Kariim Benzemaa: Jifataan Riyaal Maadirid badhaasa Ballon d'Or fudhachuu qabaa?

Madda suuraa, EPA
Riyaal Maadrid erga Chaampiyoons Liigii mo'atan duuba Kariim Benzemaa badhaasa taphataa urjii Ballon d'Or mo'ata jechuun namuu haasawaa jira. Barri kun taphataa lammii Firaans kanaaf isa dansaatii?
Taphataan ganna 34 kun barana tapha 46 taphachuun gooliiwwan 44 kan galche oggaa tahu, yoo mo'ataa tahe taphataa umriin isaa guddaa badhaasa kana mo'atu taha. Stanley Matthews bara 1956tti umriisaa ganna 41n mo'ate.
Karra eegaan isaanii Thibaut Courtois tapha 1fi 0n mo'atan irratti taphataa cimaa taphichaa jedhamuun maqaan dhahame irratti, Benzemaan haala hin baramneen hagas mara kubbaa argatee hin taphanne. Barana gahumsa ajaa'ibaa kan agarsiisaa jiru taphataan kun, galgala sana goolii tokko kan galchee ture wayita tahu, boodarra taphaan ala (offside) tahuun haqameera.
Benzemaan waa'ee Ballon d'Or yaadaa akka jiru miidiyaan Canal Plus wayita gaafatu "Maal ree!" jechuun deebiseef. Badhaasni waggaa waggaatti jaarmiyaa kubbaa miillaa Firaansiin qophaa'u kun taphattoota akkaan colleef kennama.
Benzemaan dabaluun, ''mee waan ta'u yaa eegnu. An waancaas nyaadheera, wanti hagas mara na hafu hin jiru. Badhaasa kanaaf nama sirrii ta'uu kiyya mirkaneessuun kana caalaa waan na barbaachisu miti. Wanti narraa eegamu milkaa'inan argadhetti bashannanuu qofa,'' jedhe.
Gameessi kubbaa miilaa Thierry Henry, TV Ameerikaa irratti wayita waa'ee badhaasa kanaa dubbatu, ''Waa'ee badhaasa Kubbaa Miillaa Firaansiin yookiin abbaa fedheen kennamuu waa jechuun fedha. Filannoo keessan cufaa. Benzemaan mo'ateera. Nagayaan,'' jedhe.
Kanaafuu Benzemaan badhaasa kana argachuuf dandeettii fi muuxannoo barbaachisu qabaa? Badhaasa kanammoo taphattoota akkamiifaatu argata, badhaasa kana mo'achuun hiika akkamii qaba?
Waa'ee Benzemaa

Benzemaan akka badhaasa Ballon d'Or bara 2022, Onkoloolessa dhufu gaafa bultii 17 kennamu argatu wantoota taasisan keessaa inni ijoon, taphatichi garee kubbaa miilaa Awurooppaa keessatti kilaba jabaa ta'e keessatti taphataa collee filatamaa ta'uu isaati.
Riyaal Maadrid waancaa La Liga fi Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argateera, Benzemaan ammoo taphataa collee goolii hedduu galche jedhamuun badhaasa kophee Worqii argateera.
Taphataan kun kilabasaa keessatti goolii 27, Shaampiyoonsi Liigii irrattimmoo goolii 15 galche.
Benzemaan taphataa collee mala-malteen beekamu yoo ta'u, qabxii darbiinsaa argachuuf taphoota taphataman irratti goolii galchuun beekama.
Waancaa shaampiyoonsi Liigii argachuuf imala taasifamu keessatti tapha Paris St-Germain fi Chelsii waliin taphatan irratti gooliiwwan sadi sadi galchuun taphaan ala isaan godheera.
Maanchistar Siitiin akka mo'amee taphaan ala ta'u gochuu keessattis ga'ee olaanaan gumaacheera.
Taphataan Maanchistar Yunaayitid duraanii Riyoo Fardinaand ''Falmiin waa'ee Ballon d'O xumurameera. Benzemaan hin mo'atu taanaan adeemsichi haqa maleessa ta'a,'' jedhe.
Leenjisaan Riyaal Maadrid Carlo Ancelotti, ''Nuti Benzemaa irratti hundoofna. Inni taphataa collee fuuldura taphachuun milkaa'eedha. Bakka hundas taphata, ittisa irra dabalatee jechuudha,'' jedhan.
Badhaasa Ballon d'Or nama akkamiitu argata?
Tapha Sambata darbee dura, namoonni akka jechaa turanitti, badhaasa Ballon d'Or mo'achuuf murteessaan kilaba taphicha mo'ateedha.
Taphatoota collee Liivarpuul keessaa Saadiyoo Maaneen nama Waancaa Afrikaa Senegaal waliin nyaateedha, Mohammad Saalaan ammoo waancaa piriimiyer Liigii yeroo sadii fi kophee worqii argateera.
Taphicha dura waa'ee taphattoonni kunneen badhaasa kana argachuu kan gaafataman leenjisaan Liivarpuul Yargan kilop, ''Badhaasa kanaaf taphattoota akkamiitu dorgomu jettee yoo fudhatte deebiinsaa, eeyyeedha,'' jedhan,
"Kiristaanoo Roonaaldoo, Liyooneel Mesii, yookiin ammoo nama Waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ate. Adeemsi kanaan duraa akka ture.''
Badhaasi kun hiika akkamii qaba?
Benzemaan yeroo baayyee badhaasa kanaaf kaadhimameera. Garuu yeroo tokkollee hanga sadaffaa keessa galee hin beeku.
Benzemaan erga Zinaddiin Zidaan bara 1998 badhaasa kana argatee taphataa Firaansi jalqabaa badhaasa kanaaf dhiyaate ta'a.
Hiriyoota ijoollummaarraa Benzemaa waliin guddatan keessaa tokko kan ta'e Faruuk, taphataan kubbaa miillaa gameessi abbaa fi haati isaa lammii Aljeeriyaa ta'an, Kariim Benzeemaan abdii dargaggoota hedduuti jedhe.
Keessattuu namoota seenaansaanii waan inni keessa darbeen walfakkaatuuf hamilee guddaadha jedhe.
"Amma namuu akka waan kubbaa miilaan milkaa'uutti abdii qaba, kunis sababa isaati. Abjuusaanii milkeessuuf milkaa'ina Benzemaatiin hamilee argatu,'' jedha hiriyaansaa kun.
"Nuti Bron keessatti dhibbaa dhibaa Riyaal Maadrid deeggarra. Tapha hunda daawwanna. Wayita Riyaal Maadrid taphata nama hundatu ilaala. Wayita Lyon, yookiin ammoo nu bira Bron dhufu, nu waliin kubbaa taphata. Jaarsa, daa'imman hin jedhu. Hunda waliin taphata, gidduutti dhaabee daa'imman dubbisa, '' jdhe.
"Baayyee ittiin boonna. Bakka kanatti galmi keenya tokko. Akkanni badhaasa Ballon d'Or argatu hawwinaaf. Addunyaa kanarratti carraa gaariin akka isa mudatu hawwinaaf.''














