Nadhii Gammadaa (Qaasim Usmaan) attamiin yaadatama?

Nadhii Gammadaa

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

Ibsa waa'ee suuraa, Nadhii Gammadaa bara 1991 iddoo siidaa yaadannoo Aanoleetti argamuun haasaa taasiseera
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) waggaa waggaan, Hagayya 30, guyyaa namoonni humnaan dhabamsiifaman itti yaadataman ta'ee akka oolu murteesseera.

UN kora waliigalaa bara 1992 gaggeesse irratti Mudde 18 wayita eegumsa namoota humnaan dhabamsiifamanii ilaalchisee labsii baasu biyyoonni hunduu labsii kanaan akka waliigaman raggaasiseera.

Haata'u malee biyyoota addunyaa garaagaraatti humnaan namoota butanii dhabamsiisuun itti hammaataa dhufe malee hin hafne.

Keessattuu qaamoleen nageenyaa fi tika mootummaa namoota siyaasaa fi namoota dhiibbaa uumuu danda'an irratti xiyyeeffachuun dhabamsiisuun Itoophiyaa keessatti akkaan baramaadha.

Artistoonni, miseensonni jaarmiyaalee siyaasaa morkattoota mootummaa ta'anii fi rogeeyyiin dhiibbaa uuman saaxilamtoota tarkaanfii kanaati.

Akka labsii UN'tti humnaan nama butanii dhabamsiisuu kan jedhamu ''yoo aanga'oonni mootummaa, jaarmiyaaleen yookiin namoonni dhuunfaa mootummaaf hojjetan namoota butuun, hidhuun yookiin iddoo wayii dhoksuun mirga bilisummaa saanii irraa mulqaniidha.''

Qaamni mootummaa nama tokko humnaan ukkaamsee erga dhabamsiisee booda eessaa buuteesaa yoo dhokse, sababii kanaan mirgi walabummaa nama ukkaamfamee yoo irraa mulqame akkasumas yoo mootummaan gocha kana raawwachuusaa amanuu diduun egeree nama hidhamee golgaa seeraan ala godhe akka seera UN'tti humnaan nama dhabamsiisuu jedhama.

Itoophiyaa keessatti namoota siyaasaa haala kanaan bara ADWUI keessa dhabamsiifaman keessaa tokko kan ta'eefi waa'eensaa bal'inaan biyyattii keessatti ijoo dubbii kan ta'e Nadhii Gammadaati.

Nutis guyyaa namoota humnaan ukkaamfamanii achi buuteensaanii dhabameefi har'a sadarkaa idiladdunyaatti kabajamu kana ilaalchisuun seenaa Nadhii Gammadaa iyyaafanneerra.

Hangafa Nadhii Gammadaa kan ta'an Obbo Amaan Usmaan waa'ee seenaa obboleessaaniirratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

''Nadhii Gammadaa barataa qaxalee ture''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nadhii Gammadaa maqaansaa inni sirriin Qaasim Usmaan ture kan jedhan Obbo Amaan Usmaan, ''Nadhiin maqaa abbaa keenyaa ture. Abbaan keenya wayita Qur'aana qara'ee kitaabas baratu Usmaan jedhaniin. Isa booda Qaasim maqaa Nadhii jedhu kana fudhate. Gammadaa ammoo akkanumaan itti dabalate. Kanaan maqaa Nadhii Gammadaa jedhun beekame,'' jechuun waa'ee moggaasa maqaa Nadhii Gammadaa ibsan.

Namni siyaasaa waggoota kurna sadi dura humnoota mootummaan qabamee hanga yoonaatti eessa akka jiru hin baramne kanaa wayota gabaafnuutti maqaadhuma hawaasa keessatti ittiin beekamu Nadhii Gammadaa kanatti fayyadamna.

Akka Obbo Amaan jedhanitti, dhaloonni Nadhii, Arsii iddoo Dannaba jedhamu yoo ta'u kan dhalates ALI bara 1947 ture.

