KALLATTIIN, Hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti 'namoota jaha ajjeesan'

Haleellaa hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti raawwataniin namoonni jaha ajjeefamuu mootummaan Yaman beekamtii idil-addunyaa qabu beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Qubattoonni Israa'el qe'ee maatii Filisxeemotaa Weest Baank marsan

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Viidiyoo waraanni Israa'el fi qubattoota West Baank ganda Qusraatti

    Qubattoonni Israa'elii Dilbataa kaasee qe'ee maatii Filisxeemota lamaa kan Weest Baank marsanii jiru, sababa kanaan maatiin kunneen waan mana keessaa qaban fixatanii jiru, dhaabbileen mirga namoomaa aangawoonni akka furmaata kaa'an waamicha godhan.

    Roobii kaleessaa humnoonni nageenyaa Israa’el buufata qubattoota Yihudootaa kan mandara Qusra ollaa Naablus biratti argamtu keessaa ba’uun isaanii gabaasameera.

    Kunis erga qubattoota mata jabeeyyii jedhaman waliin walitti bu’iinsi uumamee boodadha. Qubattoonni gara namoota kudha lamaa ta’an ammallee iddoo sanatti akka hafan himameera.

    Erga maatiiwwan Filisxeem jalqabaa waraana Israa’eliif gabaasanii booda, loltoonni jalqaba naannicha ga’an qubattoota Yihudootaa waliin yeroo kadhatan viidiyoodhaan waraabamaniiru.

    Maatiin Abuu Reedii fi Hasani erga tajaajilli bishaanii fi ibsaa jalaa citee, akkasumas nyaatni manaa qaban jalaa dhumuutti dhiyaachuu booda, miidiyaa hawaasummaa irratti gargaarsa gaafachaa jiru.

    Gabaasa dhiyoo baheen, bakka bu’aan ol’aanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Wiixata darbe Niiw Yoorkitti Mana Maree Nageenyaatti "Weest Baankitti sadarkaa dhumaarra jirti" jedhanii erga dubbatanii boodadha.

    Qubsumni hundi seera idil-addunyaatiin ala seeraan kan dhorkamaniidha. Buufatni qubattootaa hayyama kan mootummaa Israa’el malee kan hundeeffamaniidha.

    Suurri kaameeraan qaamolee nageenyaa Filisxeem kaase akka agarsiisutti Dilbata waareebooda qubattoonni dallaa maatii Abuu Reedii dhakaadhaan diigaa turan.

    Maatiin ijoollee dubartoota lama dabalatee mana ofii keessa turan namni isaan gargaaruf dhaqus isaan qunnamee manaa baaasuu hin dandeenye.

    Maatiin kunneen iddoo WeestBaank, Area B jedhamu kan bulchiinsa Filisxeem jala jiruu fi to'annoo humnoota nageenyaa jala jiru.

  2. Iraan ammallee dandeettiin misaayelaa fi diroonii ishee 75% akka caalu himte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Misaayela Iraan

    Iraan ammallee dandeettii misaayelaa fi diroonii ishee 75% akka hin tuqamne, qondaalli waraanaa ishee hime.

    Ajajaa itti aanaan dhimmoota hoji-raawwachiiftuu waraanaa Iraan Birgaader Aliireezaa Sheek, miidiyaa Iraan IRNA irratti akka dubbatanitti "dandeettii misaayelaa fi diroonii ishee 75% akka hin tuqamne qofa osoo hin taane qophiidhas."

    Dubbiin qondaala Iraan kanaa torbee darbe keessa Donaald Tiraamp, US jalaa misaayelootni fageenya dheeraa jalaa dhume kan jedhu waakkachuu isaanii booda dhagahame.

    Tiraamp kanneen odeessa kana baasan adamsaa jirra, biyya ganuudhaanis ni gaafachiifna, hidhaa yeroo dheeraatu isaan eeggata jedhan.

    Sheek, dandeettiin diroonii Iraan addatti diroonii Araash jedhamuu, "waan diina hirriba dhoowwu" jechuun ibsan.

