Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan Raashiyaaf dirooniwwan dhiyeessudhaan qoqqobbii UN cabsite- US
Iraan dirooniwwan ofiin dho’an Raashiyaaf dhiyeessuun qoqqobbiiwwan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) isheerra kaa’e cabsiteetti jechuunUS biyyoota lixaa wajjin irratti waliigaluu ibisite.
Wixata gaafa 17, 2022 magaala guddoo Yukireen, Kiiv dirooniwwan “kamikaazii” jedhamaniin haleelamtee turte.
Dirooniwwan kana Iraanitu Raashiyaaf dhiyeesse jedhamus biyyoonni lamaan garuu kana hin fudhatan.
Iraan dirooniwwan kana Raashiyaaf dhiyeessun ishee qoqqobbii Manni Maree Nageenyaa UN Iraanirra kaa’e kan cabsu ta’uu isaa Firaans fi UKn irratti walii galuu isaanii nan deeggara jechuun US ibsite.
Qoqqobbiin Iraanirra kaa’amee ture waa’ee nikulara Iraanin kan wal qabatu ta’ee biyyattiin tekinolojiiwwan waraanaa muraasa akka biyya biraaf hin qoodne kan daangessuudha.
Yukireen ammoo dirooniwwaan kunneen diroonii Iraan omishte ‘Shahed-136’ jedhamuun beekaman ta’uu isaa adda baaseera jetti.
“Akka nuti yaadnutti xayyaaronni nam-maleeyyin (UAVs) kunneen Iraan irraa Raashiyaaf kan dhiyaataniifi Raashiyaan Yukireen keessatti dhimma kan itti baate yoo ta’u, meeshaalee waraanaa labsii qoqqobbii 2231 jalatti qoqqobbiin irra kaa’ame keessaa tokkoodha,” jechuun dubbatan aangawaan ministeera dhimma alaa US kan ta’an Veedant Paatel.
Iraan dirooniwwan waraanaa kanneen Raashiyaaf dhiyeessuu haaltus Raashiyaan dirooniwwan gosa garaa garaa heddu Iraan irraa galchuu ishee US ifatti saaxiluu dubbatu aangawaan US kun.
Raashiyaan dirooniwwan nam-maleeyyii kanneen waraana Yukireen keessatti itti fayyadamuu ishee “ragaa qabatamaa heddutu” jiraachuu dubbatu Veedant Paatel.
Haleellaa Onkoloolessa 17, 2022 Raashiyaan dirooniwwan kamikaazii ofiin dho’an kanneen fayyadamuun gaggeessiteen magaalota Yukireen dhibbaan lakkaa’aman keessatti humni ibsaa fi tajaajilliwwan bu’uuraa biroon akka addaan citu ta’eera.