Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Bajanni garee Waagnar guutummaatti Raashiyaa irraati - Putiin

Bajanni garee Waagnar guutummaatti mootummaa Raashiyaan kan deeggaramu ta'u Pirezidant Putiin ibsan. Loltoonni Waaginar meeshaalee waraanaa jajjaboo harkaasaanii jiru mootummaatti kennuuf ta'uullee Raashiyaan ibsiteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministirri Raayyaa Ittisa Raashiyaa fincila booda loltoota daawwatan

    Ministirri Raayyaa Ittisa Raashiyaa Sargee Shoyiguu fincila biyyattiitti mudateen booda loltoota biyyattii waraana Yukireen keessatti hirmaatan daawwatan.

    Dowwannaan aanga’aa waraanaa kunis erga fincilli garee Waagnar biyyattii keessatti mudatee yeroo jalqabaa ta'uu TV'n biyyattii gabaaseera.

    Qondaalli waraanaa biyyattii kunis hoogganaa garee Waagnar kan ta’e Yeveginii Prigoozhiniin baay'ee qeeqamaa turan.

    Pirigozhiin rakkoolee adda waraanaatti mudataniif itti gaafatamaadha jechuun ministirri raayyaa ittisaa biyyattii kun aangoorraa akka bu’an gaafataa ture.

    Gabaasni eejansii oduu Raashiyaa RIA ministira raayyaa ittisa biyyattii eeruun akka mul’iseetti, Shoyiguun kan amma loltoota Yukireen irratti hirmaatan dowwachuun isaanii aangoo akka itti fufan kan agarsiiseedha.

    Haata’u malee, dowwannichi yoomiifi eessatti akka gaggeeffame ilaalchisee wanti himamee hin jiru.

    Garuu ammoo erga fincilichaatiin booda yoo aanga’aan kun oduu keessatti eeraman kun kan yeroo jalqabaati.

  2. Attam jirtu?

    Tamsaasi kallatti BBC Afaan Oromoo waa'ee dhimma Raashiyaa keessa adeemaa jiru himu amma jalqabeera.

    Tamsaasa kana ammaa eegalee hordofuu dandeessu.

    Mammaaksi har'aa: ''Alagaafi ibidda bobaa jala hin kaawwatan,'' jedha.

  3. Tamsaasa keenya kallattii asirratti dhabneera

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa kallattii waa'ee taatee Raashiyaa keessatti mudate ilaalchise isin biraan gahaa turre asumarratti golabneera.

    Boru hanga odeessaalee biyya keessaafi biyya alaatiin waliitti debiinuutti bakka nagaa turaa.

    Mammaaksa keenya har'aa kanaan nagaa isiniitti dhaamna!

  4. Gorsaan Puutiin duraanii mootummaa Raashiyaa keessa ‘‘rakkoon muraasni’’ jiraachu manan.

    Gorsaan Puutiin duraanii mootummaa Raashiyaa keessa ‘‘rakkoon muraasni’’ jiraachu manan.

    Ofii qaamooleen siyaasaa Raashiyaa taatee garee mindeeffamtoota Waagnariin kaleessa mudate irratti maal jedhanii?

    Ilaalchii Sargee Maarkoov, saayintistiin siyaasa Raashiyaa fi gorsaan duraanii pirezidanti Puutiin amma agarsiiftuudha.

    Oggeessi kun sagnataa BBC Radio 4 jedhamuutti akka himaniitti, taateen kun amma ‘‘mootummaa Puutiin keessa rakkoo wayi jiraachu kan agarsiisuudha jedhan. Mootummaa biyyattis waraanaa Raashyaa guutummaan to’ataa hin jirus jedhan.

    ‘‘Kanaafuu Puutiin ykn imaammataa jijjiruu qabaata, ykn ammoo gaaffii hawaasa Raashiyaa fi qaama waraanaa Raashiyaatiin waraana Yukireen injifachuuf imaammata cimaa gaggeessuu qabaata,’’ jedhan.

    Finciltoonni Waagnar ‘‘haala sodaachisaa’’ ta’e Puutiin fi Raashiyaanoota hunda irratti uuman. Inni waraana ‘‘wal waliin cimaa’’ kaasuu mala ture jedhan.

