US haleellaan qiyyeeffannaawwan Iraaniin hidhata qabanii deebii 'jalqabaati' jette

Gorsaan nageenya Biyyaaleessaa US, Jaak Sulivaan haleellaan diroonii Jordaan keessatiif US tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan maqaa lolootashee sadi Joordaan keessatti ajjeeffaman ifa taasifte

    Looltoota sadii Dilbata Joordaan keessatti ajjeefaman

    Madda suuraa, US DEPARTMENT OF DEFENSE

    Mootummaan Ameerikaa maqaa miseensa waraanaa isaa kan Dilbata darbe haleellaa diroonitiin Joordaan keessatti ajjeeffamanii ifa taasise.

    Isaanis Wiiliyem Jeroomee Riivars kan umuriin waggaa 46, Ispeshalist Keenedii Laandoo Saanadrs kan umuriin waggaa 4 fi Ispeshaalist Bre'onaa Aleeksondaariyaa Moofeeti kan waggaansaa 23 ta'un himame.

    Loltoonni kunneenis bakka kutaa saanii keessa turaniitti dirooniin ajjeeffamutu himame.

    Ameerikaan haleellaa kanaaf milishoota Iraaniin deeggaraman kan himattee yoo ta'u, peentaagon ammoo ''duukaa'' Heezbollaa duuba jiraachu hime.

    Akkasumas Pentaagan Ameerikaan Iraan waliin waraana keessa seenuu akka hin barbaadne kaase.

    ''Waraanaa hin barbaadnu, garuu tarkaanfii fudhachuun haleellaa humnoota keenya irratti raawwatameef deebii ni kennina,'' jette dubbi himaan Peentaagon Saabriinaa Siingh.

    Iraan garuu himannaa Ameerikaafi UK gareewwan milishoota haleellicha raawwatan deeggartee jirti jedhu haalte.

    Peentaagon loltootan haleellaa guyyaa Dilbata ganama raawwatameen ajjeeffaman sadan kan qajeelcha eeggannoo waraanaa bulchiinsa Joorjiyaa irraa ta'u eere.

    Haleellaa loltoota kanneen sadan galaafatee kaan hedduu lakkoofsaan hin eergamiin madoo taasisee kunis kaaba-baha Joordaan kan dhiheenya daangaa Siiriyaatti argamu Rukbaan'tti raawwatame.

    Buufanni waraanaa kunis booda keesssa Tower 22 jedhamee kan beekamu ta'u qondaaltoota Ameerikaatiin ibsame.

  2. Ameerikaan loltootashee eeguuf tarkaanfii barbaachisu kamiyyuu ni fudhatti-Peentagan

    Liyood Ostiin addatti hogganaa NATO Jiinsi Istotelbergi waliin addatti haasa'anii turan

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Liyood Ostiin addatti hogganaa NATO Jiinsi Istotelbergi waliin addatti haasa'anii turan

    Ministirri Ittisaa Ameerikaa Liyood Ostiin, bulchiinsi Baayiden loltoota Ameerikaa haleellaarra ittisuuf ‘’tarkaanfii barbaachisu hundaa fudhata’’ jechuun ejjannoo Waayit Haawus ibsan.

    Ostiin loltoota Ameerikaa sadii Joordaanitti ajjeefamaniifi kanneen biroo miidhamaniif gadduufi haleellaa qaqqabetti dheekkamuu himan.

    ‘’Pirezedantichas ta'e ani haleellaa humnoota Ameerikaarra ga'uuf obsa hin qabnu, loltoota Ameerikaa fi Ameerikaa tiksuuf tarkaanfii barbaachisa hunda fudhanna'' jechuun gaazixeesitootatti himan.

  3. Taawor 22: Buufata waraanaa Ameerikaa iccitiin qabamaa ture

    Buufata waraanaa Ameerikaa

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata waraanaa Ameerikaa

    Buufanni waraanaa Ameerikaa Taawor 22 jedhamu kana Ameerikaa ta’ee Joordaan bakka itti argamu ibsaa hin turre.

    Sambattan darbe kana buufata waraanaa kana dirooniin haleeluuf irratti qiyyaatamnaan, Peentaagan iddoo buufatichi itti argamu ibsuuf dirqame.

