Qopheessaa sagantaa Raadiyoo Afaan Oromoo kan turan Obbo Huseen Badhaasoo eessa jiru?

- Barreessaa, Habtaamuu Xibabuu
- Gahee, Rippoortara BBC Afaan Oromoo
- Maxxanfame
Gaazexeessaa buleessa kan taâan Obbo Huseen Badhaasoo umurii ijoollummaan hadhaa jiruun ilmaa namaa qabu dhandhaman.
Mudannoo waaâee jireenyasaanii yoo himan, ânan gabroome, na tuman ijoollummaa kiyyattiâ jechuun dubbatan.
âRakkoon ani dabarse hamaa ture. Waan namatti himuun hin barbaachisne,â jedhu Obbo Huseen.
Gama biraatiin immoo yeroon jiruu qananii ardii Awurooppaa dhiisanii ummata Oromoo sammuu isaanii keessa jiru caalchifatanii gara biyyaatti deebiâanis mudannoo jireenyaa isaanii isa biraati.
Yeroo ammaa hojii gaazexeessummaa waggoota dheeraaf hojjatan irraa soorama bahanii (akka Obbo Huseen jedhanitti luboomanii) kitaabilee barreessuu irratti xiyyeeffataniiru.
âGammachuu fi nagaan qaba. Keessi kiyya nagaadha. Mucattii tokkotu bara baayâee najalaa dhibamte malee. Sana ammoo waanin godhu hinqabu,â jechuunis haala amma irra jiran ibsu.
Wayitan Obbo Huseen Badhaasoof bilbilee BBCân gaaffiif deebii isaan walin gochuu akka barbaadu itti himu battalatti heeyyamamaa taâuu isaanii natti himan. Guyyoota muraasa keessatti wal agarree waliin haasaâuufis wal beellamne.

Abbaa goofaree harrii
Guyyaa beellamaa ganama magaala Finfinnee gara naannoo Maganaanyaa jedhamuun beekamuufi Obbo Huseen Badhaasoo na beellamanitti imale.
Maganaanyaa akkuman gaheenis iddoo isaan natti himan gahuukoo bilbilee itti hime.
âAmma daandii Gamoo Daraartuu cinaa jirurra gara Haayaa Araat gaduma koottu. Rifeensikoo goofaree harriidha. Suufii gurraachan uffadhe. Daandii gubbaa dhaabbadheen si eega,â naan jedhan.
Anis fooddaa konkolaataa keessaan fakkii namaa sammuukoo keessatti kaase barbaadaa daandii natti himan qabadhee qajeele.
Hanga taâe ergan imalee booda akkuma jedhan goofaree harrii filatanii, suufii gurraacha uffatanii daandii gubbaa dhaabbatanii na eegan. Nagaa wal gaafannee walin haasaâaa gara iddoo gaafii fi deebii itti goonutti qajeelle.
Yeroo ijoollummaa 'hadhooftuu'
Waan qeâeefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana buâaa
Xumura beeksisaa
âAni biyya Arsii magaalaa Asallaarraa gara Dhihaatti kan argamtu aanaa Xiyyoo baadiyyaa Cabeettii jedhamtuttin dhaladhe,â jedhu Obbo Huseen.
Abbaan Obbo Huseen Badhaasoo abbaa lafaa (Balabbaata) turan. Haa taâu malee, yeroon ijoollummaa isaanii harki caalu hamtuu akka turte Obbo Huseen miira gaddaan dubbatu.
âAbbaan kiyya baalaabbaata turan. Seenaa kiyya baayâee himuun natti hin tolu; nan aara, na boochisas. Guddinnikoo gaarii hinturre,â jedhu.
âAbbaan haadha kiyyaa duâanii haati tiyya mana firaa na keessee deemte. Nan gabroome, na tuman ijoollummaa kiyyatti,â jechuun yeroon mana firaatti dabarsan hammeenyaan kan guutame akka ture Obbo Huseen himu.
âRakkoon ani dabarse hamaa ture. Waan namatti himuun hin barbaachisne. Garuu yoo rakkatte, yoo miidhamte, yoo cunqurfamte, yoo gadi qabamte, yoo beelofte, yoo daarte si jabeessa malee kuftee achitti hin haftu,â jedhan.
