Qaamni dubartii ilkaan naacha meetira afur dheeraturra argame barame

Madda suuraa, CBS
Osoo naachi meetira afur dheeratu ilkaan isaarra qaamni dubartii argame booda ajjeefamuu poolisiin beeksise.
Namni ijaan arge jedhe miidiyaa biyya keessatti akka dubbatetti, bineensi kuni garaa dubartii osoo nyaatuu arge. Taateen kuni bulchiinsa Filoridaa, US argamutti mudate.
Waajjirri Poolisii Bulchiinsa Pinelaas bineensichi ajjeefamuufi reeffi dubartii ganna 41 Sabriinaa Peekaam bishaan keessaa argamuu ibse.
Sababa dubartiin kuni duute qorannoon adda baasa jedhameera.
Jamarkas Bulaard qacarrii hojiif osoo imaluu naachi waan alanfatu arge.
‘’Qaama namaa garaacha gara gadiin afaan isaa keessa arge. Akkuman argeen kallattiin gara waajjira to'annoo ibiddaan qajeele,’’ jechuun miidiyaa Fox 13 jedhamuuf hime.
Akka nami kuni jedhutti naacha yeroo jalqabaaf arge. Ammoo waan inni alanfatu ashaangullitii suuqii keessa uffata irra kaa'anii gurguran itti fakkaate.
Qaama namaa ta’u isaa ''amanuun dadhabe'' jechuun miidiyaa biraa 10 Tampa Bay jedhamuuf hime.
Maatiin dubartii duutee galii walitti qabuu eegalaniiru.
Akka fuulli galii walitti qabuuf baname jedhutti dubartiin duute kuni mana jireenyaa waan hin qabneef mukkeen dhihoo argamu keessa kaampii tolfattee jiraataa turte.
Intala dubartii duute ta’u kan himte Breauna Dorris fuula Feesbuukii isheerratti akka barreessitetti tarii dukkana keessa gara kaampii yoo dhaxxu ykn yoo deebitu naachi ishee bute.
‘’Namni tokkoyyuu akkanatti du’uu hin qabu,’’ jette.

Madda suuraa, Google
Viidiyoon waraabame akka agarsiisutti, naachi guddaa poolisoonni marsan daandii qarqara ciiseera.
Akka poolisiin jedhetti, naachi kuni erga ajjeefame booda reeffi dubartii kanaa baafame.
Akka namoonni ollaa jiraatan jedhanitti kana dura naacha xinnoo arguu malee kan akkana guddatu arganii hin beekan.
‘’Baay’ee nama dhiba. Ijoolleen kiyya yeroo hunda achirra darbu. Baay’ee nama sodaachisa.,’’ jechuun Jeenifar Diin miidiyaa 10 Tampa Bay jedhamutti dubbatte.