    Buufanni waraanaa kun bara 2016 kan hundaa’e yoo ta’u, iccitiin qabamaa ture.

    Bara 2016 hidhattoonni IS buufata waraanaa Ameerikaa boombii konkolaataarratti kiyyeeffameen haleeluun loltoota Joordaan jaha seensa buufaticha eegan ajjeesan.

    Yeroo sanatti Jordaan buufatichi kan waraana Jordan ta’uu ibsee ture.

  4. Buufanni waraanaa US maaliif Baha Giddu-galeessaa keessa jiraate?

    Xiyyaara waraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Buufanni waraanaa daangaa kaaba-lixa Jordaanitti haleellaan diroonii cimaan tibbana irratti raawwatame, buufataalee waraanaa US Iraaq, Jooraaan fi Sooriyaa keessatti qabdu keessa tokko.

    Dhiheenya kana keessa buufataaleen kunneen, buufata waraanaa xiqqaa kan tibbana Jordaan keessatti rukutame Tower 22 irraa gara buufata qilleensaa Al-Asaad kan lixa Iraaqiitti, milishoota Iraaniin leenjifamaniifi hidhannoon dhiyeeffameen haleellaan irratti agaamameera.

    Buufata Joordan, kan michuu Ameerikaa taate keessaatti loltoota gara 3,000 fi Iraaq keessatti ammoo gara 2,500tu argama.

    Kunis waraanaa gamtaa garee hidhattoota Jihaaddistii mootummaa Islaamaa irratti USn durfamutti mootummaa Iraaqiin waamichi dhiyaatuun kan bobbaafaman. Gareen Islaamaa bara 2017tti hari'atamanilleen ammallee biyyattiidhuma keessatti argamu.

    Alkkasumas, loltoonni Ameerikaa 900 ta'an Sooriyaa keessatti argamu. Kunis miichuu US kan bulchiinsa walabaa Sooriyaa, naannoo kaaba bahaatti argamu, Humnoota Dimokraasummaa Sooriyaa- Kurdishiin durfamu sochiisaa farra-ISn deeggaruuf ture.

    Mootummaan Sooriyaa garuu loltoonni US biyyattii keessa jiraachuu mormuun, gochiicha humnaan qabachuudha jedhaan.

    Akkasumas, buufataalee gurguddaa sadii Galoo Galaanaa fi buufata Baahireen kan Ajaja Gidduugala Humnoota Galaana Ameerikaafi Doonii waraanaa (US Fifth Fleet) akka waajjira muummeetti tajaajilu dabalatee, Ameerikaan BahaGiddu-galeessaa keessatti bufataalee hedduu qabdi.

  5. Deebii US sa'aatii 24 ittaanu keessatti ni agartu- Ambaasaaddara duraa UK

    Haleellaan loltoota US irratti raawwatame ''taatee cimaa'' yoo ta'u, pirezidant Baayidan karaa ''waraanaatiin'' deebii kennuu barbaada ta'a'' jedhan Siir Maark Laayaal Giraant, Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaddarri Duraanii UK.

    Ambaasaaddarichi itti dabaluun, milishoota ''Iraaniin deeggarama ykn hidhata qabaniifi' Sooriyaa fi Iraaq keessatti argaman irratti sa'aatiiwwan itti aanan 24 keessatti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu danda'un eega jedhan.

    Haata'u malee, Giraant kan gorsaa nageenya biyyaaleessaa durii ta'an, USn ''kallattiidhaan lafa Iraanootaarratti'' ni dhukaafte jedhanii akka hin yaadne kaasan. Iraanooti muddama dabalataa kan barbaadan natti hin fakkaatus jedhan.

    Kana caalaas, xinxaltoonni hedduun waraanaa Gaazaatti baatiiwwaniif gaggeeffameen booda, haalli caalaa akka itti cimuu eeganii akka turan dubbatu. Haata'u malee, hanga ammaatti naannichatti walitti bu'insii cimaan hin gaggeeffamne.

    Itti dabalunis, Pirezidant Baayidan doonii waraanaa gara naannichaatti erguu dabalate, Iraan dhimmicha akka hin hammeessineef akeekkachiisa kallattii kennuudhaan tarkaanfiiwwan muddama ittisan muraasa fudhachuun, ''jalqabarratti waan gaarii raawwatan'' jedhan.