Gama biraatiin Obbo Huseen abbaa isaaniif gaangee qabanii gara magaalaa Asallaatti deddeebiâuu eegalan.
Imala abbaa isaanii waliin gara magaalaa Asallaatti taasisan kanaanis wanti tokko qalbii isaanii hawwachuu eegale.
Wanti kun qalbii ijoollummaa isaanii kan hawwate qofa osoo hintaanee daandii jiruu jiraataniif buâuura kan taâedha.
Obbo Huseen barattoota manneen barnootaa magaalaa Asallaa keessatti baratan arganii akka isaanii taâuu fedhan. Fedhiin isaanii kunis yeroo ijoollummaa isaaniin murtee cimaa akka murteessan isaan taasise.
âOolee buleetuma fedhii warrakoo malee badee Asallaatti galee mana barumsaa seeneâ jechuun himu.
âGosa Arsii Usula jedhantu naannoo Asallaa gaara Cilaaloo daarii gubbaa jira. Guyyaa (Asallaatti) barachaa ooleen galgala warra sanatti gala tureâ jedhu.
âGanama yeroon mana barumsaa deemu waa nyaachuun hinjiru. Laaqanas guyyaa nyaachuun hinjiru. Galgala yeroon galu warri manaa marqaa nyaata. Marqa qorii tokko nama afur yookiin shantu nyaata. Anillee galgala isan nyaadhaâ jedhan.

Barataa qarooâŚ
âAbbaan of hin jaju gaalli of hin hudhu,â jedhu Obbo Huseen Badhaasoo waaâee barnootaa yemmuu haasaâan.
Magaalaa Asallaatti barnootarra yemmuu turanitti barataa qaroo akka turan kan himan Obbo Huseen, achitti hanga kutaa 11ffaatti baratan.
Kutaa 11ffaa akkuma xummuraniinis barattoota ciccimoo biroo waliin filamanii gara Yunivarsiitii Finfinneetti barnootaaf ergaman.
âYeroo kana anaaf hiyyummaan, beelaâuun gargar baane. Hiyyummaan narraa baate. Sun madaadhaâ jedhu.
âSababni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa hunda keessaa filamnee dhufneef immoo barsiisota mana barumsaa gulantaa lammeessoo akka taanufidhaâ jedhu.
Haa taâu malee, gara Yunivarsiitii Finfinnee erga deemanii booda rakkoon biraan isaan mudachuu kan himan Obbo Huseen, muummee barnootaa isaan barachuu fedhanitti ramadamuu dhabuu isaanii himu.
âAni yeroo sana barnoota Seenaa barachuu barbaada ture. Haataâu malee âwarri Itoophiyaaf yaaddan fi jaalattan Amaariffa baradhaaâ jedhanii na dirqisiisanii Amaariffuma baradhe,â jedhan.
âDhugaa yoo dubbanne kaayyoon guddaan Amaariffa guddisuuf. Amaariffi akka guddatu, akka babalâatu, akka namanni baayâeen beeku gochuudha,â jedhu.
Gaaffiin Afaan Oromoo ka'uu jalqabeâŚ
Bara 1960n keessa Obbo Huseen Badhaasoo Yunivarsiitii Finfinneetti barnoota muummee Afaan Amaaraatti eegalan barachuu itti fufuun xummurarra gahaniiru.
âWaggaa afraffaa fixuuf yemmuun jiru Haayila Sillaaseen [Mootii Itoophiyaa yeroosii] aangoorraa yaa buâu kan jedhu sochiin jalqabame. Sochiin kun jabaates biyya hunda waliin gahe.
''Kanuma keessas Oromoo keessatti sochiin â(raadiyoo Itoophiyaatti) qophiin Afaan Oromoo yaa banamu jedhu jalqabame,â jedhan.
Haaluma kanaan barnoota isaanii akkuma xummuranin Raadiyoo Itoophiyaa kan yeroo sana naannoo addabaabayii Abuna Pheexirositti argamutti gaazexeessaa taâanii qacaramuun hojii eegalan.
