Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp yaalii ajjeechaa halkan Sambataa hiriira Pensilvaaniyaa keessatti irratti gaggeeffame tureen silaa ''du'een turee'' jedhan.

Guduunfaa

  • 'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp
  • Namichi qophii Tiraamp irratti maatii oolchuuf ajjeeffame 'goota' jedhame
  • Meeshaan Tiraampitti dhukaafame kan akkamiiti? Ajjeesuu ni danda'a?
  • Aadde Melaaniyaan namicha Tiraampitti dhukaaseen 'bulguu' jedhan
  • 'Meeshaaleen shakkisiisoo' konkolaataa keessa argaman
  • Tiraamp Waaqa 'isa hin yaadamne' hambise galateeffatan
  • Dargaggoon Tiraampitti dhukaase jedhame nama akkamiiti?
  • Waa'ee nama Tiraampitti dhukaase jedhame maal beekna?
  • MM Abiy yaalii ajjeechaa Tirampirratti raawwateen ''baay'ee rifatan'
  • Pirezidantii duraanii US, Tiraamp, irratti yaaliin ajjeechaa raawwatame
  • Haleellaa Israa'eliin namoonni 90 Gaazaatti ajjeefaman - Hamaas

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Arjentiinaan Kanaadaa 2-0 mo'achuun xumura Waancaa 'Copa America' darbiteetti.

    Taphataan ganna 37 Liyonel Mesiin biyya isaaf galchii tokko lakkoofsisuun waggaa saddet keessatti yeroo jahaffaan xumura waancaa 'Copa America' dabarse.

    Arjentiinaan injifannoo Waancaa Adunyaa bara 2022 booda waancaa biraaf geesse. Barri tapha Mesii inni gara booda kanaa milkaa'ina inni kubba miilaa keessatti qabu guutuu godheera.

    Taphataan kun biyya isaa waliin waancaa injifachuu dadhabuun qeeqamaa ture. Abdii kutatee soorama bahuu isaas ifatti labsee ture.

    Leenjisaan Arjenitiinaa ammaa Liyonel Iskaalooniin akka inni yaada jijjiirratu taasise. Ergasii Waancaa 'Copa America' fi Waancaa Adunyaa mo'ate. Ammas xumuraaf darbeera.

    Mesiin biyya isaaf taphoota 186 irratti galchii 109 lakkoofsise. Biyya isaaniif galchii lakkoofsisuudhaan Kiristaanoo Roonaaldoo qofatu kubba miilaa dhiiraan adunyaa kana irraa galchii sagaliin isa caala.

  2. Hidhattoonni M23 Baha DR Koongotti akkamitti hanga mootummaa ta'uutti gahan?

    Hidhattoota Dimokiraatik Rippaabilika Koongaa keessa socha'an keessaa hidhattoonni M23 waggaa muraasa keessatti humna mootummaa biyyaachaa daangaa hedduu keessaa baasuun humna sodaatamu ijaare jedhamuu beekama.

    Hidhattoota kana harka lafa jalaan kan hidhachiisu ammoo Ruwaandafi Yugaandaa akka ta'an qondaaltota UN osoo hin hafin ragaa bahu.

    Hidhattoonni kun bulchiinsa baha DR Koongotti kan argamtuufi albuudan badhaate, Bulchiinsa Kaaba Kiivuu mootummaarraa fudhatanii bulchiinsa mataasaanii ijaaraniiru.

    Hidhattoota kana haleeluuf mootummaan DR Koongoo humnoota nagaa kabachiisaa biyyoota ollaarraa gaafachuu bira darbee hidhattoota biroo waliin gamtaa uumee lolus achu siqsuu hin dandeenye.

    Mootummaan DR Koongoo irra deddeebin, "hidhattoota M23 hidhachiisee kan natti bobbaase Ruwaandadha" jechuun himataa ture.

    Amma immoo Yugaandanis hidhattoota kana harka lafa jalaan akka deeggartu ifa ta'ee jira.

    Inumaayyuu gabaasni UN akka ibsutti, Ruwaandan loltoota hidhattoota M23 dhaaf deeggarsa kennan 4,000 ta'an DR Koongoo keessaa qabdi.

