Haleellaa Israa’el hogganaa waraanaa Hamaas irratti xiyyeeffate raawwateen namoonni 90 ajjeefaman Ministeerri Fayyaa Hamaasiin Gaazaa keessatti geggeeffamu ibseera.
Haleellaan qilleensaa Israa'eliin raawwatame kunis naannawa deeggarsa namoomaaf adda baafame irratti jedhameera.
Haleellaa Israa’el hogganaa olaanaa Hamaas Mohaammad Deeef fi ittaanaa isaanii Raafaa Salamaa irratti kan xiyyeeffatedha jette kanaan, namoonni gara 300 ta'an madaa’uu ibsi ministeera fayyaa kun mul’isa.
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaanyaahuun ibsa Sambata galgala gaazexeessitootaaf kennaniin, eenyusaanii akka ajjeeffaman wanti ''mirkanaa'aa hin jiru'' jedhan.
Haleellaan kunis naannawa Al-Maawaasiitti bakka dhiheenya Kaan Yuunis jedhamufi bakka waraanni Israa’el zoonii gargaarsa namoomaa jedhee adda baaseetti raawwatme.
Al-Mawaasitti namni ijaan arge tokko BBC'tti akka himanitti, bakki haleellaan kun itti raawwatames bakka ''kirkirri lafaa'' itti mudate fakkaata.
Viidiyoon naannoo sanaa waraabamee tamsa'e akka agarsiiseetti, jijigaa gamoo fi namoota miidhamanii dhiigaan guutaman yoo siree namoota miidhaman ittiin batan irratti kaa'aman agarsiisa.
Namoonni harka isaaniitiin jijjigaa bakka haleellaadhaan boolli guddaan itti umamee keessaa baasuuf wayita yaalan mul’ata.
Gareen BBC Verify suuraa haleellichaan booda kaafaman xiinxaluudhaann, haleellichi naannawa marsariitii Raayyaa Ittisa Israa’el (IDF) irratti akka naannoo gargaarsa namoomaatti agarsiifame keessatti kan raawwatame ta'u mirkaneessee jira.
Obbo Netaaniyaahuun erga ibsi humnoota nageenyaa waliigalaa isaaniitiin kennameef booda oppareeshiiniin kun akka gaggeeffamuuf ajaja kennuu himan.
Namoota booji'aman naannoo sana akka hin jirre, hamma miidhaa qaqabee fi meeshaa waraanaa gosa akkamii akka fayyadamu beekuu akka barbaadu dubbateera.