Seeneetiin US wixinee to’annoo qawwee seena-qabeessa tahe raggaasise  

Namoota mormii hidhannoo qawwee akka dhaabbatuf daanditti bahan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Seeneetiin US wixinee to’annoo qawwee waggoota 30 keessatti murteessaadha jedhame yeroo jalqabaaf raggaasise.

Miseensotni Rippaabilikaanotaa 15 tahan warra Dimokiraatotaatti dabalamanii sagalee kennuun akka wixineen to’annoo meeshaalee waraanaa kun sagalee 65 fi 33’n darbu taasisaniiru.

Wixineen kun haleellaa jumlaa lafa gabaa Bufaalloo, magaalaa Niwu Yoorkitti qaqqabeefi mana barumsaa Uvaalde jedhamutti raawwate hordofuun ragga’e.

Haleellaa lamaan kanaan namoonni 31 ajjeefamaniiru.

Wixinee kun pirezidaantiin mallattaa’ee gara seeraatti osoo hin jijjiiramiin dura Mana-Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’uu qaba.

Kun ammoo guyyota muraasa keessatti raawwata. Haaromsi qawwee qabaachuu irratti gaggeeffame tokko seen-duubee namoota umuriin isaanii 21 gadii meeshaa bitachuu barbaadanii haalaan qorachuufi sagantaa fayyaa sammuuf mootummaan federaalaa doolaara biliyoona 15 ramaduu dabalata.

Akkasumas, eegumsa nageenyaa manneen barnootaa cimsuun haaromsa ammaa keessaa tokko.

Isteetonni US kaanis namoota akka sodaatti ilaalaman irraa meeshaa waraanaa fuudhuu akka qaban himame.

Namoota jaalallee isaanii bultoo hin dhaabbatiin irratti miidhaa geesisuun himatmanii beekanitti meeshaa waraanaa gurguruu dhiisuun qabxii biraa haaromsa kana keessatti qabamedha.

Wixineen kun baay’ee murteessaa tahuun isaa kan agarsiisu waggoota kurnan booda miseensota paartilee lameeniin deeggaramee darbuu isaati.

Seenaa keessatti seera qawwee qabachuu dhorku akka hin raggaaneef dura dhaabbachaa turan warra Rippaabilikaanotaati.

Senaaterri Rippaabilikaanotaa Joon Koorniin Teksaas irraa wiixneen kun Ameerikaanonni nagaatti akka jiraatan godha jedhe.

Wixinichi akka darbuufis warra Dimokiraatotaa waliin hojjechaa ture.

 ‘’Waan arginu kana irratti homaa hojjechuu hin qabnu jedhee hin amanu. Homaa hojjechuu dadhabuun itti-gaafatamummaa ummatni Ameerikaa nutti kenne akka ganuutti ilaalama.

 Biyyoota soreeyyii keessaa Ameerikaan biyya lammiilee ishee ajjeechaa qawween dhabdu jalqabaati.

Waggaa kana keessa qofa namootni 20,900 tahan qawween ajjeefamaniiru.