan haatii angaa Laatishiyaa Jamsi.

    Qondaaltoonni yeroo Biruuk miidhaa jiran

    Madda suuraa, New York State Attorney General's Office

    Roobarti himannaa haleelaatiin hidhaan waaggaa 12 itti murtaa'e akka ture Asosheeti Pirees gabaaseera. Garuu gara namana sirreessaa Maarsiitti kan dabarfame guyyaa itti reebame sanaadha.

    Abookaatoon maatii Roobarti Elzaabeet Maazur ibsa kennaniin, ''viidiyoowwan kunneenis haleellaa sukkanneessaa fi cimaa'' kan agarsiisaniidha jedhan.

    ''Jiraachu qabaata ture. Sirreeffamoonni mana sirreessaa Maarsii keessaa jiran hundi miidhaan nurra gahaadhaan sodaan jiraachu akka hin qabne beeku qabu'' jedhan abookaatoon maatii Roobarti.

    Bulchaan Niiw Yoork gama saanitiin, ''nu naasiseera akkasumas nu aarseera'' erga jedhaniin booda, kanneen haleellaa kana keessatti hirmaatan ittigaafatamo gochuuf akka murteessan dubbatan.

    ''Bulchiinsa Niiw Yoorkiin namoota seera cabsaniif obsi omaa hin jiru. Kanneen gochaa kana keessatti hirmaatan hunda itti gaafamoo taasisuuf kutannoo qabna'' jedhan itti dabaluudhaan.

  3. Maddi 'mormii dhimma soorataa' Yunivarsiiwwan keessatti uumame maali?

    Barataa nyaataa fudataa jiru

    Madda suuraa, FB

    Ministeerri Barnootaa bajanni soorataa barataa yuuniversistii tokkoo guyyaatti birrii 22 ture gara birrii 100'tti akka sirreeffamu erga taasisseen booda, guyyoota muraasa keessatti barattoonni yunivarsiitii "qulqullinnii fi hammi nyaataa hir'ate" jechuun mormaniiru.

    Torban lama dura turre, Ministeerri Barnootaa xalayaa yunivarsiitiiwwan hundaaf barreesseen fooyya'iinsa "baajata nyaataa barattootaa" kan beeksise.

    Kanaanis gosti nyaataa yunivarsiitiiwwan barattootaaf dhiyeessan walfakkaataa akka ta'u murteessuun gosoota nyaataa dhiyaachuu qabanis tarreesse.

    Haa ta'uu malee, yuunivarsiitiiwwan haala naannoo isaanii jiru giddu galeessa godhachuun itti dabaluu akka danda'anis yaada dhiheesseera. Dabalataaf asiin galaa.

  4. Dr Teedroos haleellaa Israa'el Yamanitti raawwatte jalaa lubbuun ba'uunsaanii mirkana akka hin turre ibsan

    Dr Teediroos Adihaanoom

    Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom guyyaa Israa'el Yaman magaalaa Sana'aa keessatti buufata xiyyaaraa fi buufataalee humna ibsaa irratti raawwatteetti lubbuun ba'uunsaanii mirkana akka hin turre ibsan.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti, qondaalli olaanaan dhaabbata fayyaa addunyaa kun buufata xiyyaaraa magaalaa Sana'aatti muuxannoo badaa dabarsaniiru.

    Lubbuun hafuunsaanii mirkanaa'aa akka hin turres achuma magaalaa Sana'aarraa Jimaata kaleessaa dubbatan.

    Israa'el haleellaa Kamisa darbe Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa irratti raawwatteen, xiyyeeffannoon ishee hidhattoota Huutii kanneen deeggarsa Iraan qaban akka ta'e ibsite.

    Dr Teedroos buufata xiyyaaraa Yaman seenuu fi Israa'el buufata xiyyaaraa kana qilleensarraan haleeluun walirra bu'e.

    Odeessaa kanarratti dabalata dubbisuuf asiin seenaa.

  5. Balaliisaa 'gara laafessa' balaa xiyyaaraatiin du'eef yaadannoon taasifame

    Nikolaas Deenisan

    Madda suuraa, Police Scotland

    Paayileetiin xiyyaara xiqqoo Iskotilaand dirree naannoo Buufata Xiyyaaraa Fiif jedhamutti kufee cacabeetiin du'e poolisiin nama maqaansaa Nikolaas Deenisan-Pendar jedhamu ta'u adda baase.

