Dirooniin Yukireen dhukaafte kuusaa boba'aa keenya bobeesse - Raashiyaa

Kuusaan boba’aa Raashiyaa naannawa Sochii jiru boba’aa jira. Aangawoonni raashiyaa kan kana raawwate diroonii Yukireen ergitedha jechuun himataniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gareen leellistoota dudhaa ganamaa Israa'el biyyattiin Gaazaatti duguuggaa sanyii raawwatte jechuun himatu

    Dhaabbilee mirga namoomaa israa'el mootummaa himatan

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbileen mirgaa Israa'el ijoo ta'an lama gochaa waraana Israa'el Gaazaa keessatti raawwattee duguuggaa sanyii ummata Filisxeem irratti raawwatamu ta'uu ibsan.

    Dhaabbileen B'Tselem fi Hakiimoota Mirga Namoomaa-Israa'el jedhaman gabaasa qorannoo addaa waraanaa ji'oota 21 darban irratti hundaa'uun gaggeessaan Wiixata kaleessaa ifa godhan.

    Dhaabbileen waggoota kurnaniif Israa'el keessatti socho'aa kan turan kunneen ibsa waloo kennaniin, ''yeroo hamaa kanatti wantoota maqaadhuma isaaniitiin waamuun addatti barbaachisaadha'' jechuun ''yakki kun hatattamaan akka dhaabbatuf waamicha dhiyeessaniiru.''

    Dubbi himaan mootummaa Israa'el himannaa duguuggaa sanyii gareewwan mirga namoomaa Israa'el keessa buufataniin yeroo jalqabaatiif dhiyaate kana cimsee hin fudhadhu jedhan.

    "Humni ittisaa keenya shororkeessitoota irratti xiyyeeffata malee gonkumaa namoota nagaa irratti hin xiyyeeffanne. Gidiraa Gaazaa keessatti mudateef itti gaafatamummaa kan fudhatu Hamaasiidha," jedhan Deevid Mencer.

    Wiixata kaleessaa Yerusaalemitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, daayreektarri olaanaantuun B'Tselem Yuuli Novaak, gabaasni dhaabbata isaanii ''gabaasa ni barreessina jennee gonkumaa hin yaadneedha'' jetteetti.

    Sanadni fuula 88 qabu kun akkas jedha: "Imaammanni Israa'el Gaazaa keessatti qabduu fi bu'aa suukaneessaa ishee qorachuudhaan, ibsi namoota siyaasaa olaanoo fi ajajoota waraanaa Israa'el galmi isaa waa'ee haleellaa kanaarratti kennan waliin ta'uudhaan, akka Israa'el hawaasa Filisxeem Gaazaa keessaa itti yaaddee balleessuuf tarkaanfii qindoomina qabu fudhachaa jirti jechuun xumura shakkii hin qabne irra geenyu nu geessiseera'' jedha.

    Gabaasa fuula 65 qabu keessatti, Hakiimonni Mirga Namoomaa Israa'el (PHRI) xiinxalli seeraa fayyaa irratti xiyyeeffate, Israa'el bu'uuraalee eegumsa fayyaa Gaazaa irratti ''haala hin yaadamnee fi sirna qabeessa ta'een'' akka irratti xiyyeeffatte argateera jedhe.

    "Ragaaleen kun sirna fayyaa fi lubbuu itti fufsiisuu Gaazaa itti yaadanii fi sirnaan diiguu agarsiisa. Haleellaa xiyyeeffannoo hospitaalota irratti raawwatamu, gargaarsa yaalaa fi baqachuu danquu, akkasumas hojjettoota eegumsa fayyaa ajjeessuu fi to'annoo jala oolchuudhaan," jedha gabaasni kun.

  2. Gamoo waajjira magaalaa Niiw Yoork keessatti haleellaa raawwateen poolisii fi namoonni kaan ajjeefaman

    Namni haleellaa raawwate kun meeshaa waraanaa qabatee wayita gara gamoo sanaatti seenu

    Madda suuraa, CBS

    Ibsa waa'ee suuraa, Namni haleellaa raawwate kun meeshaa waraanaa qabatee wayita gara gamoo sanaatti seenu

    Magaalaa Niiw Yoork ollaa Miidtown Manhattan jedhamu keessatti haleellaa namni tokko meeshaa waraanaan raawwateen qondaala poolisii dabalatee namoonni afur du'aniiru.

