Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Misaa’elli Huutii qarqara Yamanitti doonii US rukkute-Aanga’oota US

Aanga’oonni Ameerikaa Huutiin doonii qabeenyummaan isaa kan US ta’e qarqara Yamanitti rukkutii himan. Haata’u malee, miidhaan guddaan qaqqabuu hin gabaafamne jedhan aanga’oonni US kun.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hamaas viidiyoo namoonni butaman ajjeeffaman jedheen gadhise

    Hamaas waraabbii viidiyoo haaraa ittiin reeffa Israa'eloota lama butee turee, haleellaa qilleensaa Gaazaarratti Israa'el raawwataa jirtuun ajjeeffamusaanii himuun gadhiise.

    Viidiyoon kunis kan ifa taasifame erga waraabbii viidiyoo namoota butaman osoo lubbuun jiran agarsiisuu mul'iseen guyyaa tokkoon boodaadha. Haata'u malee viidiyoo sanarratti Israa'el haleellaa qilleensaa raawwataa jirtu yoo kan itti fuftu ta'e akka du'u danda'an akeekkachisee ture.

    Israa'el haleellaa qilleensaatiin ajjeeffamusaanii haaltee jirti. Ministeerri raayyaa ittisaa Israa'el milishoonni ''miidhaa saayikooloojii'' qaqabsiisaa jiru jechuun himate.

    Itti dabaluudhaanis namoota butaman dabalataa gadi lakkisiisuudhaaf dhiibbaa waraanaa gochuun murteessaadha jedhan.

    Viidiyoon Wiixata gdhiifame kun akka agarsiiseetti, dubartiin maqaanshee No'aa Argaamaanii jedhamtu dirqiin yoo dubbattuufi dhiiroonni lama ishee waliin butamte bakka jiraniitti ajjeeffamu yoo dubbattu agarsiise.

    Isheenis kanneen ajjeeffaman keessaa tokkoo kan maqaansaa Itaay Svirskii jedhamuufi umuriinsaa waggaa 38 ta'es ''haleellaa humna ittiisaa keenyaan'' ajjeeffame jechuun yoo raayyaa ittisa Israa'el itti quba qabdu dhagahamti.

  2. Ameerikaa fi UK’n maaliif Huutii haleelu?

  3. Tigraayitti namoonni 225 ta'an beelan du'an- Angawoota

    Bara darbe ji'a Adoolessaa kaasee naannoo Tigraayitti namoonni 200 ta'an beelaan du'uu qondaalonni naannichaa ibsan.

    Taateen kun addumatti magaaa Edaga Arbi jedhamutti kan mudateedha jedhame. Achuma naannoo sanatti kan argamtu magaala Adwa jedhamuttis namoonni 16 beelan du'utu himame.

    Beela kana dura naannichatti mudate caalaa kan hammaatu naannoo Tigraayitti mudachuu akka danda'u kanaan dura qondaalonni mootummaa naannoo Tigraay akeekkachiisaa turan.

    Beelli Tigraayitti mudachuufi jechuun akeekkachiisa naannon Tigraayi kenne mootummaan federaalaa fudhatama dhabsiisee ture.

    Ogeyyiin fayyaafi hojjattoonni namoomaa ammoo deeggarsi gahaan waan dhiyaataa hin jirreef namoota kana baraaruu akka hin dandeenye dubbatu.

    "Akka doktara fayyaatti namoonni yeroo du'an nan arga. Beekumsaafi ogummaa qabaadhus uummata koo du'arraa oolchuu garuu hin dandeenye," jedhu Dastaa Kaasayi magaala Shiree irraa.

    Namoonni gargaarsa dhabuun dhibee irraa fayyuun danda'amuun du'aa jiraachuu himu. Jiraattuu naannichaa kan taate, Abrehet Kiiros TV naannichaatti akka himtetti, manguddoo ollaashee nama gargaaru hin qabne akka gargartu kan himte, "Asitti namni hundi rakkataadha- hundi keenyaa beelli nu mudataa jira. Kanneen nu gargaaruu danda'an hundatti iyyachuu barbaanna," jette.

    Deeggarsi namoomaa biyyattiitti ta'u hatameera jechuun dhaabbileen deeggarsa namoomaa gidduun deeggarsa dhaabun haalli namoomaa naannoo Tigraay keessa ture akka hammaatu godheera.

