Hidhattoota Dimokiraatik Rippaabilika Koongaa keessa socha'an keessaa hidhattoonni M23 waggaa muraasa keessatti humna mootummaa biyyaachaa daangaa hedduu keessaa baasuun humna sodaatamu ijaare jedhamuu beekama.
Hidhattoota kana harka lafa jalaan kan hidhachiisu ammoo Ruwaandafi Yugaandaa akka ta'an qondaaltota UN osoo hin hafin ragaa bahu.
Hidhattoonni kun bulchiinsa baha DR Koongotti kan argamtuufi albuudan badhaate, Bulchiinsa Kaaba Kiivuu mootummaarraa fudhatanii bulchiinsa mataasaanii ijaaraniiru.
Hidhattoota kana haleeluuf mootummaan DR Koongoo humnoota nagaa kabachiisaa biyyoota ollaarraa gaafachuu bira darbee hidhattoota biroo waliin gamtaa uumee lolus achu siqsuu hin dandeenye.
Mootummaan DR Koongoo irra deddeebin, "hidhattoota M23 hidhachiisee kan natti bobbaase Ruwaandadha" jechuun himataa ture.
Amma immoo Yugaandanis hidhattoota kana harka lafa jalaan akka deeggartu ifa ta'ee jira.
Inumaayyuu gabaasni UN akka ibsutti, Ruwaandan loltoota hidhattoota M23 dhaaf deeggarsa kennan 4,000 ta'an DR Koongoo keessaa qabdi.
Mootummaan Ruwaandaa himannaa kana haaluu baatus, DR Koongon bulchiinsa albuudaan badhaate keessatti nagaa waaraa buusuu hin dandenye jechuun BBCf deebii kenne.
Hidhattoonni saba Huutuu kan gaggeessitoonni isaanii duguuggaa sanyii bara 1994tti Ruwaandaa keessatti namoota 800,000 ol galaafate, keessatti hirmaatan jedhaman DR Koongoo keessa jiraachuusaanitti akka hin gammanne beeksisaa turte.
DR Koongoon hidhattoota duguuggaa sanyii keessatti hirmaataniif mandhee taatee jirti jechuun himatti. DR Koongon ammoo hidhattoota Tuutsii M23 jedhaman baha DR Koongoo keessa socho'an kan lolchiisu Ruwaandadha jechuun komatti.
Hidhattoonni M23 bara 2012 keessa ifatti kan mul'atan yoo ta'u, boodarra haleellaa irratti gaggeeffamu dandamachuu dadhabanii Ruwaandafi Yugaandatti baqachuun of ijaaruu eegalan.
Waggaa sadi dura humna loltootafi hidhannoon of jabeessun baha DR Koongotti deeb'uun haleellaa jajjabaa loltoota mootumaarraatti gaggeessu lafa heddu to'atan.
Gabaasni UN baase akka jedhutti, hidhattoonni M23 bulchiinsa Kaaba Kiivuu keessatti mootummaa ofiin bulchan hundeessaniiru.
Sababa lola hidhattoota kanaafi mootummaa DR Koongoo gidduutti gaggeeffamuun namoonni miliyeena sadi ta'an qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.
Yugaandanis akkuma Ruwaandaa hidhattoota M23 hidhachiisuu, lojistikii mijeessufi bakka isaan to'atanitti qondaalota tikaafi waraanaa erguun haleellaa hidhattoonni gaggeessaniif haala akka mijeessitu komatte DR Koongon.