    Paayileetiin kunis nama ganna 50 fi magaalaa Perthshire irraa kan dhufe yoo ta'u, balaa Wiixata ganama naannoo Kinglasse keessatti mudateen du'e.

    Tajaajilli balaa tasaa gara bakka balaan kun itti dhaqqabeetti kan ergamee ta'ulleen garuu paayilatichi bakkuma itti kufeetti akka du'a mirkannaa'e.

    Miiltoon balaliisaa kanaas "kaka'umsa isaa, gaarummaa fi bilichina sammuu qabun" isaaf kabaja kennan.

    Hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbata qorannoo fi gorsa konkolaataa SBD Automotive, kan bakka balaliisaa Deensan-Peendar itti gaafatamaa olaanaa hojii itti turanii, Andirew Haart akka jedhanitti: "Hiriyaa fi miiltoo keenya Nikolaas Deenison-Peendar tasa dhabuu keenya baruutti baay'ee rifanne, gaddis nutti dhaga'ameera," jedhan.

    "Yeroo rakkisaa cimaa kanatti yaadni keenya maatii, hiriyootasaa fi namoota jaallatu waliin jira."

    "Dhaabba SBD Automotive keessatti kan hjjate ji'oota muraasa qofaaf ta'us, fedhiin kaka'umsaa, gaarummaa fi ciminni sammuu namoota yeroo isaa waliin dabarsan hunda irratti dhiibbaa bara dheera fideera."

    Ibsi marsariitii dhaabbatichaa irratti ba'e akka jedhetti, balaliisaa dhuunfaa ta'uun ''fedhii'' isaa olaanaa akka ta'ee fi maatiisaa waliin yeroo dabarsuu fi qurxummii kiyyeessuun isa gammachisa ture.

    Paayilatichaan alatti namni biraa kan miidhame akka hin jirre poolisiin Iskotilaand himeera.

  6. Israa'el hospitaala kaaba Gaazaa Kamaal Adwaan keessaa humnaan namoota baafte

    Filisxeemoonni yeroo Muddee 25 namoota miidhaman baraaran

    Madda suuraa, Getty Images

    Oggeeyyiin fayyaa, hospitaalota kaaba Gaazaa hojjechaa turan keessaa tokko kan ta'e keessaa waraana Israa’eliin humnaan akka baafame himan.

    Kunis kan ta'e erga haleellaa Israa’el naannoo dhaabbata eegumsa fayyaa kanaatti xiyyeeffachuun raawwatteen namoonni hedduun ajjeefamuun isaanii himamee boodadha.

    Hospitaala Kamaal Adwaanitti itti gaafatamaan kutaa narsii kan ta'an, Iid Sabbah BBC'tti akka himanitti, Jimaata gara sa'aatii 07:00tti humni waraanaa bulchiinsi hospitaalichaan akka dhukkubsattootaa fi hojjettoota gara mooraa isaatti baasuuf daqiiqaa 15 kenneef.

    Itti aansuunis, loltoonni Israa’el hospitaala keessa seenuun dhukkubsattoota hafan baasaa akka turan himaniiru.

    Waraanni Israa’el, Jimaata waaree booda naannoo hospitaalichaa kan ''bakka shororkeessummaa Hamaas buufataniidha'' jedhee waamutti opereshinii gaggeessaa akka jiru ibseera.

    Loltoonni Israa'el osoo oppareshinii hin jalqabin dura ''namoota nagaa, dhukkubsattootaa fi hojjettoota yaalaa nageenyaan akka baafaman haala mijeessaniiru'' jechuun dabalee ibse.

    Haata'u malee dhukkubsattoonni kunneen garamitti akka geeffaman waraanni hin ibsine. Haata'u malee, jalqaba torban kanaa qondaalli Israa’el tokko namoota hospitaala Kamaal Adwaan keessa jiran gara hospitaala Indooneezhiyaa dhiyoo jirutti jijjiiruuf akka yaadan dubbatanii ture.

    Hospitaala Indooneezhiyaa mataan isaa ammoo guyyaa Kibxata darbe waraanaan keessaa baafameera.

    Dr Sabbah ''dhukkubsattoonni kutaa ICU keessatti komaa keessa jiranii fi maashinii deeggarsa qilleensaa barbaadan waan jiraniif sochoosuun kun balaa keessa isaan galcha waan ta'eef balaa qaba'' jedhan.

    "Waraanni dhukkubsattoota asiifi achi dabarsuu itti fufuuf yoo yaade konkolaataa addaa isaan barbaachisa."

