Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gimbiitti dubartiin obboleessashee poolisii ta'e lubbuun jiru 'du'eera' jettee qabeenyasaa dhaalte adabamte
Himatamtuu Warqinash Dafaa Lamuu, Godina Wallagga Lixaatti jiraattuu Magaalaa Gimbii ganda 01 yemmuu tahan, 'obboleessikoo du'eera' jechuun qabeenya obboleessa isaanii lubbuun osoo jiruu dhaaluuf yaaluun himatamanii murtiin hidhaa irratti darbe.
Obboleessi isaanii miseensa Komishinii Poolisii Oromiyaa ta’e hojiif Godina Harargee Lixaatti ramadamanii deeman.
Miidhamaan kun wayita hojiif gara Harargee Lixaa deemutti obboleettiinsaa mana jireenyaasaa magaalaa Gimbii keessaa qabu keessa akka jiraattuufii eegduuf imaanaa itti kennee deeme.
Himatamtuu Warqinash Dafaas mana obboleessishee imaanaadhaan kenneef keessa jiraachuu eegalte.
“Himatamtuun qabeenya obboleessi isaanii amantaadhaan kenneef keessa jiraachaa, eegaas turan” jedhu Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Gimbii Abbaa Seeraa Taarraqany Fufaa.
Haa ta’u malee, himatamtuun kun guyyaa tokko gara Mana Murtii Aanaa Gimbii deemuun ‘obboleessikoo du’eera, kanaaf manni jireenyaasaa dhaalaan naaf yaa kennamu’ jechuun iyyatti.
“Obboleessikoo haadha warraa hinqabu, ijoollees hinqabu, abbaafii haatisaas hinjiran. Ana obboleettii isaa qofatu jira” jechuunis mana obboleessashee dhaaluuf mirga akka qabdu himte.
Manni Murtii Aanaa Gimbiis iyyata himatamtuu kanaa erga ilaalee booda akkaataa adeemsa seeraan ragaa akka dhiyeeffattu ajaja.
Himatamtuunis namoota du’a obboleessashee ragaa bahan sadi qopheeffachuun dhaddachatti dhiyeessite. Ragooliin sadeenis iyyanni himatamtuu sirrii ta’uusaa, obboleessi himatamtuu du’uusaa dhaddacha keessa dhaabbatanii ragaa bahan.
“Ragooliin namoonni sadeen sun mana murtiitti dhiyaatanii, bu’uura qajeelfama dhaddachaan sirna kakuu raawwatanii ‘namni kun du’eera’ jedhanii raga bahan” jedhan Abbaa Seeraa Taarraqany Fufaa.
Manni murtiis jecha ragoolii erga fudhateen booda ‘Warqinash dhaaltuu obboleessasheeti’ jechuun manicha akka dhaaltuuf murteesse.
Namni du’eera jedhame Waajjira Poolisiitti iyyate…
Himatamtuu Warqinash Dafaa abbaa qabeenyummaa mana jireenyaa obboleessasheerraa imaanaan fudhatte gara ofiitti erga naanneeffattee booda manicha gurguruuf sochii eegalte.
Haa ta’u malee miidhamaan dhuunfaa hojiif gara Godina Harargee Lixaa imaleefii “du’eera” jedhamee qabeenyisaa dhaalamuu dhageenyaan Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Gimbiitti dhiyaatee iyyate.
Poolisiifii Abbaan Alangaas dhimmicha qorachuu eegalan, erga qoratanii boodas himatamtuu Warqinash Dafaa irratti Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 696 jalatti yakka goyyomsuu cimaan himanni baname.
Manni Murtii Aanaa Gimbiis miidhamaan ‘du’eera’ jedhame lubbuun jiraachuu akkasumas ragaaleen sadan dhaddachatti dhiyaatanii himatamtuuf ragaa bahanis ragoolii sobaa ta’uu mirkaneesse.
“Himatamtuun kun miidhamaan kun ‘haadha hinqabu, abbaas hinqabu, ijoollees hinqabu, haadha warraas hinqabu’ jetteeti kana Mana Murtii goyyomsite mirkaneeffatte” jedhan Abbaa Seeraa Taarraqany.
Manni Murtichaa himatamtuun ragaa ittisaa akka dhiyeeffattuf ajajus himatamtuun ragaa ittisaa dhiyeeffachuu hindandeenye.
Bu’uruma kanaan Manni Murtii Aanaa Gimbii dhaddacha kaleessa ALI Mudde 8 bara 2016 ooleen himatamtuu Warqinash Dafaa mana murti goyyomsuufii imaanaa dagachuusheetiin hidhaa cimaa waggaa sadii fi birrii 10,000nin akka adabamtu murteessee jira.
Imaanaa dagachuun walitti dhufeenya namoota imaanaa waliif kennan gidduu jiru hammeessuun dabalataan seeraanis kan gaafachiisu waan ta’eef namoonni gochaa akkanaarraa ofqusachuu akka qabanis Abbaa Seeraa Taarraqany Fufaa dhaamaniiru.