Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Misaa’elli Huutii qarqara Yamanitti doonii US rukkute-Aanga’oota US

Aanga’oonni Ameerikaa Huutiin doonii qabeenyummaan isaa kan US ta’e qarqara Yamanitti rukkutii himan. Haata’u malee, miidhaan guddaan qaqqabuu hin gabaafamne jedhan aanga’oonni US kun.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yukireen xiyyaara basaasaa Raashiyaa kuffisuu beeksiste

    Waraanni Yukireen xiyyaara basaasaa Raashiyaa A-50 jedhamtu gaalana Azoovirratti rukutee kuffisuu hime.

    BBC’ xiyyaarri kun haleelamuufi dhiisuu qaama walabarraa hin mirkaneeffanne.

    Xiinxaltoonni garuu taateen kun humna qilleensaa Raashiyaaf oduu hamtuudha jedhu.

    Xiyyaarri basaasaa A-50 iddoo misaayiloonni farra xiyyaaraa jiran adda baasuufi haleellaa qilleensarraa qindeessuun waraana Raashiyaa gargaarti.

    Hogganaan waraana Yukireen Jeneraal Valerii Zaluzhiny, humni qilleensaa biyyattii xiyyaara raadariiin iddoo itti argamu halaalarraa basaastu A-50 barbadeessuu himan.

    Yukureen dhiyeenyatti humnoota Raashiyaa gara Kibba Baha Yukireen jiranirratti olaantummaa argachuuf dhama’aa turte.

    Ministirri Ittisaa UK Raashiyaan xiyyaarota basaasaa A-50 tajaajilarra jiran ‘’jaha hin caalle’’ qabdi jedhan.

    Xiyyaara basaastu kana tolchuuf doolara miliyoona dhibbaan lakkaa’amutu barbaachisa.

  2. Taphataan lammii Israa’el namoota Hamaasin Onkoloolessa 7 butaman deeggare Turkiitti adabame

    Taphataan lammii Israa’el yeroo goolii galchee gammachuusaa ibsatu namoota Hamaasin Onkoloolessa 7, 2023 butaman deeggare Turkiitti adabame. Taphataan kun kilabasaatiin ariyatameera.

    Maqaan taphataa kanaa Sagiv Jehezikel jedhama. Jehezikel kilaba Antalyaspoor jedhamuuf taphataa kan ture yoo ta’u, cittu fo'aa harkatti hidhateerratti’’guyyoota 100.7/10’’ barreeffama jedhu agariise.

    Turkiin ‘’Jehezikel duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaatti raawwatte deeggaraa jira’’ jechuun himanna irratti bante.

    Jehezikel waraana akka hin deeggarre dubbata. Israa‘el Turkiin kana fudhachuu diduu isheef biyyattii himatti.

    Jehezikel beellamaan mana hidhaatii gadhiifamee dhimmisaa mana-murtiitti hordoffiirra jira.

    Taphataan kubbaa miilaa kun "ifatti hawaasa jibbaafi diinummaatti kakaasa jira’’ jedhamun qoratamaa ture.

    Haleellaa Onkoloolessa 7 hordofuun haleellaa Israa’el raawwatte lubbuu namoota kuma 14 galaafaterera.

    Ministirri Haqaa Turkii Yilmaaz Tuunik qorannoon kan irratti baname tapahataan kun’’gocha duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaatti raawwatte deeggaruurra kan ka’e’’ jedhan.

  3. Huutiin misaa'ela doonii waraanaa UStti dhukaafamerratti ni callisan

    Waraanni US ganama kana jeettiiwwan waraanaasaa keessaa tokko hidhattoota Huutiitiin humna galaanaa US kibba Galaana Diimaa keessa socha'urratti misaa'ela kaleessa sa'aatiin booda dhukaafamee rukutee kufiisuu beeksiise.

    Dubbi-himaa garichaa dabalatee, qondaaltoonni Huutii kamuu dhimma kanarratti yaada hin kennine.

    Ta'us dubbi-himaan Mohaammad Abdulsalaam toora X kan dura Tiwitara jedhamurratti halakan kaleessaa akka barreessanitti, doonii daldalaa rukkutaniiru jechuun dhiyeenya kana US fi UK haleellaa Huutiirratti xiyyeeffachuun gaggeessan "weerara US Yaman irratti gaggeessitudha". Kun ammoo ummata Filisxeem gargaaruudhaaf itti gaafatamummaa amantaa, namoomaafi hamilee humnoonni Huutii qaban duubatti hin debeisu.

