Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Misaa’elli Huutii qarqara Yamanitti doonii US rukkute-Aanga’oota US

Aanga’oonni Ameerikaa Huutiin doonii qabeenyummaan isaa kan US ta’e qarqara Yamanitti rukkutii himan. Haata’u malee, miidhaan guddaan qaqqabuu hin gabaafamne jedhan aanga’oonni US kun.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Paakistaan haaloo bahuumsaaf Iraaniitti dhokaasuun sagal ajjeeffamun gabaafame

    Paakistaan haleellaawwan guyyaa Kibxataa Iraan gara biyyashee keessatti raawwatte haaloo bahuudhaaf miisaa'eela gara Iraaniitti dhukaasteen namoonni torba ajjeeffamuun gabaafame.

    Paakistaan garuu dhukaasni ishee ''lafa dhokannaa shororkeessitootaa'' Iraan bulchiinsa Sistaan Baaluchestaan keessa haleeluu himte.

    TVn Iraan akka gabaaseetti ammoo haleellaa kanaan dubartoonni sadiifi daa'imman afur ajjeeffamaniiru.

    Walitti dhukaasuun kunis yeroo ammaatti Jidduugala Bahaa keessatti yeroo muddamni hedduun mudataa jiru kanatti.

    Israa'el garee Hamaas kan Gaazaa keessa irratti waraanaa gaggeessaa kan jirtu yoo ta'u, garee Hezbollaa kan Liibaanus keessaa fi Iraaniin deeggaramu waliinis walitti dhukaasaa jirti.

    Gareen Iraaqi fi Sooriyaa keessatti Iraaniin deeggaraman ammoo humnoota US irratti haleellaa waan raawwataniif, US fi UKn Huutii Yaman keessatti Iraaniin deeggaraman irratti haleellaa raawwatan.

    Huutiiwwan Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan irratti haleellaa raawwatan.

    Paakistaaniifi Iraan yeroo dheeraadhaaf gama daangaa waloo isaanitiin gareewwan miilishaa haleellaa akka raawwataniif deeggaru jechuun wal himataa turan.

    Guyyaa Kamisaa ammoo Ministeerri Dhimma Alaa Paakistaan haleellaa raawwachuu kan mirkaneesse yoo ta'u, miidiyaan Iraan ammoo naannawaa magaala Saaraavaanitti qubachuu himan.

    Paakistaan ammoo ''haleellicha kan raawwatte gochaan shororkeessummaa bal'aan jirachuu ilaalchisee odeeffannoo qabatamaa argate irratti hundaa'een'' jechuun ''shororkeessitoota'' hedduu ajjeesseera jette.

    Itti dabaluun ammoo, ''walabummaafi tokkummaa daangaa Iraan'' gutummaa guutuutti akka kabaju ibsuun, haata'u malee, tarkaanfiin guyyaa Kamisaa fudhate garuu, ''kan Paakistaan nageenya biyyaaleessaa ishee balaawwan hunda irraa eeguudhaafi tiksuu kutannoo hin sochonee qabaachushee kan mul'isuudha'' jette.

  2. Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, Maayik Haamer, Itoophiyaa daawwachuuf

  3. Murteessaa Baamlaak Tasammaa tapha Senegaal fi Burkinaafaasoo booda jajaman

  4. Poolisoonni Keeniyaa maallaqaaf jecha lammii Chaayinaa butuu keessatti hirmaatan jedhaman to'ataman

    Qondaaltoonni poolisii Keeniyaa sadi kan lammiilee Chaayinaa maallaqa gaafachuuf ukkamsanii butuu keessaa harka qabu jedhamuun shakkaman to'annoo jala oolfaman.

    Qondaaltoonni kunneenis damee poolisii hatattamaa, Kutaa Tajaajila Waliigalaa (GSU) keessa hojjataniidha.

    Isaanis lammii Chaayinaa Amajji 8 gara hojiisaa deemuuf konkolaataa oofaa ture adamsuun harkasaa erga hidhaniin booda konkolaataan fudhanii deemuun himataman.