    Yeroo ammaa Itoophiyaatti sababa waraanaa, gogiinsafi balaa lolaatin namoonni miliyeena 20tti dhiyaatan deeggarsa namoomaa akka barbaadan ragaan UN ni agarsiisa.

  4. Guyyaa himannaan Maan Siitiirratti dhiyaate dhaga’amu murtaa’e

    Himannaan danbiiwwan faayinaansii cabseera jechuun Maanchester Siitiirratti baname guyyaan itti dhaga’amu murtaa’uu hooganaan Piriimer Liigii Riichaard Maasters hime.

    Haata’u malee, miseensota mana-maree duratti yeroo dubbatetti Riichard Maasters guyyicha ifa hin goone.

    Everteen himannaan kaanan dura irratti banameen adabamuu isaatiin qabxiin 10 irraa citerratti ol iyyannootti jira. Nootingihaam Forest ammoo danbiiwwan bu’aa buufachuu liigiifi walitti fufinsaa cabsuudhaan Wixata himannaan irratti banameera.

    Riichaard Maasters kilaboonni lamaanuu maaliif akka yaaddoo keessa galan nan hubadha jedhe.

    “Hubachuu nan danda’a garuu himannaawwan kunneen baayyee garaagaraadha,” jechuun Koree Dhaabbii Aadaa, Miidiyaafi Ispoortii (CMS)tti dubbate.

    “Kilabni kamiyyuu, kan amma shaampiyoonaa ta’es hin taane, danbiiwwan ittiin baasii baasan taa’e cabsee argamnaan kanuma Everten ykn Nootingihaam Forest mudatetu isa mudata.

    “Garuu ballinniifi gosti himannaa Maanchester Siitiirratti dhiyaate, kan amma ani gonkumaa asitti dubbachuu hin dandeenye, dhaga’ame guutummaan guutuutti haala jirurraa addadha.

    “Guyyaa himanni kun itti dhaga’amu murtaa’eera. Dhiifama waliin garuu guyyaan isaa yoom akka ta’e isinitti himuu hin danda’u garuu itti deemamaa jira.”

    Shaampiyoonaa Piriimer Liigii kan ta’e Maanchester Siitiin Guraandhala 2023 keessa seeroa 100 ol cabseera jedhamuun himatameera, garuu mana murtiitti hin dhiyaatiin jira.

    Everten Bitootessa keessa komishinii walabaa dhimmicha qoratuun ilaalamee Sadaasa keessa itti murtaauun qabxiin 10 akka hirraa hir’atu taasifameera.

    Himannaan Maanchester Siitiirratti dhiyaate ammoo bara 2009 irraa kaasee kan waggoota sagalii ilaallatudha. Bara 2009 irraa kaasee, si’a torba shaampiyoonaa ta’aniiru, garuu himanni irratti baname kun mirkanoofnaan carraa kilaba gadiitti bu’uu, akkasums kan isaan mo’atan irraa fudhatamuullee hordofsiisuu danda’a.

    Erga Piriimer Liigiin bara 2018 qorannoo jalqabee kaasee tumsa gochuu diduutiinis himatamaniiru.

    Akka gabaasaaleen akeekanitti himannaan kun dhuma bara kanaa kan dhaga’amu ta’a. Ta’us garuu Piriimer Liigitiin waan hin mirkanaa’iin jiruuf hanga 2025tti dhaddachi ni jiraata jedhamee hin yaadamu.

  5. Huutiin dandeettii waraana akkamii qaba?

    Yaman biyyoota hiyyeeyyii keessaa tokko yoo taatu, bara 2014, yeroo warraaqsi hidhattoota Muslimaa warra Shi'aa- Huutii, magaalaa guddoo Yaman Sana'aa dhuunfaterraa eegalee biyyattiin wal-waraansaa keessaa hin baane.

    Haleellaan xiyyaaraa yeroo dheeraaf gartuu waraanaa waloo Sa’udiin dursituun Huutiirratti raawwatamaa ture mancaatii fi hiyyummaa biyyattirratti ittuu dabale.

    Yaman biyya hiyyeettii taatus Huutiin garuu Sadaasa 2023 irraa eegalee geejjibaa galaanaa jeequuf doorsisaa jira. Ammammoo UK fi USn haleelamutti jiru.

    Lolli kun dinagdee addunyaarratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a jedhamee sodaatama.