Abbaansaanii ijoollee 12 godhatan keessaa Obbo Amaan lammaffaa, Nadhiin ammoo shanaffaarratti dhalatan.

Ijoollummaatti osoo barnoota hin seenin dura barnoota amantii Islaamaa barachaa (Qur’aana qara’aa) turan.

Nadhiin barnootaan qaxalee ta'uu kan himan Obbo Amaan, ''Bara 1958 (ALI) mana barnootaa Araaxaa mishin jedhamu seenne,'' jedhan.

Achitti barnoota sadarkaa jalqabaa xumuruun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Asallaa seenan.

Nadii Gammadaa Kutaa 12ffaas qabxii gaariidhaan xumure. Isa booda Yuniversitii Finfinnee seene.

''Bara 1969(ALI) kutaa 12 xumuree, 1970 gosa barnootaa Faarmaasiidhaan yuniversitii Finfinnee seene. Qabxiin inni fide 3.9 ture. Yuuniversitii seenee waggaa lammaffaarratti gaara seene (qabsootti seene),'' jedhan Obbo Amaan.

Nadhii Gammadaa barnoota yuniversitii adda kutee qabsoo hidhannootti seenuu dura barnootasaarratti xiyyefefataa ture, bifa qindaa’een namoota gurmeessee qabsoo eegaluu baatus qabsaa’ota gameeyyii duraan turan waliin garuu walargaa ture.

''Wayituma sanirraati waa’ee siyaasaa kan eegale. Yuniversitii gallaan ammoo hubannaan siyaasaa isaa dabale. Namoota siyaasaa yeroo sana turan waliinis daran walitti dhihaachuu eegale. Duuba dhiisee gaara ba’e,'' jedhan.

Nadhii Gammadaa maaliif faarfama?

Nadii Gammadaa erga Adda Bilisummaa Oromootti dabalamee, qabsoo keessatti gumaacha guddaa gochaa akka turetu himama.

Obbo Amaan warri qabsoo waliin gaggeessan Nadhii Gammadaaf bakka guddaa qabu turan jedhan.

''Warri qabsoo waliin gochaa turan hunduu isa beeku. Waraana keessattis ga’ee guddaa gumaachuu dhageenna turre. Yeroo sana erga bosona seenee waa’eesaa irra caalaa kan beeku warra waraanaati. Nutillee waa’eesaa isaanumarraa waan muraasa dhagahaa turre,'' jedhan.

''Nadhii Gammadaa gara bahaafi giddu gala kanatti itti gaafatamaa waraanaa akka ture dhageenya. Ammoo erga manaa ba’ee odeeffannoosaa hagas mara quba hin qabnu. Erga dhaaba [ABO] waliin Gullalleetti galanii ammoo koree hojii raawwachiistuu keessa ture.''

Erga Gullalleetti galee qe’ee dhufee hin beeku kan jedhan Obbo Amaan, ''Erga manaa ba’eeyyuu guyyaa tokko qofa dhufe. Gullalleetti itti deddeebinee ilaalaa turre,'' jedhan.

Nadhii Gammadaa wayita Addi Bilisummaa Oromoo, dhaaba yeroo sana qabsoo walfakkaataa gaggeessaa ture TPLF, waliin ta’uun biyya bulchuuf Chaartara seenu miseensota ABO dhiyaatan keessa ture.

Erga dhaabichis chaartara keessaa ba’ee, hooggantoonnii fi waraanni faffaca’anii booda Nadhii Gammadaa waraanasaa qabatee Arsii keessa socho’aa ture.

''Gara Baalee sanaan, asiin karaa Arbaa Guuguu kanaan waraana qabatee socho’uu eegale. Haala kanaan waggaa tokko socho’anii waggaa lammataa Amajjii bultii 13, 1986 qabame,'' jedhan Obbo Amaan.

Yuniversitii Finfinneerraa qabsoo hidhannootti dabalamuun hanga dirree qabsoo Harargeetti, achirraa hanga Arsiitti darbees hanga Hargeessaa (Somaalilaand) fi Somaaliyaatti nama qabsoo utubaa ture jechuun gumaachasaa himu miseensonni gameeyyiin ABO.

