Magaalonni Yukireen haleellaa miisaa’eelaa Raashiyaatiin raafamaa jiru

Maxxanfame

Raashiyaan har’a guutuu magaaloota Yukireen irratti haleellaa miisaa’elaa gurguddaa roobsiteetti.

Kunis haaloo haleellaa riqicha Kirmiiyaa kan Sambata darbe raawwatamee akka ta’e himama.

Humnootiin qilleensaa Yukireen akka jedhaniitti hanga yoonaatti misaa’eloonni Raashiyaa 83 Yukiren irratti dhukaafamuun, kanneen 43 ta’a immoo fashalaa'aniiru.

Guutuu biyyattiitti haleellaa raawwatame kanaan namoonni 10 yoo ajjeeffaman, kanneen 60 ta’an madaa’aniiru jedhe poolisiin.

Keessattuu haleellaan magaalaa guddiittii biyyattii Kiyivi irratti qiyyaafate ammoo paarkiiwwaniif daandiiwwan namoonni hojii barbaacha itti fayyadaman ta’u jiraataan tokko dubbateera.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haleellaa Sambata riqicha Kirimiiyaa irratti raawwatameef deebii cimaa akka kennan dhaadatanii ture.

Gamtaan Awurooppaa haleellaan Raashiyaan namoota nagaa Yukireen irratti raawwatte kun ‘‘gochaa yakka waraanaati’’ kan jedhe yoo ta’u, biyyoonni akka Poolaandi fa’i ammo qoqqobbiin dabalataa Raashiyaa irra akka kaa’amuuf gaafataa jiru.

Dureewwan Awurooppaa ammoo deeggarsa Yukireeniif taasisan irra deebiin mirkanneessaniifii jiru.

Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin biyyoonni G7 halleellaa Raashiyaan raawwattee kana ilaalchisee walgahii atattamaa akka taasisananiif gaafate.

Deebii Puutiin haleellaa riqichaatiif kenne

Vilaadmiir Puutiin haleellaa dhohinsaa riqicha Kirimiyaa irratti gaggeeffameef haaloo bahaa akka jiru haasaa Mana Maree Nageenyaa biyyatii irratti Wiixata har’a ganama taasiseen ifa godheera.

Pirezidant Puutiin haleellaa miisaa’eelootaafi rookkeetti wal duraa dubaan akka Yukireen irratti raawwatamuuf ajajan.

Humnootiin Raashiyaas meeshaalee waraanaa fageenya dheeraatti dhuka’aniin lafarraa, galaanaa fi qilleensarraa gara bu’uuraalee anniisaa, ajaja waraanaa fi dhaabbiilee quunnamtii Yukireen irratti roobsan.

Kunis kan raawwatame erga hogganaan Raashiyaa, Yukireen ‘’daangaa Raashiyaa keessatti haleellawwan shororrkeessummaa’’ raawwachu kan itti fuftu yoo ta’e tarkaanfii cimaatu fudhatama jedheen booda ture.

Haleellaan riqicha Kirimiyaa kan Raashiyaan of jalatti galchiteen wal quunnamsiisu irratti guyyaa Sambataa raawwatames Puutiiniif salphiina ture.

Haaluma walfakkaatunis walitti bu’iinsii caalaa cimuu danda’a yaaddoon jedhu naannichatti babalateera.

Hogganaan Beelaaruus, Aleeksaandar Luukaashenkoo looltoonni isaa kan Raashiyaa waliin gara daangaa Yukireeniitti akka bobba’aniif ajajuu dubbate.

Waraanni Raashiyaafi Beelaaruus waliitti makamuunis doorsisa Yukireeniif deebii ta’u dubbate.

Kan caalu dhuufuuf jira- Pirezidantii Raashiyaa duraanii

Wayita ammaa yeroo haleellaan qilleensaa jajabaan Yukireen irratti raawwatamaa jiru kanatti Pirezidantiin Raashiyaa duraanii Dimitirii Medvedev ‘‘kan biraas dhufaa jira’’ jechuun akeekkachiisan.

Michuu pireezidantii Puutiin kan ta‘an kunis barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin haleellaa ta’aa jiru caalaa raawwatamu akka maluu eeraniiru.

‘‘Kaayyoon tarkaanfiiwwan keenya gara fuulduraa buulchinsa mootummaa Yukireen keessaa gutummaatti barbadeessuu ta’u qabaatas’’ jedhan.