    Itti dabalunis Puutii ‘‘dongora’’ raawwateera ta’a, garuu inni guddaan ammoo ‘‘amantaa warra liixaa inni gabuu guddaadha’’ jedhe. Ammaan booda garuu Puutiin ‘’humna waaraa’’ qofarratti hirkata ta’a jedhe.

  5. 'Hooggansa Puutiin keessatti rakkoon jiraachuun mul'ate'- US

    Ministirri Dhamma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan hoggansa Puutiin keessatti rakkoon mul’achuu dubbatan.

    Biliinkan fincilli mindeeffamottota Waagnar yeroo muraasaaf tureen akka aangoo Puutiin keessa ‘‘rakkoon wayii jiru’’ kan agarsiisuudha jechuu AFPn gabaase.

    Sochiin einciltoonni Waagnar fi looltoota isaa Sabata Raashiyaa keessa ture, kallatiidhaan rakkoo aangoo Puutiin turee jedhan Bilikan.

    Taateen kunis gaaffii cimaa akka dhugaatti qaawwii wayi jiru agarsiiseera jechuun Bilkan CBStti himuutuu gabaafame.

    Haata’u malee ammatti waa’ee egeree miseensoota Waagnar kan kaleessaa fincilanii turan maal ta’u akka malu ilaachisuun dubbachuuf yeroo isaa ganaadha jedhan aanga’aan kun.

  6. Itaansee Puutiin maal gochuu mala? kan jedhuufi gaaffiilee murteessoo gara biraa

    Erga mindeeffamtoonni Waagnar finciluudhaan aangoo pirezidantii Raashiyaa sochoosaniin booda Mooskoo keessatti tarkaanfiiwwan nageenyaa yeroo ariifachiisaa akkum kaa'ameetti jiru.

    Gaaffiiwwan hedduus ganaa deebii hin argatiin jiru.

    Ofii itti aansee Puutiin maal gochuu danda'a laata? Hogganaan garee Waagnar hoo eessatti baqata laata?

  7. Raashiyaafi Yukireen lamaanuu dirree waraanaarratti injifannoo argachuu himan

    Rakkoo waraanaa Raashiyaa keessatti mudateen alatti Yukireen keessatti adda waraanaatti lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachuuutu dhagahame.

    Ministeerri Raayyaa Ittisa Raashiyaa gabaasaa isaa dhiheenya baaseen, humnootiin waraanaa biyyattii haleellaawwan humnoota Yukireeniin bahaa fi jidduugala Yukireen keessatti aggaamaman hedduu qolachuu beeksise.

    Akkasumas bakka tokko qofaatti, bakka magaalaa Baakuhmuuti kan to’annoo Raashiyaa jala jirtuutti qofa, sa’aatiiwwan 24 darban keessatti haleellaawwan Yukireenootaa 10 kufiisameera jedhe.

    Ministirri Raayyaa ittiisaa Yukireen, Haannaa Maaliiyar gama isaanitiin Samabata galgala, loltoonni Yukireen naannawaa fi eddoowwan dhiheenya magaala Baakhmunitti argamaniitti babal’achu danda’aniiru jedheera.

    Injifannoon gareewwan wal waraanaan lamaan kunneen jedhan kunis ammatti madda walabaa irraa hin mirkanoofne.

  8. ‘‘Kun jalqaba dhuma Puutiin’’ Ministira Mummee duraanii Raashiyaa

    Taateen tibbanaa kun ‘‘jalqaba dhuma Puutiin’’ jedhan Ministirri Mummee duraan Raashiyaa Mikaa’eel Kaasyaanow.

    Mikaa’eel Kaasyaanow bulchiinsa Puutiin jalatti bara 2000- 2004tti ministira mumme ta’un Raashiyaa tajaajilaniiru.

    Garuu erga yeroo itti aangoorraa arii’atamii kaasee, kannen pirezidanti Puutiin cimsanii qeeqan keessaa tokko ta’an.

    Hogganaan garee Waagnar Pirigozhin eessa dhaqu malu? Jedhamanii kan BBC gaafataman aanga’aan duraanii kun, ‘‘Akkan yaaduutti jalqaba gara Beeraaluus imala. Beeraaluus irra ammoo gara biyyoota Afrrikaa ta’eetti imaluun achiitti boosona ykn waan akkasii keessa taa’a jedheen yaada’’ jechuun deebisan.