    Mootummaan Ruwaandaa himannaa kana haaluu baatus, DR Koongon bulchiinsa albuudaan badhaate keessatti nagaa waaraa buusuu hin dandenye jechuun BBCf deebii kenne.

    Hidhattoonni saba Huutuu kan gaggeessitoonni isaanii duguuggaa sanyii bara 1994tti Ruwaandaa keessatti namoota 800,000 ol galaafate, keessatti hirmaatan jedhaman DR Koongoo keessa jiraachuusaanitti akka hin gammanne beeksisaa turte.

    DR Koongoon hidhattoota duguuggaa sanyii keessatti hirmaataniif mandhee taatee jirti jechuun himatti. DR Koongon ammoo hidhattoota Tuutsii M23 jedhaman baha DR Koongoo keessa socho'an kan lolchiisu Ruwaandadha jechuun komatti.

    Hidhattoonni M23 bara 2012 keessa ifatti kan mul'atan yoo ta'u, boodarra haleellaa irratti gaggeeffamu dandamachuu dadhabanii Ruwaandafi Yugaandatti baqachuun of ijaaruu eegalan.

    Waggaa sadi dura humna loltootafi hidhannoon of jabeessun baha DR Koongotti deeb'uun haleellaa jajjabaa loltoota mootumaarraatti gaggeessu lafa heddu to'atan.

    Gabaasni UN baase akka jedhutti, hidhattoonni M23 bulchiinsa Kaaba Kiivuu keessatti mootummaa ofiin bulchan hundeessaniiru.

    Sababa lola hidhattoota kanaafi mootummaa DR Koongoo gidduutti gaggeeffamuun namoonni miliyeena sadi ta'an qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.

    Yugaandanis akkuma Ruwaandaa hidhattoota M23 hidhachiisuu, lojistikii mijeessufi bakka isaan to'atanitti qondaalota tikaafi waraanaa erguun haleellaa hidhattoonni gaggeessaniif haala akka mijeessitu komatte DR Koongon.

  3. Paasterii fi ministirri haqaa duraanii pirezidaantii biyya isaan ''seexana'' jedhe hidhaatii bahe

    Paasterii fi ministirri Haqaa duraanii Ikkuwaatooriyaal Giinii, pirezidaantii biyyattii ''seexana'' jechuun ibse waggaa lama erga hidhamee dhiifamaan gadhiifame.

    Ruuben Maayee Innuusee Maanguu hidhaa waggaa lamaan booda pirezidaantii biyyattii Teedroo Obiyaangi Inguumaa dhiifama godhaniif jennaan hiikaman.

    Pirezidaantiin biyyattii ganna 82 tahan, fonqolcha mootummaan bara 1979 erga aangoo qabatanii ammayyuu biyyicha bulchaa jiru.

    Kanaanis Afrikaa irraa nama waggaa dheeraaf biyya tokko gaggeessaa jiru tahaniiru.

    Bara 2022 ture paasterii fi ministirri haqaa duraanii Obbo Maanguun sagalee waraabamee bahuun akka malee qoodamaa ture irratti pirezidaanticha ''seexa'' jechuun ibsan.

    ''Inni seena... uummata isaa akka hidhamtootatti qabee jira'' jechuun qeeqan.

    Garuu booda yoo gaafataman dhiifama gaafachuu didan. Uuummata kakaaste jedhamuun erga himatamanii aangoo isaanii irraas dhorkaman.

    Falmitoonni mirga namoomaa pirezidaantii biyyattii yeroo jaha filannoo mo'achuun aangoo irra jiran abbaa irree jechuun ibsu.

    Filannoo marsaa jahaffaa gaggeeffame %95 mo'achuu ibsanis bilisa hin turre jedhame.

    Dabalataan hoggantoonni paartilee mormitootaa bilisaan socho'uu hin danda'an. Walabummaan miidiyaa biyyicha akka hin jirre falmitoonni mirga namoomaa ni himu.

