Pireezidantiin Itti-aantuu Ameerikaa rasaasni ‘saffisaan namoota baayyee ajjeesu’ akka ugguramu gaafatte

Kaamaalaa Haariis
Maxxanfame

Pireezidantiin Itti-aantuu Ameerikaa Kaamaalaa Haariis gaaffii mararteen guutameen meeshaaleen waraanaa, waraanaaf tolfaman kan ‘assault weapon’ jedhaman akka ugguraman gaafatte.

Gaaffii kanas haleellaa torbanoota lamaan darban keessatti Ameerikaatti raawwateen booda dhiyeessite.

Aadde Hariis sirna awwaalchaa Ruut Wiitfiild nama ganna, 86 haleellaa wiirtuu gabaa Bafaloo keessatti Caamsaa 14, raawwateen ajjeefamte irratti argamteetti.

Guyyaa 10 booda haleellaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Teeksaasitti raawwateen daa’imman 19 fi barsiisonni lama ajjeefamaniiru.

Aadde Hariis haleellaawwan kunneeniifi biroo eeruun haleellaa rasaasaan taasifamu ‘’ni gaha’’ yeroon itti jennu amma jette.

‘’Namni hundi kanaaf dhaabbachuufi waliigaluu qaba. Kuni biyya keenyatti tahuu hin qabu, furmaata kennuuf humna jabaachuu qabna,’’ jechuun jamaa sirna awwaalchaa irratti walitti qabametti himte.

Furmaatnisaa ifaa ture-seen-duubee sakatta’uufi gosa qawwee waraanaa dhorkuu dha jette.

‘’Qawween ‘assault weapon’ jedhamu maal akka tahe beektuu?’’ jechuun gaafatti, ‘’Gosti qawwee kanaa kaayyoo tokkoo qaba: namoota baayyee saffisaan ajjeesuuf tolfame. Meeshaan kuni kan waraanaati, hawaasa siviilii keessatti tasumaa iddoo hin qabu,’’ jette.

Kibxata darbe hidhataan qawwee ganna 18 Teeksaas Yuvooldiitti dhukaasa bane, gosa qawwee AR-15 jedhamuu fi qalahaansaa gaafa dhumu ofiin deebisee guutuufi takkaattii irra deddeebiin dhukaafamu hidhatee ture.

Dargaggoon kuni poolisiin erga ajjeefameen booda qalahaa gara 1,657 fi kuusaan qalahaa 60 akka qabu baruun danda’ameera.

Wiirtuu gabaa Baffaloo, kan Niiw Yoorkitti argamu irratti kan dhukaasa bane nama ganna 18 yoo tahu kana dura qondaalota wajjin hariiroo uumee kan beeku tahus, qawwee AR-15 fakkaatu yoo bitu namni kana raawwata jedhee shakke hin turre.

‘’Maaliif namni tokko meeshaa nama biraa ajjeesu yoo xiqqaate,’namni suni kana dura yakka raawwateeraa? Lubbuu mataasaafi kaaniif yaaddessaa? Kan jedhu mirkaneeffamuu hin mirkaneeffamu?’Jette Hariis.

Haa tahu malee Ameerikaa keessatti dhimmi rasaasa ugguruufi namoota bitatan irratti sakatta’insa taasisuun falmisiisaa dha. Demokiraatonni hundi haala jedhamuu danda’uun dhorkaa kana yoo deeggaran, warri Riippaabliikaanaa garuu harka 24 qofa dhimma kanaaf deeggarsa agarsiisu.

Waldaan Meeshaalee waraanaa National Rifle Association (NRA) baajat isaa keessaa maallaqa xiqqaa hin jedhamne imaammata rasaasaa irratti Kongireesii irratti dhiibbaa taasisuuf fayyadama.

Jimaata darbe Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp to’annoo rasaasaarra manneen barnootaaf eegumsi akka godhamu gaafataniiru.

Kora waldaa NRA irratti argamuun lammiileen Ameerikaa naamuusa qaban hamaa irraa of eeguuf qawwee akka qabatan eeyyamamuufi qaba jedhan.

Haa tahu malee guyyaa haleellaan mana barumsaa Teeksaasitti uumame dhukaasni walitti fufinsaan waan adeemaa tureef poolisiin mana barumsicha seenuu hin dandeenye ture.

Inumaayyuu barattoonni tajaajila atattamaa waamanii yeroo gargaarsaaf watwaatan daqiiqaan 40 darbe, poolisiin boodatti harkifannaa kana amanuun ‘sirrii hin turre’ jedheera.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Dilbata har’aa Yuvooldii daawwachuun waamicha wal-fakkaataa akka taasisan ni eegama.

Gaafa Sanbataa lammiileen Ameerikaa meeshaalee waraanaa irratti to’annoon cimaa akka taasifamu, ‘’sagalee isaanii akka dhageessisan’’ gaafatanii turan.