Hamaas viidiyoo namoonni butaman ajjeeffaman jedheen gadhise
Hamaas waraabbii viidiyoo haaraa ittiin reeffa Israa'eloota lama butee turee, haleellaa qilleensaa Gaazaarratti Israa'el raawwataa jirtuun ajjeeffamusaanii himuun gadhiise.
Viidiyoon kunis kan ifa taasifame erga waraabbii viidiyoo namoota butaman osoo lubbuun jiran agarsiisuu mul'iseen guyyaa tokkoon boodaadha. Haata'u malee viidiyoo sanarratti Israa'el haleellaa qilleensaa raawwataa jirtu yoo kan itti fuftu ta'e akka du'u danda'an akeekkachisee ture.
Israa'el haleellaa qilleensaatiin ajjeeffamusaanii haaltee jirti. Ministeerri raayyaa ittisaa Israa'el milishoonni ''miidhaa saayikooloojii'' qaqabsiisaa jiru jechuun himate.
Itti dabaluudhaanis namoota butaman dabalataa gadi lakkisiisuudhaaf dhiibbaa waraanaa gochuun murteessaadha jedhan.
Viidiyoon Wiixata gdhiifame kun akka agarsiiseetti, dubartiin maqaanshee No'aa Argaamaanii jedhamtu dirqiin yoo dubbattuufi dhiiroonni lama ishee waliin butamte bakka jiraniitti ajjeeffamu yoo dubbattu agarsiise.
Isheenis kanneen ajjeeffaman keessaa tokkoo kan maqaansaa Itaay Svirskii jedhamuufi umuriinsaa waggaa 38 ta'es ''haleellaa humna ittiisaa keenyaan'' ajjeeffame jechuun yoo raayyaa ittisa Israa'el itti quba qabdu dhagahamti.