  4. Intalli pirezidaantii Kaameeruun 'Leesbiyaanii' ta'uu ifatti ibsite

    Intalli pirezidaantii Kaameerun ifatti nama saala wal-fakkaataa jaalatu (Leesbiyaanii) ta'uu ibsuun, ifatti baatee dubbachuunshee Kaameeruun keessatti seerri farra jaalalattoota saala wal-fakkaataa akka jijjiiramu abdii akka qabdu himte.

    Bireendaa Biyaa gaazexaa Le Parisien jedhamutti akka himtetti, namoonni hedduun haala isheen keessa jirtu keessa akka jiraniifi ifatti baatee dubbachuunshee isaan akka jajjabeessu himte.

    Intalli pirezidaantii Kaameeruen dubartii ganna 27 yoo taatu, torbee darbe dubartii biraa hidhiirra dhugganchuunshee namoota hedduu biratti ijoo dubbii ta'ee ture.

    Modeelistii lammii Biraazil Laayons Valeenkaa jedhamtu osoo dhungattuu suura agarsiisu fuula Inistaagiraamii isheerratti maxxansitee ture.

    "Waa'ee kee baay'edhuman yaada, addunyaan akka barun barbaada," jettee turte.

    "Ifatti bahee dubbachuun koo ergaa jabaa dabarsuudhaaf carraa guddaadha," jechuun seera farra jaalattoota saala wal-fakkaataa biyyashee, Kaameruun, qeeqxe.

    Isheen ifatti baatee dubbachuunshee seera biyyattii jijjiiruu akka danda'u abdii akka qabdus ibsite.

    Pirezidaantin Kameerun Paawol Biyaa manguddoo ganna 91 yoo ta'an, bara 1982 kaasee biyyattii bulchaa jiru.

    Intalli Pirezidaant Paawol, Bireendan modeelistiifi sirbituu lammii Biraazil wajjin hariiroo erga tolfatanii ji'a saddeet akka ta'eefi maatisheetti osoo hin himin si'a sadi Kaameruunitti akka affeertes himte.

  5. Baayidan kora Nato irratti humna qilleensaa Yukireen cimsuuf dhaadatan

    Waggaa 75ffaa hundeeffama Nato ilaalchisuun kora Waashingtan DC keessatti gaggeeffameerratti haasaa dheekkamsa fakkaatu kan taasisan Pirezidantiin US Joo Baayidan, Yukireen akka haleellaa qilleensaa balaafamaa Raashiyaa ofirraa qolattuuf humna ittisaa ishee cimsuurratti akka tumsan ibsaniiru.

    Yukireen tumsuurratti hariiroon waraanaa yeroo kamiyyuu caalaa cimuu akka qabu cimsanii dubbatan Baayidan.

    Keessattuu wayita waraanni Raashiyaa fi Yukireen daran hammaate kanatti Yukireen xiyyeeffannaasaanii akka barbaaddu miseensota Nato hubachiisan.

    Aab Baayidan biyyisaanii US biyyoota miseensa Nato ta'an kanneen akka Jarman, Xaaliyaanii, Nezarlaandis fi Romaaniyaa waliin ta'uun sirna ittisaa Yukireen akka tumsan ibsaniiru.

    Ibsi Baayiden kun kan dhagahame erga misaa'elli Raashiyaa hospitaala daa'immanii magaalaa Kiiv keessatti argamu haleelee guyyaa lama booda.

    Kantiibaan magaalattii haleellaan kun erga waraanni kun eegalee isa hamaa fi suukanneessaadha jedhan.

    Haleellaa misaa'elaa Wiixata darbe raawwateen namoonni 43 ta'an ajjeefamuu fi dhibbaan kan lakkaa'aman madaa'uu qondaaltonni ibsaniiru.

    Raashiyaan haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu diddeetti.

    Garuu UN fi xiinxaltoonni BBC Verify jedhamutti akka himanitti haleellaa mudateef kan itti gaafatamu Moskoodha.

  6. Waraabessi guyyaa magaalaa seenee ummata rifaasise qabame

    Taateen kuni Naayijeeriyaa magaalaa Jos keessatti mudate.