    Itti dabaluunis ‘‘waan raawwateef Puutiin gonkumaa dhiifama hin taasisuuf,’’ jedhan.

    Akka aanga’aan duranii kun jedhaniitti Prigozhin, tasgabbii Puutiin barbadeesseera.

    ‘‘Kanaan booda Puutiin jireenyi isaa gaaffii guddaa jalatti kufeera sababii taatee kanaatiin,’’ jedhan.

    Kun Puutiiniif, ‘‘Jalqaba dhumaatii… ammaan tana rakkoo baayyee guddaa keessa jira,’’ jedhan.

  9. Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin amma eessa jiru?

    Hogganaan garee Waagnar Yevgeny Pirigozhin ammaa eessa akka jiru hin beekamne. Akkasuma Vilaadimiir Puutin qabatamaatti amma iddoon jiraan hin beekamu.

    Sambata ganama hogganaan Kiremlin kun fincila Waagnar balaaleffachuun haasa karaa TV irratti dubbatan, garuu haasaan Puutin tamsaasa kallattiin ykn dursa waraabame ta’uun isaa ifa miti.

    Guyyuma sanaa gara boodaa miidiyaaleen akka jedhanitti, xiyyaarri pirezedantii Puutin magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskoo keessaa bahee gara Kaaba -Dhihaatti qajeele.

    Sana booda xiyyaarichi naannoo Tiver jedhamutti raadarii jalaa dhokate. Daataan marsariitii flightradar24 irra jiru odeeffannoo kana kan mirkaneessu fakkaata - garuu Puutin xiyyaara sana keessa turuu fi dhiisuun hin baramne. Kunis kan ta’e yeroo pirezedantichi gara buufata dawoo lafa jalaatti ijaarame naannoo sana jiru tokkotti qajeelaan, loltoonni Waagnar Mooskoo wayita qaqqabanitti hamiin jedhu wayita dhaga'ametti .

    Garuu dubbi-himaan pirezedantichaa Dimitiri Peeskov gabaasa kana kuffisuudhaan, Puutiin mana jireenyaa isaanii Kiremlin keessaa hojjechaa jira jedhan.

  10. Adabaabaayiin guddichi Mooskoo ammallee akkuma cufametti jira

    Adabaabaayiin Mooskoo (Moscow Red Square) jedhamuun beekamu Dilbata har’aatis akkuma cufametti jira.

    Sambata kaleessaa loltoonni Waagnar gara kallatti Mooskootti imaluu eegaluu hordofee ture haalli eegumsa magaala guddoo Raashiyaa akka cimu kan taasifame.

    Akkuma suuraa asiin gadii irratti mullatutti Adabaabaayiin Diimaa Mooskoos Dilbata’s akkuma cufametti osoo hin saaqamiin jira.

  11. Hogganaan Waagnar Prigozhin amma eessa jira?

    Waliigaltee kaleessa hogganaan Waagnar Yevgeny Prigozhin finciila eegalee ture akka dhaabuuf taasisee jedhame ilaalchiise ittaansee maal ta’uuf akka jiru fa’irratti ammatti kan ifatti barame hin jiru.

    Kan biraa hafee ammatti Yevgeny Prigozhin eessa akka jiru kan barame hin jiru.

    Yeroo dhumaatiif kan mul’ate wayita konkolaataadhaan Sambata galagala keessa magaala Rostov-on-Doon, kan kibba Raashiyaatti argamtuufi looltoonni isaa guyyaa tokkoof to’annaa jala galchanii turan, keessaa bahaa tureedha.

    Innis jiraattoota naannichaa harkasaanii itti mirmirsaa turaniitti seeqaa harka fuudhaa mal’atee ture.

    Itti aansii biyyi inni ni dhaqa jedhamee yaadamuu Beeraaluus biyya hogganaa ishee Aleeksaanda Luukaasheenkoo, michuu cimaan pirezidantii Vilaadmiir Puutiin, jaarsuummaadhaan jidduu galee fincilicha dhaabiseesee ta’a jedhamee yaadama.

    Haata’u malee Yevgeny Prigozhin erga yeroo sanaatii kaasee karoorri imala isaa ilaalchisee battalumatti caliifame.