  6. Miseensonni mana-mareefi gaazexeessaan Awaash Arbaatti hidhamanii turan Finfinnee geeffaman

    Aanga'oota naannoo Amaaraa labsii yeroo muddamaa keessa to'ataman keessaa

    Namoota ji'ootaan dura humnoota nageenyaatiin qabamanii wiirtuu raayyaa ittisaa Awaash Arbaatti argamuun hidhaman keessaa, miseensonni mana-mareefi gaazexeessaan tokko gara Finfinnee geeffamuun isaanii himame.

    Sababa rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti dhalateen labsii yeroo muddamaa labsame hordofee namoota shakkamanii Awaash Arbaa geeffamuu kaampii loltootaa keessa akka turan taasifaman keessaa, miseensi mana-maree bakka bu'oota ummataa Obbo Kiristaan Taaddaleefi miseensi mana-maree naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Bowaayaaloo gara Finfinnee geeffamuusaanii maddeen BBC'tti himan.

    Dabalataanis miseensi mana-maree Finfinnee, Dr. Kaasaa Tashaagar, akkasumas gaazexeessaa Baqaaluu Alaamirroo haaluma walfakkaatuun torban lamaan dura gara Finfinnee geeffamuusaanii BBCn maddeen hidhamtoota kanatti dhiyeenya qaban irraa mirkaneeffateera.

    Obbo Kiristaan Taaddalee fi Obbo Yohaannis Bowaayaaloo Biiroo Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Finfinnee naannawaa Maksiikootti argamu ALI Dilbata Amajji 19, 2016 akka geeffaman namoonni sadii maqaan isaanii akka eeramu hin barbaadne BBC News Amharinyaatti himaniiru.

  7. Iraaq haleellaa buufata waraana US irratti raawwatame balaaleeffatte

    Shaakana meeshaa waraanaa Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Iraaq ibsa Afaan Ingliziin baaseen, gochaa jeequmsaa, ''keessattuu haleellaa dhiheenya daangaa Sooriyaa-Joordaan irratti raawwate'' balaaleeffate.

    Ibsichi dabaluu mootummaan iraaq ''taateewwan nageenyaa rifaasisaa naannichatti mudate'' itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu hime.

    Iraaq ''naanichatti taateen akkasii gara biraa akka hin uumamne ittisuuf qajeelfama ijoo qabaachuurratti,'' walta'uudhaaf fedhii qabaachus kaaseera.

    Taateewwan mudataa jiranis ''nageenyaafi tasgabbii naannichaafi addunyaatifilleen yaaddoo kan umamniidha'' jedhe.

  8. Milishoonni Iraaq keessaa buufata loltoota US haleeluu himan

    Gareen sochii Islaamaa Iraaq keessatti argaman haleellaa buufata waraanaa Ameerikaa daangaa Jordaan dhiheenya Sooriyaa irratti raawwatame duuba jiraachuu hime.

    Gareen milishoota hedduu of jalatti qabu kun bara 2023 gareewwan milishootaa torba Iraaq keessa socha'aniin kan hundeeffamedha. Akkasumas, torbanoota muraasaan dura humnoota US irratti haleellaa gara biraa raawwachuu hime.

    Ibsa gareen Sochii Islaamaa kun baaseen, buufataalee waraana Ameerikaa Sooriyaafi Joordaan keessatti argaman sadi- Shaadaad, Rukbaaniifi Taan, akkasumas dhaabbata boba'aa Israa'el Meeditiraaniyaan keessaa irratti xiyyeeffachuu hime.

    Iraan garuu haleellaa kana duuba akka hin jirre waakkatte. .

    Pirezidantiin Ameriikaa Joo Baayidan haleellaa loltoota isaaniirratti raawwatame ilaalchisuun, ''Ameerikaan qaamoolee gocha kana duuba jiran yeroofi haala filatteetti itti gaafatamoo taasifti'' jechuun akeekkachisan.

