Baayiden dorgommicha mo'achaa jiraachuu himan

Filannoo Pireezidantummaa Ameerikaa itti bahi isaa addunyaa guutuun eegamaa jiruun, adeemsi lakkaa'uu sagalee harkifatuus Baayidan dursaatuma jiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tv'n Raashiyaa filannoon Ameerikaa ’qalbii dhabuudha’ jedhee ibse

    TV Raashiyaa

    Madda suuraa, Rossiya 24

    TV Raashiyaaf kaadhimamaa pirezidantii kamtu Ameerikaa fi Raashiyaaf caalaa fooyyee qaba kan jedhu gaaffii ijoo hin turre.

    Dimokiraasii Ameerikaa kufee, shakkii keessa akka waan seeneefi biyyoota kaanifillee fakkeenya ta’e barsiisuu sadarkaa hin dandeenyeerra jiraachuu dhaamsa agarsiisu dabarse.

    Miidiyaan biyyattii Rossiya 24 jedhamu viidiyoo namoonni yeroo wacuu fi karaarratti wal loluu agarsiisuu gadhiisuun booda, filannoon Ameerikaa kun’ maraatummaadha’ jedhe.

    Miidiyaan biyyatti daawwattoota hedduu qabu kan biraa tokkos hokkorri ‘’dhalachuu mala’’ jedhe.

    Tv’n Kiremeliin deeggaruu tokkoommoo Tiraamp akka Daawwit diinaasa Gooliyaadiin loluutti fakkeessee ibse.

  2. Filooriidaa Tiraamp harkaa baasuun hin danda’amne

    Tiraampiifi Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Warri Dimokiraatotaa Filooriidaa barana harka warra Rippabilikaanotaa keessaa baasuuf hedduu xaaraa turan.

    Filooriidaa irratti mo’achuun carraa Tiraampiin Waayit Hawus keessaa baasuu akka taatettis yaadanii hojjechaa turan.

    Haata’u malee, yeroo ammaa sagaleen Isteetichaatti kenname lakkaa’amee dhumuu jala yeroo gahetti, Tiraamp akka mo’atu tilmamameera.

    Haaluma kanaan, sagaleen Filooriidaa lakkaa’ame akka agarsiisutti Tiraamp %51, Baayidan ammo %48 argataniiru.

    Yeroo ammaa sagalee 270 morkataan tokko pirezidantii ta’uf isa barbaachisu keessaa Baayidan 224 argachuun dursaa jiru, Tiraamp 213’n itti aanu.

    Bulchiinsota yookiin isteetota 50 keessaa garuu ammallee bu’aan filannoo bulchiinsota 9 ni hafa.

  3. Bu'aan filannoo US maaliif hanga ammaatti hin baramnee?

  4. Feesbuukiin fayyadamtoota Tiruump mo’ate jechuun maxxansan akeekkachise.

    Feesbookin haasaa Pireezdaant Tiraamp waa’ee injifachuu isaa irratti ragaa malee dubbateef deebii kenne.

    “Akkuma Tiraamp ragaa malee wa’ee injifannoo haasa’uu eegaletti, nuti Feesbuukiifi Inistagramii irratti namni hundi akka baruuf beeksisa sagaleen lakka’aamaa akka jiruufi injifataan akka hin baramne ibsu gadhiisneerra,” jechuun dubbi himaan Feesbuukii NBCtti himeera.

    Isteetota akka Peensalveeniyaa, Mishigan fi Wiskaansan keessatti saglee namoota miiliyoona hedduu bu’aa filannichaa baruuf lakkaa’amuutti jira. Qondaaltonni filannichaa nama filanicha injifate baruuf guyyaa muraasa nutti fudhachuu mala jedhu.

    Dursee Tiwiitarri barreeffamma pireezidant Tiraamp maxxanse “wa’ee filannoo irratti odeeffannoo dogoggoraa kan keennuu maludha” jechuun akeekkachisa irra kaa’e.

    Fayyadamtoonni waa’ee filannoof odeefannoo sirri akka barbaadan gorseera.

    Tiraamp kan Tiwiitara“Lakkoofsa guddaan dursaa jirra, garuu filannicha hatuu barbaadu,”jechuun barreesse.

  5. Tiraamp sobaan sagaleen hatame jedhuulleen bu'aan kallattiin lakkaa'amaa jira

  6. Guyyaa filannootti mormitoonni daandiitti ba’an

    Guyyaa filannoo irratti, wiirtuuleen filannoo erga cufamanii booda, Pireezidaant Tiraampiin mormuun hiriirri daandii Waashingatan DC’tti ba’ame, amma gara hokkoraatti geeddaramaa jira.

    Namootni hedduun magaalaa guddittii keessatti hiriira ba’uun gariin daandii cufuun gariin ammoo richitii dhukaasaa turaniiru.

    Namoonni “Yoo nuti haqa hin argannu ta’e, isaan nagaa hin argatan” jechuun dhaadannoo dhageessisanis turaniiru.