  7. Raashiyaan xiyyaara Azaarbaajaan kufee cacabeef itti gaafatamtu ta'u malti- US

    US xiyyaara Azaarbaajaaniin Raashiyaa shakku himte

    Madda suuraa, Reuters

    Dubbu himaan Waayiti Hawuus, Joon Kiirbii, xiyyaara daandii qilleensa Azaarbaajaan kan Muddee 25, 2024 kufee cacabuun namoonni 38 ittiin du'aniif ''odeeffannoo dursaa Ameerikaan qabduun Raashiyaan itti gaafatamtu ta'u akka dandeessu agarsiisa'' jedhan.

    Kiirbiin dhimmicharratti ibsa dabalataa kennuu baatan illeen, Ameerikaan qorannoo balaa kanarratti taasifamuuf deeggarsa kennuuf hayyamummaashee ibsuu gaazexessitootatti himan.

    Xiiyyaarichi osoo galaana Kaasioiiyaan qaxaamuruun gara Kaazaakistaaniitti balali'usaatiin dura Chichiniyaa qubachuuf yoo yaaluutti humna qilleensaa Raashiyaatiin itti dhukaafamee akka kufiifame amanama.

    Kiremiliin dhimmicharratti yaada kennuurraa of qusattulleen, Ejansiin Siviil Aviyeeshinii Raashiyaa garuu haleellaa dirooniiwwan Yukireen naannichatti raawwataniin haalli Chichiyaatti argamu ''baayyee walxalaadha'' jechuun ibsan.

    Kiirbiin akka dubbataniitti, mallattooleen balaa marsaa duraa Ameerikaan agarte kan suuraalee xiyyaarichaa bal'inaan tamsa'ee sanaan alaatii jechuusaa Waashingitan Poosti gabaase.

    Oggeessoonni aviyeeshinii Azaarbaajaaniitti argamanii fi kaan, sirni GPS xiyyaarichaa quunamtii akka hin goone dhorkamuu fi misaa'el raayyaa ittisa Raashiyaatiin dhukaafameen miidhaan irra qaqabu amanu.

    Azaarbaajaan ifatti Raashiyaa himachu baattulleen, ministirri Geejiba biyyattii garuu xiyyaarichi yeroo qubachuuf yaaluutti ''jidduugalummaa alaatiin'' keessaafi alaan miidhaan irra gaheera jedhe.

    Raashaad Naabiyeev ''imaltoonni lubbuun hafan hundi garaagarummaa tokko malee xiyyaarichi osoo samii Giroviyaarra jiruu yeroo sadi sagalee dhohinsaa dhagahu dubbatan'' jedhan.

    Itti dabalunis, amma qorattoonni ''meeshaan waraanaa attamii ykn rookkeettii attamiin akka rukutame'' ni qoratu jedhan.

  8. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo. Kunoo tamsaasa kallattii keenya kan Sambata har'a amma eegalleerra.

    Innis yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa gagabaabsiine karaa kanaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii https://bbc.in/3PaWIJo, Facebook https://bbc.in/3PhNYRL fi WhatsApp Chaanaalii keenya https://bbc.in/41TfkFh asiin millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  9. Raashiyaan jaarsummaa Isloovaakiyaan Yukireen waliin marichuuf qophii ta'uu ibsite

    Roobart Fiikoon imaammata biyyoota dhihaa Yukireen hidhachiisuu mormaa turan.

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Roobarti Fiikoon fi vilaadimiin Putiin

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, Raashiyaan yaada Isloovaakiyaan waraanni Yukireen waliin taasisaa jiran marii nagaan akka furamuuf jaarsummaa akka teessuuf dhiheessiteef qophii ta’uu ibsan.

    Putin haalli jiru yoo gara sanitti deeme dubbiin kun akka xumuramu kutannoo qabdi jedhan.

    Torban darbe keessa Kiremlin kan daawwatan muummicha ministeeraa Islovaakiyaa Roobart Fiikoo waraana Yukireen waggaa sadiitti dhiyaate karaa mariin akka xumuramuuf jaarsummaa akka taa'aniif yaada dhiyeessaniiru.

    Deeggarsa waraanaa Gamtaan Awurooppaa Yukireenif kennuu kan mormaa turan Fiikoon marii Raashiyaa fi Yukireen gidduutti taasifamuuf biyya isaanii akka keessummeessituutuuf yaada dhiheessaniiru.

