“Inni olaantummaa baay’ee qaba, gargaarsa Ameerikaan Zeleniskii waliin Yukireenif gooteen amma garuu waan ta’e fakkaata, qaama dogoggoraa irratti cimsee dhiibuu fi gadi bu’aa jira.”
US deeggarsa waraanaa Yukireen irraa kutte- Waayit Haawus
Yukireeniif deeggarsa meeshaalee waraanaa, tumsa maallaqaa fi meeshaalee garaagaraa taasisuun gita kan hin qabne US deeggarsa kana yeroof dhaabuu Waayit Haawus beeksiseera.
Qondaalli Waayit Haawus akkas jechuun miidiyaa michuu BBC ta'e CBS News'tti himan:
Tiraamp hordoftoonni 'waa'ee Puutiin baayyee 'akka hin yaaddoofne' itti himan
Madda suuraa, EPA
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, kan walgahii Awurooppaa dhuma torbee kanaa irratti gaggeeffame irratti kan hin argamne, 'waa'ee Puutiin baayyee yaadda'uun'' akka hin barbaachiifne miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti akeekkachiisan.
Yeroon baayyee, waltajjii miidiyaa hawaasaa isaarratti sa'aatii gara ganamaa kan barreessan, baayyee yaadda'uun kan qabaatamu "waa'ee gareewwan wanbadoota godaantoota guddeeddii raawwatan, kanneen qoricha sammuu hadoochu dadabarsan, ajjeestootaa fi namoota dhaabbilee sammuun dhukkubsatu irraa dhufuun biyyattii keessa seenan ta'u qabaa'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis, kun "akka biyyoota Awurooppaatti akka hin xumuramne" mirkaneessu qabna jedha.
Yaadachiisa: Mariin Yukireen Dilbata darbe Landanitti geggeeffameeen, kan irra jiraan hoggantoonni Awurooppaa baay'inaan irratti hirmaatan, osoo waldhabdeen gaafa Jimaataa Zeleniskii fi Tiraamp jidduutti hin mudatiin dura kan qindaa'e ture.
US hin galateeffanne kan jedhaman Zeleeniskiin 'tokkummaa' Awurooppaa faarsan
Madda suuraa, Reuters
Zeleniskiin akkuma UK bahaniin osoo hin turiin "Barbaachisummaa Ameerikaa ni hubanna, deeggarsa Ameerikaa irraa arganne hundaafis ni galateeffanna," jechuun toora X isaanii irratti barreessan.
Kunis kan ta'e erga dubbii jajjaba walitti isaan buuse Zeleniskii fi pirezidantii Ameerikaa gidduutti Waajjira Ovaal keessatti taasifamee guyyoota muraasa booda yoo ta'u, Traampii fi itti aanaan isaanii, Zeleniskiin deeggarsa waraanaa fi siyaasaa Ameerikaan taasifteef galata gahaa akka hin qabne himan.