Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Jimma Aanaa Saxxammaatti haleellaa hooggansa aanaatiin raawwatameen lubbuun namaa darbe'- jiraattota
Jimmaa aanaa Saxxammaa ganda Kimmisootti waldhibdee dhimma lafaarratti Wiixata ALI Hagayya 08, 2015 uumameen lubbuun nama tokkoo darbuu fi kunneen biroo irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu jiraattonni BBC'tti himan.
Haleellaa rasaasaa miila isaaniirratti qaqqabeerraan kan ka’e magaala Jimmaatti yaaliirra akka jiran kan himan jiraataan aanaa Saxxammaa ganda Kimmisoo, Obbo Misbaahuu Abduu, rasaasa bulchaa aanichaarraa itti dhukaafameen millisaanii miidhamuu BBC'tti himan.
“Jalqabarratti isa ganda Sadduu kan Abdulwaahid Sharafuu jedhamu shuguxiidhaan rukkute. Sana booda anas miila mirgaakoo jilbaa gara gadii (rasaasaan) na rukkute,” jechuun jiraataan kun kan taatee kana himan.
Sarbamni mirga namoomaa qondaala mootummaan godina Jimmaatti yoo raawwatu kun kan jalqabaa miti.
Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Baadiyyaa Borcoo Deekkaa jedhamuttis kana dura wal dhabdee qondaalota mootummaafi manguddoota sadii gidduutti mudateen qondaalonni mootummaa uummata fuulduratti baasuun hiraarsaa ture.
Boodarra garuu erga gochaansaanii kun dheekkamsa ummataa kaaseen booda, gochaa isaaniitti qaana'uu himuun uummata dhiifama gaafachuun isaanii ni yaadatama.
Maddi rakkoo guyyaa Wiixataas lafa aanaa Saxxammaa gandoota sadiin daangeffamee jiruufi ummanni horii itti bobbbaafatu akka ta’e jiraattonni fi angawaan aanichaa BBC'n haasofsiise ni himu.
Bulchiinsi aanichaa laficha namoota hojii investimentii hojjetaniif dabarsee kennuuf kan karoorfate yemmuu ta’u, hawaasni naannoo immoo karoora bulchiinsa aanichaa mormaa turuu himu.
“Bakkeen kun bakka ganda sadiiti jennee Oromiyaattis falmannee jirra. Bakkeen kun kan horiiti malee investimantii kanaaf kan ta’u miti jennee falmataa turre. Mootummaan bakkee keessan eeggadhaa jennaan deebinee bakkee keenya eeggataa jirra,” jechuun Obbo Misbaahuu Abduu kan himan.
Jiraataan ganda Kimmisoo inni biroo fi sababa yaaddoo nageenyaatiin maqaan isaanii akka hin eeramne gaafachuun BBC'f yaadasaanii kennan immoo, “Lafti kun lafa bakkee uummataati.
Lafa uummanni waliin itti fayyadamaa tureedha. Uummata ganda sadiitu itti fayyadama,” jedhan.
Haa ta’u malee Itti Gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanaa Saxxammaa kan ta’an Obbo Shaabuu Qaadiree, “Lafichi investimentiif yaa kennamu jedhamee gandi murteessee, aanaan murteessee, godinnis murteessee Oromiyaa gahee Oromiyaan immoo kan mirkaneessedha,” jechuun himan.
“Uummanni immoo laficha nutu itti fayyadamaa ture waan ta’eef kennamuu hin danda’u jedhe. Lafti kun immoo kan mootummaa malee kan uummataa miti,” jedhan angawaan kun.
Taatee guyyaa Wiixataa
Waldhibdeen dhimma lafichaarra jiru waggoota sadi kan lakkoofsise ta’us, dheengadda Dilbata ALI Hagayya 07, 2015 qaamoleen nageenyaa kan isaan ‘humna addaa warra uffata buburree’ jechuun ibsaniifi lakkoofsaan 20 ta’an iddichatti qubsiifamuu jiraataan aanaa Saxxammaa ganda Kimmisoo BBC'tti himan.
Gaafa Wiixata ALI Hagayya 08, 2015 immoo ganama wayita uummanni horii gara lafa waldhabdeen irratti uumame kanatti bobbasuu eegalu humnootiin nageenyaa immoo horii kunneen gara qe’eetti ol deebisuu eegaluu himan.
Sana boodas “uummanni horiin keenya akkam gadi hin baane jechuudhaan yemmuu gadi bahu jarri ol deebisu. Uummatnis iyyaa bahe.
Walitti birmatees ni iyye” kan jedhan jiraataan ganda Kimisoo, naannoo sa’aa 4:00 yemmuu ta’utti bulchaan Aanaa Saxxamaa Obbo Misbaahuu Yaahyaa iddicha gahuu himan.