    Waraabessi Paarkii Bineensota Josiitii erga bahee magaalaa seenee booda dirooniifi ogeeyyiin paarkii adamsuutti ka’an.

    Ammoo dhimmichi jiraattota guddoo yaaddesse.

    Ogeeyyiin waa’ee bineensotaa qoratan ummanni akka tasgabbaa’u gorsanis ummanni baay’ee rifatee ture.

    ''Waraabessi namoota baay’ee sodaatu – nama nyaachuurra baqachuu filatu,’’ jedhu ogeessi bineensota waggoota 50’f kunuunsan Abbaa Ganduu.

    Boodarra garuu waraabessi kuni qabamee qoricha hadoochan erga waraaname booda paarkiitti akka deebi’u ta’eera.

    Akkamiin waraabessi kuni akka baqate ifa miti.

    Kana dura leenci si’a lama paarkii keessaa bahee tokko yoo qabamu, kaan ajjeefameera.

  7. Haleellaa Israa'eliin kaampii baqattoota Gaazaatti namoonni 29 ajjeefaman

    Haleellaa Israa’el kaampii baqattootaa Gaazaarratti raawwatteen yoo xiqqaate Filisxeemonni 29 ajjeefaman, namoonni danuu biroo immoo madaa’uu qondaalonni hospitaalaa himan.

    Ministeerri Fayyaa Hamaas hoogganu haleellaan qilleensaa kuni ollaa mana barumsaa al-Awudaa magaalaa Abasan al-Kabiraa Kibba Gaazaa argamutti raawwatame.

    Waraanni Israa’el ‘’damee shororkeessaa waraana Hamaas’’ qiyyaafachuun meeshaa waraanaa bakka tokko qofa xiyyeeffatee rukutu fayyadamuu ibse.

    Akka waraanni Israa’el jedhutti qaamni irratti qiyyaafatame haleellaa Onkololeessa 7 yeroo Hamaas jalqaba daangaa ce’ee haleellaa Israa’elirratti bane kan hirmaatedha.

    Waraanni Israa’el ‘’gabaasota lammiileen nagaa miidhamuu isaanii akka ilaalu,’’ ibse.

    Haleellaan kuni erga waraanni Israa’el lammiileen nagaa bakkeewwan baha Kaan Yuunisitii akka bahan ajaja dabarse boodadha.

    Akka BBC’n ragaa baatota dubbiseetti, haleella kanaan dubartootaafi daa’imman dabalatee miidhamaniiru.

  8. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegaleera.

    Dhihaadhaa!

  9. Dargaggoon suuraa pirezidantii gubuun hidhaa bu'e gadhiifame

    Dargaggoon Taanzaaniyaa suuraa pirezidaantii biyyattii gubuun himatamee hidhaa ture hiikame.

    Artistiin kun yakka saayiberiin himatamuun erga hidhamee booda hordoftoonni isaa doolaara 2000 walitti qabaniifi adabbii isaa kaffaluun bilisa bahe.

    Shaadraak Chuwaalaa adabbicha akka kaffalu yoo hin taane ammoo waggaa lama akka hidhamu mana murtiidhaan itti murtaa'ee ture.

    Shaadraak viidiyoo waraabee yeroo suuraa pirezidaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suhuuluu gubu agarsiise.

    Viidiyicha irratti yeroo ishee arrabsus dhagahamaa ture. ''Hiriyyoonnikoo na oolchuu keessaniif guddaa galatoomaa,'' jedhe Shadraak erga hidhaatii bahee yeroo gaazexeessitootatti dubbatu.

    Dhimmi kun biyyichatti ajandaa guddaa miiidiyaa tahus, ogeeyyiin seeraa artistiin kun seera cabse hinq abu jechuun falmaafii turaniiru.

    Abbootiin seeraa garuu odeeffannoo sobaa waa'ee pirezidaantii biyyichaa tamsaasuun seera saayiberii biyyichaa cabseera jechuun himatan.