    Mormitoonni kunneen harka caalaa naga qabeessa yoo tahan, Waayiit Hawuus fulduratti garuu waldhabdeen akka jiru gabaasameera. Namootni sadiis to’annoo jala ooluu isaanii NBC Washington gabaaseera.

    Gazeexeessituun CBS Kiristiina Ruffiini wanti “boombii aara baasu” fakkaatu naannichatti kan gadhiifame fakkaata jechuun Tiwiitara gubbaatti barreessiteetti.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  7. Tiraamp bu’aa filannoo ajaa’bsiisaa’ arganne jedhe

    Doonald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp Waayit Hawuusitti ibsa kennee irratti maatii isaa fi deggartoota isa filachuuf ba’an galateefatteera.

    “Kabaja guddaaf qophaa’aa jirra,” jedha. “Waan hunda injifachaa jirra.”

    Keesssumatti Filoridaa keessatti mo’achuu isaa hedduu jajeera.

    “Hin injifannee qofa miti, lakkoofsa guddaan injifanne,” jedhe.

    Akkuma Joo Baayidan dursee dubbate Tiraampis Pensilveeniyaa keessatti dursaan jira jedhe. Ta’us eenyu isteeti sanaratti akka mo’ate ifa hin taane.

    Sagaleewwan miiliyoonaa ta’an utuu hin lakkaa’amiin, Doonaald Tiraamp injifannoo hin mirkaanoofne beeksiseera.

    “Dhugaa dubbachuuf filannoo kan injifanneerra,” jedhe. Ragaa malee filannoo irratti ‘hanni’ jiraachuu eere.

    “Kun biyya keenyaaf qaaniidha,” jechuun bu’aa filanichaa moormuuf gara Mana Murtii Olaanaa deemuuf karoora akka qabus ibseera.

    Filannoo 2020’f sagaleewwan miiliyoonaan ta’an hin lakka’aamne, kanaaf pireezdaantichi injifannoo labsuun isaa fudhatama hin qabu.

  8. Tiwiitarri wanta Tiraamp guyyaa filannoo maxxanserra akeekkachiisa kaa’e

    Tiwiitarri barreeffamma pireezidant Tiraamp maxxanse “wa’ee filannoo irratti odeeffannoo dogoggoraa kan keennuu maludha” jechuun akeekkachisa irra kaa’e.

    Fayyadamtoonni wa’ee filannoof odeefannoo sirri akka barbaadan gorseera.

    Tiraamp kan Tiwiitara irratti barreesse, morkataan isaa Joo Baayidan waltajjii Delaweeritti ba’uun hanga sagaleen lakkaa’amee dhumutti obsaa jechuun gorsa isaa erga kennee boodaa yeroo muraasa tureeti.

    “Lakkoofsa guddaan dursaa jirra, garuu filannicha hatuu barbaadu.”

    “Kana akka isan godhan hin eeyyamnuufi. Erga wiirtuun filannoo cuufamee sagalee kennuun hin danda’amu,” jechuun ture kan Tiraamp barreesse.

    Pireezidantichi ragaa qabatamaa malee wa’ee filannoo “hatuu” irratti yeroo hedduu duula na filadhaa isaa irratti dubbateera.

    Wayita ammaas Waayit Haawusitti ibsa kennu jedhamee eegamaa jira.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  9. Baayidan Minesootaa injifachuun dursummaa harkatti deebifatan

    bu'aa filannoo

    Madda suuraa, bb

    Doonaald Tiraamp kutaa biyyaa Teeksaas kan sagalee 'electoral college' 38 kan qabu injifatanii dursuu eegalanis, Joo Baayidan Minesootaa irraa sagalee 10 argachuun dursummaa harkatti deebifatanii jiru.

    Minesotaan lafa dimokiraatonni deeggarsa jabaa qabanidha. Bara 1972 irraa kan hafe waggoota 60 darbaniif dimokiraatota filachaa turte.

    Ammatti Baayidan sagalee 220 argachuun kan dursan yoo ta'u Tiraamp 213 itti aanu.

  10. Amma nu gahe, Tiraamp Teeksaas injifachuun dursuu eegalan

    bu'aa filannoo

    Doonaald Tiraamp kutaa biyyaa Teeksaas injifachuun morkataa isaanii sagalee caalmaan dursuu eegalan.

    Kutaan biyyaa kun sagalee 'electoral college' 38 kan qabu yoo ta'u, kutaa biyyaa murteessoo jedhaman keessaa tokko.

    Ammatti Tiraamp sagalee 213 argachuun kan dursan yoo ta'u Baayidan 210 itti aanu.

  11. Astiroonaatii dorgommii seneetii Arizoonaa mo’ate

    Astiroonaatii hawaa kan ture Maark Keelii seneetii Arizoonaf Reppaalikaanii Martaa McSalii injifateera.

    “Sagaleen lakkaa’amera ni miilkoofnas,” jechuun Taskanitti waltajjiitti ba’uun dubbateera.

    “Har’a wa’ee kabajaa miti. Har’a yeroo hojiiti,” jedha.

