Mala ittisa tatamsa’ina koronaavaayirasii saalaan adda baafame
Peeruun tatamsa’ina koronaavaayirasii hirrisuuf jecha dhiirriifi dubartiin guyyaa garaagaraatti akka manaa bahaniif hayyamte.
Akka seera kanaattis warreen dhiiraa guyyaa Wiixata, Roobiifi Jimaata mana bahuun kan hayyamamuuf yoo ta’u, kunis waan murteessaa ta’e bitachuuf qofaadha jedhan pirezidaantiin biyyattii.
Pirezidaanti Maartiin Vizkaar akka ibsaniitti, dubartoonni ammoo Dilbata osoo hin dabalanne guyyoota warri dhiiraa manaa hin baaneetti bahuu danda’u jedhan.
Tarkaanfiin kunis yoo xinnaate hanga Ebla 12’tti hojiirra kan oolu ta’a. Paanaamaanis labsiidhuma walfakkaataa saalaan adda baafame kana labsitee turte.
Peeruunis biyyoota Kaaba Ameerikaa jalaqaba uggura sochii labsiteedha.
Biyyattii keessattis namoonni 1,400 ol ta’an Covid-19n qabamuun mirkanaa’uu isaa Yunivarsitiin Joons Hopkiins ibseera.