    Taanzaaniyaan bara 2018 seera jabaa ''odeeffannoo sobaa'' tamsaasuu ilaallatu hojiirra oolchiteetti. Qeeqxonni garuu seerri kun bilisummaa yaada ofii bilisaan ibsachuu kan cabsudha jechuun morman.

  10. Haadha warraa gaazexessaa Paakistaan Keeniyaatti poolisiin ajjeefameef beenyaan $78,000 akka kanfalamu murtaa’e

    Manni Murtii Keenyaa haadha warraa gaazexessaa Paakistaan waggaa alama dura Keeniyaa keessatti daandiirratti poolisiin itti dhukaafamuun ajjeefameef, beenyaa doolaara kuma 78 (paawundii 61,00) akka kanfalamu murteesse.

    Arshaad Shaariif dhiyeessaa oduu TV beekamaafi dureewwan waraanaa paakistaaniifi aanga’oota siyaasaa malaammaltummaadhaan cimsee qeeqa ture.

    Abbaa ijoollee shanii kan ta’e gaazexeessaan kun osoo biyyasaatii hin baqatiin dura abbaa seeraa olaanaa Paakistaaniin doorsiisi ajjeechaa irra gahee ture.

    Shariif biyyaa baqatee erga Keeniyaa gahee baatiiwwan lamaan booda ture magaalaa kaajiyaadoo keessatti harka poolisiitti kan ajjeeffamuunsaa dheekkamsa kaasee ture.

    Deebin aanga’oonni Keeniyaa kennan kan tureedha jechuun ogeessonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Keeniyaafi Paakistaan akka qeeqan ta’eera.

    Poolisiin Keeniyaas eenyummaa dogongoraatiin lubbuunsaa darbu ibsuudhaan garuu haatii warraa Shaariif Jaaveeriyaa Siidiiq, ajjeechaa nama Paakistaaniitti argamuufi maqaansaa hin eeramneen raawwatameedha jechuun dubbattee jirti.

    Keeniyaatti manni murtii olaanaa Kijiiyaadoo Wiixata kaleessaa aanga’oonni Keeniyaa tarkaanfii seeraan alaa fudhachuun alatti mirga lubbuun jiraachuu Shaariif sarbeera jechuun murtee dabarseera.

    Kanaafuu beenyaa murtaa’e kun hanga haadha warraasaatiif kanfalamee dhumutti dhalli akka shallagamu murteesseera.

    Abbaan seeraa Isteellaa Mutukuu wayita murtee dabarsaniitti, ‘‘badiin lubbuu ykn dararaa fi rakkoon maatiirra gahee maallaqaan bakka bu’uu hin danda’u. Haata’u malee, yoo mirgoonni bu’uuraa sarbaman furmaatti ta’u malu akka jiraatu irratti waliigalteen jira’’ jedhan.

    Haatii alangaa Keeniyaa fi abbaan taayitaa to’ataa imaammata walabaa poolisoota ajjeechaa keessatti hirmaatan lama irratti himannaa waan hin banneef mirga Shaariif sarbaniiru jechuudhaan haatii seeraa tun murtee dabarsaniiru.

    Manni murtii qaamooleen lamaanu akka qorannoo gaggeessaniifi qondaaltoota poolisii lamaan himataniif ajaja dabarseera.

    Abokaatoon haadha warraa Shaariif, Ochi’eel Dudilii, ‘‘kun maatiidhaa Shaarii fi Keeniyaanotaas itti gaafatamummaan poolisii mirkanneessu irratti injifannoodha’’ jedhan.

  11. Baayiden haleellaa ''gara jabummaa'' Raashiyaa Yukireenitti lubbuu namaa galaafate balaaleffatan

    Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden haleellaa dambalii misaa'elaa Raashiyaan Yukireen keessatti raawwachuun yoo xiqqaate namoota 41 ajjeese, ''agarsiiftuu suukaneessaa gara jabina Raashiyaa'' jechuun balaaleffatanii, ittisa qilleensaa Kiiv cimsuudhaaf dhaadatan.

    Namoota muraasa hospitaala daa'immanii kan magaala guddoo biyyattii Kiiv keessa dabalatee, guutummaa biyyattiitti yoo xiqqaate namoonni 166 madaa’aniiru.

