Dargaggoonni meeshaa waraanaa sobaatiin hawaasa sodaachisuun saamaa turan hidhaan adabaman

Madda suuraa, Kom. Polisii sh/Kaabaa
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti dargaggoonni afur gareedhaan ta'un yakka wanbadummaa raawwachuun himataman hidhaa cimaa waggaa 25 adabamuu manni murtii olaanaa Godinichaa hime.
Mana murtii olaanaa Godinicha Shawaa Kaabaatti abbaa seeraa kan tahan Obbo Getaachoo Guddisaa BBC’tti akka himanitti, dargaggoonni kunneen meeshaa waraanaa sobaa fayyadamuun halkan hawaasa saamaa turan.
Dargaggoonni kunneen maqaa hidhattootaa dhahachuun aanaa Kuyyuu ganda Liiban Kuraa keessatti bakka adda addaatti halkan mana namoota dhuunfaa sodaachisanii bansiisuu fi cabsanii seenuun saamaa turan.
Kominikeeshiniin poolisii Godina Shawaa Kaabaa akka jedhetti, dargaggoonni kunneen mana abbaa warraa 24 irraa moobaayiloota gosa adda addaa 16 fi birrii kuma 100 fi kuma 83 caalu saamaniiru.

Madda suuraa, Kom. Polisii sh/Kaabaa
Himatamtoonni kunneen eeruu hawaasni kenneen poolisii too’atamusaaniis dabaluun himan.
Erga to'annaa seeraa jala oolfamaniin booda himanni irratti banamuun dhimmi isaanii mana murtii olaanaa Godina Shawaa Kaabaatti ilaalamaa ture jedhan.
Abbaan seeraa mana murtichaa Obbo Getaachoon akka jedhanitti, himatamtoonni kunneen seera yakkaa bara 1996 bahe darbuun yakka raawwataniin tokkoon tokkoon isaanii himata gosa 11'n himataman jedhan.
Yakki dargaggoonni kuni ittiin himataman tokko tokkoon yoo walitti ida’ame hanga waggaa 70 kan adabsiisu ta’ulleen, seerri biyyattii kana waan hin keenyeef adabbii isa olaanaa tumaa kana jalatti eerameen tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 25 akka adabaman itti murtaa’e jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Godinni Shawaa Kaabaa godinoota Oromiyaa hidhattoonni keessa socho’anii fi yakkoonni meeshaa waraanaatiin deeggarame keessatti mul’atudha.
Aanaalee akka Kuyyuu, Dagam, warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee fi Darraatti ammoo sababa sochii hidhattootaa keessa jiruuf jecha iddoowwan rakkoo nageenyaatiin hawaasni rakkachaa jirudha.
Keessumaa saamichi qabeenyaa, naamoota ukkaamsanii fudhachuudhaan maallaqa hedduu kaffalchiisuun waan heddumminaan mul’ateera.
Hidhattoonni namoota butan kunneen namoota kana gadhiisuuf maallaqa kuma 200 hanga miliyoonaatti dhihaatu yeroon ittigaafatan akka ture jiraattotarraa dhagahamaa ture.
Kanaf jechas hawaasni godinichaa miseensota maatii isaanii jalaa butaman gadhiisisuuf jecha qabeenya qaban gurguruurraa hanga liqeeffachuutti rakkoo dinagdee walxaxaa keessa seenu.
Kanneen maallaqa nama butame kana gadhiisisuuf gaafatame yeroo gaafatame keessatti kanfaluu dadhabuun miseensi maatii isaanii bakkuma butame kanatti hidhattootan jalaa ajjeefames jiraachutu himama.
Rakkoo walxaxaa sababa dhibdee hidhattootaa fi mootummaa gidduu jiruun nageenyi dhabamuun saamichaa fi butamuu sodaachuun kanneen maatii isaanii waliin magaalota akka Qarree Gohaa, Garba Gurraacha, Hambisoo fi Ejereerraa gara magaalota naannawa Finfinneetti godaananis lakkoofsaan heddudha.