    Poolisiin akka jedhutti namni meeshaa waraanaa hidhate kun waajjira seenuun bakka maratti dhukaasa eegale. Isa booda lubbuusaa galaafate.

    Namni dhukaasa raawwachuun lubbuu namoota kaanii fi kan isaas galaafate kun Shen Devon Tamura jedhama, umriinsaa waggaa 27 yoo ta'u Laas Veegaas irraa garas imale jedhe poolisiin.

    Garuu haleellaa kana maaliif akka raawwate ifa miti.

    Yeroo haleellaan kun raawwatutti nageenya gamoo sanaa eegaa kan turan qondaalli poolisii Didarul Islaam rasaasaan rukutamuun du'aniiru.

    Waggaa sadiif damee nageenya eegsisuurra hojii kan turan Didarul Islaam, jalqaba Baangilaadesh irraa baqatanii US galan.

    Sababa taatee kanaatti kutaaleen Manhattan fi sochiin geejjibaa qabbanaaweera.

  3. Tamsaasa kallattii har'aan dachaaneerra.

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo addunyaa isin biraan geenyuu kan guyyaa Kibxata har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Toora kanaan oduu biyya keessaa fi addunyaa mararraa isin biraan geenya.

    Oduu fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  4. Hidhattootni nama butanii gadhiisuuf maallaqa erga fudhatanii booda namoota 38 ajjeesan

    Nama meeshaa hidhate

    Madda suuraa, Getty Images

    Naayijeeriyaatti hidhattootni nama butanii maallaqa gaafatan namoota tibba kana butan 56 irraa dhuunfaa dhuunfaatti maallaqa biyyattii naayiraa miliyoona tokko (doolaara 655) gaafatan.

    Maallaqa gaafatan erga argatanii booda garuu namoota 38 ajjeesuun gabaafame.

    Bulchiinsa Zamfaaraa jedhamtu keessatti aanga'oota kan ta'an namootni BBCn dubbise, naannichatti shiftootni nama butanii maallaqa gaafachuu akka mala maallaqa itti argatan tokkootti hojjechaa jiru jedhaniiru.

    Aanga'aan Maniiruu Haayidaraa Ku'aaraa jedhamu warra ajjeefaman keessaa hedduun dargaggoota akka ta'an himuun ''akka hoolaatti qalan'' jedhan.

    Shiftootni kun warra butan ilaalchisee maallaqa gaafatanii walitti deddeebisuu maatii waliin godhame booda maallaqa jedhan argatanis namoota 187 qofa gadhiisanii kaan isaanii ajjeesan jedhan.

    ''Sababa ajjeesaniif isaan qofatu beeka'' kan jedhan aanga'aan kun ''obbolaa isaanii ajjeesaa akka jiran dagataniiru'' jedhan.

  5. Tiraamp Putiin waliigaltee waraanaa dhaabuu akka fudhatan guyyoota 10-12 qofa kennan

    Tiraampiifi Istaarmeer

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gitnisaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waraana Yukireen dhaabuutti waliigaluuf guyyoota 10-12 qofa qabu jedhan.

    Waayee yeroo Putiiniif kennan kanaa galgala har'aa ykn Kibxata boruu ifatti akka beeksisan dubbatan.

    Tiraamp kan kan beeksisan Ministira Muummee UK Kiir Istaarmer waliin Iskootlaanditti wayita walarganii mariyataniidha.

    Tiraamp torban lama dura guyyoota 50 keessatti waraana Yukireen dhaabuurratti Raashiyaan waliigalteef tole hin jettu yoo ta'e michoota daldalaa Raashiyaarra qoqqobbii jabaa kaahuuf dhaadatanii ture.

    Tiraamp haasaa isaanii ammaa kana keessatti ''hangasanittuu eeguuf sababni hin jiru'' jechuun qoqqobbii fi qaraxa dabalataa akka kaahan dubbatan.