    Haleellaan kunis Kibxata har'aa Baayidan yaa'ii Nato keessuummeessuuf bakka jiraniitti kan raawwatameedha.

    Pirezidaantiin Ameerikaa haala ittisni qilleensa Yukireen caalaa itti cimsamurratti walgahii kana irratti akka ifoomu ibsaniiru.

    Hoggantoonni biyyoota miseensa Nato 32, biyyoota michuu isaanii fi Gamtaa Awurooppaa irraa hundeeffama waggaa 75ffaa gamtichaa kabajuuf walitti qabamaa jiru.

    Baayidenis Pirezidaantii Yukireen Volodimiir Zelenskii fi hoggantoota Nato biroof simannaa akka taasisan himaniiru.

    Walgahiin kunis haala weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte keessatti ittisaafi ofirraa qolachuurratti kan xiyyeeffatu ta’a.

    “Tarkaanfiiwwan haaraa ittisa qilleensaa Yukireen cimsuun magaalotasaanii fi lammiilee nagaa haleellaa Raashiyaa irraa eeguuf gargaaran ni beeksisna,” jedhan Mr Baayiden.

    "Deeggarsi Yukireenif taasiifnu kan hin raafamne ta'uu isaa ifa gochuuf Pirezidaantii Zelenskii waliin wal arguun jira." Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis gaaffii Yukireeniin dhiyaate irratti hundaa'un Kibxata walga’a.

    Barreessaan Olaanaa DhaabbataBiyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, qondaaltota biyyoota dhihaa waliin ta’uudhaan haleellaa misaa’elaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte balaaleffataniiru.

    Kantiibaan magaalaa guddoo biyyattii Kiiv, Vitaalia Kiliitschkoo, haleellaa lubbuu namaa galaafate magaalaa guddoo biyyattii irratti raawwatame hordofuun, Adooleessi 9 guyyaa gaddaa akka ta’uu labsan.

  12. Dubartoota Tigraay akkuma bahanitti hafanii fi haqa barbaadaa jiran

  13. Raashiyaan taatota haadha warraa IS ta'uudhaan tiyaatira hojjetan hidhaa buuste

    Manni murtii waraanaa Moskootti argamu taatoofi daarektara tiyaatiraa waa’ee ‘shororkeessummaa’ ergaa gaarii fakkaatu dabarsan jedhe hidhaa waggaa jaha itti mure.

    Kanneen murtiin irratti darbe lamanuu jechuunis daarektarri tiyaatiraa Yevgeniyaa Berkoovich fi taatoon Isveetilanaa Petrikuch badii akka hin raawwanne ibsuun falmaa turan.

    Tiyaatirri kuni dubartoonni Raashiyaa yeroo gara Sooriyaa imalanii miseensota Islaamik Isteetitti heeruman hima.

    Abukaatoon dubartoota lamaanii murtee kana ol iyyachuuf akka jedhan dubbataniiru.

    Murteen kuni hawaasa aartii biyyattii keessumaa dhimma yaada ofii bilisaan ibsachuun wal qabatee yaaddesseera.

    Caamsaa keessa yeroo dhaddachi waa’ee isaanii ilaalu yeroo eegale himatamtoonni shororkeessummaa waan mormaniif tiyaatiricha akka qopheessan himan.

  14. Hospitaalli Asoosaa ibsaan torban sadiif adda cituu hordofee yaadda'e

  15. Attam bultan?

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo itti fufeera.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa ijoo ta'an kallattiin isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  16. Raashiyaan namoota nagaarratti haleellaa misaa'elaa raawwachuu haalte

    Ministeerri Raayyaa Ittisa Raashiyaa har’a Yukireen keessatti bakka namoonni siiviilii jiraatan irratti misaa’ela furguggisuu haale.

    Ministeerichi ibsa baaseen, waraanni Raashiyaa “bakkeewwan industirii waraanaa Yukireenii fi buufataalee qilleensaa” qofarratti xiyyeeffatee akka turee fi badiisa Kiiv keessatti mudate balleessaa ittisa qilleensaa Yukireen jechuun komate.