  9. 'Maaloo na dhiisaa': yaaddoo lammiilee odeeffannoo kennuufi qormaata miidiyaalee

  10. Gaazexessitoonni Afriikaa Kibbaa waahillan isaanii Gaazaatti ajjeeffaman yaadatan

    Gaazexessitoon Afriikaa Kibbaa waahillan isaanii Gaazaatti ajjeeffaman yaadatan

    Madda suuraa, Dinesh Balliah/X

    Afriikaa Kibbaatti gaazeexeessitoonni hedduun Dilbata kaleessaa walitti qabamuun waahillansaanii waraanaa Israa'el- Gaazaa irratti ajjeeffaman yaadatan.

    Waraanni erga Gaazaa keessatti eegalee kaasee yoo xinnaate gaazeexessitoonni fi hojjattoonni miidiyaa 83 ajjeeffamu Koreen Mirga Gaazexessitootaa falmu (CPJ)n Dilbata beeksiise.

    CPJ'n ''erga dhaabbatichi hundeeffamee bara 1992 as waraanni Israa'el-Gaazaa waraana gaazexessitoonni hedduun ittiin ajjeeffaman'' jedhe.

    ''Akkasumas waahillan keenya Sudaan fi Riippablika Dimokiraatawa Koongoo keessaatti argamaniifi kanneen miidhaaman hundaaf kabaja kenniinaaf.''

    ''Haata'u malee akkuma beeknu, gaazeexessitoonni Gaazaa keessatti ajjeeffamaa jiran kan kana dura argamee hin beekneedha'' jechuun dubbatan.

    Afriikaa Kibbaa biyyoota waraanaa Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf cimsanii Israa'eliin qeeqan keessa tokko.

  11. RSF diroonii Iraaniin hojjatamte rukutee kuffisuu hime

    Diroonii Iraaniin omichama keessaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Humni Addaa Sudaan (RSF) diroonii Iraaniin hojjatamtee fi kan waraanaa biyyattii ta'u hime rukutee kuffisuu beeksiise.

    Sudaaniitti waraanni RSF fi waraana biyyattii jidduutti magaala guddoo- Kaartuumiifi eddoowwan biraatti erga gaggeeffamu eegalee waggaaf deema.

    RSF toora X, kan duraan Tiwitar jedhamurratti akka Wiixata har'a himeetti, ''Ganama kana xiyyaara nam-maleessa Humna Waraana Sudaan (SAF) fi leellistoota bulchiinsa duraaniin hojjatu rukutee kufiisuutti injifannoo olaanaa galmeessine,'' jedhe.

    ''Galanni loltoota keenya cimuuf haata'utii, diroonii Mohajer-6 Iraan ta'un adda baafame kana waliin, dhiheenya kana keessa yeroo sadaffaaf diroonii akkasii kufsuun danda'ame. Milkaa'ina kana malees, qormaatawwan jiran dura dhaabbachu ittuma fufna,'' jedhe dabaluun.

    Haata'u malee xiyyaara nam-maleessa kuffiifamuun himame kanarratti gama waraanaa Sudaaniin hanga ammaatti kan jedhame homtuu hin jiru.

    Miidiyaaleen biyya keessaa Waraanaa biyyattiin eddoowwan humna saffiisaan magaalaa Kaartuumiifi dhiheenyawwan magaaloota Omdurmaan fi Baahriitti haleellaa diroonii gaggeessu cimaa jiraachu gabaasan.

    Waraana erga eegale amma baatii sagal ta'e kanaanis haleeellaa qilleensaa Humni Waraana Sudaan eddoowwan RSF irratti raawwatu torbanoota dhiheenya keessa cimaa dhufeera.

  12. Badhaasni MM Abiy Ahimed fudhatan 'Agricola Medal' maali?

  13. Ambaasaadarri Itoophiyaa mootummaa fi ummata Somaaliyaa dhiifama gaafatan

  14. Manni Maree Nageenyaa UN dhimma waldhabdee Itiyoo-Somaaliyaa irratti mar'achuuf

    Yaa'ii mana maree nageenyaa UN

    Madda suuraa, UN

    Biyyoota Gamtomaniitti Manni Marii Nageenyaa dhimma waldhabdee waliigaltee wal hubannoo Itoophiyaan Somaaliilaand kan akka bulchinsa walabaatti of ilaaltu waliin mallatteesuun muddama uume irratti mari'achuufi.