    Ammoo ''waan kana Raashiyaarratti raawwachuu hin fedhu, uummata Raashiyaa nan jaaladha'' jedhan.

    Putiin waliin yeroo hedduu mariyachuufi mariin isaanii raawwatamuu dhabuu kaasuun kanatti gammachuu akka hin qabnes irra deebiin dubbatan.

  6. Gaazaatti deeggarsi nyaataa xiyyaararraa darbachuun itti fufe

    Deeggarsa xiyyaararraa darbatamu

    Sa'aatii 10f deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha waraanni akka dhaabatu waliigalamuu booda konkolaataafi xiyyaaraan deeggarsa uummata Gaazaa beela'aa jiruuf dhiyeessuuf fiigichi godhamaa jira.

    Guyyaa kaleessaa konkolaattotni deeggarsa fe'an 120 ta'an kan UN fi dhaabbileen idila addunyaa qindeessan garas imaluu beeksifte.

    Hogganaan ejensii gargaarsaa UN gama isaaniin sa'aatii daangeffame keessatti deeggarsi dhiyaatu deeggarsa barbaachisu waliin wal bira yoo qabamu baayyee xiqqaa ta'uu ibsaniiru.

    Ministirri Fayyaa Gaazaa hanqina nyaataarraa kan ka'e sa'aatii 24 darban daa'imman lama dabalatee namootni 14 du'uu ibseera.

    Gama kaaniin gaazexessaan BBC Jeremiiy Boowen duula xiyyaara irraa deeggarsa darbachuu gaggeeffamu daawwateera.

    Guyyaa har'aa xiyyaarotni lama kan Joordaaniifi UAE deeggarsa Gaazaa akka gahuuf yaadame baatanii garas balali'aaniiru.

    Jereemii Paayiletootarraa deeggarsa akka hin dhooonetti maramee qophaayee paaraashuutiitti hidhuun lafatti akka darbatamu, wantichi lafattis nama akka hin miine eeggannoon godhamuu dhagahuu gabaaseera.

    Haata'u malee, kuni hamma barbaachisu keessaa baayyee xiqqaa ta'uu dubbate.

  7. Amma nu gahe, Taayilaandiifi Kaamboodiyaan waraanaa dhaabuuf waliigalan

    MM Kaamboodiyaa fi hogganaa eeggataa Taayilaand

    Madda suuraa, Getty Images

    Taayilaandii fi Kaamboodiyaan dhimma daangaarratti torban darbe keessa walitti dhukaasaa erga turanii booda amma ''atattamaan dhukaasa dhaabuuf'' waliigaluu ibsan.

    Ministirri Mummee Kaamboodiyaa, Huun Maanet fi hogganaan eeggataa Taayilaand Phuumtaam Weechaayaa yeroo gaazexessitootatti dubbataniitti, lamaanuu pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraampii akkasumas mootummaa Chaayinaa galateefataniiru.

    Biyyoonni lamaan dhimmoota irratti waliigalan keessaa ijoon kanneen itti aananiidha:

    Dhukaasa dhaabuu battalaa halkan wallakkaa Maaleeshiyaa (16:00GMT) irraa kaasee.

    Ajajoonni waraanaa gama lamaanii walgahii 'al-idilee' Kibxata 07:00 irraa kaasee gaggeessuuf

    Kunis walgahii qondaaltoonni waraanaan kan hordofamu yoo ta'u, walgahiin Hagayya 6 gaggeefamuuf jiru kun kan 'Asean' durfamu ta'a.

    Chaayinaan biyyi Taayilaaniifi Kaamboodiyaa waliinuu hariiroo tarsiimoo qabdu, marii nagaa biyyoota lamaan jidduu gargaaruuf bakka bu'aa ergitee turte.

  8. Lammiileen Gaazaa beela'an konkolaataa fe'umsaa waan saamaniif konkolaachiftoota balaan mudataaa jira

    Namoota konkolaataa gargaarsa fe'ee irratti bahan

    Madda suuraa, EPA

    Hogganaa gargaarsaa UN Toom Fileetchar haasaan Sagantaa 'BBC Today' waliin taasifame gara loojistikii gargaarsa baasuutti ce'a.

