Leenjiisaan garee biyyaleessa Gaaboon ijoollee dhiiraa gudeeduun himatame umurii guutuu dhorkaan irra kaa'ame

Madda suuraa, Getty Images
Fifaan leenjisaan dargaggoota Gaaboon duraanii taphattoota irratti miidhaa saalaa raawwachuun yakkamaa ta'ee argame, umuriisaa guutuu dhorkaa irra kaa'uun murteessuun isaa ''tarkaanfii jalqabaa gaarii'' ta'ulleen ''yakkamtoonni hedduun jiru'' jechuun qondaalli Waldaa Taphattoota Addunyaa (Fifpro)n BBCtti himaniiru.
Kibxata darbe Fifaan waggoota kurnaniif leenjisaa olaanaa gareewwan dargaggoota biyyoolessaa Gaaboon kan turan Paatriik Assoumou Eyi yeroo aangoorra turan hundatti ijoollee dhiiraa xixiqqoo hedduurratti miidhaa saalaa raawwachuu isaa murtee dabarse.
Sarbama mirgaa kubbaa miilaa Gaaboon keessatti babal'ate ilaalchisuun, gabaasa qorannoo BBC Africa Eye bara 2023 taasisee irratti maqaan Eyii ka'ee ture.
Qorannoo gaggeeffameen, namni lammii Gaaboon duraanii gareewwan dargaggoota Gaaboon eenyu akka taphatu murteessuuf aangoo waan qabuuf ''aangoo waaqaa'' qaba jedheera.
Eyii kan maqaa Kaapeloo jedhamuun beekaman, ''namoota adabaman keessaa tokkoo yoo ta'an'' garuu ''yekkamtoota biraa hedduutu'' kubbaa miilaa Gaaboon keessa jira jechuun ture gorsaan seeraa Fifpron sagantaa BBC D]Focus On Africa'tti kan himan.
''Tarkaaniif gaariidha, garuu kun tarkaanfii jalqabaa qofadha'' jedhan Obbo Alvees.
Eyiin himannaa guddeeddii, fi humna dargaggoota taphattootaa saamuu ilaalchisuun erga jalqab gaazexaa Gaariyaan UKtiin gabaafameen booda bara 2021tti amananii ture.
Koreen naamusa walaba Fifa booda keessa Eyii qorachuu eegale.
Kanaanis umurii guutuudhaaf leenjisummaarraa dhorkamuun alattis Eyii firaankaa Siwiis miliyoona tokko (dolaara miiliyoona 1.1) adabameera. Yeroo ammaa kanattis mana hidhaa keessatti argamu.
















