Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarkiin haleellaawwan qilleensaa milishoota Kurdish Iraaqiifi Sooriyaa keessaa irratti raawwatte
Tarkiin haleellawwan qilleensa irraa bakkeewwan milishoonni Kurdish keessatti argamu jette Sooriyaa fi Iraaq keessatti raawwatte.
Haleellaan kunis kan raawwatame erga Istaanbul keessatti dhohiinsa torbaniin dura qaqabeef milishoota Kurdish itti gaafatama taasifteen booda.
Haleellaawwan qilleensaa kunneenis buufata milishoota Kurdish haleellaa Tarkiitti raawwatan irratti raawwatame jedhe Ministeerri Ittisaa biyyatti.
Dubbii Himaan Kurdish-Sooriyaa olloota bakka namoonni biyya keessa buqqa’an baay'een keessatti argaman lamatu haleelame jedheen.
Gareen PKK Kurdish garuu haleellaa Istaanbuliitti raawwatame duuba akka hin jirre hime ture.
Wayita haleellaan qilleensaa eegametti, Ministirri Ittisaa Tarkii tiwitara irratti, ‘‘sa’aatiin tilmaamaa’’ qaqabeera jechuun barreessuun suuraa xiyyaara waraanaa ka’uufi dhohinsaa waliin maxxansuunii ture.
‘‘Dahannoowwan shororkeessitootaa, holqiiwwan, hulaa fi maneen kuusaa sirriitti barbadaa’aniiru’’ jedhan Ministirri Ittisaa Tarkii Hulusi Akaar.
Ministeerri Ittisaa Tarkii booda keessa ammoo haleellaan buufataalee milishoota Kurdishi Kaaba Siriyaa fi Kaaba Iraaqi keessatti raawwatmeen kiyyeeffannaawwan 89 barbadeesseera jedhe.
Humnootiin Kurdishiin hogganaman Sooriyaa keessaa haaloo bahuudhaan kan dhaadatan yoo ta’u, magaalaan Kobanee akkasumas ollaawwan namoonni itti baayyatan lama haleellamaniiru jedhan.
Dilbata galgala keessa ammoo rookkeettiin Sooriyaa irraa gara tarkiitti dhokaafame daangaa Tarkii irratti namoota sadi madeessuun miidiyaa mootummaan Tarkiitiin gabaafameera.
Akka Dhaabbata Mirga namoomaa Sooriyaa UK keessa buufate tokkootti, Kaaba Soriyaa qofaatti yoo xinnaate namoonni 31 ajjeefamaniiru.
Iraaqi keessatti ammoo maal akka haleelee ifa miti.
Haleellaan kunis erga dhohiinsi magaalaa guddoo tarkii Istaanbul keessatti qaqabuun namoota jaha ajjeessuun 80 madeesseen torbaniin booda raawwatame.
Aanga’oonni Tarkii dhohinsa sanaaf garee milishoota Kurdish PKK, kan Tarkii, EU fi US akka dhaaba shororkaatti farajan himatan.
Haa tahu malee, PKKn ‘‘namoota nagaa kallattiin hin haleelluu’’ jechuun itti gaafatamummaa fudhachuu haalee ture.
Anaga’oonni haleellichaan wal qabatee dubartii Sooriyaa kan boombiicha keessa jedhamte dabalatee namoota hedduu hidhuutu himame.
To’anniichaan duras, Ministeerri Haqa tarkii erga dubartii daqiiqaawwan 40 teessuumma irra turte kaatee deemteen booda boorsaan achi ture dhohee jedhe.
Haleellichaan wal qabatee namoonni shan Bulgaariyaa keessatti himatamuu, AFPn gabaase.
Milishoonni Kurdish kibba-Baha Tarki keessatti Kurdish of dandeessu hundeessuuf barootaaf lolaa jiru.
Baroota dhiheenyaa keessa ammoo, Tarkiin oppareeshiiniiwwan hedduu gareewwan Kuridish irratti xiyyeeffatan daangaa qaxxaamuruun Kaaba Iraaqii fi Sooriyaa keessatti raawwataa jirti. Kunis akka daangaa Tarkii irratti haleellaa hin raawwannee ittisuquf jetti.