  6. Rakkoo Galaanaa Diimaa: Dooniin Giriik Galaana Diimaarratti misaa'elaan rukutame

    Dooniin abbaan qabeenyummaa isaa kan Giriik ta'ee kampaanii Maltaa jedhamuu Galaana diimaa, qarqara Yamanitti misaa'elaan rukutamuu dhaabbanni nageenya galaanaarra to'atu Amberii hime.

    Kun sa'aatii 24 keessatti haleellaa doonii fe'umsaa gurguddoo karaa Galaana Diimaarra darbanirratti raawwatame sadaffaadha.

    Humni Waraana US meeshaa waraanaa Iraanitu Yamaniif dhiyeessaa jedha.

    Kun osoo kanaan jiruu, US Yaman bakka Huutiin to'atanii jiran dabalataan haleeluu ibsiteetti.

    Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBStti anga'aan tokko akka himanitti, US halkan darbe kana bakka Huutiin to'ataa jirutti haleellaa jabeessite.

    Haleellaa gareen Iraaniin deeggaramu, Huutiin dooniiwwan Galaana Diimaarratti raawwatu hodofee US fi UK'n Amajjii 11 irraa kaasanii haleellaa ittifufinsaan Huutiirratti gaggeessaa jiru.

    Huutiin ammoo haaloo ba'uuf dhaadate.

    US misaa'el Yaman bakka to'annoo Huutii jala jirurraa doonii waraanaa isheetti dhukaafame rukkuttee kuffisuu ibsistee ture.

    Waraana Israa'el Hamaasirratti gaggeessitu mormuun sochii loltoonni Huutii taasisaniin Sadaasarraa kaasee dooniiwwan baayyeen haleellaan irratti xiyyeeffatameera.

    Huutiin akka jedhanitti dooniiwwan kan Israa'el ta'an, ykn alaabaa Israa'el fannifatan ykn Israa'eliin hooganaman, yookaan ammoo gara ulaawwan galaanaa Israa'elitti imalan irratti xiyyeeffatu.

    Haata'u malee, dooniiwwan haleelaman kana waliin walitti dhufeenya hin qaban.

    Galaanni Diimaa karaa Siwiiz kaanaal Galaana Mediteraaniyaanii fi Garba Indiyaa waliin walqabsiisa. Toorri kun dooniiwwan daldalaa addunyaa hedduu karaa ittiin imalanidha. Garuu erga haleellaa kanaatii kampaaniiwwan doonii hedduun toora kana dhiisanii Awurooppaa qaqqabuudhaaf garaa fagoo ta'e Cape of Good Hope filachaa jiru.

  7. Ameerikaan haleellaa misaa'elaa Iraan Iraaqitti raawwatte balaaleeffatte

    Ameerikaan Iraan Kaaba Iraaqitti haleellaa misaa'elaa ‘ofeeggannoo hin qabne‘ raawwatte jechuun balaaleeffatte.

    Iraaq haleellaa misaa'elaa Kaaba Iraaq magaalaa Irbiliitti Wixata halkan raawwatte.

    Waraanni Iraan ‘‘waajira muummee basaasaa Israa’el‘‘ Iraaq, naannoo Kurdistaan keessatti argamu haleelle jedhe.

    Qondaalli naannichaa namoonni nagaa afur ajjeefamuun, namoonni jaha biroo madaa’uu himan.

    Israa’el dhimma kanarratti amma yoonaa yaada hin kennine. Iraaq garuu ambaasaaddarashee Teheraan keessaa gara biyyaatti waamuun, ‘‘walabummaa daangaa koo sarbite" jechuun balaalefatte.

    Ameerikaan haleellaan Iraan ofeeggannoo malee maal na dhibdeedhaan kan raawwatamedha, akkasumas kan bakka sirrii barbaadame haleeluu hin dandeenyedha jechuun balaaleffatte.

    Iraan misaa'elaan‘‘maadhee shororkeessitoota IS ‘‘ Sooriyaa keessatti argamu haleellaa boombii biyyattii keessatti raawwatanis haleeluu beeksiste.

  8. Paastariin Keeniyaa hordoftootasaa beelaan fixuun shakkame shororkeessummaan himatame

    Paasteriin Keeniyaa Paawol Makenzii awwaala jumlaa namoota 400 olii argame hordofee yakka namoota ajjeesuufi shororkeessummaan himatame.

    Makenzii namoota beelan du'an jedhameef ittigaafatamummaa fudhachuu dide.

