Namicha abbaasaa du'e gara aappii dubbatuufi barreessutti geeddare

Jeemsiifi abbasaa

Madda suuraa, James Vlahos

Maxxanfame

Bara 2016tti Jeemis Vilaahoos oduu gaddaa abbaansaa kaansariin qabamuu dhagahe.

''Abbaa koon jaaladhu akkan dhabaa jirun bare,'' jedha jiraataan Okilaand Kaalifoorniyaa Jeemis.

Yeroosaa hafe hamma danda'e abbaasaa wajjin dabarsuu barbaade. ''sa'aatii dheeraa abbaa koo wajjin dabarsuun seenaasaa waraabuun jalqabe.''

Abbaasaa wajjin yeroo dabarsuufi gama ogummaan immoo hubannoo nam-tolch(AI) irratti hojjechuu jalqabuunsaa walirra bu'e.

Haasaa abbaasaa wajiin taasisurraa waan addaa dalaguu akka danda'u yaade. ''Yaadannoofi eenyummaa abbaa koo gaarii hamma tahe tursuuf hojjechuun barbaade,'' jedha.

Abbaan Jeemis bara 2017tti lubbuun isaanii darbe. Tahus Jeems isaan dura haasaa abbaasaa wajjin waraabe gara sagantaa kompitaraa hubannoo nam-tolchee qabu(chatbot) jedhamutti geeddare. Kunis sagalee abbaasaatiin gaaffii waa'ee jireenya abbaasaa deebii kennuu kan danda'u dha.

Hubannoo nam-tolchee fayyadamuun namoota du'an gara jiraatti fiduu asoosama saayinsii keessatti mul'achaa ture. Guddinni gama teeknolojii hubannoo nam-tolcheen amma jireenya namaa sirrii keessatti akka dhugoomu gochaa jira.

Bara 2019tti Jeems chabot kana gara appii fi daldala HereafterAI jedhamutti geeddaruun fayyadamtoonni namoota jaalataniif waan wal-fakkaataa akka raawwatan godhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Appiin hojjete dhukkubbii du'a abbaasaa hambisuu baatus, ''akkasumatti hafuu irra waan caalu,'' isaaf kennuu dubbata. ''Yaadannoo qalbii keessaa badaa adeemutti deebi'uu otoo hin taane kuusaa yaadannoo dubbachuufi barreessu danda'u yeroon barbaade itti haasa'un qaba,'' jedhe.

Fayyadamtooni HearafterAI suuraa nama jaalatan fe'uun appii kana fayyadamuu danda'u. Dhaabbanni Kooriyaa Kibbaa biraa tokko garuu namoota gara hubannoo nam-tolchee(DeepBrain) dubbachuufi barreessuu danda'anitti geeddare.

Dhaabbanni hubannoo nam-tolchee Kooriyaa Kibbaa viidiyoofi sagalee sa'atii dheeraaf waraabuun fuula, sagaleefi akkaataa namaa fayyadamuun fakkaattii nama du'ee hojjeteera.

''Nama isa dhugaa wajjin harka 96.5 akka wal-fakkaatutti hojjechaa jirra,'' jedhan hogganaan faayinaansii hubannoo nam-tolchee DeepBrian dhaabbatichaa Mikaa'el Jaang. ''Kanaaf hubannoo nam-tolchee fayyadamuun kan hojjetame tahus maatiin baayyee miseensa maatii isaanii du'etti dubbachuuf hin rakkatan ykn waan akka isaanitti hin tolle taasisu hin jiru,'' jedhan.

Viikiifi akkooshee

Madda suuraa, Settld

Dhaabbati kuni teeknolojiin akkasii aadaa ''nagaan boqochuu'' jabeessuuf gargara jedha. Du'aaf dursinee qophaa'uun maatiif seenaafi yaadannoo ''darbee jiraatu'' akka dhiisnu godha jedha.

Haa tahu malee adeemsi kuni maallaqa muraasaan waan hojjetamu miti. Fayyadamtoonni miseensa maatii isaanii du'e ofiin ''dubbachiisuu hin danda'an.'' Viidiyoo waraabsisuufi fakkaattii isaanii tolchuun doolaara 50,000 gaafata.