    Dhugaan jiru garuu, osoo Raashiyaan jalqaba Yukireen irratti misaa’ela hin dhukaasne ture ta’ee, Yukireen ittisa qilleensaa ishee sochoosuun ishee hin barbaachisu ture kan jedhu garuu hin dubbatamne.

    Jimaata darbe Kireemlin keessatti, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin yaada “furmaata dippilomaasii” waraana Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru deeggarra yoo jedhan dhagahamanii ture. Innis waa'ee "jalqabbii nagaa" dubbatee ture.

    Garuu guyyaa sadii qofa booda, kunoo kan har'aas haleellaawwan cimaa Raashiyaan ji’a kana keessatti Yukireen irratti raawwatte keessaa kun isa cimaadha. Faallaa haasaa isaa ta’uu isaati.

  17. Haleellaa Raashiyaan hospitaala daa'imman Yukireen irratti raawwattee suuraan

    Raashiyaan Yukireen keessatti haleellaa guyyaa saafaa raawwatteen hospitaala daa'immanii irraan miidhaa qaqabsiisuun yoo xinnaate namoota 31 ajjeessun gabaafame.

    Haleellaa Raashiyaan hospitaala daa'immanii Okhmaatdiit irratti walitti fuufiinsaan raawwatteen namoonni lama ajjeeffamuu qondaaltoonni himan.

    Daa'immanni hospitaalicha keessaatti wal'aansarra turanis gulukoosii irreesaaniitti baatanii kan baafaman yoo ta'u, maatii baayyeenis caccabaa hospitaalichaa heleellaan barbadaa'ee keessatti ijoollee qabatanii jajjabiina barbaadaa jiru.

  18. Humnoonni Israa’el magaalaa Gaazaa boombin haleelan

    Lammiileen Filisxeem Magaalaa Gaazaa keessa jiran, Israa'el erga haleellaa Onkololeessa 7 Hamaas raawwate booda, waraanaa Gaazaa keessatti eegaltee as haleellaa boombii cimaan akka isaan mudate dubbatu.

    Taankiiwwan Israa’el hedduunis kallattiiwwan adda addaa irraa giddugala magaalattiitti dhiyaataa jiraachutu gabaafame.

    Tajaajilli Yeroo Hatattamaa Siivilii Gaazaa akka jedhutti, namoonni heddu ajjeefamuu amana. Haata'u malee sababa lolli magaalaa Gaazaatti aanaalee bahaa fi lixaa aanaalee hedduu keessatti gaggeeffamaa jiruuf hanga ammaatti isaan bira gahuu hin dandeenye.

    Hospitaalli Al-Ahli Baaptistii, dhukkubsattoonni isaa gara dhaabbilee yaalaa ammatti naannicha keessatti hojjechaa jiru tokkichaatti geeffamaa jiru. Hospitaala Indooneezhiyaa duraanuu garmalee namaan guutame.

    Haleellaa kanaan bakkeewwan miidhan irra gahe keessa tokko, kan kanaan dura namoonni akka baqatan hin godhamin, Tel al-Hawa, yoo taatu amma uummanni achi keessa jiraatu akka baqatuuf Humni Waraana Israa'el ajaja kenneera.

    Wiixata waaree booda, IDF ajaja haaraa kan Tel al-Hawa fi naannoolee Saabraa fi al-Rimal, kaabaa fi dhihaasaa haguuguu baase.

    Jiraataan Magaalaa Gaazaa tokko, Abdal Ghaani, "Diinni nu duuba jira, galaan ammoo fuuldura keenya, eessa haa deemnu?" jedhe gaafata.

    Kaanis eessa akka deeman akka hin beekne BBC'tti himaniiru.

    Karaan tokko qofti kan hafe jira, inniis kan gara kaabaa gara naannoo buufata doonii Magaalaa Gaazaatti geessuudha.

    Gariin ajaja bahaa jedhu erga isaan qaqabeen booda bakkiicha keessaa baqatanis, naannoon isaan itti baqatan haleellaa boombii Israa'el jala akka jiru hubatan.