    Isaan boodas osoo gadi isa hin dhiisiin dura lammii biyya biraa akan humnaan saama.

    Akkasumas aanga'oonni lammii Chaayinaa tarii dursaa giingoo gochaa kanaaa ta'u male jedhe to'achuuf adamsaa jiraachu himan.

    ''Namni gochaa kana duuba jirus maatii miidhamaa biyya Chaayinaatti argamutti bilbiluudhaan maallaqa ammatti adda hin baane erga gaafateen booda, maallaqichi gara baankii isaa kan Chaayinaatti argamuutti galeera,'' jedhe ibsi pooliisiin X irratti barreesse.

    "Erga maallaqichi galfameen booda, gareen isaanii Chaayinaa keessaa maatiin kan gaafataman guutuu erga mirkanneessanii booda miidhamaan gadi dhiifame.''

    Poolisiin taateen kunis ''yakka giingoo addunyaa erga seenaandandeettii maallaqaa isaanii haalaan qoratameen booda butamanii jiraachu kan ifa baaseedha'' jedhe.

    Aanga'oonni Keeniyaa kanneen Chaayinaa keessaa waliin hojjatan adda baasuudhaaf Intarpool waliin hojjataa ta'u hime.

  5. Filisxeemoonni jaha wayita mana hidhaa Israa'el keessa turan reebamuu himan

  6. UN hongee Itoophiyaa mudate deeggaruuf deeggarsa atattamaa gaafate

    Mootummoota Gamtoomaniitti eejansiin namoomaa haala hongee Itoophiyaa keessa cimaa dhufeen yaadda'au hime, yaalii deeggarsa isaa cimsuudhaaf deeggarsa maallaqa dabalaa akka barbaachisu ibse.

    Akka UNtti Waajirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA) Roobii kaleessaa jedhetti, naannoolee Oromiyaafi Amaaraa kan lolli keessatti gaggeeffamaa jirtuutti namoonni miiliyoona afur ta'an hongeedhaan miidhamaniiru.

    ''Balaawwan hedduufi wal walirratti mudatan dandeettii ummaanni miidhaa jijjirama qilleensaa kan akka hongee dandamachuuf qabu dadhabsiisuun, miliyoonooti saaxilamtootaafi deeggarsa irratti hirkannaa cimaafi iyyummaa cimaa keessa galcheera'' jedhe eejjansichi.

    Mootummaan federaalaa Finfinneetti argamu ammoo yaaddoo beelaa kana dura ture ittisuudhaan deeggarsa dhiyeessuuf hojjataa akka jiru hime ture.

    Torban kana keessa, aanga'oonni Tigraay akeekkachiisa baatii darbe kennameen booda namoonni 200 ol beelaan du'u ibsuudhaan, naannichi ammas "qarqara balaa cimaa namoomaa irratti argama"jedhan.

  7. Dhimma Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu qaamoleen alaa akka hin galle, Obasaanjoon akka mariisisan gaafataman

  8. Dubartiin US ajjeechaa hadhasheef wal taatee hidhaan waggaa 26 itti murtaa'e

    Dubartiin lammii Ameerikaa nama haadhashee ajjeesse gargaaruun, booda ammo reeffa shaanxaa keessa goote hidhaan waggaa 26 itti murtaa'e. Ajjeechaan kunis kan raawwatame bara 2014tti Baalii keessatti ture.

    Dubartiin maqaanshee Hiitar Maak jedhamutu tunis bara 2015tti Indoneeshiyaa keessatti hidhaan waggaa 10 itti murtaa'ee garuu bara 2021tti gadhiifamte turte.

    Achiinis erga Ameerikaa geesseen booda lammii biyyattii ajjeessuudhaaf wal ta'uudhaan himatamte.

    Maak hanga ammaatti mana hidhaa Chigaagoo keessatti waggaa lama kan dabarsite yoo ta'u, murteen hidhaa waggaa 26 itti murtaa'eera.