âOduu dubbisuu, qophiilee adda addaa qopheessuu, waaâee aadaa, ispoortiillee nan qopheessan ture. Amma takka lama jedhee dubbachuu baadhus qophii achitti qophaaâu baayâeesaan qopheessaan ture,â jedhu.
Hanguma hojii gaazexeessummaan muuxannoo horachaa adeeman dandeettiin isaaniis dabalaa dhufuu kan himan Obbo Huseen, Finfinneerraa ergamuun Raadiyoo Hararitti hogganaa taâuun yeroo gabaabaaf akka hojjetanis himu.
Qophii Afaan Oromoo Raadiyoorraa
Sagantaan raadiyoo 'Afaan Oromoo Raadiyoorraa' jedhamuufi guddina Afaan Oromoo irratti xiyyeeffate Obbo Huseen Badhaasoo beekamtii fi jaalala dhaggeeffattootaa akka horatan kan taasise ture.
Qophiin raadiyoo kun ALI Caamsaa 14, 1985 Raadiyoo Itoophiyaa irratti tamsaâuu akka eegale Obbo Huseen kitaabasaanii âAfaan Oromoo Raadiyoorraaâ jedhu bara faranjootaa 2020 maxxansiisan irratti katabaniiru.
âQophii Afaan Oromoo raadiyoorraa jedhu anumatu jalqabe. Namni jalqabi naan jedhe hinjiru. Qophiin akkanaa yoo jalqabame afaan kana ni gabbisa yaada jedhuun ofumaaf jalqabe,â jedhan.
âAfaan Oromoo afaan jechootaan dureessa taâullee akka afaan hiyyeessaa jechootaan gabaabduufi durummaa hinqabnetti ilaalamuu hinqabu kan jedhu sammuukoo keessa waan tureef ofumaaf jalqabeâ jechuunis himu.
Obbo Huseen Badhaasoo yaada isaanii kana cimsuuf kitaaba isaanii Afaan Oromoo Raadiyoorraa jedhu irratti jecha afaan Ingiliizii âGoodâ jedhu akka fakkeenyaatti fudhachuun ibsan.
âJechi Ingiliffaa ka âGoodâ jedhu Afaan Oromootiin, maqaa heddu qaba. Isaanillee, baroodha, bayeessa (bayeecha), mishaâa, dansa, faaya, gaarii, gameessa, bareeda, qooqaâa⌠ka jedhaman faâaâ jechuun kataban.
Sagantaan raadiyoo Obbo Huseen eegalan kun dhageettii guddaa kan horate, dhaggeeffattootni Afaan Oromoo walirraa akka baratan kan taasise fi Obbo Huseen caalmaatti ummataan kan wal barsiise ture.
Dhaggeeffattootni heddun xalayaa barreessuun qophicharratti hirmaachaa akka turanis Obbo Huseen himu.
Qophiin âAfaan Oromoo Raadiyoorraaâ jedhamu kun waggoota torbatti kan siiquuf qilleensarra erga turee booda tasa adda akka citu taasifamuu dubbatu.
âGaafa cufan oluma kaâanii cufan; natti hin himne. Sagantaan tokko yeroo cufamu âsababni isaa kana, rakkoon isaa kana, yookiin immoo yeroo baayâee dhagahamee ummatni gurra waan dhowwateefiâ jedhanii cufu. Isa garuu galgala darbee ganama irra deebiâama ture callisanii cufanâ jedhu.
âQophii kana ummatni baayâee jaalate. Haa taâu malee warri waan kana hin jaalatin jiru. Kana waan taâeef gaafa cufan oluma kaâanii cufanâ jedhan.

Kitaabilee sadeen
Obbo Huseen Badhaasoo hojii gaazexeessummaan cinatti kitaabilee aadaa fi seenaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffatan katabuun gumaachaniiru.
Kitaabni isaanii inni jalqabaafi bara 2000 maxxanfame mataduree âSeera fuudhaa heeruma Oromoo Arsiiâ jedhu kan qabu yemmuu taâu, sababoota kitaaba kana itti barreessan keessaa inni tokko âdhaloota dhufu akka ummata aadaafi seenaa hinqabnee harka qullaa eegurra, waan tokko barreeffamaan maaliif kennee hin eegne yaada jedhuâ akka taâe Obbo Huseen barreessaniiru.
