Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibiddii saafaa Kaalifoorniyaa mukeen gurguddoo addunyaa kanaa balaaf saaxile
Balaan ibiddaa Ameerikaa bulchiinsa Kaaliforniyaatti hammaate gosa mukkeen gurguddoo ‘sequoias’ jedhamanifi paarkii biyyaleessa Yoosimiiti jedhamu keessatti argaman dhabamsiisuu mala yaaddoo jedhu uume.
Balaan ibiddaa kun sa’aatii 24’n darbe keessatti lafa duran gube dacha ta’urratti kan babal’ate yoo ta’u, amma yoonaatti lafa heektara 1,591 gubeera.
Hojjattootni ibidda dhaamsan, muka addunyaarrati isa guddichaa fi akkasuma mukkeen diddiimoo jedhaman keessa isa hunda caala dulloomaa ibiddi akka hin gubne balaarraa eeguuf lafa haalli teessuma isaa mijata hin taane keessatti hojjataa jiru.
Jirattoonni fi namoonni kaampii ijaarratanii naannoo balaan ibiddaa itti qaqqabe buufatan naannichaa baafamaniiru.
Aarri ibiddaa gurraachi naannicha bahu qulqullina qilleensa naannichaa balleessuun, miidhagina paarkichaallee hube.
Balaan ibiddaa kun Adoolessa 7, 2022 kan qabate yoo ta’u, muka guddicha umrii wagga 3000tti dhiyaatu qabu dabalatee mukkeen gurguddoo’ sequoias’ jedhaman 500 ta’an kanneen bakka Mariposa Giroovi jedhamutti argaman mancasuu mala yaaddoo jedhu uume.
Ammaaf mukkeen kana keessa kan balaa ibiddaan manca’e hin jiru.
Biiroon To’annoo Balaa Ibiddaa fi Aviyeeshinii Yoosimiiti jiidhinsi naannichaatti dabaluudhaan, akksuma boba’a naannichaa fageessuun’’ dammaqinsaan eegna’’ jedhe.
Balaan ibidda Woosh barn kun amma yoonaatti namoota 1,600tti dhiyaatan naannichaa kan godaansise yoo ta’u, hawaasa Wawonaa paarkicha keessa jiraatan fi namoota kaaampii yeroo naannoo Wawonaatti dhaabbatan dhibbaan lakka’aman naannichaa buqqiseera.
Balaa ibiddaa kana waanti kaase qoratamaa jira.
Hojjattoonni yeroo balaa akka himanitti, haalli qilleensaa ho’aafi gogaan balaa ibidda kana to’achuurratti gufuu ta’era.
Mukti sanyiin isaa ‘sequoias’ kessa tokko kun addunyaa keenyaarratti muka isa hunda caala guddaadha.
Mukti guddichi kun m83 (faana 275) kan dheeratu yoo ta’u, hundeen muka kanaa m11 ol bal’ata.
Mukkeen kun haala adda ta’een dheedheeroo yoo ta’an, hanga umrii waggoota 3,000tti dhiyaatu lafarra jiraachuun isaanii waantota dachee keenyarratti umriin raagaan keessa tokko isaan taasisa.
Mariposaaa Giroviin seenaa Ameerikaa keessatti bakka seena qabeessa yoo ta’u, yeroo jalqabaatiif iddoo miidhagaa uumamaan argamu mootummaan federaalaa Ameerikaa kunuunsuun hawaasni akka itti gargaaramu fi akka iddoo bashannanaatti eegamuuf murteessedha.
Seera kunuunsaa kana Pireezidantii duraanii Ameerikaa Abiraaham Linkanitu bara 1864 akka ragga’uuf mallatteesse ture.
Bara darbe mukkeen diddimoo fi gurguddoo ’sequoias’ jedhaman hedduun Kaalifoorniyaa keessatti balaa ibiddaatiin manca’uu isaanitu yaadatama.
Qondaatoonni Ameerikaa akka jedhanitti, amma bara kanaatti balaan ibiddaa 35,000 kan qaqqabe yoo ta’u, balaan kun kan eegameen oli jedhameera.