Dhaabbati mirga namoomaaf falmu kun, keessattuu rakkoon Baha Sudaan keessatti baqattoota mudataa jiru yaaddessaa waan ta'eef jaarmiyaalee fi hawaasi idil-addunyaa akkaataa baqattoonni kunneen achii ba'uu danda'anirratti mala dhahuufii qabu jedhe.
Wayita sababa waraanaan Sudaan keessatti ummanni dararamaa jiru kanatti, waa'een baqattoota yeroo waraanni Sudaan eegalu lakkoofsi isaanii miiliyoona tokkoo ol turee dagatameera jedhe HRW.
Humni addaa Sudaan (RSF) haleellaa tibbana bulchiinsa Seenaar iddoowwan garaagaraatti raawwateen baqattoota yaaddoo guddaa keessa galcheera.
Kutaan biyyaa haleellaan keessatti raawwatame kun ollaa Bulchiinsa Gadaarif. Bulchiinsa kana keessa baqattoonni Itoophiyaa kuma 40 caalan qubatanii jiru.
Gara baha fagootti kan argamu bulchiinsa Kasalaa keessa ammoo kan baayyinaan jiraatan baqattoota Ertiraati.
Kunis ollaa bulchiinsa haleellaan keessatti raawwateeti.
Baqattoonni Itoophiyaa Sudaan jiran yaaddoosaanii ibsachuun birmannaa gaafachuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Keessattuu kanneen mooraa baqattootaa Gadaariif keessa jiran guyyaa waraanni Sudaan eegalerraa kaasuun rakkoo keessa akka jiran ibsaa jiru.
Baqattoonni kunneen yaaddoo nageenyaa, hanqina deeggarsa namoomaa akkasumas karaa ittiin rakkoo kana keessaa miliqan irratti birmannaa gaafataa jiru.
Kaan dhuunfaadhaan karaa isaanii danda'ameen miliqanii ba'an, kumaan kan lakkaa'aman ammallee achuma jiru.
Garuu baqattoonni kunneen dhageettii hin arganne. Eegumsa hin qaban, karaan ittiin rakkoo kana keessaa miliqanis hin jiru.
Kanaaf ammallee kanneen mooraa keessa jiran kamittuu loltoota walitti dhukaasaa jiraniin haleelamuu danda'u.
Keessattuu baqattoonni kunneen lammiilee Itoophiyaa waan ta'aniif, wayita humni addaa- RSF loltoonni TPLF waraana Sudaan faana hiriiruun isaan lolaa jiraachuu himataa jiru kanatti carraan xiyyeeffannaa haleellaa ta'uu isaanii akkaan bal'aadha.
Baqattoonni Gadaarif jiran humnoota RSF jedhaman kunneeniin jumlaan hidhamuu danda'u, kanneen hidhamanis jiraachuu gabaasonni mul'isan jiru.
Baqattoonni mooraa Gadaariif lamaa fi mooraa Kasalaa keessa jiran hedduun kanneen lixa Tigraay irraa godaananidha.
Mootummaan Itoophiyaa koree baqattoota Sudaan irraa deebisu hundeessuun hojjetaa akka jiru hima. Garuu baqattoonni mooraa keessa jiran keessaa ba'uuf eeyyama mootummaa Sudaan isaan barbaachisa.
Kanaaf jaarmiyaaleen UN fi mootummaan Itoophiyaa qindoominaan hojjechuun baqattoonni nagaan, kabaji isaanii eegamee akka biyyatti deebi'an gochuu qabu jedha HRW.
Torban darbe baqqattooni Itoophiyaa Sudaan kaampii Tanaadibaa fi Umraaqbaa keessa jiran sababa waraanni Sudaaniitti gaggeeffamaa jiru gara iddoo qubsuma isaanitti dhiyaataa dhufeef yaaddoo qabaachuu gabaasnee turre.