    Naannoo kibba-Lixa Raashiyaa keessatti balaliinsii erga dhorkamee bubbuuleera. Kana jechuun ammo, Yevgeny Prigozhin’dhaaf buufanni xiiyyaaraa dhihoon kan buufata xiyyaaraa Roostov fi Volgograad fi Sochiiti. Garuu ammo tokkoon tokkoosaanii kiloomeetira 400 kan ta’u waliirra fagaatu.

    Tarii Yevgeny Prigozhin konooolaataa ykn baabuuraan imala jedhamu mala ta’a. garuu ammo Yukireen keessa qaxxamuuruun waan barbaachisuuf hanga Beeraaluus qaqabuutti daandii dheeraa itti fufhata.

  12. Kabajaan Puutin fincila dhalateen xiqqaate

    Fincilli Pirigozhin tokkummaa fi tasgabbii Puutiin fi miidiyaaleen mootummaa waggootaaf jiraachuu ibsuuf yaalaa turan ni huba.

    Namoonni hedduun jeettiwwan dhuunfaan Mooskoo keessaa bahaa turan.

    Hayyoonni siyaasaa muraasni taate kanatti ni rifatan.

    Garuu rakkoo sirnaa hin turre.Bulchitoonni naannoo saffisaa fi amanamummaadhaan Mooskoo cina dhaabatan.

    Taateewwan kun kan bara 1991 mul'aterra baayyee adda ture - yaaliin fonqolcha waraanaa gaggeeffame ture.

    Yeroo sanatti hoggantoonni naannoo muraasni dafanii finciltoota waliin hiriiran- taatee sanatti dhiyaatu hin argamne.

    Kun haala kanaan otoo jiru , kabajaan Puutin qabu fincila dhalateen kanaan xiqqaatera.

  13. 'Hogganaan Beelaaruus Lukaasheenkoon ergamaa Puutini'

    Pirigozhin hogganaa Beelaaruus Aleeksaandar Lukaasheenkoo waliin erga mari'atee booda fincila dhaabee, gara Beelaaruusitti qajeelaa akka Kiremlin jedhutti.

    Gaazexeessituu fi qorattuun lammii Beelaaruus Haannaa Liyubakovaa, waliigalteen kun ''Lukaasheenkoon gahee Puutiin jala deemuu taphachuu'' isaa agarsiisa jedhan.

    Liyubakovaan akka jedhanitti, Aleksaansadar Lukaasheenkoon ''meeshaalee gahaa Pirigozhin akka deebi'ee waan kanaan walfakkaatu akka hin hojjanne ittiin dhorku hin qabu.’’

    "Guyyaa tokko qofa keessatti Pirigozhin Mooskoo gahuu danda'eera jechuun ni danda'ama." jedhan.

    "Kanaaf dhuguma namni hawwii akkasii qabuu fi haala kana keessatti balaadhaaf saaxilamuu dadhabe Lukaasheenkoo dhaggeeffata jedhee hin yaadu," jette.

    Fincilli Pirigozhin dadhabbina Puutin waan saaxileef ''miira Beelaaruus keessa jiru hubeera'' jechuun Liyubakovaan dabalanii himan.

  14. ‘Yukireen diinni ishee wal dhabuutti gammadaa jirti’

    ‘‘Humnootiin Yukireen amma dadhabbii waraanaa Raashiyaa keessatti uumameetti fayyadamuuf ejjannoo gaariirratti argamu’’ jedhan Ameerikaatti Ambaasaadarri duraanii Yukireen.

    Biil Taayilar itti dabalunis, yaaliin fincilaa hogganaa garee Waagnar Pirigozhiin umame loltoota Yukireeniif carraa gaarii ta’uu kaasan.

    Taayilar Yukireen silaa duraanuu osoo rakkoon kun hin mudatiin tarkaanfii ofirraa qolachuu gaggeessuuf looltoota ishee qopheessaa kan turte yoo ta’u, amma ‘‘diinni isaanii qoqoodamuun isaaniif gammachuudha’’ jedhan.

    Puutiin humnoota isaa yeroo dheeraa keessatti deebisee eegalchiisuu danda’uuf looltoonni Yukireen amma socho'uu akka qaban baruu qabus jedhan.

    ‘‘Yukireenoonni biirgeediiwwan haaraa, meeshaalee waraanaa haaraa, leenjiitoota haaraa qopheessuun amma socho’uuf qophaa’oodha’’ jedhan turtii BBC waliin taasisaniin.

