Maanchistar Yunaayitid 1-0 West Ham: Maan Yunaayitid xumura-nuusaa Waancaa FA gahan

Madda suuraa, Reuters
Iskoot Maaktomaneey yeroo dabalataa keessa goolii galcheen, Maanchistar Yunaayitid - Weest Haam mo'achuun xumura-nusaa Waancaa FA gahuu dandayan.
Halkan daran qorraa tahe Old Tiraaforditti, daqiiqaawwan 90 keessatti Yunaayitid carraan taphicha obbaasuuf qaban, galchii eegaa Weesti Haam Faabiyaanskiin fashalaa'e. Oggas Viktar Lindaloof kubbaa mataan dhawuun galchuuf yaaluus, goolii eegaan qaxalee kun jalaa fashaleesseera.
Haatahu malee, taphni kun seenaa keessatti taatee biraatinis ni galmaa'a. Taphataa yeroo duraatiif miidhaa mataarra gahuun (concussion substitution) jijjiirames itti agarredha. Taphataan sarara ittisaa Weesti Haam, Isaa Diop erga jifataa Yunaayitid Maarsiyaaliin mataan walitti bu'an booda, yeroo boqonnaatti jijjiirameera.
Goolii McTominay galcheef kubbaa mijeessee kan dabarse, Maarkas Raashford ogguu tahu, Raashford Yunaayitidiif tapha 250ffaa taphate.
Mo'annaa kana booda, Maan Yunaayitid xumura-nuusaaf (kilaboota saddeet xumuraa) ganna torbaaf walitti aansuun gahuu danda'eera. Yunaayitid Waancaa kana yeroo xumuraaf kan injifatan 2016tti ture.
Jijjiirraa 'concussion' isa jalqabaa
Taphni Kibxata galgalaa kun seenaa kubbaa miilaa Ingiliiz keessatti jijjiirraa miidhaa mataarra gahe itti jijjiirame jedhamee galmaawa.
Ittisaa lammii Faransaay ka tahe Diop erga ittisaan Weestihaam Ogbonaa koronyoorratti miidhamee booda jijjiiramee gale.
Haatahu malee Diop ofumasaa Maarsiyaal waliin kubbaa kornaarraa rukutame rukutuuf jecha mataan walitti bu'anii miidhame.
Taphatoonni lammannuu erga wal'aansi gabaabaan taasifameefi booda taphicha itti fufan.
Haatahu malee yeroo boqonnaatti, qajeelfama lafa kaa'ame hordofuun qorannoo dabalataa taasifameen, Diop taphataa biraa - Ryan Fredericks'n jijjiiramee bahe.
Qajeelfamni jijjiirraa kun kan hojiirra oole keessattuu erga taphattoonni Arsenaaliifi Wolvis - Luwiiziifi Jimeenez mataan walitti bu'anii miidhaan irra gahe boodadha.
Tapha istaadiyemii Emireetisitti taasifameen, taphni eegalamee daqiiqaa muraasaan booda, Jimeenez koornaa rukutame mataan dhawuuf wayita yaalutti, ittisaa Arsenaal Deevid Luwiiz waliin walitti bu'an.
Taphataan ganna 29 Jimenez, achuma dirreerratti oksijinni kennameefii kan ture oggaa tahu, taphichis daqiiqaa 10f adda citee ture.
Ittisaan Arsenaal Luiz, ganna 33, erga taateen kun mudatee mataarratti baandeejii maraniifi tapha kan itti fufe oggaa tahu, boqonnaan booda geeddaramee baheera.