    TVn biyyaaleessaa bulchiinsa Somaaliyaa -SNTV, akka gabaaseetti, walgahiin mana marichaa Wiixataa ''dhimma waldhabdee Gaanfa Afriikaatti mudate irratti mari'ata.''

    Waldhabdeen biyyoota lamaan jidduutti mudate kunis waliigaltee wal hubannoo (MoU) Itoophiyaafi Somaaliilaand jidduutti Amajji 1, 2024 taasifame hordofuun.

    Waliigaltichis biyya karra galaanaa hin qabne Itoophiyaan akka humna galaanaa fi daldalaaf ulaa galaanaa argattu dandeessisa.

    Somaaliyaan kan Somaalilaandiin akka qaama biyyasheetti ilaaltu, waliigalticha mormuun Itoophiyaan walabummaa daangaashee akka cabsiiteetti balaaleeffatte.

  15. Ajjeeffamuun loltootaa Baayidan irratti dhibbaa uume

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

    Ajjeechaan loltoota US sadiifi miidhaan kan biraa loltoota hedduu irra Sooriyaatti qaqqabe, amma ajajaa olaanaa waraana biyyattii kan ta'an Pirezidanti Joo Baayidan irratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jira.

    Erga waraanni Israa'el-Gaazaa eegalee as loltoonni Ameerikaa dhukaasa diinaatiin yoo ajjeeffaman kun kan jalqbaati.

    Taateen muddamni haalaan dabalu kunis waan hin ollee fakkaata.

    Erga wallakkeessa Onkololeessaatii kaasee buufata waraana Ameerikaa Sooriyaa fi Iraaq keessaarratti milishoota Iraaniin deegaramaniin irra dedebiin haleellaan raawwatamaa ture. Kanaanis madoon loltoota US irra gahu dabalaa dhufeera.

    Ameerikaanis eddoowwan hidhattoonni kunneen buufatan kan biyyoota lamaanii irratti haleellaa irra deddebiin gaggeessite turte.

    Garuu ammaan tana, Ameerikaan Iraaq mataashee itti gaafatamtuu taasisuu ykn dhiisuu itti yaaduu qabdi.

    Pirezidanti Baayidan, ''qaamoolee itti gaafatamoo ta'an hunda yeroo fi haala filanneen itti gaafatamoo isaan taasifna'' jechuun haala ifa hin taaneen akeekkachiisan.

    Ameerikaan amma lubbuu loltoota ishee tiksuuf yeroo tarkaanfii caalaa fudhattu argamutu ishee barbaachisa.

    Qeeqxoonni pirezidantichaas ''Iraan irratti laafe'' jechuun rakkoo kanatti fayyadamamanii isa balaaleeffachuu danda'u.

    Garuu ammoo ejjannoon Baayidan biyyisaanii akka waraana hamaa keessatti harkifamte hin galleef sarara diimaa kaa'uun halaalaatti dhorkuu ture.

    Waldhabdeen yeroo dheeraa kan lakkoofsiisan Waashingitaniifi Teehraan lamaanuu yeroo kanatti kallattiin waldhabde tibannaa keessatti akka hin galleef of eeggannoon socha'aa jiru.

  16. Iraan, Ameerikaa nagaa dhowwachuu barbaaddi

    Baha Gidduugaleessaa keessatti sababa haleellaa Hamaas Israa'el irratti raawwatee fi Israa'el deebistee waraana bantee as, Ameerikaan waraanichi akka naannolee kaan keessatti hin babal'anneef yaalii gochaa turte.

    Humni waraana Ameerikaa Baha Giduugaleessaa keessa jiru, haleellaa misaa'elaa fi diroonii hedduuf saaxilamaniiru.

    Haleellaa ammaa kanaan garuu loltoonni sadii ajjeefamaniiru.

    Deebii Waashingitan kanaaf kennitu haalaan eegamaa jira. Garuu Ameerikaas tahe Iraan haalicha kana caalaa hammeessuu hin barbaadan.

    Haa tahu malee, hanga waraanni Gaazaa keessaa hin dhaabbannetti Iraan Ameerikaadhaan nagaa dhorkuu barbaaddi. Sababni isaa ammoo Ameerikaan Israa'eliin waan deeggartuufi.

    Kana jechuun muddamni naannicha keessaa akkuma jirutti itti fufa jechuudha.