    Daa’imman dabalatee waliigalatti reeffii namoota 429 iddoo awwaalaa bosona Shakaholaa jedhamu, bakka Maaliinidirraa konkolaataan sa’aatii lama deemisisutti argame.

    Makenziin hordoftoota Waldaa ’Good News International’ jedhamuu bakka kanatti imalanii bara dhuma addunyaa akka eegan jajjabeessuun himatame.

    Reeffii namoota 'nyaata lagachuun of beelessanii dhumanii dhibbaan lakkaa’amu argamuu hordofee Makenziin Ebla 2023 hidhame.

    Abbaan alangaa Keeniyaa akka himetti, Mekenzii fi namoonni 94 biroo mana murtii Maalindiitti Roobii himatamuuf jiru.

  9. Leenjisaan lammii Poorchugaal joosee Moriinoo kilaba Xaaliyaanii, Roomaa keessaa hari'aman

    Bara 2021 kilabicha leenjisuu kan eegalan Moriinoon bara 2022 waancaa Konfiransi Liigii Awurooppaa nyaataniiru.

    Barana garuu bu'aan galmeessaa jiran quubsaa miti. Kilabni isaanii torbee darbe morkataasaa Laaziyoodhaan mo'amuun dorgommii waancaa Koppaa Itaaliyaa keessaa baafame.

    Kilabni Roomaa Serie A keessaa sadarkaa saglaffaarra jira, Dilbata darbe morkataansaa AC Milan 3 fi 1n mo'e.

    Qabxii bara darbe dorgommii waancaa shaampiyoonsi liigiin isa ga'u shaniin hanqachuun duuba kan jiru Roomaan, hariiroo Moriinoo waliin qabu asumatti goolabeera.

  10. Huutiiwwan Yaman doonii US irratti haleellaa raawwatan

    Huutiiwwan Yaman doonii fe'umsaa US irratti galoo galaana Edan keessatti miisaa'eliin haleellaa yoo raawwatan, balaan kanaan namni miidhame akka hin jirree himame.

    Dooniin haleellaan irratti raawwatames 'Gibraltar Eagle' jedhamuufi tajaajila fe'umsa meeshaalee kennuudha jedhame.

    Wiirtuun ajaja Ameerikaa jidduugala Bahaa haleellaichi qarqara galaana Yamaniitti raawwatamu amanuun garuu ammoo miidhaa cimaan akka hin qaqabne beeksiise.

    Haaluma kanaanis doonichi imalasaa eegalee karaa galoo galaanaa Edaniin itti fufeera.

    Hidhattoonni Huutiin kanneen Iraaniin deeggaramu jedhamanis naannoo Galaanaa Diimaatti imala galaanaarra danquu kan eegalan waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti raawataa jirtu mormuudhaan.

    Dhaabbanni doonii 'Eagle Bulk' jedhamu akka jedheetti, dooniin sibila fe'ee galoo galaana Edaniin fageenya km 160 irra osoo imalaa jiruu ture haleellaan kun kan irratti raawwatame.

    Miidhaan haleellaan raawwatame qaqabsiisee gadaanaa waan tureef doonichi imalasaa itti fufeera jedhee dhaabbatichi.

    Ameerikaan gama isheetiin haleellaa kanaan sa'aatii tokkoon dura misaa'eliin gara biraa hidhatoota Huutiin kan dhukaafamee ture yoo ta'u, jeettiiwwan waraanaa Ameerikaa qilleensa irratti akka fashalaa'u taasisaniiru.

    Misaa'elli kunis kan irratti qiyyeeffate ture Galaanaa Diimaa keessatti human galaana Ameerikaa irratti ture. Huutiiwwanis dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa raawwachu akka itti fufan doorsiisaniiru.

    Haata'u malee haleellaawwan kunneenis kan qiyyeeffatan dooniiwwan daldalaa hunda irratti osoo hin taane kanneen faayidaa Israa'el waliin hidhata qaban qofaarratti jedhan.

    Huutiiwwan haleellaan kunis hanga Israa'el haleellaa Gazaa keessatti Hamaasiifi namoota nagaa irratti raawwataa jirtu dhaabduutti akka itti fufu akeekkachiisan.

    Humni Galaana UK ammoo dooniin 'Gibraltar Eagle' Israa'el waliin hidhata omaatu akka hin qabne mirkanneeffadheera jedhe.

    Huutiiwwan deebii kennaniin ammoo, faayidaa Ameerikaa kamu irratti haleellaa raawwanna jedhan.