  15. Waa'ee hookkara Raashiyaa keessa sa'atii 24'f turee maal beekna?

    Alkaniifi guyyaa baatii Waxabajjii tokkoof, abbaan hirreefi hogganaan garee loltoota mideeffamtootaa Yevgeny Pirigozhin finciluun konkolaattoota waraanaa gara Mooskootti erguudhaan aangoo Vilaadmiir Puutiin irratti ciceerratti gaaffiilee kaasee ture.

    Piresidantiin Raashiyaa michuu isaa duraaniitiin biyya ganuun finicile waraanaa keessa galuun ‘‘duubaan dugda biyya keenyaa waraane’’ jechuun himate.

    Haata’u malee dhuma Sambata kaleessarratti, hogganaan Waagnar waan hundaa callisiisuun looltoonni isaa gara buufata isaaniitti akka deebii’aniif waamicha taasise.

    ‘‘Sa’aatii 24 keessatti Mooskootti fageenya kiloomeetire 200 irra qaqabneerra. Sa’aatii kanatti coba tokkittii dhiiga looltoota keenyaa dhangalaasuu hin barbaadnu’’ jechuun labse.

    Ofii kun fonqolcha immoo waan biraati?

    Ballinsaa karaa kanaani seenaa dubbiifadhaa: Waa'ee hookkara Raashiyaa keessa sa'atii 24'f turee maal beekna?

  16. Gareen mindeeffamtoota Waagnar Raashiyaa dhiphisanii eenyuu?

    Waa’ee Garee mindeeffamtoota Waagnar fi hogganaa saanii waa’ee Yevgeeny Pirigozhin baayyee dhageenyeerra ta’a. Garuu Gareen mindaafamtoota Waagnar eenyuudha?Eenyuun mindeeffamas?

    Mindeeffamtoonni (mercenaries) namoota itti amananii osoo hin taanee mallaqni waan kanfalamuuf waraana irratti hirmaatan jechuudha.

    Gareen kun qaama looltoota idilee miti. Akka Mootummoota Gamtoomaniitti, seera idil-addunyaa jalatti waraana hidhannoo keessatti namoota maallaqaan miindeeffamanitti fayyadamuun seeraan ala.

    bal'ina odeesaa kanaa argachuuf asiin seenaa: Gareen mindeeffamtoota Waagnar Raashiyaa dhiphisanii eenyuu?

  17. Waayit Haawus dhimma Waagnar maal jedhe?

    Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden taateewwan Raashiyaa keessatti raawwataman ilaalchisuun hanga ammaatti homaa hin dubbanne.

    Waayit Haawus Sambata akka ibsetti, Pirezedant Baayidenii fi Pirezidaantii Ittaantuu Ameerikaa Kamalaa Haaris, gorsitoota olaanoo dhimma nageenya biyyaalessaa waliin dhimmicharratti haasa’aniiru.

    Baayiden gorsitoota olaanoo waliin mari’achuu hordofuun hoggantoota Biriteen, Faransaay fi Jarmanii waliinis akka dubbatan himame.

    Boodarra miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, Baayiden gorsitoota nageenyaa olaanoo waliin gama viidiyoon mariyachuuf imala gara Kaampii Deeviditti beellamame harkifachiisan.

    Gorsaan Dhimma Nageenyaa Ameerikaa Jeek Sulivan gara Awurooppaatti imaluu karoora qaban haqaniiru.

  18. Gareen Waagnar wayita Magaalaa Voronezh keesssa darbaa jiraniitti taateen mudate omtu hin jiru- bulchaa

    Gareen looltoota Waagnar wayita bulchiinsa Raashiyaa Voronezh keessa socha’aniiti taatee mudate akka hin jireefi sochiichis gara xumuraatti dhiyaachaa jiraachu bulchaan naannichaa Aleeksaanda Guseev himan.

    Samabata kaleessaa ture Gareen Waagnar buufata waraanaa magaalaa Vorobezh fi Rostov-on-Doon keessatti argaman guutummaan to’achu kan beeksiise.

    Booda keessa ammo hogganaan gariichaa Yevgeny Prigozhin fincilicha irraa of qusachuuf walii galuunsaa dhagahame.