  17. Loltoonni Israa’el 24 guyyaa tokko keessatti ajjeefamuu Waraanni Israa’el beeksise

  18. Humni galaanaa UK diroonii Huutiin dhukaafame kufise

    Humni galaanaa UK diroonii Huutii fashaleese

    Madda suuraa, Reuters

    Dooniin waraanaa Biritish HMS Diamond diroonii Huutii Galaana Diimaa keessatti irratti qiyyeeffate ture rukutuun kufiiste.

    Ministeerri Ittisaa (MoD) ibsa baaseen, dooniin waraanaa diroonii guyyaa Samabataa fashalesitteen miidhaan qaqabees ta'e badii qaqabe omtu hin jiru jedhe.

    Gareen Iraaniin deeggaraman Huutiin dooniiwwan Israa'eliifi biyyoota lixaa waliin hidhata qabu jedhaniin hunda Galaana Diimaa keessatti irratti xiyyeeffachuun haleelu.

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Giraanti Shaapi, UKn haleellichii ''kan naatu miti'' jedhan.

    Ministirichi toora X isaanii irratti akka barreessaniitti, haleellan tibbana garee Yaman keessa buufataniin 'seeraan ala' jechuun, itti dabalanii, ''kutannoon keenya lubbuu nagaa oolchuufi bilisummaa galaanarra imaluu keenya cimee itti fufa'' jedhan.

    ''Gochaawwan obsamuu hin qabaannee fi seeraan alaa kunneen gonkumaa fudhatama kan hin qabneefi bilisummaa galaana Diimaarra imalu mirkanneessuun itti gaafatamummaa keenya'' jedheera Ministirri Ittisaa ibsa isaatiin.

    Dubbii himaan Ministira Ittisaa, taateen amma humna galaana biyyattiin raawwatame tibbanaa kunis erga baatii Muddeetiin as kan sadaffaa ta'u kaasuun, kan jalqabaa Muddee 16 fi kan lammaffaa Amajjii 9 raawwatamu eere.

    Dhiheenya kana ammoo Ameeriikaafi UKn eddoowwan Huutii Yaman keessa buufatan irratti haleellaa qilleensaa raawwachunsaanii ni yaadatama.

    US yeroo saddeetiif buufataalee Huutii irratti haleellaa kan raawwattee yoo ta'u lammaffaarratti UKnis keessatti hirmaattee turte.

  19. Madaa daa'imman Gaazaa maatiin irraa du'anii

  20. Loltoonni US sadi dirooniin Jidduugala Bahaatti ajjeeffaman

    Buufata waraanaa 22 jedhameetu haleellam

    Madda suuraa, PLANET LABS/AP

    Haleellaa diroonii buufata waraana Ameerikaa Jidduugala Bahaa kan Jordaan keessa dhiheenya daangaa Siiriyaatti argamurratti raawwatameen loltoonni sadi ajjeeffamanii hedduun mada'aan.

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haleellaan kunis ''gareewwan milishaa harbeessitootaa Iraaniin deeggaramanii'' raawwatame jedhan. ''Deebii itti kenninas'' jechuun dhaadatan.

    Erga Onkololessa 7 Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwateen booda naannicha keessatti loltoonni Ameerikaa yoo ajjeeffaman kun kan jalqabaati.

    Joordaan ammoo haleellichi kan raawwatame Siiriyaa keessatti malee Jordaan keessatti miti jette.

    Naannichatti haleellaan gara biraas buufata waraana US irratti kan raawwatame yoo ta'u, miidhaan qaqabuun garuu hin gabaafamne.

    Haleellaa kana duuba eenyu akka jirus ifa miti.

    Pirezidanti Baayidanis ''kanneen gochaa kanaan itti gaafatamo ta'an hunda yeroo fi haala barbaadnuun deebii kenniinaaf'' jedhan.

    ''Aniifi Jiil akkasumas lammiileen Ameerikaa biyyattii guutuu, maatiiwwan firoonni isaanii haleellaa kanan jalaa miidhan waliin dhaabbanna,'' jedhan Baayidan ibsa kennaniin.

    Maqaan loltoota haleellaa kanaan miidhaman hanga amaatti ifatti hin himamne.