    Qondaalli olaanaan Huutii Naasiir al-Diin jedhaman ''dooniiwwan Ameerikaa ta'an hunda irratti haleellaa raawwatamu qabaata,'' jedhan.

  11. Tireever Nooh, dhalataa Afrikaa yeroo jalqabaaf badhaasa Eemoo mo'ate

    Komeediyaaniin Afrikaa Kibbaa Tireever Nooh badhaasa Eemii mo'ate.

    Tireever Nooh badhaasicha kan mo'ate sagantaa isaa The Daily Show jedhamuun.

    Nooh badhaasicha mo'achuun dhalataa Afrikaa fi gurraacha yeroo jalqabaaf ramaddii sagantaan badhaasichaa mo'ate tahe.

    ''Qaama imala kanaa tahuun koo baay'ee nama dhiba. Akkuma garee kubba miilaa waancaa mo'ateetti natti dhagahame,'' jedhe.

    Komeediyaaniin Afrikaa Kibbaa kun badhaasa Eemiif yeroo shan kana dura kaadhimamuun si'a jahaffaatti sagantaa isaa xumuraa The Daily Show mo'ate.

    Fulbaana bara 2022 yeroo sagantaa waggaa torbaaf qopheessaa ture The Daily Show dhiisee bahuu ibsu dinqisiifattoota isaatti rifaatuu uumee ture.

    Bakka isaa buusuuf ammayyuu nama barbaadaa jiru. Nooh kana dura bara 2017 sagantaa walitti fufaa 'Outstanding Short Form Variety' badhaasa Eemii mo'ateera.

    Indaastirii televizhinii Ameerikaa keessatti badhaasni Eemii kun isa guddaa fi beekamaadha.

  12. Yuukireen xiyyaara basaasaa Raashiyaa A-50 rukuttee kuffiisuu himte

    Waraanni Yukireen xiyyaara Raashiyaa galaana Azoov irratti rukutee kuffiisuu beeksiise.

    Kunis humna qilleensaa Mooskoo irraan kisaaraa olaanaa akka qaqqabsiisuu himu xinxaltoonni.

    Ajajaan Humna Waraana Yuukireen Janaraal Vaalarooy Zaaliishinii akka jedhaniitti, xiyyaarri A-50 raadaarii fageenya dheeraatiin hordofamuu fi Il-22 jedhaman wiirtuu to’annoo xiyyaaraatiin ‘barbadeessineera.’

    Xiyyaarri basaaasaa A-50 jedhamus ittisa qilleensaa adda baasuudhaan jeettiiwwan Raashiyaa qiyyeeffannaasaanii akka rukutaniif haala mijeessa.

    Yukireen humnoota Raashiyaa kibba-lixa jiran irratti olaantummaa argachuuf rakkachuun ibsama.

    Ministeerri Raayyaa Ittisa UK, ibsa gabaabaa bara darbe kenneen, Raashiyaan ‘tilmaamaan’ xiyyaaroota basaasaa A-50 tajaajila irraa qabdi jedheera.

    Xiyyaaroota kanneen oomishuudhaafis doolaara miiliyoona dhibbaan lakkaa’amu barbaachisuu danda’a.

    Haata’u malee, BBCn waa’ee haleellaa kanaa mirkanneeffachu hin dandeenye.

    Qondaaltoonni Raashiyaa garuu haleellaa kanaa odeeffannoo omaa akka hin qabne dubbatan illeen, xinxaltoonni beekamoofi waraanicha deeggaran garuu xiyyaarri A-50 rukutamuun kisaaraa olaanaa ta’uu akka danda’u himan.

    Buufanni waraanaa maqaa gaarii qabu Raayibaar akka jedheetti, yoo odeeffannoon Yukireen waa’ee xiyyaarichaa baafte mirkanaa’e, ‘‘humna qilleensaa Raashiyaatiif guyyaa gurraacha gara biraa ta’a’’ jedhe.

  13. Maanguddoon nageenyaaf aarsaa lubbuu kaffaluu dhaadatan Obbo Haayilee Gabree eenyu?

  14. Barbaachi hojjettoota doonii waraanaa US (SEALs) handaara Somaaliyaatti dhidhimanii itti fufeera

    Humni waraanaa galaanarraa US hojjettoota dooniiwwan waraanaa- SEALs jedhaman kan handaara Somaaliyaatti dhabaman barbaaduu itti fufeera.

