Miidiyaa
hawaasummaa irratti sagaleen Tiraampiif kenname hin lakkaa’amu jdhamee dubbatamuu hordofee wiirtuun sagaleen filannoo
itti lakkaa’amu Maricopa, Arizonaa fuulduratti namootni Rippaplikanoota deeggaran walitti
qabaman.
Mormitoonni
tokko tokko wiirtucha keessa seenanii kan turan yoo ta’u akka gadi ba’an
taasifameera.
Aanga’oonni
poolisii waamuuf kan dirqaman yoo ta’u, hojjattoonni garuu sagelee lakkaa’uu addaan
hin kutne.
Maxxansa X irra dabri, 1Qabiyyee X hayyamtaa?Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. Bu’aan filannoo Arizoona ammatti hin beekamu. Hanga ammatti sagaleewwan Maricopa %82 lakkaa’aman irratti Joo Baayden dursaa jira.
Anga’oonni sagaleewwan 400,000 ol hin lakkaa’amiin jiran akka qaban himu.
Bulchiinsi, magaalaa Fiiniksi of keessatti qabatu kun, isteetii Rippaablikaanii ta’uun beekamtu keessatti akka dirree waraanaa filannootti ilaalama.
Maxxansa X irra dabri, 2Qabiyyee X hayyamtaa?Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. Poortilaandi fi Origoonitti ammoo hiriirri mormii kanneen Tiraamp sagaleen lakkaa'amuun haa dhaabbatu jechuu mormuuf bahan hokkoratti geeddarameera.
Humni 'national guard' jedhamu hokkora kana to'achuuf socho'eera.
Mormiin wal fakkaataan Niwu Yoork, Filaadeelfiyaa fi Chikaagoo keessattis kan mul'ate yoo ta'u Minesotaatti mormitoonni 200 ta'an karaa cufanii turan.