Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaa - namooti dabalataa jaha COVID19'n qabamuun mirkanaa'e

Sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 74'f taasifamee keessaa namoonni jaha vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera jedhe Ministeerri Fayyaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa keenna kallattii har'aa asumarratti xumurra

    Weerarri COVID-19 Chaayinaarraa ka'ee yeroo ammaa kanatti yoo xiqqaate biyyoota 182 keessatti tatamsa'eera.

    Dhukkuba kanaan hamma ammaatti lubbuun namoota 55,000 ol yoo darbu, namoonni miiliyoona tokko ta'an dhukkubbichaan qabamaniiru.

    Suuraan argitan kun hospitaala yeroodhaaf dhukkubsattootta COVID-19 yaaluuf mootummaan Ispeen, Maadriid keessatti ijaaredha.

    Ispeen keessatti namoonni 10,000 ol sababa koronaavaayirasiin lubbuunsaanii darbeera.

    Tamsaasa kallattii keenna kan birootiin boru walitti deebina!

    Fayyaan faaya | fayyaa ta'aa

    Waliirraa siiqaa | ofeegaa

  2. Amma nu gahe, Niiw Yoork’tti lakkoofsi namoota du’anii dabalaa jira

    Bulchaan Niiw Yoork Andrew Cuomo ibsa kennaniin guyyaa tokkotti namoonni du’an 2,300 gara 2,900’tti ol guddateera jedhan.

    Akka isaan jedhanitti lakkoofsi kun dabalaa kan jiruu fi lakkoofsi namoota qorannoon taasifameef hanga har’aatti 21,000 ol jedheera.

    Gama biraatiin:

    ·Niiw Yoork erga kaleessaatii as namoonni 10,000 haaraan qabamaniiru

    ·Namoonni 102,000 ta’an qoratamanii vaayirasichaan qabamanuunsaanii mirkanaa’eera

    ·Namoonni 14,000 hospitaala kan jiran yoo ta’u, namoonni 3,700 haala hamaa keessa jiru

    ·Namoonni 8,800 ta’an hospitaalaa bahaniiru.

  3. Piriimeer Liigiin Ingliiz Ebla 30 hin jalqabamu

    Piriimeer Liigiin Ingliiz “hamma nagaa ta’uu fi dorgommicha jalqabuun barbaachisaa ta’utti,” hin jalqabamu jedhame.

    Eega dorgommiin liigichaa adda cite booda Ebla 30 jalqabama jedhamee ture.

    Kilaboonni gurguddoon liigichaa sababa taphatoonni mindaasaanii guutuu kaffalaa jiraniif qeeqamaniiru.

    Chaansilariin Rishsi Sunak kilaboonni Piriimeer Liigiis akkuma hojiilee daldalaa biroo “itti gaafatamummaan itti dhagahamuu qaba” jedhan.

    Kilaboonni ol’aanoon mindaa taphattootasaaniirraa %30muruuf taphattoota waliin walii galaniiru.

    Isaanis “NHS, hawaasa, maatii fi namoota saaxilamoo ta’an gargaaruuf Yuuroo miiliyoona 20 kennaniiru. Akkasumas Liigota gad aanaa gargaaruuf Yuuroo miiliyoona 123 kennaniiru.

    Dursitoota garee 20 ta’an waliin mari’ataa turan. Mariisaanii boodas NHS waliin ta’uun tola ooltummaadhaaf gargaarsa ni taasisu jedhamee eegama.

  4. Amma nu gahe, Lammiileen Keeniyaa hundi maaskii akka godhatan gorfaman

    Ministeerri Fayyaa Keeniyaa fuula Twitter isaa gubbaa odeeffannoowwan walitti fufiinsaan maxxanseen, namoota vaayirasichi irratti argamu keessaa harki 20 haga 30 tatamsa'inna hawaasa keessaati jedheera.

    Jarri kun gara biyyoota alaatti kan hin imalleefi namoota imalan wajjin qunnamtii kanneen hin qabnedha jedhameera.

    Kanumaafis jecha lammiileen Keeniyaa hundi vaayirasicharraa ofeeguuf maaskii afaaniifi funyaan haguugu akka godhatan gorseera minsteerichi.

    Ministirri Indastirii biyyattii Beetii Maayinaa waan jedhan ''warshaan oomisha uffataa biyyattii, humna hagugduuwwan afaaniifi funyaan miiliyoona 60 oomishuuf humna qaba.

    Gatiin gurgurtaa maaskii tokkoos shiliingii Keeniyaa 20 (Birrii Itoophiyaa 7) hin caalu,'' jedhaniiru.

    Maaskonni oomisham kunis sadarkaa yookaan gulantaa sadii kan qabanidha - golgaawwan lama walirra kaa'aman/dabalamaniifi ginni sadaffaan ammoo kan qilleensa calaludha.

    Kana malees, mootummaan biyyattii veentileetaroota biyyuma keessatti oomishaman raggaasisuuf hojiirra jira jedhameera.

  5. Diroogbaafi Eetoon doktoroota 'talaalliin Covid19 Afrikaatti dura yaalamuu qaba' jedhan balaaleffatan

  6. Loltoonni manaa bahuun yeroo dhorkamee jirutti dubartoota gudeeduun himataman

    Ruwaandaatti weerara koronaavaayirasii ittisuuf jecha loltoonni manaa bahuun yeroo dhorkamee jirutti seera kabachiisuutti jiran dubartoota gudeeduun himataman

    Biyya Ruwaandaa magaalaa Kigaalii keessatti loltoonni qajeelfama sochii dhorkuu hojiirra oolchuuf bobba'anii jiran dhiirota reebuufi manaa ar'iuun, akkasumas dubartoota dirqiin gudeeduun himataman.

    Jiraattonni magaalattii naannoo Niyaarutaramaa jedhamtuufi bakka namoonni harka-qalleeyyiin baayyinaa jiraatanidha loltoota kana kan himatan.

    Ruwaandaan weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf guutuummatti erga lammileesheetti mana cuftee torban lama guuteera.

    Himannaa jiraattonni magaalaa Kigaalii dhiyeessan kana irratti guyyaa har'aa qorannoon gaggeeffamuu jalqabameera.

    Qondaaltonni waraanaa jiraattota naannoo itti himannaan kun dhiyate deemuun mana barumsaa dhiyeenya sana jirutti jiraattota waamuun yaada himata isaanii fuudhaa jiru jedha rippoorterri BBC Kigaalii jiru.

  7. Hawaasni Maaleezhiyaa keessaa sodaa koronaavaayirasiitiin ‘gara bosonaatti galan’

  8. Afrikaan Kibbaa namoota 47,000 ol COVID19f qoratte, Sadarkaa weerarri kun irra jiru sirritti beekuuf caalaa qorachuu barbaachisa jette

  9. Indiyaatti ijoolleen lakkuu dhalatan ‘Koronaa fi Koovid’ jedhaman

  10. Paakistaanitti namoonni seera cabsuun sirna awwaalchaa maatii irratti argaman poolisiin to'ataman

  11. Baankiin Addunyaa ittisa koronaaf doolaara mil. 82.6 Itoophiyaaf kennuufi

  12. Itoophiyaa - lakkoofsi namoota qabamanii 35 gahe

  13. 'Namoonni miliyoona 5 hanga 10 koronaan qabamuun hin oolu'

  14. Ertiraan tatamsa’ina koronaavaayirasii hirrisuuf hidhamtoota akka gadhiiftuuf gaafatamte

  15. Biyyoota dhibeen Covid-19 keessatti hin argamiin 18