    Hojjettoonni lama erga Kamisa darbe halkan badanii hamma yoonaa hin argamin jiru.

    Humni waraanaa galaanarraa US doonii fi xiyyaaraan Galoo Galaana Aden keessa barbaadaa jiraachuu hime.

    Namni tokko dukkana halkaniin wayita dambaliin galaanaa akka malee dabaletti dhabame. Inni lammataa ammoo isa dursee galaanatti kufe baraaruuf jedhee utaalee galaana seene.

    Lamaan isaaniiyyuu ol hin deebine. SEALs tuuta birkii humna galaanaa ta'anii, haleellaa meeshaa waraanana raawwatu kan qolatanii fi yabala seeraan alaa kan to'ataniidha.

    Garuu haleellaa gareen finciltootaa Huutii Galaana Dimaa irratti dooniiwwan irratti raawwataa jiraniin kan walqabatu miti.

  15. Naqamtee: Ogeeyyiin fayyaa sammuu shamarree ganna 24 keessaa raasaasa baasuun du’a oolchan

  16. Lammata pirezidantummaaf hin dorgomu- Joorji Wehaa

    Pirezidantiin Laayibeeriyaa aangoo pirezidantummaa dabarsaa jiran Joorji Wehaa, erga filannoo alanaa mo'amanii booda filannoo itti aanee bara 2029 gaggeeffamurratti akka hin dorgomne ibsan.

    Taphataan duraanii kubbaa miillaaa Aab Wehaan bara 2017 filatamuun waggoota shanan darbaniif biyyattii bulchaa turan.

    Filannoo Sadaasaan garuu morkataa isaanii Jooseef Bookaay bira darbuu hin dandeenye. Filannoo marsaa kanaa kan mo'atan Jooseef Bookaay Wiixata dhyfu kakuu seenuun hojii eegalu.

    Aab Wehaan Dilbata darbe waldaa guddicha qarqara magaalaa Monrooviyaatti argamutti namoota walitti qabamaniif ergaa wayita dabarsan, waggaa ja'a keessatti umriinsaanii 63 akka ta'uufi waggaa 65 erga darbanii booda siyaasa keessatti hirmaachuu akka hin feene ibsan.

    ''Amma umriin koo waggaa 57. Umriin nuti soorama itti ba'uu qabnu waggaa 65. Animmoo waggaa ja'a booda waggaa 63n guuta. Waggaa lamaaf jedhee siyaasatti seenuu hin qabu,'' jedhan.

    Mataasaanii, ijoolleesaaniifi maatiisaanii yeroo kennuu akka barbaadanis ibsan.

    ''Siyaasatti kanan seeneef aangoo butee harka galfachuuf miti. Hanga umriin koo 90 ga'utti siyaasa keessa turuufis dirqama hin qabu, kan na dirqamsiisus hin jiru,'' jedhan.

    Yeroo tokkos ta'e yeroo 50- wanti guddaan pirezidantii ta'ee lammii koo tajaajiluuf carraa argachuu kooti jedhan taphataan duraanii kubbaa miillaa kun.

    ''Garuu kanan isiniif mirkaneessuu barbaadu kan koo yeroo tokko qofa.''

    Yeroosaanii haftetti nagaa fi badhaadhina biyyattiif akka tumsanis ibsan.

    Haasaa Sadaasa darbe keessa taasisaniin paartiin isaanii Congress for Democratic Change (CDC) jedhamu morkataa jabaa ta'ee itti fufa jedhanii ture.

  17. Haleellaa dooniiwwanirratti raawwatame qaala'iinsi jireenyaa dabaluu akka danda'u ogeessi dinagdee akeekkachiisan

    Ogeessi dinagdee gameessi tokko akka jedhanitti, haleellaa dooniiwwani ulaa daldalaa Galaana Diimaa qaxxaamuran irratti raawwatame hordofuun, qaala'iinsi jireenyaa mudachuu akka malu akeekkachiisan.

    Mohaammad El-Eriyan akka jedhanitti, jeequmsi geejjibaa akka yeroo Covid kan hammaatu ta’uu baatus, qaala’insa dabaluun fi guddina diinagdee danqa jedhu.

    Dhaabbileen geejjiba doonii hedduun haleellaa finciltoonni Huutii Yaman raawwatan hordofuun dooniiwwan Galaana Diimaarra imalu dhaaban.

