Ministirri Raayyaa Ittisaa US icciitiin hospitaalaa turuutti dhiifama gaafate

Ministirri Raayyaa Ittisaa US Liloyaad Awustiin yeroo Muddee keessa hospitaalaatti ciisee akka wallaanamu taasifameetti qaamoolee dhimmisaa ilaalatuutti himuu dhiisuu isaatti ''dhiifama guddaa'' jedhe.
Awuustiin gaheessi umuriin waggaa 70 kun yaalii kaansarii cinaanii (prostate cancer) irraa reefu bayyanachaa jiruu.
''Kana to'achuu hin danda'u'' jedhan. ''Waa'ee kaansarii dhukkubsachuu kootii piresidantichatti himuun qaba.''
Dursaan Pentaagan rakkoo nageenya biyyaaleesssaa kamuu yeroo mudatuutti to'achuudhaaf argamuu qabaatu ture.
''Itti gaafatamummaa guutuu isaa nan fudhadha, haalal yaalii kootiifi ummata Ameerikaa dhiifaman gaafadha'' jedhan haasaa erga wallaansa irra hojiitti deebii'anii yeroo jalqabaatiif gaazexessitoota waliin taasidaniin.
"Akka seeraatti dursaakoo wlaiin waa'ee haasa'ee hin dubbadhu, garuu kallattiidhaan pirezidanti Baayidan dhiifama gaafachuukoon isinitti himuun danda'a.''
"Akkan wallansa cimaa fudhadhuu battalumatti itti himuu dhiisuu kootiif baayyee gaddee.''
Hojjattoota isaa kamuu akka dhukkubsachu isaa Waayit Haawuus ykn ummata jalaa dhoksan eenyumaa gonkumaa hin ajajne kan jedhan qondaalli kun, garuu hojjattoonni ajaja isaatiin ala ta'usaanii ilaalchisee deebii hin kennine.
''Aadaa iccitii akkan uumee hin yaaduu'' jechuun Kamisa kaleessa gaazexessitootaatti himan.
Ministirri Raayyaa Ittisaa caasaa aangoo ajaja waraanaa Ameerikaa keessatti pirezidantiitti aananii argamu. Akkasumas akka miseensa kaabinee murteessaa tokkootti ilaalamus.












