Kiliyaan Imbaappee: Taphataan PSG taphata 'baay'ee qaalii addunyaa kanaa' jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Kiliyaan Imbaappee, Viniishas Juuniyar fi Erliing Haalaand wal-duraa duubaan taphattoota 'baay'ee qaalii addunyaa kanaa ta'uu gareen kubbaa miilaa irratti qorannoo hojjetu CIES jedhamu beeksise.
Tibbana gaaffii Riil Madiriidiif akka taphatu dhiyaateef kan dide Imbaappeen maallaqa Paawondii miliyoona 175.7 baasa jedhameera.
Riil Madiriidiif goolii Chaampiyoonsi Liigii ittiin injifate kan galche Viniishas Juuniyar Paawondii miliyoona 158.3, dhiyeenya gara Maanchester Siitii kan imale taphataan lammii Noorweey Erliing Haalaand Paawondii miliyoona 130.4 baasu jedhamanii lammataa fi sadaffaarra jiru.
Taphataan sarara jidduu Borushiyaa Doortimand Juud Beeliingihaam taphataa Ingilaand isa qaalii jedhameera. Innis Paawondii miliyoona 114.1 akka baasu kan tilmaamame yoo ta'u sadarkaa shanaffaarra jira.
Taphataan Manchistar Siitii Fiil Foodan Paawondii miliyoona 105.9 baasuun sadarkaa 6ffaa qabateera.
Taphattoota qaalii addunyaa kanaa 100 keessaa dhibeentaan 41 kanneen Piriimer Liigii Ingilaandiif taphatanidha.
CIES gatii taphattootaa baasuuf umurii taphatichaa, dandeettii isaanii, hamma diinagdeen kilaba isaanii baasu fi qabxiilee kaan xiinxalee jira.
Taphataan sarara duraa lammii Firaans ganna 23 Kiliyaan Imbaappee gara Madiriid deemuu diduun waggoota sadi itti aanan PSG turuu murteesse.
Bara dorgommii 2021-22 keessa PSGf gooliiwwan 28 galchuun kilabichi Liig 1 Firaans akka mo'atu gargaaree jira.
Taphataan Manchester Siitii ganna 30 Keevin Deburuyinee taphattoota qaalii 100 keessaa umuriin isa guddaa yoo ta'u, taphataan Baarseloonaa ganna 17 Jaaviin ammoo umuriin isa xiqqaadha.
Ruuben Diyaaz taphataa sarara ittisaa isa qaalii, Jiyaanluyigi Donaarumaa ammoo PSG irraa goolii eegaa isa qaalii jedhamaniiru.