  19. Pirezidaantiin Laayibeeriyaa mindaa isaanii %40 hir'isan

    Preezdaantiin Laayibeeriyaa, Jooseef Bookaayi mindaa ofiisaanii irraa %40 akka hir'isan beeksisaniiru.

    Waajjirri isaanii akka jedheetti, ''bulchiinsa itti gaafatamummaa qabuuf'' fakkeenya ta'uu fi lammiilee Laayibeeriyaa waliin ''walta'iinsa'' qabaachuu agarsiisuu abdatanii tarkaanfii kana akka fudhatan ibseera.

    Dhiheenya kana keessa lammiileen Laayibeeriyaa qaala'iinsa jireenyaa dabalaa dhufuun walqabatee mindaan qondaaltoota mootummaa qeequma cimaa jira.

    Biyya Afrikaa Dhihaa kana keessatti namoota shan keessaa tokko guyyaatti doolaara 2 (£1.70) gadi jiraatu.

    Aab Bookaayi ji'a Guraandhalaa keessa mindaan waggaasaanii doolaara 13,400 akka ta'e ibsanii ture. Hir'isni amma taasisan kunis mindaasaanii waggaa gara doolaara 8,000tti gadi buusa.

    Tarkaanfiin Aab Bookaayi kunis nama pirezidaantii duraanii Joorj wihaa kan mindaa isaanii %25 hir'ise fudhate kan itti fufeedha.

    Biyyoota Afrikaa Lixaa keessaa gariin murtee Aab Boakaayi kana jajaniiru, kaan ammoo faayidaawwan akka durgoo guyyaa fi haguuggii wallaansaa argatan kaasuudhaan dhugaatti of hubuusaaniirratti gaaffii kaasu.

    Baajanni waajjirri pirezidaantichaa bara kana gara doolaara miiliyoona 3tti dhiyaata.

  20. Isteediyeemii Finfinnee erga haaromfamee tapha jaqabaarratti miidhan irra gahe

    Isteediyeemin Finfinnee waggootaaf haaromsarra ture tapha waancaa Itoophiyaa keessummeessuuf banamee daawwattoonni teessumasaa cacabsan.

    Tapha xumuraa Waancaa Itoophiyaa baranaan kilabni Buna Itoophiyaafi Walaayittaa Diichaa xumuraaf kan gahan yoo ta’u, Kilabiin Buna Itoophiyaa 2-0 dhaan mo’achuudhaan shaampiyoonaa Waancaa Itoophiyaa bara kanaa ta’eera.

    Kilabni Itoophiyaa waancaa fudhachuusaatiin carraa Waancaa Konfedereeshinii CAF irratti hirmaachuu milkeessee jira.

    Taphni kun kilaba Buna Ittoophiyaafi Walaayittaa Diichaa giduutti erga gaggeeffamee booda, suuraaleen miidiyaa hawaasaa irrati qoodamaa turan isteediyeemii irra miidhan gahuu isaati.

    Isteediyeemin Finfinnee yeroo dheeraaf taphni osoo itti hin gaggeeffamiin ture guyyaa kaleessaa, Dilbata tapha Waancaa Itoophiyaa keessummeessuuf banamee deeggartoonni teessumasaa caccabsaniiru.

    Daayireektara kominikeshininiifi markeetingii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa, Abrahaam Gabramaariyam BBCtti akka himanitti, teessuma isteediyeemii malee namarra miidhan hin geenye.

    Miidhaa isteediyeemii irra gahe ilaalchisee gabaasni waliigalaa qophaa’aa jiraachuu kan himan qondaalli kun, tarkaanfii kanneen qabeenyarraan miidhaa qaqqabsiisan irratti fudhatamus ifa akka godhan dubbatan.

    “Kubbaan miilaa waan dirree keessatti ta’u obsanii fudhatanii taphoota namuusa ispoortiin hordofuurratti ammayyuu rakkoon jira,” jechuun isteediyeemichatti waggootaan booda taphni godhamee teesson heddu buqqa’uufi caccabuu BBC'tti himan.