    Hojjettoonni gargaarsa namoomaa "harka siibiilaatti fiiguu qabu" jedhan. Gargaarsa karaa namoonni nagaa "beela'an" akka qaqabuuf oofuu kun ammoo konkolaachiftootaaf balaa guddaa ta'a.

    Kaleessaa "konkolaattonni konkolaataa fe'umsaa irra caalaansaanii" daakuun fe'anii ture namoota nagaa abdii kutataniin irraa fudhatameera jedha.

    Fileetchar akka jedhutti, UN kuushunaa hawaasa naannoo sanaa waliin ta'uun namoota nyaata baay'ee barbaadaniif raabsuun, ''Hamaas akka hin arganne mirkaneessa'', haata'u malee, rakkoon namoota sana bira ga'uu ''halkan akka dammaqnu nu taasisa'' jedhan.

    Mariin sanaan booda gara waan lafa irratti ta'aa jiru mirkaneessuutti jijjiirama.

    Filetchar dabaluudhaan, Israa'el gaazexeessitoonni, abbootiin seeraa fi qorattoonni Gaazaa seenuudhaan ofumasaanii akka ilaalan akka hayyamtu, isaan booda "lakkoofsa nuti (UN) isiniif dabarsinurratti akka hin hirkanne" gaafateera.

  9. Hogganaan gargaarsa UN Israa'el tarkaanfii waraanaa dhaabuun taasifte 'torbaniifi sanaa ol' turuu mala jedhan

    Namoota midhaan gargaarsaa baatanii deeman

    Madda suuraa, EPA

    Filetcher waa'ee Israa'el gargaarsi Gaazaa keessatti walitti qabamaa jira, garuu dhaabbilee UN'n walitti qabamee raabsamaa akka hin jirre dubbattee gaafatame.

    Xiyyeeffannaan Dhaabbata UN gargaarsi akka socho'u gochuudha, garuu konkolaachiftoonni ''birokraasii'' fi ''danqaalee'' nageenyaa isaan mudataa jiraachuu dubbatan.

    Kaleessa "nyaata baay'ee galchaniiru" jechuudhaan, garuu ammoo "baay'een isaa kan saamameedha" jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, "Karoora qabna," jechuun, torban muraasa dhufan keessatti nama Gaazaa keessa jiru hunda bira gahuu dandeenya. Haata'u malee, hojjachuudhaaf daangaan qaxxaamuraa banuu, hayyamaa fi nageenya isaan barbaachisa jedhan.

    Gargaarsi dabalataa akka seenu hayyamuuf dhukaasa dhaabuun namoomaa kun hanga yoomiitti akka turu gaafatamanii, "garee lafarra jiru irraa" dhukaasa dhaabuun "torbanii fi sanaa ol" akka turu dhaga'uu isaa dubbataniiru.

    Kunis yoo "gocha hammeenyaa Jaarraa 21ffaa" keessa ta'aa jiru ilaalaniitti "ifatti gahaa miti" jedhan.

    Beela dhaabuudhaaf walitti fufiinsaan yeroo torbanootaa ykn ji'ootaa jiraachuu qaba jedhan, dhumarrattis dhukaasa dhaabuun barbaachisaadha jedhaniiru.

  10. Nama hamachuun jaalala cimsuufi dhiibbaa taasisuuf gargaara- qorannoo

    Nama hamachuun bu'aa qaba jedhu qorattoonni

    Madda suuraa, Getty Images

    Hamiin maqaa isin balleessuu, amala keessan jijjiruuf dandeettii qaba.

    Bashannanaaf garuu namoota hedduu biratti hamiin ''cubbuudha.''

    Hamiin magaalaa hanga baadiyaattii amala aadaa hawaasa baayyee keessa jiru akka ta'e qorattoonni ni dubbatu.

    Yunivarsitii Waashingitan DCtti qorataan jijjirama tirannaa kan ta'aniifi pirofesarri ittaanaan, Dr Niikool Heegan Hees, ''haaluma qabatamaa jiruutiin aadaa kamuu keessatti namni hundi hamachuu danda'u'' jedhu.

