Chelsiin hirmaannaa dorgommii Awurooppaa bara dhufuu milkeessuuf qabxii tokko qofatu isa hafe

Madda suuraa, Getty Images
Torbanoota hedduuf mo'ees mo'amees sadarkaa 10ffaafi 11ffaarraa socho'aa kan hin turre Cheelsiin, qabxiilee tarbanoota muraasa darban sassaabbateen gargaaramee hiree dorgommii Awurooppaa bara dhufuu milkeessuurraa qabxii tokkoon qofa fagaatee argama.
Taphataan sarara gidduu garichaa fi goolii hedduu galchuun Haalaanditti aanu Kool Paalmer, gareensaa hiree hirmaannaa dorgommii Awurooppaaf tarkaanfii gaariirra jira jedhe.
Chelsiin Roobii kaleessaa dirreesaan ala Biraayitaniin morkatee 2-1n injifachuu hordofee sadarkaa jahaffaatti olu dhufuu danda'eera.
Bara gaariidha hin jedhamneef kanas hirmaannaa dorgommii Aurooppaa bara dhufuu milkeessuun xumuruuf tapha liigichaa bara kanaa isa dhumaarraa qabxii tokko qofa barbaada.
Cheelsiin Dilbata kliigichi wayita raawwatu dirreessaa Istaanfoord Biriijitti Barnaamuuz morkata.
''Jahaffaa tauun xumureef hiree jiru harka keenya galfachuun nuuf waan guddaadha'' jedhe Paalmer.
''Cheelsiin kilaba guddaadha, hunduu jafaan olitti xumuruu barbaada garuummoo gara jalqabaa eessa akka turre ilaaluun gaariidha.''
Garen Maawuriisiyo Pochotiinoo daandii fagoo dhufe. Osoo fagoo duubatti hin deebi'iin Ebla gara jalqabaallee sadarkaa 12ffaarra ture.
Baruma kana ergisaan Siitiirraa gara Chelsii kan dhufe Paalmer, qabxii fi gahumsa garichaa jijjiiruurratti gahee olaanaa baheera.
Dargaggeessi ganna 22 taphataa cimaa liigichaa bara kanaa jedhamuuf kaadhimame kun ''dorgommii Awurooppaatti deebi'uun tarkaanfii daandii sirriiti'' jedhe.
Dabaluunis ''leenjisaaf galataa galchuu qabna. Taphataan hunduu isa jaalataisaaf qabsaa'uu barbaada'' jedhe.
Paalmer tapha gareensaa Biraayitaniin injifate irratti gooliisaa 22ffaa galchera.
Miidhama yeroo dheeraarraa kan deebi'e Rees Jeems ammoo miidhama booda tapha lammaffaasaarratti daqiiqaa 88ffaarrtti kaardii diimaa adabameera.
Sadarkaa warra kamtuu hiree dorgommii Awurooppaa argamsiisa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen Piriimiyeer Liigii bara dorgommii tokko shanaffaa ykn jahaffaa ta'ee yoo xumure dorgommii Yirooppaa Liig bara dhufuu irratti ni hirmata.
Gareen sadarkaa torbaffaan xumure ammoo Yirooppaa Koonfireensi Liigiirratti qofa hirmaachuu danda'a.
Ammatti Chelsiin Niiwaksiiliifi Yunaayitiid kan qabxii walqixaan gooliin walcaalaanii isa duuba jiran qabxii sadiin dursa. Yirooppaa Liig irratti hirmaachuusaa mirkaneessuuf tapha Dilbata dhufuu qixxee bahuunillee isa gaha. Cheelsiin taphicha mo'amee, Niikasil ammoo tapha Bireentifoord yoo mo'ate hiree kana dhaba. Sanuu gargaagartummaa gooliin.
Roobii galgala Niiwkaasiliin kan injifate Yunaatiid garuu hireen Yirooppaa Liig irratti hirmaachuuf qabu dhumateera. Idaan goolii irra jirus dhiibbaa godheera.
Garuu ammoo sadarkaa jahaffaan gaditti xumuruyyuu qaawwii itti gara Yirooppaa Liigi itti seenu tokko jirti. Innis xumura FA Cup irratti Siitii injifachuudha.
Yunaayitiid FA Cup injifatee saddeettaffaa ta'ee xumnuruyyuu gara Yirooppaa Liig imaluuf hiree ni argata.
Kun ennaa ta'e ammoo gareen sadarkaa jahaffaan xumuree hiree Yirooppaa Liiig argate isa FA Cup injifateef gadhiisee gara Koonfireensi Liigiitti gadi bu'a. Inni duraan torbaffaa bahee hiree Koonfireensi Liigii argatee ture ammoo dorgommii Awurooppaa keessaa baha.
Kana jechuun Cheelsiin Yirooppaa Liigirraa gara Koonfireensi Liigiitti mucucaachuuf carraan jira jechuudha.
Leenjisaa Pochetiinoon gaaffiifi deebii BBC Match of the Day taasiserratti ''yeroo waa ijaartu yeroo qabaattee obsuun akka barbaachisu'' dubbanneerra'' jedhe.
Kilabichi carraa gaarii uumee baricha goolabuun waan gaarii ta'uus dubbate.