    Roobii kaleessaa abbaan murtee Maatiiwu Keeneelii dubartiin tanatti hidhaa waggaa 28 yoo ta'u, waggoota duraan mana hidhaatti dabarsitee yaaddannoo keessa galchuun gara waggaa 23tti gadi buusaniif.

    Abbaan alangaa garuu dubartii hiriyaashee dhiiraa yeroo sanaa Toomii Scheefar waliin ta'udhaan haadhashee ajjeeffate kanaaf hidhaa waggaa 28 akka itti murtaa'u yaada kennan.

    Dubartiin tuniifi hiriyaanshee dhiiraa maallaqa haadhashee doolaara miiliyoona 1.5 argachuuf jecha ture kan waliin ajjeessan.

    Erga hooteela keessa waliin turaniitti haadhashee ajjeessanii boodas reeffa shaanxaa keessa kaa'uun erga taaksiitti feteen booda shaanxicha dhiiftee deemte.

    Booadarras konkolaachisaan taaskii dhimmicha poolisitti gabaasuun to'annaa jala oolfamte turte.

  9. Bakkeewwan amantaa Gaazaa keesatti barbadaa'an meeqa?

  10. US Huutii Yaman keessaarratti haleellaa marsaa arfaffaa raawwatte

    US garee Huutii Yaman keessaa kanneen Iraaniin deeggaraman irratti haleellaa marsaa arfaffaa raawwachuu, qondaaltoonni Peentaagan Roobii halkan mirkaneessan.

    Humni waraana Ameerikaa, misaa'eloonni Huutii 14 kan dooniiwwan Galaana Diimaa haleeluuf yaadaman ta'uu malu jedhan irratti qiyyeeffatan.

    Ajajni Baha Jidduugala US- Centcom, eddoowwan qiyyeeffannaa kunneenis misaa'eloota Tomaahawk kan bidiruuwwan humna Galaanaa Ameerikaa irraa dhukaafameen haleellaman.

    Haleellaan kunis erga Ameerikaan Huutii akka garee ''shororkeessaa addunyaatti'' farajjeen boodadha.

    Gorsaan Nageenya Biyyaaleessa US, Jaak Sulivaan, sochiin murtee farajamuu jalqaba guyyoota bulchiinsa Baayidan jijjire kunis, deebii haleellaa milishoonni naannichatti dooniiwwan daldalaa irratti raawwataniitti jedhan.

    Huutiiwwan dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa raawwachu kan eegalan baatii Sadaasaa keessa ture. Gareen kunis deebii duula Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessa jirtuu ta'u himan.

    Erga yeroo sanaatii asis, dooniiwwan daldalaa karaa Galaanaa Diimaan, sarara galaana addunyaa keessaa tokko kan ta'e irra darban irratti haleellaa hedduu raawwatan.

    Gochaa kanaaf deebii kennuuf jecha ammoo US fi UKn Amajji 11, 2024 irratti eddoowwan Huutii hedduurratti haleellaa qilleensaa raawwatan.

    Haleellaan biyyoota akka Awustiraaliiyaa, Baahireen, Neezarlaandii fi Kaanaadaa fa'iin deeggarame kunis kan eegalame, erga humnootiin Huutii haleellaa riijinicha keessatti raawwatan akka dhaabban akeekkachiisa kennameef didaniin booda ture.

    Haleellaan Ameerikaan Roobii kaleessaa qiyyeeffannaawwan Huutii irratti raawwattees kan haleellaa Huutiin dooniiwwan daldalaarratti raawwatachuu itti fufee hordofeeti. Sa'aatiiwwan duras, gareen Huutii kun torban keessatti yeroo lammaffaaf doonii US rukutanii ture.

  11. Imalaan machaa’e keessummeessituu xiyyaaraa ciniinnaan xiyyaarri deebi’ee qubbachuuf dirqame

    Lammiin Ameerikaa ganna 55 alkoolii ‘’garmalee’’ dhugee machaa’ee keessummeessituu balalii xiyyaaraa harka ciniinuu hordofee xiyyaarri daandii qilleensaa ‘All Nippon’ Tookiyootti deebi’ee qubachuuf dirqame.