    Dooniiwwan kaan ammoo amma karaa 'Keep of Good Hope' fiixee kibba Afrikaa kan bahan yoo ta’u, Singaapoor fi kaaba Awurooppaa gidduu dooniiwwan imaluuf guyyoota dabalataa 12 isaanitti fudhata.

    Guyyoota kanaa ol dooniiwwaan kanatti fudhachuulle mala, dooniiwwan Singaapoorirraa gara baha Meditiraaniyaaniitti imalan hanga guyyoota 18 itti fudhata jedha dhaabbanni geejjibaa doonii guddichi Hapag-Liloyid.

  18. Misaa’elli Huutii qarqara Yamanitti doonii US rukkute-Aanga’oota US

    Aanga’oonni Ameerikaa Huutiin doonii qabeenyummaan isaa kan US ta’e qarqara Yamanitti rukkutii himan. Haata’u malee, miidhaan guddaan qaqqabuu hin gabaafamne jedhan aanga’oonni US kun.

    Dooniin US kun kan haleelamte “Haleellaa US fi UKn Huutii-Yaman irratti raawwataniif deebii kennuuf,” jedhe dhaabbanni nageenya galaanaa Biriitish tokko.

    Huutiin Sadaasarraa kaasee dooniiwwan meeshaa fe’an haleelaama jiru. Huutiin dooniiwwan haleellaa irratti raawwatan kanneen Israa’el waliin walitti dhufeenya qabu jedhanis, dhaabbanni nageenyaa galaanaa kun garuu kun dhugaa miti jedheera.

    Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak UKn Galaana Diimaa keessatti of eeguudhaaf tarkaanfii dabalataa Huutiirratti fudhachuuf duubatti hin deebitu jechuun rippoortarootatti himan.

    Aanga'oonni Huutii ammas dooniiwwan US irratti xiyyeeffachuun haleeluu akka itti fufan Al Jazeeraatti himan.

  19. Walitti dhufeenya Galaana Diimaafi Huutii-Yaman

    Kampaniiwwan doonii meeshaa fe'an gurguddoo sababa haleellaa Galaana Diimaarratti mudachaa jiruun kallattii imalasaanii jijjiiruusaaniitiin, toorri dhiyeessii meeshaalee addunyaa gufachaa jira.

    Haleellaa finciltoonni Huutii warra Yaman dooniiwwan mi'a daldalaa fe'anirratti raawwatan kampaaniiwwan hedduun toora dooniin hedduun irra imalan kana dhiisuuf murteessaniiru.

    Yeroo baayyee dooniiwwan toora kibbaarraa ka'uudhaan karaa Suwiiz Kaanaal Masiriirra goranii kara kaabaatti darbu.

    Haata'u malee, sababa haleellaa Huutiin raawwachaa jiraniifi gara fuula duraattis haleellaan kun akka itti fufu akeekkachiisa jirurraa kan ka'een dhaabbileen doonii addunyaarratti gurguddoo ta'an karaa baayyee dhiyoo ykn qaxxaamura ta'e kana dhiisanii karaa fagoo hanga Afrikaa lixaatti deemanii arditti marsuun deemuuf dirqamaniiru.

    Kaartaa Yaman, ulaa Galaanaa Aden, akkasumas Baha Giddu-galeessaa keessatti toora dooniiwwan irra deeman agarsiisu kunooti.

  20. Huutiin dooniiwwan haleeluu ittin fufa jedhe

    Namni Huutii bakka ba’ee mariirratti hirmaatu Mohaammad Abdulsalaam Rooyitarsitti akka himetti, ejjannoon Huutiin waraana Gaazaarratti hordofu haleellaa Ameerikaafi UK’n Yamanitti raawwatan boodallee hin geeddaramne.

    Mohaammad Abdulsalaam Huutiin dooniwwan gara Israa’elitti qajeelan haleeluu ittifufa jedhe.

    ‘’Haleellaan dooniwwan Israa’el darbuu dhorkuuf raawwannu ykn haleellaan dooniwwaan gara buufa lafa Filisxeem Israa’el to’attutti qaxxaamuran itti fufa’’ jedhe.

    Huutiin haleellaa Sambattan darbe irratti raawwatame booda yeroo jalqabaatiif deebii kenne.

    Abdulsalaam akka jedhutti, Huutiin haleellan Israa’el Gaazaatti raawwattu akka dhaabbatu barbaada, akkasuma deeggarsi namoomaa Kaabaafi Kibba Gaazaa akka qaqqabu barbaada.