    Puutiin aanga'oonni Islovaakiyaa marii kana akka keessummeessaniif yaada dhiyeessaniif gammaduu ibsanii, Islovakiyaan ejjennoo giddu galeessa waan qabduuf yoo akkas ta'es mormii hin qabnu" jedhan.

    Islovakiyaan biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa yukireen waraanan deeggruu caalaa waraanicha marii karaa nagaan xumuruutu irra wayya jechuun mormaa turteedha.

  10. 'Leenjisaan kamuu (injifachuu yoo baate) yaaddoo keessa jira'- Amoriim

    Ruuben Amoriim

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Maanchister Yunaayitiid haaraan Ruuben Amoriim injifannoo eegamu dhabuusaan walqabatee hojii kana dhabuu akka malu akeeke.

    LeejisaaYunaayitiid taatee haala kamiinuu, yoomiyyuu tasgabbii hin qabaattu, sababan as dhufeef nan beeka'' jedhe.

    ''Yoo mo'achuu baanne... leenjisaan kamuu balaa keessa jira. Isa nan jaaladha, nan jaaladha, sababiinsaas hojichi akkasidha. Kanaaf gaafficha nan hubadha.''

    Erga dhufee ji'a tokko ta'uufi yeroo leenjii afu qabaachuu kan himu leenjisaa Amoriim, ''injifannee hin jirru. Kuni dhugaa jiruudha. Sanarraa mufii hin qabu'' jedhe.

    Amoriiim leenjisaa Yunaatiid ta'ee erga dhufee waliiglatti taphoota 7 qabxii 21 qaburraa, qabxii torba qofa argate.

    Ammoo irra deddeebiin ibsa kenneen qormaatni guddaan Yunaatiid ammallee fuula dura akka jiru himaa ture.

    Qabxiin argachaa jiru deeggartoota mufachiisus, bulchiinsa kilabichaarraa deeggarsa akka qabu himama.

  11. Qarqara Morookootti bidruun dhidhimuun yoo xiqqaate godaantootni 69 du'an

    Afrikaa irraa godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman jireenya fooyya'aa barbaaduuf Ispeen irraan gara Awurooppaa seenuuf yaalu.

    Madda suuraa, Getty Images

    Qarqara galaana Moorookootti bidiruun Afrikaa Dhihaa irraa gara Ispeenitti imalaa turte dhidhimtee lammiilee Maalii 25 dabalatee yoo xiqqaate namoonni 69 du’uu aanga’oonni Maalii himan

    Ministeera Dhimma Alaa Maalii irraa ibsa baheen "bidiruun yeroof hojjetame" kun gara namoota 80 kan fe'e yoo ta'u, namoota 11 qofatu lubbuun hafe. Namoota lubbuun hafan keessaa yoo xiqqaate sagal Maalii irraa kan dhufanidha.

    Bidiruun kun kan garagaltee torban darbe keessa ture, Haat ta'uu malee, ministeerichi odeeffannoo walitti qabachuu isaa ibsuun Kamisa darbe taatee kana mirkaneessee jira.

    Maaliin waggootaaf jeequmsa jihaadistootaa fi wal qoodinsa mudateen rakkachaa turte- kunis bara 2020 fi 2021 fonqolchi mootummaa akka raawwatamu taasiseera. Waraanni aangoo qabates hanga Bitootessa bara 2024tti aangoo gara bulchiinsa siiviiliitti deebisuun filannoo akka gaggeessu waadaa galuyyuu garuu kun hanga ammaatti hin taane.

    Sababa fincila Jihaadistii guutuu biyyattiitti babal’ateen biyyattii keessatti tasgabbii dhabuun Kaabaa fi Bahaa irra caalaa ibulchiinsab ala godheera.

    Hoji dhabdummaan fi dhiibbaan jijjiiramni qilleensaa qonna irratti qabu dabalatee rakoon siyaasaa namootni hedduun jireenya foyyee barbaaduuf akka godaanaan dirqisiisera. Garuu balaan isaa daran hammatadha.

    Akka dhaabbati tola ooltummaa mirga Ispeen Kaamindo Fronteras jedhutti bara kana Afriikaa irraa bidiruudhaan Ispeen dhaquuf kannen yaalaan namoonni kuma 10 ol du’uun daandii godaantotaa addunyaa balaafamaa ta'eera. Dhaabbatichi akka jedhutti guyyaatti giddu galeessaan namoonni 30 du'u. Hedduun isaaniimmoo Afrikaa biyyoota Sahaaraa gadii irraati

  12. Erga waraanni eegalee yeroo duraaf deeggarsi nyaataa Kartuum gahe

    Deeggarsa nyaataa Kaartuum gahe

    Madda suuraa, South Belt Emergency Room

    Ebla bara 2023 waraanni waliinii kan itti eegale Sudaan waggaa tokkoofi walakkaa ol booda yeroo duraaf konkolaattota midhaan nyaataa fe'an simatte.