    Dubbi-himaan daandii xiyyaarichaa keessummeessituun balalii xiyyaarichaa xiqqoo madooftetti jechuun AFPtti hime.

    Miidiyaaleen Jaappaan akka gabaasanitti, namtichi dawaa hirribaan fudhadhe jedhee poolisiitti kan hime yoo ta’u, waan ture hin yaadadhu jedheera.

    Xiyyaarichi wayita taateen kun mudatu imaltoota 159 qabachuun garba guddaa Paasifikirra balali’aa kan ture yoo ta’u, balaliisaan xiyyaarichaa buufata xiyyaaraa Hanedaa Tookiyootti argamutti akka deebi’uuf taateen kun dirqisiisera.

    Daandiin xiyyaarichaa akka himetti, xiyyaarichi akkuma Tookiyoo qaqqabeen namtichi poolisiitti darbafamee kenname.

  12. Xiyyaarri Itoophiyaa gara Hargeessaatti balali’aa ture akka ofirra deebiyu tasifame

    Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara magaalaa guddoo Somaalilaand Hargeessaatti balali'aa ture osoo gara daangaa qilleensaa Somaaliyaa hin seenin duubatti deebi'uu hoji-gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa BBC'tti himan.

    Akka hoji-gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Mesfiin Xaasaw jedhanitti, xiyyaarri magaalaa Finifinneerra gara Hargeessaatti imalaa ture kun Somaaliyaa irraa hayyama hin arganne waan jedhameef gara Finifinneetti deebi'ee qubachuuf dirqame.

    ''Xiyyaarri gara Hargeesaatti imalaa ture deebi'eera. Sababni isaas xiyyaarichi balalii erga jalqabee booda, Somaaliyaarraa hayyamni nuuf hin kennamne," jechuun deebi'ee qubachuu ibsan.

    Akkuma marsariitii hordoffii balalii Flytradar24 irratti mul’atutti, har’a balaliin xiyyaaraa lama gara Somaaliyaatti gaggeeffameera.

    Flightradar akka agarsiisutti, xiyyaarrii Itoophiyaa tokko kan lakkoofsi balalii ET372 qabu guyyaa sa'aatii 5tti Hargeessaa qubateera.

    Haata'u malee, xiyyaarri lakkoofsi balalii ET8372 ta’e, ganama sa'aatii 2:30tti Finfinneerraa ka'ee gara Hargeessaatti balali'aa ture Jigjigaatti ofirra deebi’uun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee sa’aatii 4:30tti qubate.

    Siiviil Aviyeeshiniin Somaaliyaa ibsa yeroo muraasa booda baaseen xiyyaarri Itoophiyaa lakkoofsi balalii ET8372 Hargeessaa akka hin qubannee dhorkamuu beeksise.

  13. Xayyaarriifi dirooniin waraanaa Itoophiyaan haaraa bitte dandeettii waraanaa hangamii qabu?

  14. Iraan milishootaa Paakistaan keessa jiran haleeluu himte

    Iraan garee milishootaa Paakistaan keessa jiran irratti xiyyeeffachuun haleeluu himte. Haleellaan qilleensaa Iraan gaggeessite kun torban kana keessa biyya sadaffaa keessatti raawwachuu agarsiisa.

    TV mootummaa Iraan akka ibsetti, oppereeshiniin kun Baloochistaan keessatti bakkeewwan lama gareen milishootaa Jahiish al-Adil jedhamu jira jedhamee yaadamu rukkuteera.

    Aanga'oonni Paakistaan halleellaa kanaan daa'imman lama ajjeefamanii kanneen biroo sadii madaa'aniiru jedhan.

    Islaamabaad haleellaan qilleensaa kun "gocha seeraan alaati" jechuun "waan hamtuu taate qaqqabsiisa" jechuun akeekkachiise.

