Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutin guyyaa dhalootasaa waggaa 70ffaatti tiraaktarri kennameef
Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yuukireen weeraruu hordofuu biyyoota Lixaatiin moggaatti kan baafame yoo ta'u, guyyaa dhalootaa waggaa 70ffaa isaatti tiraaktarri akka kennaatti gumaaachameef.
Tiraaktara kan kenneef hoogganaa biyya michuu Raashiyaa kan taate Beelaruus Aleeksaandar Luukshenkoo jedhamu.
Beelaruus tiraaktara oomishuun of dhaadhessiti. Luukshenkoon kennaa kana Puutiniif kennuun kan mirkaneessan magaala Raashiyaa Seent Piitersberg wayita daawwatanittidha.
Pirezedant Puutin wayita waraanni Yuukireen keessatti hammaate kanatti hooggantoota biyyoota Gamtaa Sooviyeet duraanii kanneen biroo keessummeessuun waliin haasa'u.
Yuukireen ammoo haala milkaa’an deebistee humnoota Raashiyaa haleeluu wayita dandeesse kanatti, Puutin haalli naannoolee tibbana Raashiyaan dhunfattee keessa jiru ‘’tasgabbii kan hin qabne’’ ta’uu himan.
Taatullee Jimaaata darbe kana michoonni Puutin hogganaa Raashiyaa akka Pirezedantiitti ykn akka Ministira Muummeetti ganna 20 oliif bulchuutti jiru galateeffataa fi kennaa gumaachaafi turan.
Luukshenkoon, ‘’abbaa irree’’ tokkicha ardii Awurooppaa keessatti hafe yoo ta’u, bara 1994 irraa kaasee aangoorra jira.
Puutin guyyaa dhaloota waggaa 70ffaa isaatti tiraaktarri kennameef.
Tiraaktarri Miniskitti hojjatamu kan warshaa Beelaruusidha.
Taatulle akkaata Aab Puutin kennaa konkolaataa kanaaf deebii kennan ifatti hin beekamu.
Taatullee Aab Puutin waggoota dheeraaf tiraaktara keessa yeroo ta’aan mul’atu.
Hooggaanaan Bataskaana Ortodotodoksii Raashiyaa Paatiriyaark Kiriil akkas jedhanii Puutin leellisan;’’ Nama akkaata Raashiyaan itti ilaalamtu geeddare, walabummaa fi humna ittisa ishee jabeesse jabeesse, fi bu’aa Raashiyaa eegsise,’ jedhanii maqaa bataskanichaatiin galateeffatan.
Hogganaan Chichiniyaa Raashiyaan deeggaram Ramzaan Kaadriyoov’’ addunyaarratti sabboonaa sadarkaa jalqabaarratti argamu,’’ jechuun Puutin leellise.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un Puutin’’rakkoolee injifachuun Ameerikaatti yaaddoo ta’uu isaaf’’ galateeffatan.