    Deeggarsi nyaataa konkolaattotatti fe'ame wayita Kibba Kaartuum gahu jiraattotni gammachuun boohaa akka turan hojjetaan gargaarsaa tokko BBCtti himeera.

    Biyyattiin waggaa tokkoofi ji'a saddeetiif waraana biyyaalessaa fi Humna Dafee Qaqqabaa biyyattii gidduutti waraana dhalateen ''beela isa hamaa addunyaa'' keessummeessaa akka jirtu Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii ibseera.

    Akka ragaa dhaabbilee gargaarsaa idila addunyaatti lammiilee Sudaan keessaa miliyoona 24 kan ta'an yaaddoo beelaarra jiru.

    Deeggarsi nyaataa kan jalqabaa kun Kamisa Kaartuum gahe.

    Dhaabbileen gargaarsaa yeroo dheeraaf ulaan gargaarsi itti dhiyaatu sababa qaamoleen waraanatti jiraniin cufameef deeggarsa nyaataa dhiyeessuun rakkisaa ta'uu himachaa bahan.

    Hojjetaan gargaarsaa Du'aa Taariiq jedhamu yaada BBC'f kenneen deeggarsi kun wayita qaqqabu ''imimmaan kolfaafi gammachuu'' lammiileerraa mul'achuu hime.

    Deeggarsi konkolaattota 28n fe'amee gale hospitaalotaafi dhaabbilee fayyaa keessatti lubbuu baraaruuf oola jedhameera.

    Deeggarsi kun Kaartuum gahuu kan danda'e ejensiiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qaamolee waraanatti jiran lamaan ulaa akka bananiif watwaanna walirraa hin cinne gochuuni.

  13. Amma nu gahe, Kooriyaan Kibbaa bakka bu'aa pirezidaantii Haan Daak-Suu aangoo irraa kaasuuf sagalee kennite

    Haan Daak-Suu

    Madda suuraa, Getty Images

    Paarlaamaan Kooriyaan Kibbaa pirezidaantii isaaanii Yoon Suuk Ye'ool aangoo irraa kaasuuf sagalee kenne torban lama booda, Ministirri Mummee fi amma bakka bu'aa pirezidaantii isaanii Haan Daak-soo aangoorraa kaasuuf sagalee kennan.

    Walumaagalatti, miseensonni mana maree 192 aangoo irraa kaafamuu bakka bu'aa pirezidantiichaatiif sagalee kennaniiru, kunis sagalee barbaachisu 151 kan caaluudha.

    Ministirri Mummee, Haan gahee kana kan fudhatan erga Pirezidaanti Yoon yaaliin seera waraanaa hojiirra oolchuuf Mudde 3 taasisan fashalaa’ee, paarlaamaadhaan aangoo irraa kaafamanii boodadha.

    Haan biyyattii jeequmsa siyaasaa keessatti argamtu keessaa baasuu osoo qabaatuu, haata'u malee, miseensonni paarlaamaa mormitootaa adeemsa aangoo irraa kaafamuu Yoon xumuruuf gaaffii dhihaate didaa jira jechuun falman.

    Jimaataa har'aa wayita miseensoonni paarlaamaa sagalee aangoorraa kaasuu kennaniitti paarlaamaa keessatti jeequmsa uumame ture.

    Af-yaa’iin mana maree biyyoolessaa Wuu Wuun-shiik, seera aangoo irraa kaafamuu raggaasisuuf sagalee 151 qofti akka barbaachisu erga beeksisaniin booda, miseensonni mana maree paartii Yuun fi Haan biyya bulchaa jiru People Power Party (PPP) mormii dhageessisan.

    Kana jechuun, sagalee 200 Yuun aangoo irraa kaafamuuf barbaachisu irraa adda ta’ee, yeroo kanaatti Haan aangoorraa kaasuuf paarlaamaa keessatti sagaleen miseensota mana maree miseensoota paartii biyya bulchaa jiran irraa hin barbaachisu jechuudha.

    Miseensonni paartii biyya bulchaa jiru kuutaadhuma sagalee itti kennuu gidduutti walitti qabamanii, "sirrii miti!" akkasumas "aangootti seeraan ala fayyadamuudha!" jechuun bakkasaa Afyaa’iin aangoo akka gadhiisan gaafataniiru.

