Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhibdee biyyattii bubbule
mariin furuuf kaayyeffate magaalaa Finfinneetti itti fufeera.
Marii ji’a tokkoof ture kanarratti kutannoon lammiilee
Itoophiyaa dhimma waloorratti mul’isan ‘’abdii namatti hora’’ jedhe
komishinichi ibsa Jimaata galgala baasen.
Marii kanarratti wal kabajuufi wal hubachuun akkuma mul’ate
adeemsicha qormaatnis akka mudatee ture ibse.
‘’Wantoonni dhibdee fakkaatan mul’ataniiru,’’ jedheera. Kanammoo
dursee akka hubate ibseera.
Yeroo ammaas mariin kuni ‘’boqonnaa ijoorra gaheera’’
jedhe. Ta’us, oduuwwan sobaa akka isa qoraa jiran irra deebiin ibseera.
''Odeeffannoo komishinichi baasu akkasumas odeeffannoo miidiyaaleen bakkicha jiran baasan alatti'' akka hin hordofne hawaasa gaafate.
BBC'n hirmaattotarraa akka odeeffatetti, dhimmoota tokko tokkoorratti mariirratti hirmaattota gidduu wal dura dhaabbannaan mul'ateera.
Keessumaa dhimmi Finfinnee dhimma falmii jabaa kaase akka ta'e dubbatan.