    ''Kun ammoo hanga lolli dhaabbatuufi marsaan Gaazaarra jiru kaafamuutti haleellaan dooniiwwan Israa'el gara buufataalee Filisxeemiin to'atamaniitti deemanirratti taasifamu dabalatee kan itti fufudha," jedhan.

    Huutiiwwanis, waraana Israa'el Gaazaa keessatti Hamaas irratti gaggeessaa jirtu mormuudhaaf diinoonni US fi Israa'el, dooniiwwan Israa'eliin hiidhata qaban irratti xiyyeeffachuu himu.

    Akkasumas, haleellaawwan Yaman keessatti raawwatamuuf deebiin isaanii ''cimaa fi milkaa'aa'' akka ta'u akeekkachiisan.

  4. Namoonni Gaazaa keessatti ajjeeffaman 24,000 caale

    Ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu erga waraanni naannichatti gaggeeffamuu egaleen as baay'na namoota ajjeeffamanii ilaalchiisuun lakkoofsa haaraa ifa taasise.

    Akka ministeerichaatti yoo xinnaate, nammoonni 24,000 ajjeeffamuun barameera jechuun, itti dabaluun namoonni 100 ol tahan guyyaa darbe keessa ajjeefamu hime.

    Namoonni du'an attamiin akka lakkaa'ama ilaalchiisuun BBCn kan qorate yoo ta'u karaa kanaandubbifachu dandeessu.

    Onkololeessa 7, 2023 erga Hamaas daangaa qaxaamuruun Israa'el irratti haleelllaa banuun 1,200 ajjeessuun kan dhibbaan lakka'aman ammoo butee fudhateen booda ture waraanni kun kan eegale.

    Erga yeroo sanaatiin asi, haaloo bahuudhaaf jecha, dhukaasa dhaabuu torbaniif qofa bara darbe keessa taasifameen alatti, israa'el guyyaa guyyaadhaan haleellaa qilleensarraa raawwataa jirti.

  5. Baha Afrikaatti taateewwan tibbana eegaman: Kora IGAD fi Liigii Arabaa hanga daawwannaa Kaayirootti

  6. Waraanaa Huutii irratti taateewwan gurduddaa beeknu

    • Onko. 7, 2023: Hamaas Israa'el haleellaa raawwachuun 1,200 ajjeessee kaan dhibbaan lakkaa'aman ammoo buutee fudhate. Achiinis Israa'el duula haaloo bahuu bantee hanga ammaatti gaggeeffamaa jiruun namoonni 23,000 ol ajjeeffameera.
    • Sad. 14, 2023: Huutiiwwan deeggarsa Hamaasiif qaban ibsuudhaan, dooniiwwan Israa'eliin hidhata qabaniifi karaa Galaana Diimaa qaxxaamuran irratti akka qiyyeeffatan dhaadatana.
    • Sad. 19, 2023: Dooniin fe'umsaa Huutiiwwaniin butaman- yeroo kanattis gareen kunis misaa'eloota fi dirooniiwwan hedduu gara Israa'eliitti kan dhokaasan yoo ta'u, hundiisaanituu doonii waraanaa US naannichatti argamuun fashalaa'anii jiru.
    • Mudde 15, 2023: Maa'ersk dabalatee kaampaaniiwwan doonii gurguddoon imala karaa Galaanaa Diimaa akka dhaaban beeksiisan.
    • Mudde 31, 2013: Hilikoptaroonni humna galaanaa US bidiruuwwan Huutii saffisoo ta'an sadi osoo isaan doonii konteenara fe'e imalurratti haleellaa raawwachuuf yaalaniitti, rukutanii dhidhimsan.
    • Amajji 3, 2024: US, UK fi biyyoonni biraa 10 isa waloo, Huutiin haleellaa raawwatu kan itti fufu yoo ta'ee miidhaan akka irra gahu akeekkachisuu baasan.
    • Amajjii 10, 2024: Manni Maree Mootummoota Gamtomanii seera Huutiin atattamaan haleellaa akka dhaabu gaafatu dabarse. Yeroo sanattis Huutiin dooniiwwan irratti haleellaa 20 caaluu dhokaasee ture.
    • Amajjii 11, 2024: US fi Ukn Galaanaa Diimaa keessatti haleellaa cimaa qolachuufi tarkaanfii waraanaa akka fudhatan himan.
    • Amajjii 12, 2024: US fi UKn qiyyeeffannaawwan Huutii Yaman keessaa irratti haleellaa qilleensaa raawwachuudhaan eddoowwan 16 ol haleelan.
    • Amajjii 14, 2024:Waraanni Ameerikaa misaa'el akka gara dooniiwwan waraanaa isaa tokkootti naannoo Huutii Yaman keessattiin dhokaafamu hime rukute kufiise.
  7. Obbolaawwan butaman ja'a keessa tokko warra ishee butaniin ajjeefamte