    Irra caalaan isaaniis kenniinsa sagalee osoo hin hafan. Haan battaluma paarlaamaadhaan ifatti itti himameen hojii isaa irraa ni dhorkama.

  14. Miseensi paarlaamaa Kooriyaa Kibbaa MM biyyattii akka himatamaniif gaafatan

    Miseensoonni paaramaalaa Kooriyaa Kibbaa MM biyyattii himachuuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensoonni paartii mormituu Kooriyaa Kibbaa Ministirri Muummee fi eeggataan Pirezidantii biyyattii Haan Daak-Suun akka himataniif gaaffii dhiyeessan.

    Paarlaamaan seera tumuudhaan pirezidantii biyyattii kan turan Yuun Suuk Yooleen himachuudhaaf sagalee erga kennee torbanoota lama osoo hin guutiin, ammas himannaa biraa MM fi eegataa pirezidantii irratti dhiyeesse.

    Gaaffiin kunis kan dhiyaate sababii Haan muudama abbootii seeraa mana murtii heera mootummaa Paartiin mormiituu, Paartii Dimokiraasii (DP) eeran raggaasisuu diduusaaniitti.

    ''Haan kan ofiisaa dhiyeesse dursaa garee finciltootaa godheeti malee akka eeggataa pirezidantiitti miti'' jechuun ture paarticharraa kan ta'an Paark Chaan Deey Kamisa kaleessaa kan dubbatan.

    Haan seera waraanaa torbanoota dura Haaniin bahe hojiirra oolchuudhaaf yaalii taasisaniiru jechuun himate paartichi. Haan garuu seericha mormuu dhiisuutti dursa dhiifama gaafatanii ture.

    Haan seera waraanaa yeroo muraasaaf hojiirra oolfame irratti qorannoon addaa akka gaggeeffamuuf yaada paartichi dhiyeessee dabalatee yaadawwan hedduu paartiin kun kaasee kufaa taasisaniiru.

    Himmannaa dhiyaaterratti sa'aatiiwwan 24-72 keessatti sagaleen ni kennama jedhamee eegama.

    Miseensoota paarlaamaa 300 ta'an keessaa yoo 151n deeggarame hojiirra ni oolfama.

    Paartiin mormituu kunis teessoo paarlaamaa 300 keessaa teessoo 170 qabateera. Waliigalatti paartiileen mormiituu hundi ammoo teessoo 192 qabataniiru.

    Haan yeroo akka eeggataa pirezidantiitti mudamaniitti paartiileen mormituu akka isaan hin danqineefiseeroota mormii tokko malee akka raggaasifamaniif akka hayyaman abdii godhanii ture.

    Haata'u malee yaadasaanii cifachuun falmiin siyaasaa itti cimeera.

    Haan guyyaa Kibxataa walgahii mana maree kan gaggeessan yoo ta'u, koreen addaa seera waraanaa fi Giiftii Duree, Kiim Kiiyoon Hii irratti qorannoon malaammaltummaa akka gaggeeffamuuf paartileen mormiituu yaada dhiyeessan osoo hin ilaaliin walgahicha xumuraniiru.

    Paartiin biyya bulchuufi paartiileen mormituu waliigaltee irra akka gahaniif yeroo dabalataa kennuuf jechuun osoo ajandicharratti hin mari'atiin hafu ibsan.

  15. Hamaas haleellaa Israa'el Yaman irratti raawwatte balaaleffate

    Gareen Hamaas haleellaa Israa’el finciltoota Huutii Yaman irratti raawwatte balaaleffate.

    Gareen kun ibsa baaseen, ''haleellaan weerartoota diinaa warra Ziyoonistiin obboloota keenya Yaman irratti raawwate'' jechuun Israa'el komachuudhaan, ''buufata xiyyaaraa Sana'aa fi buufata doonii Hodeyidaa dabalatee, iddoowwan siiviilii irratti xiyyeeffatte'' jechuun himate.

    Haala dubbiif: Hamaas garee hidhataa fi sochii siyaasaa Filisxeem Gaazaa keessatti argamudha. Huutiin ammoo waraana Hamaas Onkoloolessa bara 2023 Israa’el irratti bane irratti akka isaan deeggaran labsan.

