Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Raashiyaa hordofuun NATOn ittisa miisaa'elii Yukireen cimsuuf
Haleellaa Raashiyaan tibbana magaalaa guddoo Yukireen Kiyiv dabalatee magaaloota biyyattii hedduu keessatti raawwatte hordofuun, biyyoonni miseensa NATO meeshaalee waraanaa ittisa haleellaa qilleensaarraa hammayyaa'aa Yukireeniif dhiyeessuuf akka jiran beeksiisan.
Meeshaalee waraanaa biyyoonni miseensoota NATO kunneen Yukireeniif kennaniis kan hammayyaa ta’uutu himame.
Meeshaalee waraanaa miseensoonni NATO kan akka UK, Kaanaadaa, Firaans fi Neezarlaand Yukireeniif kennan, kan miisaa’eeliifi raadaarii dabalatu jedhameera.
Ameerikaanis meeshaa kennuuf waadaa seentee jirti.
Meeshaan waraanaa teeknolojii Jarmaniin gargaarame tokkos Yukireen seeneera. Yukireenis meeshaa hammayyaa biyyattii ‘‘haleellaa shororkaa’’ irraa ittisuu dandeessisuudha jettee jirti.
Biyyoonni deeggartoota Yukireen ta’an 50 Biraasilisitti kan wal gahan yoo ta’u, Yukireenis wal gahicha ‘seena qabeessaa’’ jettee jirti.
Haleellaa tibbanaatiin Raashiyaan misaa’eeloota 100 ol dhukaasuuf dirooniiwwan fayyadamuu Yukireen ni himatti.
Guyyaa jalqabaa haleellaa Raashiyaan raawwatameen yoo xinnaate namoonni 19 ajjeeffamaniiru.
Magaaloota Yukireen hedduu keessatti tajaajilli ibsaafi bishaanii adda citeera.
Kanaan kan walqabates magaalaa guddoo biyyattii keessatti ibsaan dabareedhaan akka ta’uuf murteen dabarfamuutu ibsame.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin akka jedhaniitti, haleellaan raawwatame ammoo dhohinsa riqicha Kirmiyaa Raashiyaan wal quunnamsiisu irratti raawwatameef deebiidha.
Onkolooleessa 8, 2022 riqicha Raashiyaafi Kirimiyaa wal qunnamsiisu irratti dhohinsi qaqqabee namoonni sadii lubbuu dhabuun gabaafamee ture.
Raashiyaan dhohinsichi Yukireeniin kan qindaa’e jettus, Yukireen garuu himannicha kufisteetti.
UK dirooniiwwan dhibbaan lakkaa’aman Yukireeniif kennuun dandeettii ragaa funaanuushee akka cimsituufi dabalataanis meeshaa haleellaa misaa’eelii ittisu howitzer jedhaman 18 akka arjomtu ibsite.
Barreessaan Raayyaa Ittisaa U Been Waals, ‘‘haleellaan tibban Raashiyaan namoota nagaa irratti raawwattee Yukireen akka ofishee ittiftuuf meeshaa waraanaatiin akka deeggaruuf kan kakaasuudha,’’ jedhan.
Barreessaan Ittisa Ameerikaa Looyiid Ostan marii Biraasalsiin booda, ‘‘Yukireenoonni akka milkaa’aniif kan dandeenyu hunda gochuurraa duubatti hin jennu,’’ jedhan.
Akkasumas Pirezidantiin Firaans Emmaanu’el Maakiroon biyyisaanii Yukireeniin meeshaa waraanaan akka deeggartu beeksiisan.
Haaluma walfakkaatuun Neezarlaand miisaa’eelii doolaara miiliyoona 13 baasu akka kennitu Ministirri Ittisaa biyyattii Kaajisaa Olngrn dubbatana.
Kaanaadaan gama isheetiin dirooniiwwan saatalaayitootaafi meeshaalee biraa doolaara miiliyoona 34tti tilmaamamu kennuuf waadaa galte.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin deeggartoonni isaa meeshaa waraanaa akka kennaniif baatiiwwaniif kadhataa turan.
‘‘Haaluma haleellaan Raashiyaa itti cimaa adeemeen Yukireen deeggaruun, Awurooppaatti deeggarsa namoommaa guddicha bara keenyaa ta’a’’ jechuun haasaa taasisan.
Deeggartoonni Yukireen meeshaa waaraanaatiin akka hin gargaarreef Raashiyaan akeekkachisaa turuun ni yadatama.