Chaayinaa, magaalaa Shenzenitti foon addurreefi saree nyaachuufi gurguruun dhorkameera.
Seerri kun kan ba’e weerarri koronaavaayirasii foon bineensa daggalaa waliin akka walqabatu yeroo barametti, angaa’onni Chaayinaa foon bineensota daggalaa nyaachuufi gurguruu erga dhorkanii booda.
Shenzen ammo seerichatti foon sareefi adurrees dabaleera. Seerri haaraa kun Caamsaa 1rraa eegalee hojirra oola.
Dhaabbattii Namummaa Idil Addunyaa HIS waggaa tokkotti Eshiyaa keessatt foon nyaataaf jechaa sarooti miiliyoona soddoma ta’an akka ajjeefaman hima.
Haa ta’u malee aadaan foon saree nyaachuu Chaayinaa keessatti baramaa miti- lammileen Chaayinaa harki caalaan nyaatanii akka hin beekneefi nyaachuus akka hin barbaadne dubbatu.
“Adurreefi sareen akka bineensa manaatti bineensota biraa caalaa namaa wajjiin hariiroo cimaa qabu.
Sareefi adurree dabalatee foon bineensota manaa biroo nyaachuu dhorkuun Hong Koongifi Taayiwaan dabalatee, biyyoota guddatan biroo keessatti waan baramedha,” jechuu bulchiinsa magaalaa Shenzen, Reuters gabaaseera.
“Dabalataanis barbaachisuummaa guddina dhala namaaf deebii ta’a,” jedhu.
Dhaabbati mirga bineensotaaf falmu HIS murtee kana deeggareera.
“Daldala Chaayinaatti waggaa tokko keessatti saroota miiliyoona 10 fi adurree 4 galaafatu dhaabuuf, murteen kun ba’uun isaa nama gammachisa,” jechun HIStti ogeessi seeraa Chaayina Dr Piitar Li dubbataniiru.
Gama biraan garuu yerooma seerri kun ba’eetti, Chaayinaan namoota koronaavaayirasiin hubaman wal’aanuuf dhangala’aa tiruu bineensa beer jedhamu keessaa ba’ufi Bear bile jedhamu fayyadamuu eeyyamteetti.
Bear bile kun waggootii dheeraaf qorichaa aadaa Chaayinaa keessatti kan fayyadamamuu yoo ta’u dhangala’aan kun bineensi kun utuu lubbuun jiru kan keessaa cuunfamudha.
Ta’us garuu qorichi aadaa kun koronaavaayirasii ittisuuf ni gargaara kan jedhuuf ragaan kamuu akka hin jirreefi adeemsi ittin dhangala’aa kana ittin argataniif bineensota kana hedduu kan miidhudha.
Guraandhala keessa, angaa’oti Chaayinaa foon bineensota bosonaa nyaachuufi gurguuruu dhorkaniiru.
Akka gabaasa Yunivarsitii Joohnsi Hopkinsitti ammatti addunyaa keessatti lakkoofsi namoota coronaavaayirasiin qabamanii gara miiliyoona tokkotti kan dhiyaate yoo ta’u namootni 50,000tti siqan ammoo du’aniiru.
Chaayinaa qofaatti namootni 81,589 hubamanii 3,318 ammoo du’uu isaani Komishiiniin Fayyaa Biyyaleessa ibseera.
Qorattoonniifi saayintistoonni madda vaayirasichaafi akkamiin namatti akka darbee addan baasuu hin dandeenye.