Gatiinsaa akkaan qaalii haatahuyyuu malee invastarooti baayyeen baramaa dhufaa jedhanii amanu. Kanaanis DeepBrain kuni qarshi walitti qabuu marsaa dhumaaf taasiseen doolaara miiliyoona 44 walitti qabeera.

Ogeettiin xiinsammuu Laavaariin Antroobas ''teeknolojii gaddaa'' yeroo fayyadamnutti of eeggannoon barbaachisa jetti.

''Nama keenya dhabuun waan dafee nurraa hin deemne dha,'' jetti. ''Amma nagaa dha gadda hin qabu otooma jettuu wayiin dhufee gara duubaatii si deebisuu mala,'' jetti.

''Sagalee miseensa maatii du'ee dhaggeefachuun miira burjaaja'uu keessa nama galchu tahuu mala,'' jetti.

''Namoonni miseensa maatii isaanii du'etti dubbachuuf ariifachuu hin qabanii isa dura ofii jabaachuu qabu. Suuta otoo itti deemamee wayya,'' jechuun ibsiti Laavaariin.

Teeknolojiin kuni miseensi maatii erga lubbuun darbee booda daldala,miidiyaa hawaasaa, baankii fi kaan cufsiisuu dabalatee dhimmoota kaan raawwachiisuuf gargaaara.

Dhaabbanni onlaayinii UK Settld jedhamu kan dhiyeenya hundeeffame namoota lubbuun darban bakka bu'uun dhaabota qunnamuun hojii kana dalaga.

Fayyadamaan appichaa unka barbaachisu guutuun fe'a. Achiin dhabbanni Settld jedhamu imeelii erguun hordofa, abbaan dhimma faana bu'ee deebiin argamuusaa ilaaluu danda'a.

Dhaabbanni kuni namoota du'an 950 baankii, miidiyaa hawaasafi tajaajila bu'uuraa isaanii duukaa bu'uun dhimma isaanii raawwachiiseeraafi.

Nama du'e kan AI fakkeefamee hojjetame

Madda suuraa, Deepbrain AI

Bara 2020tti akkooshee du'aan dhabuu booda Viikii Wiilsaniin shamarree jedhamtuun hundaa'e.

''Hojimaata bulchiinsaa salphisuuf teeknolojii fayyadamuun fooyya'aa dha,'' jetti. Namni tokko gaafa du'u dhimmasaa raawwachiisuuf hojii xixiqqoo 146 sa'atii 300 gaafatu hojjenna jetti.

''Silaa duraan erga namni du'e dhimma qabeenyaafi kaan qixeessanii raawwachiisun gara jia'a sagalii fudhata. Hojiin harka 70 tahu otoomaatikii tahuu danda'a,'' jetti.

Yeroo ammaa teeknolojiin gaddaa ''death tech'' jedhamu akka addunyaatti doolaara biiliyoona 100 ol baasa jedha gabaasni marsariitii TechRound hima.

Weerarri koronaavaayirasii immoo guddina teeknooloojii kanaa akkaan saffisee jedha gulaalaan marsariitii kanaa Deeviid Soofar.

''Kooviid jireenyi waan gatiin hin bitamne akka tahe barsiise,'' jedha. Du'a irrattis duraan dhimmoota akka safuutti ilaalaman cabsuun teeknolojiin qaama yeroo gaddaa dhimma itti baanu tahaa dhufe jedhe.

''Al takkaatti namoota baayyee du'a dhagahii beeksisuu, namoota nu jalaa du'an sagaleefi fakkii fuula isaaniin yaadachuun dhimmoota murteessoo dha,'' jedha.

''Teeknolojiin rakkoo teeknolojii wajjin wal hin qabanne fakkeenyaaf, rakkoo yeroo gaddaa dhufu furuun kaayyoo isa guddaa milkeesseera,'' jedha.

Haa tahu malee Aadde Antiroobas yeroo gaddaa namoonni wal-deeggaruu waan caalu hin jiru jechuun kuni of eeggannoon akka ilaalamu gaafatti.

''Teeknolojiin yeroo gaddaa waan goonu bakka bu'a jedhee hin amanu jetti, namni nutti dhiyeenyaan nu jajjabeessuu, nu kunuunsuufi nu faan tahuu caaluu hin danda'u,'' jetti.