    Keeliin hojii siyaasaatti haaraadha, haatii warraa isaa Gaabriyeel Gifoords kongireesii keessa kan turte yoo ta’u bara 2011tti daawwannarra utuu jirtuu rasaasaan mataarra rukutamtee ture.

    Waggooti itti anaanitti Keelii fi haati warraa isaa to’annoo meeshaa waraanaa irratti ciimsanii dubbachuun beekamu.

    Maark Keelii

    Madda suuraa, JOE RAEDLE

  12. Joo Baayidan - 'filannoo kana injifachuuf toorarra jirra'

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Wayita bu'aan filannoo jala jalaa himamaa jirutti filannicha dursaa kan jiran kaadhimamaan dimokiraatotaa Joo Baayidan Deelweeritti waltajjiitti bahanii dubbatan.

    Deeggartoonni isaaniis haala ho'aa ta'ee isaan simataniiru.

    "Amma dura akka gaarii jirra" jedhan deeggartoota erga nagaa gaafataniin booda.

    "Kuni yeroo dheeraa fudhachuu akka malu beekamaadha, hanga boruutti itti fufuu mala, sanarras dheerachuu mala" jechuun deeggartoonni obsaan bu'aa filannoo akka eegan dhaaman.

    "Amma dura garuu akka gaarii jirra, toora injifannoorra jirra" jedhan.

    "Hanga sagaleen nama hundaa lakkaa'amuutti, kun hin xumuramne" jedhan.

  13. Tiraamp Filooridaa irratti injifachuun garaagarummaa dhiphisan

    bu'aa filannoo

    Kutaalee biyyaa ykn isteetiiwwan 34 bu'aan kan himame yoo ta'u kaadhimamaan dimokiraatotaa Joo Baayidan sagalee 'electoral college' 205 argachuun dursaa jiru.

    Filooridaa irratti sagalee caalmaa kan argatan Tiraamp sagalee 'electoral college' 165 gahuun garaagarummaa Joo Baayidan waliin qaban dhiphisaniiru.

    Namni injifatu sagalee 'electoral college' 580 keessaa 270 injifachuu qaba.

  14. Jooy Baayiden, mudannoo gaddisiisaatii hanga hoggansa ol-aanaatti

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezdaantii itti aanaa US kan turan Jooy Baayden yeroo sadaffaaf dorgommi filannoo keessa seenaniiru.

    Amma filannoo pireezdaantumma 2020 irratti kaadhimama ta’uun pireezidaant Donald Tiraamp morkachaa jira.

    Ayowaa fi Kaaba Hamshaayir keessatti jalqaba deeggarsi argataa ture gadi bu'aa tahus deebisee fudhatamummaa guddaa argateera.

    Dorgommii filannoo har'aa kanas sagalee caalmaan dursaa jiru.

  15. Isteetiiwwan falmii cicimmaan itti gaggeeffame kam fa'ii?

    Isteetiiwwan Ameerikaa dorgommiin cimaan keessatti gaggeefamu kam akka ta'an quba qabduu?

    Odeessaalee dabalataatiif marsariitii keenya milladhaa.

    ISteetiiwwan bakka falmii cimaa tana
  16. Tiraampiifi Baayidan qeerrummaa hanga raabomaatti maal fakkaatu ture?

  17. Joo Baayidan garaagarummaa bal'aan Tiraamp dursaa jiru

    bu'aa filannoo Ameerikaa amma dura jiru

    Filannoo Pireezidantummaa Ameerikaatiin kaadhimamaan dimokiraatotaa Joo Baayidan garaagarummaa bal'aan dursaa jiru.

    Isteetiiwwan 50 keessaa bu'aan filannoo isteetiiwwan 31 kan ibsame yoo Joo Baayidan sagalee 'electoral college' 192 argachuun dursaa jiru.

    Doonaald Tiraamp ammoo sagalee 114 argachuun itti aanu.

    Joo Baayidan ykn Tiraamp 'electoral college' 580 keessaa 270 ol argachuu qabaatu.

    'Elektoraal Kolleejjiin' sirna yeroo dheeraaf namni filannoo pireezidantummaa mo'ate ittiin beekamudha.

    Isteetiiwwan baay'ina uummataa irratti hundaa'uun lakkoofsi 'electoral college' wal caalu kan murtaa'ee kennameef qabu.

    Isteetiiwwan lamarraa kan hafe isteetiiwwan biyyattii hunda keessatti kaadhimamaan sagalee uummataa caalmaa argate 'electoral college' isteetiin sun qabu mara dhuunfata.

    Kanaaf jecha kaadhimamaan tokko sagalee uummataa caalmaa argatus lakkoofsa 'electoral college'n caalamee mo'amuu danda'a.

  18. Nagaa bultanii?

    Guyyaa har'aa Filannoo Biyyaaleessa US 2020'f guutummaa biyyattitti sagaleen kennamaa jira.

    Nutis adeemsa filanichaa kallattiin isin biraan genya.

    Dhiyaadhaa!

    Trump fi Baayden