Bulchaan aanichaa akkuma iddicha gahaniin uummata uleen reebuu akka eegalan kan dubbatan jiraataan kun, “yerooma dhufan ‘lafa kanarraa maal qabdaa horii itti yaafattan?’ jechuun uleen reebuu eegalan” jedhan.
“Uummata keessaa nama lama rasaasaan kan rukkutan Obbo Misbaahuudha. Abdulwaahid Sharafuu kan jedhamu rasaasaan rukkutamee, dugdasaa kanaan itti galee cinnaachasaa jalaan bahuudhaan lubbuunsaa darbeera. Misbaahuu Abduu kan jedhamu immoo miilasaa rukkutanii miillisaa cabee Hospitaala Jimmaatti argama,” jedhan.
Dabalataan namoonni jaha sababa reebichi irratti raawwatameen miidhaan irratti qaqqabee dhaabbata fayyaa aanichatti argamutti yaalumsaaf seenuu jiraataan kun BBC'tti himan.
Rasaasa bulchaa aanichaan dhukaafameen miilisaanii akka miidhame BBC'tti kan himan Obbo Misbaahuu Abduu, battalatti tumsa hawaasa naannoon gara dhaabbata fayyaa ganda Sadduu keessatti argamutti geeffamuufi dhiigni dhangala’uu dhaabbachuu didnaan yaala fooyyeef gara magaala Jimmaatti ergamuu himaniiru.
Komii jiraattotaa kana ilaalchisee yaaliin irra deddeebii BBC'n yaada bulcha Aanaa Saxxammaa Obbo Misbaahuu Yaahyaa argachuuf taasise hin milkoofne.
Haata’u malee guyyichatti dhimma hojiif iddoo biraa akka turan BBC'tti kan himan Itti Gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanaa Saxxammaa Obbo Shaabuu Qaadiree, “miidhaan qaqqabuu dhagaheera akkaataa itti qaqqabe garuu wantan beeku hinqabu,” jedhaniiru.
Kana malees lubbuun nama tokkoo darbuufi tokko ammoo madaa’uun ala miidhaa biraa namarratti qaqqabe odeeffannoo akka hinqabnes himan.
“Ummanni mormaa ture…”
Bara akaakayyuu isaaniirraa eegalee lafa kanarratti horii tikfachaa turuu kan himan jiraataan aanaa Saxxammaa ganda Kimmisoo BBC'f yaadasaanii kennan, naannoo waggaa sadii as odeeffannoon lafichi investimentiif laatamuuf jedhu dhagahuu himu.
Hawaasni lafa kanarraa fayyadamaa tures iddoo lafa kanaa lafti biraan akka kennamuuf bulchiinsa aanichaafi godina Jimmaa dabalatee hanga naannootti qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatutti iyyannoo isaanii dhiyeeffatanii akka turan jiraataan kun himu.
Haata’u malee, lafa kanarratti namni ragaa abbaa qabiyyee qabu kan hin jirre ta’uusaa kan himan Itti Gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanaa Saxxammaa kan ta’an Obbo Shaabuu Qaadiree, “Lafti kun heektaara 2000 oli.
''Kan aanaan beeku, kan godinni beeku, kan Oromiyaan beeku. Safaramee baankii (lafaa) mootummaa keessa kan jirudha. Qaamni tokko lafa sana keessaa kaaree tokko hinqabu. Hanga ammaa namni irra jiraatee hinbeeku, callifamee horiin gadi itti yaafama malee,” jedhan.
Dabalataan “Kun bartee dur jiru kan abbootiin keenya akaakileen keenya itti fayyadamaa turan san har’as ‘investimentiif kennamuu hin qabu’ kan jedhu bartee durii santu jira,” kan jedhan angawaan kun, “Lafa sana irratti biyya guutuu mitii namni tokko ragaa tokko irratti qabaate jennaan nuumtiyyuu itti gaafatamna,” jechuunis himaniiru.
Gama biraatiin, “Taateen Wiixataa walitti bu’iinsa investimentiiti. Wanti addaa hin jiru. Qaamni seeraa qabatee qulqulleessaa jira,” kan jedhan Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, taateen kun akkamiin uumamuu akka danda’e gaafii gaafanneef, “odeeffannoosaa gaafa qaamni seeraa qulqulleesse isinif kennina,” jechuun deebii nuuf kennan.
Odeeffannoo jiraattonni aanichaa ‘bulchaa aanaatu lubbuu namaa dabarse’ jechuun himan ilaalchisees, “isa kana koreen nageenyaa, caasaan seeraa, caasaan haqaa gadi bu’anii qulqulleessaa jiru. Gaafa qulqulleeffame isiniif ibsina,” jechuun deebisaniiru.
Kana duras Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Baadiyyaa Borcoo Deekkaatti qondaalonni mootummaa manguddoota yeroo hiraarsan argamuun erga miidiyaa hawaasaa irratti qoodamee booda hoggantoonni mootummaa aanichaa bahanii uummata dhiifama gaafatan.