    Guuseev odeeffannoo miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin, sochiin looltoota Waagnar ‘‘mudannoo malee’’ raawwataa jira jedhan. Haata’u malee,daandiilee gurguddaa dabalatee, dhorkaawwan kaa’aman hundi erga dhimmichi furameen booda kan kaafamu ta’as jedhan.

    Haata’u malee, mootummaan kana jechuunsaa looltoonni Waaganr guutuummaa naannicha kan kibba Mooskoorraa fageenya kilomeetira 450 irratti argamu kana keessaa bahaa haa jiraatanii ykn haa dhiisanii addatti kan jedhe hin jiru.

  19. Puutiin wayita waa jedhu maaliif hin dhagahamiin?

    Fincila waraanaa sa’aatii 24’f Raashiyaa keessatti mudateen booda rakkinichi hogganaan garee Waagnar akka biyyaa bahuun gara Beraaluusitti imaluu taasisuutu gabaafame.

    Yevgeny Prigozhin gara Beeraaluus akka imalu kan murtaa’e erga pirezidantii biyyattii Aleeksaandar Luukaashenkoo waliin mari’ataniin booda ture.

    Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinis, ammaaf waan balaa bara kana keessa bulchiinsa aangoosaatti aggaamamee ture jalaa oole fakkaata.

    Garuu ammoo hodooftoonni Kirimiliin hedduun, Raashiyaafi biyya allaarraa- garuu ammo Puutiin gochaa fuuldura isaa dhaabbannaa Pirigozhiin, kan baayyee isaaf amanamaafii deeggaraa isaa tureen, ifatti akkasii taasiseen kan baayyee yeella’e fakkaata.

    Pirigozhiin waliitti dhiheenya Puutiin qaburraa ka’amuu fi nayyata Mooskoof akka dhiyeessuuf kontiraati waan kennameef irraa ka’amee maqaa amsoo ‘‘Chaafii Puutiin’’ jedhu hanga kennamuufiitti gahameera.

    Amma Puutiin dhuunfaatti humnatti fayyadamu isaa waan dhabe fakkata. Pirigozhiin wayita magaaloota Raashiyaa gurguddoo keessatti buufataalee waraanaa to’atuutti kun kan Pirigozhiin mirkanaa’ee fakkaata.

    Sambata ganamas, haasaan Puutiin TV biyyaaleessaa irratti taasiseen Pirigozhiin biyya kan ganeefi ‘‘duubaan nu waraaneera’’ jechuun himate.

    Erga yeroo sanaatii kaasee Puutiin ifatti hin mul’anne. Samabata gara gargalaa keessa dubbii himaa Puutiin kan ta’e Dimitrii Peeskoov yeroo gabaabaa keessatti haasaan pirtezidantii kennamu akka hin jirree hime.

  20. Looltoonni Waagnar wayita Rostov-on-Doon gadhiisaniitti gammachuufi dhukaasaatu ture

    Taatee halkan kaleessaa Raashiyaa keessatti mudate keessaa tokko wayita looltoonni miindeffamtoota Waagnar magaala murteessituu Raashiyaa kan taate Rostov-on-Doon gadi dhiisaanii bahaniidha.

    Gareen Waagnar wayita fincalaniitti magaalattii guutuummaatti to'annoo jala galfatanii ture.

    Looltoonni mindeeffamtootaa kunneenis erga hogganaan isaanii Yevgeny Prigozhin mudamicha dhaabuudhaaf waliigaltee gara Beeraaluus imaluuf taasiseen booda ture magaalattii gadhiisanii bahuu kan eegalan.

    Muddama mudate hordofees hogganaani Waangaras ta'e looltoonni isaa kamuu himannaan irratti hin banamu jedheera bulchiinsi Puutiin.

    Looltoonni Waagnara wayita magaalattii keessaa gadhiisanii bahaniittis ummata naannichaatiin harka waliitti rukutaa nagaa itti dhaamaa turan.

    Haata'u malee, jiraattoonni magaalichaa muraasni akkuma looltoonni Waaganar magaalattii seenanii baabuuraan magaalattii keessaa baqataa turan.

    Waraabbii viidiyoo BBC'n mirkanneeffate tokkoorratti wayita looltoonni magaalicha keessaa bahaniitti sagaleen qawwee wayita dhokaafamu ni dhagahama.