Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Bajanni garee Waagnar guutummaatti Raashiyaa irraati - Putiin

Bajanni garee Waagnar guutummaatti mootummaa Raashiyaan kan deeggaramu ta'u Pirezidant Putiin ibsan. Loltoonni Waaginar meeshaalee waraanaa jajjaboo harkaasaanii jiru mootummaatti kennuuf ta'uullee Raashiyaan ibsiteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Miindeeffamtoonni Waagnar ittaansuun maal raawwatu laata?

    Puutiin ganamuu hin jaalatu. Dhugaattiis haala akkasii baayyee jibba.

    Kanaafuu kan amma Kirimiiliin looltoota Waagnar kan amma sochii dhiheenyaa kana keessatti hirmaatan hundaaf himannaan yakkaasaanii dhiifameefiira jedhe amanuun baayyee rakkiisaadha.

    Kunis kan dhiheenya keessa ilaalamu ta’a.

    Looltoonni sochiicha keessatti hirmaatanis gara buufata isaaniitti debii’uun waraanatti akka deebii’an itti himamuutu dhagahame.

    Garuu ammo garaagarummaa guddaatu jira.

    Gareen Waagnar ministeera Ittisaa biyyattii keessatti fudhatamaa jiru. Yeroo isaan akka mindeeffamtoota dhuunfaatti socha’aniifi maallaqa ofii sochoosan amma yeroonisaa dhumaa jira.

    Hogganaan garichaa Yevgeny Prigozhin ministeera ittisaa waliin wal dhabdee yeroo dheeraa qaba. Kanaafu loltoonni isaa ministeericha jala galuus didaa jira.

    Dhimmi ijoon Yevgeny Prigozhin tarkaanfii ammaa kana akka fudhatuuf kakaasees kanuma fakkaata.

    Looltoonni Waagnar kunneen waliigaltee mallatteessuun ministira ittisaa biyyattii jala galuun immoo hin galanin gaaffii ganaa deebii hin arganneedha.

    Kanaafuu dhimmicha Puutiinis ganaa kan dhumate miti. Ammatti rakkinichi kan furamee haa fakkaatu malee, waan guutummaatti furmaata waaraa argate hin fakkaatu.

  2. Waa'ee waliigaltee Pirigozhin waliin irra qaqqabame maal beekna?

    Marii guyyaa guutuu gaggeeffameen booda hoggaanaan garee Waaginer Yevegeny Pirigozhin gara halkanii dhimmicha akka hin hammeessine fudhate.

    Michuu Puutin kan biraa kan ta’e hogganaan Beelaaruus Aleksaander Lukaasheenkoon Sambata darbe ture kana Pirigozhin waliin mariyatan.

    Akka qaama waliigaltee kanaatti Pirigozhin gara Beelarus akka deemu waliigalateerra gahame, Kiremliin himannaa isarratti bante hunda addaaniin kutaa jette.

    Puutinis dhimmichatti waliigaleera jedha Tajaajilli pireesii Lukaasheenkoo. Akka qaama waliigaltee kanaatti, Kiremlin himannaa hogganaa garee Waagner irratti baname akka addaan kuttuu waliigaluu fi finciltoota Waagner nageenyaa isaanii nan eega jette.

    Wanti biraa Pirigozhin fi loltoota isaaf kenname jiraachuun ammaaf ifa hin taane.

    Raashiyaan jalqaba weerara Yukireenirratti erga bantee kaasee walabummaa Beelaaruus sarbuun Yukireen irratti haleellaa bante.

  3. Hoogganaan Waagnar 'dhiigni akka hin lolaane' loltoonni imala Moskoo akka dhaaban ajajan

    Loltoonni mindeeffamtoonni garee Waagnar fincilanii gara magaalaa Moskoo imalaa turan akka ofirra deebi’an ajajaan isaanii ergaa dabarsan.

    Kunis michuu Putiin kan ta’an pirezidantiin Belaarus waliin marii taasisanii erga waliigalanii boodadha.

    Loltoonni Waagnar waraana Raashiyaa tumsaa turan guyyaa har’aa hooggansa waraanaa biyyattii to’achuuf gara Moskoo imala eegalanii turan.

    Haa ta’u malee, ‘’dhiiga dhangala’u’’ hambisuuf jecha akka deebi’an ibsuu isaanii beeksisaniiru.

    Bal'ina odeessa kanaa argachuuf geessituu kanaa cuqaasaa Hoogganaan Waagnar 'dhiigni akka hin lolaane' jedhe

  4. Tamsaasa kallattii dhimma waldhibdee Waagner fi waraana Raashiyaa

    Hordooftoota BBC Afaan Oromoo akkam jirtu?

    Dhimma waldhibdee waraana Raashiyaa fi garee Waagner irratti odeessaalee kallattiidhaan isin biraan ga'uu eegalleerra.

    Taateewwan mudatan hordofnee isin biraan geenya waan ta'eef nu faana bu'aa!