Tilmaama Piriimer Liigii: Arsenaal itti fufee mo'atamamoo maaltu ta'a?

Madda suuraa, BBC Sport
Arsenaal yeroo ammaa manaajera malee deemaa jiru akka malee gadi bu'uun piriimer Liigii keessatti sadarkaa 10ffaarra jira.
Taphoota darban sagal keessaa tokkollee kan hin mo'anne Arsenaal tapha yeroo darbeenis Biraayitaniin 2-1n mo'atameera.
Arsenaal baasii guddaadha jedhamu kanaan dura baasee hin beekne baasuun taphattoota akka Nikoolaas Peeppee gara kilabichaa fiduun akkasumas akka Lakaazeteefi Mesuut Oziliin qabatee haala hin baramneen gadi badaa deemuun isaa deggerotta dheekkamsiisaas jira.
Leenjisaan yeroo Arsenaal Freddie Ljungberg: "Haala rakkisaa keessa jirra, taphoota hedduu waan mo'atamneef ofitti amanamummaan keenya gadi bu'eera," jechuun erga Biraayitaniin mo'atamanii booda dubbataniiru.
Arsenaal Wiixata dhufu magaalaa Landan keessatti gara dirree West Haam deemee waliin taphachuuf jira.
Maaltu ta'a laata? Kanneen biroo dabalatee ogeessi kubbaa miilaa Maark Laawurosan tilmaameera.
SAMBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Everten v Chelsii (12:30 GMT)
Chelsiin sirriitti cimina isaaniin itti fufaa jiru. Yeroo darbes Aston Viilaa mo'achuun qabxii isaanii sadan argataniiru. amma garuu Everten biraa qabxii kana sadak guutuu waan fudhatan hin taatu jedha Laawuroon.
Tilmaama Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Bornmaawoz v Liiverpuul
Yeroo ammaa kana warra Liiverpuuliif wanti hojjetan irraa bareedaa jira. Gama biraan ammoo Bornmaawoz ammoo gatantaraa jira. Walitti aansuun taphoota afur mo'amaniiru. Kanaaf, tapha miilanaa kanaanis kan gammadan natti hin fakkaatu jedha Laawuroon akka tilmaama isaatti.
Tilmaama Laawuroo: 0-2

Madda suuraa, BBC Sport
Tootinhaam v Barnilee
Barnileen yeroo darbe Liristaal Palaasiifi Maanchester Siitiin mo'atamuun hamileen isaa kufee jira.
Tootinhaam ammoo yeroo darbe Old Tiraafoorditti mo'atamee turus garuuu miilana ni cimu jedheen yaada waan ta'eef Barnilee ni mo'atu jedheen tilmaama jedha.
Tilmaama Laawuroo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Waatfoord v Kiristaal palaas
Waatfoordiif dubbiin cimaa ta'uu mala sababiin isaas Kiristaal Palaas yeroo ammoo hedduu cimaa jiru.
Haata'u malee, Waatfoord dirree ofiirratti waan taphataniif, akkasumas, qeellisaa garee isaanii haaraa waan mudachuuf jiraniif hamileen isaanii ka'uu mala.
Tilmaama Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Maanchester Siitii v Maanchester Yunaayitid (17:30 GMT)
Maanchester Yunaayitid tapha Tootinhaam waliin Roobii taphateen ga'umsa ol-aanaa agarsiisuun mo'ateera.
Ta'us garuu tapha gaarii kilaboota gurguddoo waliin dhiyeenya kana agarsiisaa jiru, Chelsii kan mo'ateefi Liiverpuul waliin kan walqixa ta'e dirree isaarratti ture.
Maanchester Siitiin yeroo Barnileetiin mo'atan ajaa'iba turan.
Tilmaama Laawuroo: 2-0
DILBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Aston Viilaa v Leester (14:00 GMT)
Leester amma jajjaboodha. Erga Onkoloolessa 4 Anfiildirratti mo'amanii booda taphoota torba darban hunda injifannoon xumuraniiru.
Garuu Aston Viilaa waliin garuu karaan banaa ta'uu dhiisuu mala jechuun tilmaama Laawuroon.
Tilmaama Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Niiwuu Kasil v Saawuzhampiten (14:00 GMT)
Dhiyeenya kana Niiwuu Kasil baayyee gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa jiru. Kamisa darbellee Sheefiild Yunaayitidiin mo'atanii ture.
Saawuzhampteen waan danda'u gochuu hin hilu garuu Niiwuu Kasil ni mo'ata.
Tilmaama Laawuroo: 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Noorwich v Sheefiild Yunaayitidiin(14:00 GMT)
Sheefiild Yunaayitidiin taphoota torba darban keessaa ja'a walqixa bahanis kan darbe Niiwuu Kasil waliin taasisan mo'amanii turan. Noorwichi hanga Roobii darbe mo'atamaniitti deebiyanii humna ijaarrachaa turan.
Tilmaama Laawuroo:1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Biraayiten v Wolviis (16:30 GMT)
erga Fulbaana 14 darbe Wolviis hin mo'amne. Taphoota taphatan keessattis saatii dhumaarratti goolii lakkoofsisuun waan gaarii baraa dhufaniiru.
Garuu jedha Laawuroon, imalli isaan dhufan kun ,miillana Biraayiteeniin dhaabbachuu danda'a.
Tilmaama Laawuroo: 2-1
WIXATA

Madda suuraa, BBC Sport
West Haam v Arsenaal (20:00 GMT)
Arsenaal hanga leenjisaa haaraa argatutti garamitti akka inni deemu tilmaamuun nama rakkisa. Ta'us garuu haala amma jiru kanaan gadi bu'aa deema.
Carraan isaan sadarkaa 1-4 keessa galuun Shaampiyoonsii Awurooppaatti hirmaachuu amma baayyee jalaa fagaateera.
Tilmaama Laawuroo: 2-0
