    Haleellaan qilleensaa Iraan gaggeessite kun wayita sababa Israa'eliifi Hamaas Gaazaa keessatti waraana guyyoota 100 guute gaggeessan hordofee muddamni guutummaa Baha Giddu-galeessaa keessatti hammaachaa jirutti, akkasumas haleellaa US-UK'n Yamanitti garee Iraaniin deeggaramau Huutiirratti haleellaa waloo raawwachaa jiranittidha.

    Iraan Wixata darbe ammoo magaalaa kaaba Iraaq Irbil irratti xiyyeeffachuun balastik misaa'el dhukaastee turte. Haleellaa kana US balaaleffatteetti.

    Iraan garuu magaalaa kaaba Iraaq kanarratti xiyyeeffattee kan haleelte Israa'el 'wiirtuu basaasaa' achii qabdi jechuunidha. Halleellaa Iraaq irratti gaggeessite kanaanis namoonni nagaa afur ajjeefamanii, ja'a madaa'uu anga'oonni bakka sanaa himaniiru.

    Iraan kaaba-lixa Sooriyaa konyaaa Idlib jedhamu bakka gareen mormitootaaf dahoo cimaadha jettee yaaddutti haleellteetti.

    Teheraan walitti bu'insa bal'aa sababa waraanaa Gaazaa keessaatiin uumamu keessatti hirmaachuu hin barbaadu jettee labsiteetti.

    Garuu gareewwan diddaa "Axis of Resistance" jedhaman kan Huutii, Gaazaa keessaa Hamaas, Hezboollaah, akkasumas gareewwan garagaraa Sooriyaafi Iraaq keessa jiran Israa'eliifi michootasheerratti haleellaa gaggeessaa jiru.

  15. Ilmi pirezidaantii Somaaliyaa konkolaatan nama ajjeese adabame

  16. Waraana Israa'el- Gaazaa: Hamaas fi Israa'el deeggarsi namoomaa akka Gaazaa seenu waliigalan- Qataar

    Israa’el fi Hamaas deeggarsi namoomaa bakka waraanaan hiraarfamaa jirtu Gaazaa seenuu akka qabu ilaalchisee waliigalteerra ga’uu biyyi jaarsummaadhaan gidduusaanii jirtu Qataar beeksiste.

    Waliigalteen kun deeggarsa namoomaa Gaazaa seensisuurratti qofa xiyyeefata.

    Garee walwaraanan kunneen gidduutti jaarsummaa taa’aa kan jirtu Qataar qofa miti, Faransaayis jaarsummaatti akka jirtu ibsite.

    Bu’uura jaarsummaa kanaan namoonni harka garee Hamaasitti ugguramanii jiran dawaa barbaachisu akka argatan waliigalameera.

    Israa’el ammoo gamasheen deeggarsi namoomaa barbaachisaan Gaazaa akka seenu ni eeyyamti.

    Ji’oota sadan darbaniif haleellaa boombii walirra hin cinneen dararamaa kan jirtu Gaazaan, ammas haalli achi jiru daran yaaddessaadha.

    Ameerikaan waliigalteen kun cimee itti fufuun namoonni butaman akka gadhiifaman haalli ni mijata jettee akka abdattu ibsiteetti.

    Ameerikaan jila haala kana mijeessu gara Qataar erguu Waayit Haawusitti dubbi himaan dhimma tikaa Joon Karbii himaniiru.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Qataar Majiid al-Ansaarii bu’uura waliigaltee Kanaan deeggarsi namoomaa har’a Dohaa irraa ka’ee Masrii ni seena jedhan.

    Masrii irraa ammoo guyyaama walfakkaataa gara Gaazaa akka darbu himan. Kun kan ta’u garuu yoo kanneen Hamaasiin ugguramanii jiraniif dawaan dhihaate qofa.

    Lammiileen Israa’el 132 ta’an harka Hamaas jiru.

  17. Namni dubartii quunnamtii saalaaf isa didde billaan waraanee ajjeese hidhaa waggaa 23n adabame

    Himatamaan Daani'eel Barihee Siyyum jedhamu kun ALI Adoolessa 15, 2014 ganama keessaa naannoo sa'atii 3:30 irratti yakka ajjeechaa kana raawwachuu Miniteerri Haqaa Itoophiyaa Feesbuukii isaarratti ibseera.