    Waa'ee hamii yoo yaadnu daba yaaduun waa'ee namootaa haasa'uu yaaduu dandeenya. Haata'u malee, Dr Hees ilaalcha kanarra bal'aa qabu. ''Hamiin jijjirraa odeeffannoo maqaa beekkamtii waliin wal qabate'' kamu ilaalata jedhu. Odeessa kanarratti bal'inaan dubbiifachuuf asiin seenaa.

  11. Haleellaa DR Koongoo garee IS hidhata qabuun raawwatameen namoonni waldaa dhaqan ajjeefaman

    Kaaba baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti haleellaa dhaabbata Motummaa Islaamummaa (IS) waliin hidhataniin raawwateen namoonni kudhanootaan lakkaa'aman ajjeefamuu qondaaltonni naannichaa himan.

    Madda suuraa, Islamic State Central African Province

    Kaaba baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti haleellaa dhaabbata Motummaa Islaamummaa (IS) waliin hidhataniin raawwateen namoonni kudhanootaan lakkaa'aman ajjeefamuu qondaaltonni naannichaa himan.

    Namoota du'an keessaa gara 20 kan ta'an waaqeffattoota kadhannaa halkanii bataskaana magaalaa Komaandaatti argamu keessatti hirmaatan yoo ta'an, loltoota Humna Dimokraatawaa Michuu (ADF)n haleelamuu isaanii dubbatu.

    Manneen daldalaa fi suuqiiwwan naannoo sana jiran saamamuun ibiddaan gubamaniiru.

    Gareen ADF kunneen bara 1990moota keessa Yugaandaa keessatti kan mul'ate yoo ta'u, mootummaan achi jiru Musliimoota ari'achaa jira jechuun himatu, amma garuu daangaa DR Koongoo irratti buufachuun yeroo hunda namoota nagaa amantii hunda, akkasumas Yugaandaa keessatti haleelaa raawwatu.

    Ergasii qaama Mootummaa Islaamaa bulchiinsa Giddugaleessa Afrikaa erga ta'ee kaasee garee kun Moozaambiik keessattis ni argamu.

    Akka qorannoo BBC Monitoring jedhutti, duulliiwwan IS gara %90 kan ta'u ammaa dhaabbilee Afrikaa keessatti garicha waliin hidhata qabaniin raawwatama.

    Komaandaatti qindeessaan waldaalee siivikii 'Dieudone Duranthabo' kan ta'an, haleellaa dhiheenya raawwatameen kanaan booda reeffi dabalataa argamuu akka danda'u Asoosheetid Preesitti himaniiru.

    "Namoonni 21 ol kan ta'an [Waldaa] keessaa fi alatti rasaasaan kan ajjeefaman yoo ta'u, yoo xiqqaate reeffa gubatee sadii fi manneen gubatan torba galmeessineerra. Ammas barbaachi itti fufee jira."

    Lubni naannoo sanaa Abbaa Aime Lokaanaa Dhego, dhaabbata oduu AFPtti akka himanitti: "Yoo xiqqaate miseensota Sochii 'Eucharistic Crusade' du'an 31 qabna, jaha ammoo akka malee miidhamaniiru. Dargaggoonni muraasni ammoo butamanii jiru, waa'ee isaanii ilaalchisee oduu omaatu hin qabnu."

    Itti dabaluunis, reeffi biroo torba magaalattii keessatti bakka biraatti argamuu himaniiru.

    Marsariitiin Raadiyoo Okaapi kan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramuu lakkoofsa namoota du'anii 43 akka ta'e ibseera.

    Dubbi himaan raayyaa ittisa biyyaa garuu namoonni du'an 10 ta'usaanii mirkaneessuu akka danda'u himaniiru.

  12. Tamsaasa kallattii eegalleerra!

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan manratti. Tamsaasa kallattii ittiin odeessaalee gaggabaa ijoo addunyaa isin biraan geenyuu kan guyyaa har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Toora kanaan oduu biyya keessaa fi addunyaa mararraa asiin isin biraan geenya.

    Oduu fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Torban gaarii!