Arsenaal 0-1 Evartan: Goolii eegaan Arsenaal galchii ofirratti galcheen Evertan mo'ate

Bernd Leno

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Arteettaan leenjisuu eegale as Arsenaal (afur) caalaa West Haam (jaha) qofatu ofiirratti goolii hedduu galche
Maxxanfame

Leenjisaan Evertan Kaarloo Anchelootii erga karra eegaan Arsenaal Bernd Leenoo kennaa goolii keneefi booda, sadarkaa Chaampiyoons Liigii keessa galuuf ''deebineerra'' jedhan.

Maqaa masoo Toffees jedhamuun kan beekaman Evertan, taphoota jaha taphatan irratti mo'achuu kan dadhabanii turan oggaa tahu, mo'icha kan booda, kilaba sadarkaa afraffaa irra jirurraa qabxii sadi qofaan itti dhiyaataniiru.

Wayita taphni kun gaggeeffamaa turetti deeggartoonni Arsenaal 1,000 ol Istaadiyemii Emireetis alatti walitti qabamuun mormii dhageessisaa turan.

Mormiin isaanis abbaa kilabichaa kan tahe Istaan Kironkee irratti oggaa tahu, karoora Suppar Liigii Awurooppaa dhiyeenya kuferratti aarii qaban ibsachaa turan.

Galchii Evertan itti mo'atan jifataan Richaarlisan saanduqa naannoo galchii keessa wayita kubbaa dabarsuuf yaalee turetti argamte. Karra eegaan Arsenaal Leenoon kubbaa tana salphumatti qabachuu danda'a ture. Tahus garuu, harkarraa mucucaachuun, miilasaa keessa miliquun gara gooliitti qajeelte.

Taateen Jimaata galgalaa kun erga bara 1996 as yeroo jalqabaaf Evartan dirree Arsenaal irratti kan itti mo'atan ta'ee galmaa'eera.

Goolii kana dura carraan goolitti dhiyaate argatan wayita Gylfi Sigurdsson rukuttaa adabbii fageenyarraa rukutee, utubaa goolichaa rukute ture.

''Tarree kilabootaan gara olaanuutti dhiyaachuun daran murteessaadha,'' jechuun Ancheelootin BBC Sport'tti dubbatan. ''Gahumsa gaarii ture. Nuuf oduu dadansaati galgalli kun, taphoota itti aananiifis ofitti amanamummaa nuu kenna.

''Amma deebineerra jechuu nan danda'a.''

Tapha kanarratti Richaarlisan Daanii Sebaayos irratti balleessaa erga raawwate booda Arsenaalif rukuttaan peenaalitii kennamee ture - tahus garuu balleessaa kana dura Nikolaas Peppee ofsaayidii tahuunsaa VAR'n waan mirkanaa'eef hafeera.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa: ''[Isaanirraa] garee fooyya'aa turre. Garuu murteewwan to'annoo keenyaan ala ta'antu jira.

''Rukuttaa peenaalitii sababa sekoondii 15 dura, [Peeppeen taphaan ala tureef] dhorkuun - ergasii yeroo saddeet ykn sagal kubbicha taphanneerra. Yeroo 10 irra deddeebi'ee ilaaleera, ammallee naaf hingalle... Namni tokko akka naaf ibsuun barbaada.''

Gabriel Martinelli daqiiqaawwan dabalamirratti Arsenaal baraaruuf kubbaan rukute, karra eegaa Evartan kan ta'e, Jordaan Pikfordin fashalaa'eera.

Kornaa Arsenaal argateef gooliisaa dhiisee dhufuun dogoggorasaa bakka buusuuf yaalii kan taasise Leenoon, otoo hin milkaa'in hafeera.

Taphoota ittaananiin: Arsenaal garra dirree Vilaariyaal gaafa Kamisaa imaluun, tapha Awurooppaa Liigii walakkaa xumuraa marroo jalqabaa taasisa. Achis gaafa Dilbataa ammoo Niiwukaastil wajjin morkatu. Evertan ammoo Astolaa Viilaa dirreesaarratti keessummeessa.