    Tarsiimoon isaanii baasii waraanaa madaala dhorkuun diinni akka isaan caalaa kasaaru gochuu ta'uu ibsan.

    "Injifannoon dippilomasii bu'aa injifannoo dirree lolaa irratti argamuuti" jedhan.

  3. Ministirri dhimma biyya keessaa Paakistaan haala nageenya naannichaa mari'achuuf Iraan jiru

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mohsin Naqvi fi Abbaas Araagchii

    Ministirri dhimma biyya keessaa Paakistaan haala nageenya naannichaa, tasgabbii fi jijjiiramoota mul'atanirratti mari'achuuf Iraan daawwachaa akka jiran ministeerri dhimma alaa Paakistaan Roobii ibse, Islaamaabaad carraaqqii jaarsummaan waraana Iraan furuu eegalte itti fufteerti.

    Mohsin Naqvi, qondaalli duraarraa jaarsummaa Iraaniifi US keessatti qooda fudhachaa ture, hoggana waraanaa Paakistaan Asim Muniir faana walitti dhiyeenya cimaa qaba.

    Miiidiyaan mootummaa Iraan IRNA akka gabaasetti Naaqviin Kibxata Pirezdantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan, Ministira Dhimma Alaa Abbaa Araagchii fi Ministira Dhimma Biyya Keessaa Iskandaar Momeenii waliin wal argan.

    "Waayee hariiroo biyyoota lamaanii, nageeyaa, nageenya fi tasgabbii naannichaa fi dhimma marii ijaarsaa qooda fudhattoota naannichaa fi jijjiiramoota naanichaarratti mari'achaa jiru" jedhe dubbii himaan ministeera dhimma alaa Paakistaan Xaahir Andiraabii.

    Websaayitiin mootummaa Iraan Naaqviin Masuud Pezeshiyaaniif ergaa "ministira muummee fi hoggana waraanaa Paakistaan dabarsuu" barreesse. Qabiyyeee hin ibsine.

    Ministirri Ittisaa Paakistaan Bloomberg'tti akka himatti US fi Iraan "waliigaltee wayiitti dhiyaachaa jiru."

    "Dhimmoonni nagaaf tolan ammas dhufaa jiru ykn waliigalteen jiraachuu danda'u" jedhan. Mallattooleen akkanaa guyyoota lamaan sadan darban mul'atamn.

    Torbee darbe Iraan haala Ulaa Hormuuz irratti Omaan faana mari'achaa jiraachuu mirkaneessite.

    Kibxata waraanni US doonii alaabaa Paanaamaa qabatte irratti dhukaasuu beeksise. Kun immoo uggura Iraan cabsuufi jedhame.

  4. Hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti 'namoota jaha ajjeesan'

    Doonii gubataa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti raawwataniin namoonni jaha ajjeefamuufi 10 madaa'uu mootummaan Yaman beekamtii idil-addunyaa qabu beeksise.

    Ministeerri geejibaa dooniin mi'a feetu kibba magaalaa Mochaatti misaa'ela baalistikii sadiin rukutamuu himan.

    Haleellaa kanaanis ibiddi ka'ee hojjettoonni doonii afur - sadii lammii Paakistaan tokkommoo lammii Indoneeshiyaa du'uu beeksisan.

    Eegduun galaanaa Yaman boodarra akka beeksisetti, misaa'elli lammataa kanneen isaan baraaruuf bobba'an irratti qiyyaafatee dhukaafame.

    Kanaanis, namoonni biroo sadii miidhamaniiru jedhame.

    Hidhattooti Huutii doonii meeshaa waraanaa Sa'udi feete rukutuu himan.

    Kuni erga US fi Israa'el Guraandhala keessa Iraan irratti haleellaa raawwatuu eegalanii haleellaa jalqabaa lubbuu baay'ee balleessedha jedhameera.

    Hidhattooti Huutii baatii darbe geejiba doonii Sa'udi irratti uggura kaa'un ture dooniiwwan irratti haleellaa raawwachuu kan eegalan.