Aadaan fuudhaaf heerumaa ummata Arsii dur ture baduu kan himan Obbo Huseen, âfuuni hin hafne, waluma fuudha namni. Fuuni gaaf sanii garuu kabaja guddaa qabaâ jedhan.
Kitaabni inni biraan Obbo Huseenin barreeffame, âHaxiifi Balabbaatota Arsii Baalee-Diidaâaâ kan jedhudha. Kitaabni kun bara faranjootaa 2017 kan maxxanfame yemmuu taâu fuula 620 qaba.
âHaxii jechuun gosa keessatti nama mootummaan muude osoo hintaanee hayyuufi beekaa gosaati. Kan yeroo rakkoon tokko dhalate furudha. Yoo namni harka namaaatti duâe kan taaâee murtii kennu, kan araarsudha. Dubbiin inni dubbatus kan nama amansiisuâ jedhan.
Obbo Huseen kitaaba isaanii kanaan waaâee Sirna Gadaa akkasumas taateelee seenaa ijoo ummata Arsii katabaniiru. Itti aansuun Sadaasa bara 2020 kitaaba isaanii sadaffaa âAfaan Oromoo Raadiyorraaâ jedhu maxxansiisan.
Kitaabni kun immoo qophii raadiyoo Afaan Oromoo Raadiyoorraa jechuun hojjetaa turan gara kitaabaatti jijjiiranii kan maxxansanidha.
Kitaabni âAfaan Oromoo Raadiyoorraaâ itti fayyadama afaanii fi jechootaa ummata Oromoo iddoowwan garagaraa jiraatu irratti kan xiyyeeffatedha.
âQophii Afaan Oromoo Raadiyoorraa jedhuuf ummatni xalayaa naaf kataban. Yoo isaan naaf kataban animmoo deebisee ummata dhageesisa. San qofa miti, kitaabatti nuf yaa bahu jedhe ummatniâ jedhan.
Kabaja yaada ummataaf qabanirraa kan kaâes qophiilee isaanii kan waggoota afurii (1993-1996 ALA) gara kitaabaatti jijjiiruun maxxansanii ummataaf gumaachuu Obbo Huseen himu.
âKaayyoon guddaan kitaaba âAfaan Oromoo Raadiyorraaâ Afaan Oromoo afaan deega jechaa hinqabne fi afaan jechaan dureessaa taâuusaa agarsiisudhaâ jedhan.
Yeroo ammaas qophiilee isaanii hafan gara kitaabaatti jijjiiraa kan jiranfi kitaabilee lama maxxansaaf qopheessaa akka jiran himaniiru.

Jireenya maatii waliin
Obbo Huseen Badhaasoo abbaa ijoollee sadii yemmuu taâan haadha warraafi intala isaanii ishee tokko waliin magaala Finfinnee keessa jiraatu.
Waaâee intala isaanii dhibamtee irra deddeebiin miira gaddaan kan dubbatan Obbo Huseen, âisheen yunivarsiitiitti Baahirdaaritti waggaa sadaffaa yemmuu barattu rakkoon irra gahe najalaa dhukkubsattee mana jirtiâ jedhan.
Gama biraatiin wayita Raadiyoo Itoophiyaa keessa hojjechaa turanitti leenjii gaazexeessummaaf gara biyya Jarmanii magaala Barlin imalanii turuu kan himan Obbo Huseen, jaalala 'hojii fi ummata oromoof qabanirraa' kan kaâe gara biyyaa deebiâuu himu.
Kana malees âwarri na wajjin baratan hunda isaanii taâuu baatus piroofeesaroota. Ani kaayyoo ummata kana waan tokko gargaaruun qaba jedhutti waanin goreef barumsa sana dhabeera. Wanti na hafe kana; garuummoo hin gaabbuâ jedhu.
âYeroo kiyya akkanumaan hin dabarsine. Afaan Oromoo jechootaan dureessa taâuusaa kitaabaan baasee agarsiisuunkoo waan biraa ani dhabe san bakka naaf buâa.
Afaan Oromoo afaan tuffatamaa akka hintaane taâuu isaa duuka buâee waan hojjedheef wanni itti gaabbu hinjiruâ jedhu.
















