Paakistaan haaloo bahuumsaaf Iraaniitti dhokaasuun sagal ajjeeffamun gabaafame
Paakistaan haleellaawwan guyyaa Kibxataa Iraan gara biyyashee keessatti raawwatte haaloo bahuudhaaf miisaa'eela gara Iraaniitti dhukaasteen namoonni torba ajjeeffamuun gabaafame.
Paakistaan garuu dhukaasni ishee ''lafa dhokannaa shororkeessitootaa'' Iraan bulchiinsa Sistaan Baaluchestaan keessa haleeluu himte.
TVn Iraan akka gabaaseetti ammoo haleellaa kanaan dubartoonni sadiifi daa'imman afur ajjeeffamaniiru.
Walitti dhukaasuun kunis yeroo ammaatti Jidduugala Bahaa keessatti yeroo muddamni hedduun mudataa jiru kanatti.
Israa'el garee Hamaas kan Gaazaa keessa irratti waraanaa gaggeessaa kan jirtu yoo ta'u, garee Hezbollaa kan Liibaanus keessaa fi Iraaniin deeggaramu waliinis walitti dhukaasaa jirti.
Gareen Iraaqi fi Sooriyaa keessatti Iraaniin deeggaraman ammoo humnoota US irratti haleellaa waan raawwataniif, US fi UKn Huutii Yaman keessatti Iraaniin deeggaraman irratti haleellaa raawwatan.
Huutiiwwan Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan irratti haleellaa raawwatan.
Paakistaaniifi Iraan yeroo dheeraadhaaf gama daangaa waloo isaanitiin gareewwan miilishaa haleellaa akka raawwataniif deeggaru jechuun wal himataa turan.
Guyyaa Kamisaa ammoo Ministeerri Dhimma Alaa Paakistaan haleellaa raawwachuu kan mirkaneesse yoo ta'u, miidiyaan Iraan ammoo naannawaa magaala Saaraavaanitti qubachuu himan.
Paakistaan ammoo ''haleellicha kan raawwatte gochaan shororkeessummaa bal'aan jirachuu ilaalchisee odeeffannoo qabatamaa argate irratti hundaa'een'' jechuun ''shororkeessitoota'' hedduu ajjeesseera jette.
Itti dabaluun ammoo, ''walabummaafi tokkummaa daangaa Iraan'' gutummaa guutuutti akka kabaju ibsuun, haata'u malee, tarkaanfiin guyyaa Kamisaa fudhate garuu, ''kan Paakistaan nageenya biyyaaleessaa ishee balaawwan hunda irraa eeguudhaafi tiksuu kutannoo hin sochonee qabaachushee kan mul'isuudha'' jette.