Nadhii Gammadaa miseensa dabballeerraa eegaluun hanga hooggansaatti ABO keessatti gumaacha guddaa akka qabu kan himan miseensonni gameeyyiin ABO, kana malees hojii dippiloomaasii fi guddina aadaa fi afaan Oromoo keessattis qooda olaanaa qabaachaa ture jedhu.

Dandeettiin siyaasaa, akkaataan inni dubbatee nama amansiisaa fi gamnoomni isaa namoota hedduudhaan faarfameera.

Akkamiin qabame?

Yeroon Nadhii Gammadaa waraana qabachuun naannawa Arsii fi Baalee keessa socho’uu eegale bara 1985 akka ture kan ibsan Obbo Amaan, taatee irratti Nadhii Gammadaa qabame akkanaan ibsu.

''Meeshaa awwaalle wayiitu jira jedhanii isa baasuuf ergama fudhatanii socho’aa turan. Waan akka barreeffama wayiiti. Kanaaf waraana akka nama sagalii qabatee dhufe. Jaarsoliin biyyaa fi namoonni kaanis ba’anii waliin turan. Achumaan waraanni mootummaa naannoo sana turan halkan itti duudanii qaban,'' jedhan.

Arbaa Guuguu ''Masjiida warra Sheeka Guuguu'' jedhamu keessatti qabanii Helikooptaraan gara Bishooftuu geessan kan jedhan Obbo Amaan ''Meeshaa isaan bakka awwaalamee baasan sanillee yerosuma guban,'' jedhan.

Ergasii maatiin achi buuteesaa quba hin qaban. Bishooftuurraa gara Maqalee geessanii lafa jalatti mana hidhaa dukkanaa keessatti hidhaniiru oduu jedhu dhagahuurraan kan hafe odeeffannoo qabatamaan hin jiru.

Itoophiyaa keessatti namoonni siyaasaa humnoota mootummaan qabamanii achi buuteensaanii dhabame hedduudha.

Namoonni oromoo, keessattuu qabsaa’onni, hayyoonni fi artistoonni hedduun dhabamaniiru.

''Kan isaa garuu baayyinaan odeeffama. Garuu ammallee wanti qabatamaan hin jiru,'' jedhan Obbo Amaan.

Sababa isaa maatiin miidhamuu kan himan Obbo Amaan maatii keessaa namoonni biroon dhabamanillee akka jiran himan.

''Namni hinuma hidhama. Firri fi maatiin sababa maqaansaa bakkee jiruuf hiraarfamaniiru. Wanti nuti keessa dabarre du’a sana wayya waan nama jechisiisudha. Ammallee.''

Barbaacha Nadhii Gammadaa keessatti dhaabi Adda Bilisummaa Oromoo homaa tokko akka isaan hin gargaarre fi yoo gaafatanillee homaa akka quba hin qabne deebisuufii himan.

''Deemnee gaafanneerra. Namoota isa waliin turan jedhaman, hiriyaa isaallee gaafanneerra. Warra yeroo sana barnootarraa isa baase, warra isa dursaa ture hunda gaafanneerra. Homaa hin beeknu jedhan.''

Nadhii Gammadaa ofii maatii hin godhanne, garuu nama hundaaf akka abbaa ture. Jaarsolii birattillee bakka guuddaa qaba ture jechuun isa ibsu Obbo Amaan.

''Amallisaa nama hin quuqu. Nama hunda waliin nagaa qaba. Amala nama gargaaruu qaba. Daba namarratti dalaguu hin beeku. Mirgi isaas, kan nama kaanis yoo sarbamu ammoo callisee hin ilaalu ture,'' jedhan.

Barbaacha Nadhii Gammadaa

Maatiin Nadhii Gammadaa erga inni dhabamee barbaacha isaarraa duubatti jedhanii hin beekan. Garuu ammallee eessa akka jiru hin barre. Du'eera jedhanii hirmii baafatanii hin tasgabboofne.

