Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal moo Man Siitii? Waancaan Kominitii Shiildi dorgommii bara kanaaf hagam murteessaadha?
Arsenaal fi Maanchistar Siitiin waggaa sadi booda morkii waancaa Kominitii Shiildiin walitti deebi'an. Tapha har'a sa'atii 11 irratti gaggeeffamuun kilaboonni bara darbe dorgommii Piriimer Liigii 1ffaa fi 2ffaan xumuran ni falmatu.
Chaampiyoonaan Piriimer Liigii Arsenaal kilaba lammaffaan xumuree fi Waancaa FA nyaate Sitii waliin Istaadiyeemii Kaardif Principality Stadium jedhamutti taphatu.
Garuu injifannoon dorgommii kanarratti argamu ga'umsa bara taphaa kana keessatti hangam gumaacha? Gooli eegdotaaf hoo faayidaa akkamii qaba?
Dorgommii Piriimer Liigii dhiheenya gaggeeffamaa jiruu fi kilaboota chaampiyoonaa ta'an yoo ilaallu kilabni waancaa Kominitii Shiildi injifatu wayita waancaa liigichaa nyaatu hin argamu.
Erguma dorgommiin Piriimer Liigii 1992-93 eegaleeyyuu kilaboota waancaa Kominitii injifatan 34 keessaa saddeet qofatu chaampiyoonaa liigichaa ta'uu danda'an.
Kanneen keessaa ammoo ja'a bara 2005 hanga 2010 gidduutti kan chaampiyoonaa ta'an.
Yeroo dhumaad bara 2019 milkaa'ina kana kan galmeesse Maanchistar Siitiidha.
Sana dura garee Aleksi Fargusan Maanchistar Yunaayitid ture bara 2011 kan milkaa'e.
Waliigalatti kilaboota 15 darban waancaa Kominitii Shiildi nyaatan keessaa kan chaampiyoonaa liigichaa ta'uun xumure kilaba tokko qofa.
Bara 1992 irraa eegalee kilabni baayyinaan chaampiyoonaa Piriimer Liigii bara sanaa ta'u kilaba waancaa kana dhabedha.
Haalli kun kilaboota 10 irratti mudateera. Sadi Maanchistar Siitii waliin walqabata.
Siitiin bara 2021 hanga 2023 walitti aansuun akkas ture.
Bara darbe Kiristaal Paalaas Liiverpuuliin injifachuun waancaa Kominitii Shiildi nyaatus Piriimer Liigii keessaa garuu 15ffaan xumure.
Garuu ammoo waancaa Konfiraansi Liigii injifataniiru. Ammoo warri Liiverpuulis guddoo hin milkoofne, liigicha keessaa shanaffaan xumuran.
Dhibbeentaa 47 kan ta'an (16/34) ammoo osoo dorgommii kana keessatti hin hirmaatin chaampiyoonaa Piriimer Liigii kan ta'aniidha.
Fakkeenyaaf Arsenaal bara 2025/26 osoo Kominitii Shiildi hin taphatin garuu waancaa Piriimer Liigii nyaateera.
Dhibbeentaa 53 kan ta'an (18/34) ammoo Kominitii Shiildi kan mo'atan warra mo'aman caalanii xumuran.
Yeroo 10 kilaboonni lameen waliin taphatan Piriimer Liigii keessaa tokkoffaa fi lammaffaan xumuraniiru.
Kanneen keessaa yeroo afur sadarkaan tokkoffaan kan xumuran warra waancaa Kominitii Shiildi mo'atan. Kanneen hafan lammaffaan xumuran.
Gaaffii biraan ammoo kilabi bara taphaa duraa keessatti waancaa Piriimer Liigii nyaate waancaa Kominitii Shiildi nyaachuuf carraa akkamii akka qabuudha.
Kanaan dura kilaboota 34 waancaa Kominitii Shiildi nyaatan 34 keessaa 18 (dhibbeentaa 53) kanneen duraan waancaa Piriimer Liigii injifataniidha.
Garuu halli kun dhiheenya kana baayyinaan hin mul'atu. Fakkeenyaaf Kiristaal Paalaas dabalatee kilaboonni waancaa FA nyaatan waancaa Kominitii Shiildi darban 12 keessaa saddeet injifataniiru.
Garuu kun morkii isa dura ture 22 keessaa shan qofa nyaatan.
Bara dorgommii Piriimer Liigii sadan darban keessatti ammoo injifataan waancaa FA akkasumas kan Piriimer Liigii waancaa kana hin mo'anne.
Arsenaal bara 1999 fi 2023 akkasumas Maanchistar Yunaayitdi bara 2010 liigicha keessatti sadarkaa lammaffaan xumuranii kilaboota yeroo lama waancaa Kominitii Shiildi nyaatanii beekan injifachuun waancaa kana fudhataniiru.