  16. Ministirri haajaa alaa Israa'el 'gochaa dubbii barbaachaa kamuu'' hin obsinu jedhan

    Ministira dhimma alaa israa'el

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri haajaa alaa Israa’el, haleellaan biyyi isaanii Yaman keessatti iddoowwan Huutiiwwaniin qabaman irratti raawwatte, erga gareen finciltootaa kunneen Onkoloolessa 7 irraa kaasuun “boqonnaa malee” Israa’el irratti haleellaa raawwateeniif jedhan.

    Ministirichi, Gideon Saar barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin, ''dubbii barbaacha waraanni shororkeessummaa fageenya kilomeetira 2,000 irratti socho'u irraa dhufu kamuu hin obsinu,'' jedha.

    Haleellaan Huutii daandii doonii idil-addunyaa irratti raawwatame ''tasgabbii addunyaa kan jeequu'' yoo ta'u, Israa'el ammoo ''nageenya ishee eegsiisuuf tarkaanfiiwwan waraanaa fi dippilomaasii barbaachisoo ta'an hunda akka fudhattu'' dubbatan.

    Odeeffannoo dabalataatiif: Haleellaa Hamasaa Onkololeessa 7 bara 2023 Israa’el irratti raawwachuun namoota gara 1,200 ajjeesee, kaan 250 ol booji’uun, waraannni cimaan Israa’eliin Gaazaa keessatti akka gaggeessituuf kakaasee yoo ta’u, kanaanis lammiilee Filisteem kumaatamootaan lakkaa’aman ajjeeseera. Hidhattoonni Huutiiis lola Hamas Israa’el irratti geggeessu akka deeggaran himan.

  17. Netaanyaahuun haleellaa Huutii kaleessaan 'reefu eegalle' jedhan

    MM Israa'el Beenjaamiin Netaanyaahuu

    Madda suuraa, GPO

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun, erga humnootiin isaanii eddoowwan Huutiin to'ataman Yaman keessatti haleelaniin booda haasaa dubbataniin, mootummaan isaanii duula Huutiiwwan irratti raawwatu reefu eegale jedhan.

    MM kun akka Chaanaalii Oduu 14tti himaniitti, ''haleellaa isaan irratti raawwannu reefu eegalle'' jedhan.

    Haleellaa qilleensaa Israa'el kaleessa buufata xiyyaaraa, bu'uuraalee misoomaafi buufata galaana Yaman irratti raawwatteen namoonni sadi ajjeffamanii 11 kan biraa irra miidhaan qaamaa qaqabuun gabaafame ture.

  18. Yukireen loltoota Kooriyaa Kaabaa miidhaman qabachuu Saa'ool beeksiifte

    Kooriyaan Kaabaa looltootashee waraanaa Raashiyaa gargaaruuf Yukireeniitti bobbaasuun himatamti

    Madda suuraa, Getty Images

    Humnootiin Yukireen loltoota Kooriyaa Kaabaa miidhaan irra gahe kanneen waraanaa Raashiyaa gargaaruuf ergaman to'achuu, ejansiin basaasa Kooriyaa Kibbaa Jimaata mirkanneesse.

    Loltuun kun erga Muddee as, erga Piyoongiyaang humnoota shee waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessitu deeggaruuf bobbaasteen booda booji'amaa waraanaa Kooriyaa Kaabaa isa jalqabaa ta'uun amanama.

    Mirkanni kunis erga suuraan loltuu madaa'e agarsiisa jedhu tokko toora Teeleegraamii irratti naanna'ee booda ture.

    Akka Kiiv fi Saa'ool jedhaniitti, Kooriyaan Kaabaa Raashiyaa gargaaruuf loltoota 10,000 ol ergiteetti. Haata'u malee, Moskoo fi Piyoongiyaang dhimma kana hin amananiis ykn hin haalanis.

    Pirezidaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskiin, loltoonni Kooriyaa Kaabaa 3,000 ol ta'an Kurski keessatti osoo lolaa jiranuu du'uu ykn madaa'uu isaanii guyyaa Wiixataa dubbatan.

    Itti dabaluudhaanis, tumsi Moskoo fi Piyoongiyaang gidduu jiru naannoo lafa bishaanii marfamte Kooriyaa ''balaa tasgabbii dhabuu'' akka cimsu dubbataniiru.

  19. Gaazexeessitoonni Gaazaa shan haleellaa Israa'el garee hidhaterratti xiyyeeffate raawwatteen ajjeefaman

    Konkolaataa gaazexessitoonni keessatti ajjeeffaman jedhame boba'aa

    Madda suuraa, Reuters

    Chaanaalli TV Filisxeem tokko, haleellaa Israa'el giddugala Gaazaa keessatti raawwateen gaazexeessitoonni isaa shan ajjeefamuu beeksiise.