    Naayieeriyaatti obbolaawwan ja'a magaala guddoo Naayijeeriyaa, Abujaa keessaa torban darbe butamuun gabaafame keessa tokkoon ishee ajjeefamuun biyyattiitti dheekkamsa kaase.

    Hidhattoonni eenyummaansaanii hin beekamne erga mana maatii Abujaa naannoo Biwaariitti argamu tokko seenanii booda obbolaafi abbaasaanii osoo butanii hin deemiin dura qondaaltoota poolisii sadiitti dhukaasanii ture.

    Obboolee keessaa kan maqaanshee Naabeehaah jedhamtuufi barattuu yunivarsitii kan turte erga maatiin maallaqa hidhattootaan gaafatame doolaara 63,000 Jimaataa alkan kanfaluu dadhabanii booada, ajjeefamunshee himame.

    Maatiin yaalii gadhisiisuu keessatti hirmaate tokko marsariitii oduu Daily Trust'tti akka himaniitti, qaamooleen butan reeffa barattuu tanaa maatiif kennaniiru.

    Qaamoole obboolaa kanneen butanis yoo maallaqa gaafatan kennameef malee ammas kanneen hafan akka ajjeessan akeekkachiisuun, hanga kanfaltii gara doolaara 104,000tti ol kaasuu himan firoonni.

    Poolisoota sadan tibba miseensoota maatii kanneen butaniitti hidhattoota kanneen rasaasaan rukutaman keessaas lamaan isaanii du'un gabaafameera.

    Poolisiin biyyattii ammoo waa'ee du'a Naabeehaah osoo hin eeriin, miidhamtoota baraaruudhaaf ''harki hundi yaaliirratti argama'' jedhan.

    Dursaan paartii mormituu, Atikuu Abubaakaar ajjeechaan Naabeehaah, ''kanneen ukkamsanii buutaniifi baanditiiwwan ifatti biyya keessa keenya socha'aa akka jiraniif yaadachiiftuu biraati'' jedhan. Caasaan tika biyyattiis akka damaquuf waamicha taasisan.

    Dursaan paartii mormiituu Paartii Hojjattootaa, Piitar Obii gamasaanitiin, magaala guddoo biyyaa keessatti butamuun ''agarsiiftuu bakki gara biyyattii hangam nagaa akka hin qabaannee agarsiiftuu ifaadha'' jedhan.

  8. US misaa'ela doonisheetti dhukaafame ofirraa qolatte

    Ameerikaan misaa'ela hidhattoota Yaman keessa jiran Huutii irraa gara doonii waraanasheetti dhukaafame rukuttee buusuu himte.

    Misaa'elli farra doonii waraanaa, gara doonii waraana Ameerikaa USS Laboon jedhamuutti dhukaafame xiyyaara waraanaa Ameerikaan haleelamuun qarqara Galaana Diimaa Hudaayidaatti kufe.

    Miidhaan dhaqabe jiraachuu fi dhiisuu waan himame hin jiru.

    Deeggaraan Huutii beekamaan Huseen Al-Bukaatii Dilbata BBC'tti akka himetti, haleellaan Yaman irratti raawwatan yoo itti fufe, hidhattootni Huutii doonii waraanaa US fi UK ni haleelu jedhe.

  9. Qoccolloon Huutii rakkoo guddaa uumaa jira- Ministira Ittisaa UK

    Ministerri Ittisaa UK, Giraanti Shaapsi, Biriiten Yaman irratti ''tarkaanfii fudhachuu qabdi'' jedhan.

    UK'n tarkaanfii waraanaa fudhachuuf kan dirqamteef sochiin geejibaa Galaana Diimaa ''hidhattoota Huutii Iraaniin deeggaramaniin waan danqameef'' jedhan.

    Sochii tiraafikaa galaanarraa addunyaaf rakkoo guddaa tahaniiru kan jedhan Shaapsi, mirgi galaanarra yabaluu eegamuu qaba jedhan.