Obbo Amaan akka jedhanitti waggoota kurna sadan darban barbaadaa turanis ammallee gara tokkotti citanii akka hin tasgabboofne himan.

Turtii kanaan dura BBC waliin taasisaniin ''Eessa barbaanna, akkamiin barbaadna, isa barbaaduu dhiisiitii mataa keenyaafillee ni sodaanna,'' jedhanii turan.

Sodaarraa kan ka'e haasawuu waan hin dandeenyeef akkasumatti rakkoo kana baannee jiraachaa turre kan jedhan Obbo Amaan, maatiisaanii keessaa obboleessi isaanii namni Ibraahim Usmaan jedhamus yeroosuma qabamee akka dhabame himan.

Obbo Amaan Usmaan seenaa biraa kan ala isaan ilaalchisaa hafe wayita dubbatan, ''Mucaa kiyya hangafaa Kaliil Amaan bara ADWUIn biyya gale sana kan fudhatame ammallee achi buutee isaa hin arganne,'' jedhan.

''Mucaankoo xiqqoo fayyaa dhabee turee, hospitaala Xiqur Ambassaa galee ture. Isa booda Komishiniin Daa'immanii ofitti fudhatee alatti erginee yaalchifna jedhee amma yoonaa eessa akka bu'e hin beekne. Manuma kana keessaa nama saditu achi buuteensaanii dhabamee jira.''

Kanaan dura lafeen kan Nadhii Gammadaati jedhamee qoratamaa ture kan isaa akka hin taane maatiin BBC'tti himanii turan.

Nadhiin ajjeefamee Godina Baalee Aanaa Raayituutti awwaalameera jechuun lafeen qotamee bahuun qorannoo DNA ykn qaccee sanyiif Landanitti ergamee ture.

Dhiitaa mirga namoomaan oli

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti namoonni humnaan qabamanii hidhamuu, butamuufi hiraarfamuun hammaachuusaatti guddoo yaadda'uun kora bara 2010 taa'amerratti ajandaa ijoo ture.

Kun ammoo dhabamsiifamuu namoota hedduuf sababa ta'e. Kanaaf bara 2011 irraa eegalee Hagayya 30 waggaa waggaan guyyaan namoota humnaan dhabamsiifamanii akka yaadatamu murteesse.

UN akka jedhutti nama humnaan qabamanii dhabamsiisuun dhiitaa mirga namoomaa raawwachuu caalaa yakka hamaadha.

Humnaan qabamanii nama dhabamsiisuun gocha qaamoleen mootummaa hawaasa shororkeessuuf itti fayyadamaniidha kan jedhu UN, sababa kanaan burjaajii fi miirri sodaa hawaasa keessatti uumamu hamaadha jedhe.

Miirri shororkaa'uufi ofitti amanummaa dhabuu sababa nama dhabamsiifameen mudatu maatii nama sanaa qofa miidha osoo hin taane hawaasa guutuu darbees akka biyyatti jeequmsa guddaa uuma.

Humnaan nama butanii dhabamsiisuun dhimma biyya yookiin naannawa muraasaa qofa osoo hin taane, yeroo ammaa akka addunyaatti dhimma yaaddessaa ta'eera.

Yeroo baayyee biyyoota bulchiinsi isaanii irree humna waraanaarratti keessatti kan hammaatu yakki humnaan nama dhabamsiisuu kun, biyyoota garii keessatti mootummaan morkattoota humnaan cabsee dhabamsiisuuf akka tarsimootti fayyadama.

Biyyoonni baayyeen maqaa shororkeessummaa qolachuu fi seera kabachiisuutiin namoota humnaan butanii dhabamsiisaa jiraachuu kan ibse UN, keessattuu daa'immanii fi qaama miidhamtootaaf biyyoonni xiyyeeffannaa addaa kennuu akka qaban akeekkachiise.

Biyyoota addunyaa 85 ol ta'an keessatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman humnaan butamanii achi buuteensaanii akka dhabames eere.