    Wayita haleellaan irratti raawwatameettis, konkolaataa Quds Today jedhamu kan hospitaala al-Awdaan alatti, bakka haati warraa gaazexeessaa tokkoo da'uuf jette, kaampii baqattootaa giddu galeessa Nuseirat keessatti dhaabbate keessa turan.

    Chaanaalichi waraabbii viidiyoo konkolaataa gubbataa jiruudha jedhe fi balbala duubaa irratti mallattoo "press" jedhu qabuu maxxanseera.

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) ''hojjetoota Jihaada Islaamaa gaazexeessitoota of fakkeessanii'' irratti xiyyeeffachuu isaa ibsuun, namoonni nagaa akka hin miineef tarkaanfiin fudhatameera jedhe.

    Koreen Gaazexeessitoota Eeguu (CPJ) ''gabaasawwan kanaan gadda guddaa keessa galeera'' jedheera.

    ''Gaazexeessitoonni lammiilee nagaa waan ta'aniif yeroo hunda eegumsa argachuu qabu,'' jedheera.

    Miidiyaaleen idil-addunyaa Gaazaa keessa seenuun bilisaan akka hin hojjannee sababii Israa'eliin dhorkameef, BBC himannaa gama lamaaniinu dhiyaate addatti mirkanneessuu hin dandeenye.

    Quds Today garee hidhatee jihaada Islaamaa Filisxeem (PIJ) kan Onkoloolessa 7 bara 2023 haleellaa Hamaasiin durfamuun Israa'el irratti raawwate irratti hirmaate waliin hidhata qaba.

    Haleellaan tasaa sunis waraana Gaazaatti kaase. Chaanaalli TV kunis garee kanarraa maallaqa akka argatu amanama.

    Waraanni Israa'el namoonni shanan ajjeefamanis maqaansaanii, Ibraahim Jamaal Ibraahim Al-Sheek Alii; Faayisal Abdallaah Muhammad Abbu Qaamsaan; Mohaammad Ayaad Khamis al-Ladaa; Aaymaan Nihaad Abd Alrahmaan Jaadii; fi Faadii Ihaab Muhammad Ramadaana Hassoonaa ta'usaanii himeera.

    Hundi isaanii hojjettoota PIJ ta'uu isaanii ''odeeffannoon maddoota basaasaa hedduu irraa argame mirkaneesse,'' akkasumas tarreen yeroo oppareshinii Gaazaa keessatti gaggeeffame argameen ''afur ifatti'' isaanuma ta'uusaanii adda baaseera jedhe waraanni Israa'el.

    Ibsa Quds Today kenneen ammoo, jarreen kunneen osoo ''dirqama miidiyaa fi namoomaa isaanii raawwataa jiranuu ajjeefaman'' jedhe.

  20. Dr Teediroos hojjattoota dhaabbatasaanii Yamaniitti hidhaman gadi dhiisiisuuf garas imalu himan

    Dr Teediroos Adihaanoom

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Hoggannaa Olaanaa Dhababata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom

    Akkuma dura gabaafnen, Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Teediroos Adihaanoom yeroo Israa'el buufata xiyyaaraa Sana'aatti haleellaan raawwattu achi turan.

    Dr Teediroos Yaman dhaqanii kan turan hojjettoota dhaabbatasaanii hidhaman akka gadhiifamaniif mari’achuu fi haala namoomaa biyyattii madaaluuf akka turan beeksiisan.

    Dhaabbanni UN ji’a Waxabajjii keessa hojjettoonnisaa 13 Yaman keessatti Huutiidhaan to’atamuusaanii mirkaneessee ture.

    Hojjettoonni kunneen tarkaanfii qindoominaan fudhatame fakkaatuun, kutaalee biyyattii adda addaatii qabaman.

    Hidhaan hojjattoota UN kunis kan raawwatame yeroo rakkoon dinagdee hidhattoota Huutii dabalaa dhuufeefi haleellaan qilleensaa qindaa'aan Ameerikaan durfamurratti raawwatametti ture.

    Haleellaan Huutiiin dooniiwwan daldalaa kanneen Galaana Diimaa qaxxaamuranirratti xiyyeeffachuun raawwatanis, haleellaa qilleensaa haaloo bahuumsaa US fi michoota isheetiin akka raawwatan taasise.