Muddamni Iraanii fi Israa'el hammaachuu hordofee Tiraamp kora G-7 adda kutan

Pirezidantiin US kora G7 adda kutanii deeman

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirzidantiin US Doonaald Tiraamp kora biyyoota G-7 Kanaadaatti gaggeeffame osoo hin xumurin adda kutuun gara Waayit Haawus deebi'an.

Haleellaan Israa'el fi Iraan gidduutti hammaachuun kan isaan yaaddesse Tiraamp, dhimma kanarratti dursa kennuun mari'achuuf gara Waashingitan deebi'uuf akka dirqaman himan.

''Deebi'uun qaba, sababni isaa ifa,'' jedhan Tiraamp. Wayita deebi'an Waayit Haawusitti Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa waliin mariitti akka seenan ajaja dabarsuus ibsan.

Duraan Ministirri Ittisaa US Pete Hegseth humni US Baha Giddugaleessaa qabdu akka laafneef ''humna dabalataa akka ramadan,'' ibsanii turan.

Garuu qondaalonni biyyattii Ameerikaan Israa'el cinaa hiriiruun Iraan haleeluuf deemti jechuun yaada qondaala waraanaa kana kuffisaniiru.

Waayit Haawus akka ibsetti Tiraamp hanga kora G-7 irra turanitti waan hedduu milkeessaniiru jedhe.

Akka fakkeenyaatti waliigaltee daldalaa US fi UK gidduutti mallattaa'e kaasan.

Garuu Pirees Sekreetariin pirezidantichaa, Tiraamp kora Kanaadaa, Kananaskis keessatti gaggefefame dhiisuun akka gara Waayit Haawus deebi'an kan taasise ''muddama Baha Giddugaleessaati,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp kora kana adda kutanii deebi'an jechuun Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii fi Pirezidantii Meksikoo Cluadia Sheinbaum waliif walarguuf karoorri qabame hin milkoofne jechuudha.

Pirezidanti Tiraamp qondaalota Yukireen fi Meksikoo kunneen waliin xumura kora kanaarratti, Kibxata, walarguuf turan.

Wayita Tiraamp kora kana adda kutuun gara Waayit Haawus deeb'anitti haleellaan Iraan fi Israa'el guyyaa shanaffaasaa qabateera.

Taatee kana dura Tiraamp marii nukilaraa dhiheenya Iraan waliin taasisan irratti biyyattiin qabxiiwwan isaan dhiheessan irratti akka waliigaltuu fi waliigaluushees mallatteessuun akka mirkaneessitu akeekkachiisanii turan.

''Salphumatti ibsuuf, Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa qabaachuu hin dandeessu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaanii- Truth Social jedhamurratti barreessan Tiraamp.

Iraan jiraattota magaalaa Tehraan miiliyoona 17 ta'an akka achi keessaa baastus akeekkachiisanii tura, eessa akka geeffaman garuu ibsa bal'aa hin kennine.

Yeroo muraasa booda miidiyaan Iraan dhohiinsi gurguddaan Tehraan keessatti mudachuu gabaasuu eegalan.

Haleellaa Israa'el buufata miidiyaa mootummaa Iraan irratti raawwatteen gaazexeessituun oduu dhiheessaa turte tamsaasa kallattii adda kuttee ba'uuf dirqamteetti.

Taatee kana hordofee haleellaan qilleensaa heddumminaan magaalaa Tehraan irratti raawwachuun miidiyaadhumti haleelame kun qilleensarratti deebi'uun gabaasaa ture.

Israa'el keessatti sagaleen akeekkachiisaa haleellaa qilleensarraa heddumminaan dhagahamaa ture. Iraan misaa'eloota hedduu gara Teel Aviiv dhukaasuu hordofee dhohiinsa gurguddaan biyyattii keessatti dhagahameera.

Hooggantoonni kora G-7 irratti hirmaatan Tiraamp kora adda kutuun deemuun sirriidha jedhan.

''US waliigaltee dhukaasa dhaabuu milkeessinaan sun waan guddaadha,'' jedhan Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antonii Albaniiz pirezidanti Tiraamp maaliif kora kana dhiisanii akka deeman ''hunduu ni hubata,'' jedhan.

Korri kun akkuma eegaleen muddama Iraan fi Israa'el akkasumas waraana Raashiyaa fi Yukireen irratti gargar qoqqodamee ture.

Miidiyaan michuu BBC ta'e CBS akka gabaasetti Tiraamp ibsa walitti bu'iinsa Iraan fi Israa'el irratti ba'u kuffisuuf karoora qabu turan.

Wixineen ibsa kanaa dhukaasi akka dhaabbatu, tasgabbiin akka uumamuu qabu gaafata. Iraan hordofuu fi lammiilee baraaruunis qabiyyee ibsa kanaati.

Tiraamp kora G-7 irratti hanguma hirmaatanitti qeeqa dhiheessanii turan. Gareen duraan G-8 jedhamaa ture erga Raashiyaan bara 2014 Kiriimiyaa dhuunfattee booda biyyattii kora keessaa haquun ''dogoggora guddaa ture,'' jedhan.

''Putiin anatti dubbata,'' jedhan Tiraanp. ''Namoota kaanitti hin dubbatu. Waan akkasiitti gammachuu hin qabu,'' jedhan.

Tiraamp kora G-7 adda kutuun wayita ba'an kun kan lammataati. Bara 2018 Bulchaa Kooriyaa kaabaa Kim Jong Un waliin walarguuf jecha kora Kiyuubeek keessatti gaggeeffame adda kutanii ba'an.