    Yakki kunis kan raawwatame magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa 06 keessatti bakka Saariis Adii Ababaa jedhamu, naannawa riqicha konkolaataan irra ce'uutti ta'uu ibse.

    Himatamaan kun gamoo naannawa sanatti argamu- Fireehiwot Hintsaa jedhamu keessatti dubartii ajjeese kana jalqaba akka balbala mana fincaanii bantuuf gaafate.

    Erga isheen banteefii boodas walquunnamtii saalaa akka waliin raawwattu gaafata, wayita isheen diddu billaadhaan mormasheerra waraanee ajjeese.

    Dhimmi kun Komishinii Poolisii Magalaaa Finfinneetiin qoratamee erga qulqullaa'ee booda, Daarektara Abbaa Alangaa Yakkoota dubartootaa fi daa'imman irratti raawwatamaniin, bu'uura seera yakkaa keewwata 539, keewwata xiqqaa 1 A jalatti eerameen, Mana Murtii Olaanaa Federaalaa, daddacha Lidataa 1ffaa kan dhimmi ajjeechaa fi gochi wanbadummaa irratti ilaalamurratti dhihaachuun falmiin gaggeeffamaa ture.

    Adeemsa falmii kana keessattis ragaan abbaa alangaa erga dhagahamee booda himatamaan akka ofirraa faccisu murteen kennamee ture.

    Himatamaanis ragaasaa dhiheessee kan dhaggeeffatame ta'us, garuu himata abbaan alangaa irratti bane ofirraa faccisuu waan hin dandeenyeef, manni murtii namni kun yakkamaa ta'uusaa mirkaneessuun hidhaa waggaa 23 itti mure.

  18. Hamaas meeshaalee waraanaa akkamiin Israa'el lolaa jira?

  19. UK'tti waggaa 14 as qorri garmalee cimaan mudate- Raaga haala qilleensaa

    UKitti qorri garmaleen waggaa 14 as takkaa mudatee hin beekne baatii Amajjii kana keessa akka mudatu Waajirri Meetrooloojii biyyattii beeksise.

    Kanaanis Kibxati dhufaan erga bara 2010 as halkan baayyee qoruudha jedhame. Haaluma kanaanis haalli qilleensaa kutaalee biyyattii akka Iskootlaandii keessatti qorri -15C gadi bu'u akka malu Waajirri Meetirooloojii raageera.

    Qorri cimaafi baayyinni cabbii bu'u Iskootlaandiifi kaaba Ingilaand keessatti manneen barnootaa akka cufaman dirqisiisuufi imala jeequun ibsame.

    Akeekkachiifni cabbii cimaa kutaalee UK arfan keessattuu torban kana kennameera.

    Dhuma Jimaataatti, haalli qilleensa gannaa akkuma itti cimaa adeemu, kaaba-lixa Iskootlaandi bakkeewwan lafa ol ka'oo ta'aniitti tullaan cabbii hanga seenti meetira 40 ol ka'u mudachu malas jedhe waajirichi.

    Cabbii, duummeessi fi roobni kutaalee kaaba UK akka haguugu kan eegamu yoo ta'u, aduu xiqqoonis jiraachu mala jedhame.

    Duumeessi cimaa fi qorri garuu biyyattii guutuutti mudachuu akka danda'u himuun daandiiwwan haguugamuu akka danda'an akeekkachiisan.

    Waajirri Metroolojii UK Kibxata ganama miidiyaa hawaasaa isaarratti akka maxxansetti, ''Halkan edaa erga waggoota 14 as Amajjii isa qorraa ta'uun, haalli qilleensaa -15C gadiitti bu'uun Istoklaandiin cabbiin haguugamuu malti'' jedhe ture.

  20. 'Atakaroo mootummaa fi uummataatiin aanaa Gooroo Doolaatti barana barnoonni guutuun hin eegalle'