    Shaampsi tarkaanfiin kun falmii paarlaamaa malee kan fudhatameef, yoo falmicha gaggeessine hidhattoota Huutiif odeeffannoo bal'aa tahe waan kennuuf jedhan.

    Riishii Suunaak osoo paarlaamaa hin mariisisiin haleelicha raggaasisuu isaaniin miseensota paarlaamaa paartii mormituu irraa qeeqni isaan mudateera.

    Kanaaf paarlaamaatti dhiyaachuun miseensota irraa gaaffii isaaniif dhiyaatuuf deebii kennu.

  10. Waraana Gaazaa guyyaa 100 guuteen badii hangam akka qaqqabee beekamaa?

    Israa'el waraanaa Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtuun boombiiwwan 10,000 fayyadamuu fi Gaazaa guutuutti haleellaa qilleensaa dhibbaan lakka'amu raawwachu himte.

    Tarkaanfiin kunis erga Hamaas Onkololeessa 7, 2023 kibba Israa'el irratti haleellaa baneen booda haaloo bahuuf kan eegalameedha.

    Qondaaltoonni Gaazaa erga yeroo waraanni itti eegalee kaasee, manneen Gaaszaa keessaa harka 50 ta'an barbadaa'uu, keessa jiraatamuun dhaabbachuu ykn miidhaan irra qaqabuu himan.

    Akkasumas namoonni miiliyoona lama ykn ummata Gaazaa keessaa kan %85 ta'an mana saanii gadhiisanii baqachuun gabaafameera.

    Suuraaleen karaa dirooniitiin magaaloota akka Khaan Yuunis, Maaghaazii fi Raafaah keessaa kaafamanis badii guyyoota 100 darban waraanni itti gaggeeffameen qaqabee hedduu cimaa ta'u mul'isu.

  11. Masjiida al-Aqsaa: Hambaa seena qabeessafi falmisiisaa ta’e

    Bakki Masjiidi al-Aqsaa itti argamu bakka sagadaa hawaasi Musliimaa, keessumaa Filisxeemonnii fi hordoftoonni amantaa Judaayizimii abbummaaf irratti wal-falmaniidha.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti bakki hambaa seenaa ta'e kun maqaalee garaa garaan beekama. Hawaasa Musliimaa biratti al-Haraam al-Shariif, Haraam al-Shariif, al-Aqsaa jedhamuun beekama.

    Yihudoonni ammoo Har ha- Baayit,Beta Mekdeshjechuun waamu. AkkasumasDom of the Rockjedhamuunis ni waamama.

    Haraam al-Shariif ykn Tempil Maawunt Yerusaalem keessatti argama.

    Bal'ina odeessa kanaa argachuuf asiin seenaa: Masiija al-Aqsaa

  12. Erga Hamaas biyya umrii waggaa 75 haleelee guyyaa 100 ta'eera, ergasii wantoota raawwatan

  13. Taanzaaniyaatti sigigaachuu lafaa mudateen namoonni 22 du'an

    Kaabaa Taanzaaniyaatti siigigaachuu lafaa bakka albuunni karaa seeraan alaatiin oomishamuutti qaqabeen namoonni 22 du'uun gabaafame.

    Balaan kun kan qaqabee guyyaa Sambataa naannoo Siimaayuu, aanaa Baariidaatti kan argamu lafa albuunni qotamu Nigaaliitaatti ta'u komishinarri aanichaa Simoon Siimaalngaa himan.

    Balaan kunis kan qaqabee sababii rooba cimaatiin naannawa hojiin akka dhaabbattu taasifameetti namoonni muraasni hojii albuuda qotuu erga egalan booda ta'uu Rooyitarsi gabaaseera.

    Pirezidantiin biyyattii Saamiyaa Suluuhu Haasan taatee kanaan 'gaddi cimaan' itti dhagahamu ibsan.

    ''Lammiileen Taanzaaniyaa kunneen hiyyeeyyii albuuda baasaan yoo ta'an, kanneen ofiifi maatiisaaniif waan itti jiraatan argachuuf yaalaan kan turaniidha'' jechuun toora X isaaniirratti barreessan.

    Taanzaaniyaa addunyaarratti kan biyyoota warqee oomishan keessaa tokko taateetti karaa seeraan alaa fi haala to'annoo hin qabneen albuuda oomishuun baramaadha.

  14. Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Hordoftoota keenya odeessaalee biyya keessaa fi alaa murteessoo tahan tamsaasa kallatti kanaan isinii dhiyeessina.

    Oolmaa gaarii!