Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Komishiniin Gamtaa Afrikaa haalli naannoo Amaaraa na yaachiseera jedhe
Dura taa'aan Komishiniin Gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Mahaammat ibsa Roobii har'aa baasaniin haala nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiruun akkaan yaaddahuu beeksisan.
''Naannoo Amaaraa keessa walitti bu'iinsi waraanaa itti fufuu yaaddoo guddaanin hordofaa jira'' jedhan Komishinarichi.
Dura taa'aan kun Komishiniin isaanii heerri biyyattii, daangaa, tokkummaadi walabumaan biyyaalessaa eegamuu irratti cimsee akka amanu ibsaniiru.
Itti dabaluunis qaamoleen dhibdee kana keessa jiran hunduu atattamaan dhukaasa akka dhaabaniifi nageenya namoota nagaa akka eegan waamicha godhaniiru.
Musaa Faakii qaamoleen dhibdee kanatti jiran marii nagaa gochuun waliigalteerra akka gahuu qaban waamicha godhaniiru.
Gamtaan Afrikaa tattaaffii Itoophiyaa keessatti nageenyaafi tasgabbii fiduuf godhamudeeggaruuf qophii ta'uu ibsaniiru.
Ibsi Muusaa Faakii Mahaammat kun kan bahe mootummaan Itoophiyaa dippiloomaatota biyyoota alaa Itoophiyaa keessa jiraniif haala qabatamaa naannoo Amaaraa irratti ibsa kennuu booda dhagaahame.
Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa obbo Dammaqaa Makoonniiniifi Ministirri Haqaa Geediyoon Ximootiwoos(PhD) hawaasa dippiloomaatikiif Kibxata darbe ibsa kennaniin rakkoo naannoo Amaaraa keessatti dhalate mariidhaan furuuf yaaliin godhamaa jiraachuu ibsaniiru.
Geediyoon Ximootiwoos rakkoo naannoo Amaaraa keessa jiruuf karaa nagaa fala fiduufi haalota gara duraan turanitti deebisuuf mootumaan Itoophiyaa tattaaffii olaanaa gochaa jiraa jechuu isaanii Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibseera.
Magaalota gurguddoo naannichaa akka Baahirdaarii fi Gondar fa'aa keessatti sochiin uummataa gara idileetti deebi'aa jiraachuu miiidyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Magaalaa Gondar keessatti baajajotni magaalicha keessaa tajaajila geejibaa kennan hojii jalqabuus gabaafameera.
labsii yeroo muddamaa Mootummaan Itoophiyaa naannicha keessatti labse Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa raggaasiseera.irratti labse
Iziin Waliigalaa Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa labsicha hojiirra oolchus naannicha komaandi postii afuritti qooduun hojii jalqabuu himeera.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman mootummaan yeroo labsicha hojiirra oolchuu fi olaantummaa seeraa kabachiisu tarkaanfii madaalawaa fudhachuu aka qabu ibsaa turan.
Wal dhabdee tibbana naannoo Amaaraa keessatti mudateen lubbuu namaa darbuu fi qabeenyi manca'uus gabaafameera.