Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaalala keessatti kufne, obbolaa ta'uu dhiisuu keenya mirkaneeffachuuf jecha seera cabsine
Isparmii arjoomamerraa kan dhalatefi Faransaay magaalaa Paaris keessa kan jiraatu Aartar Kermaalviizan hanguma dhiirota abbaasaa ta'uu danda'an argu sammuunsaa gaafiin guutama.
'Inni kun abbaakoo ta'innaa? Inni kunhoo?' kunneen gaafilee ga'eessi kun irra deddeebiin ofgaafatu garuummoo waggootaaf deebii itti hin argannedha.
"Barsiisaakoo dabalatee namoonni konkolaataa ummataa keessatti arge abbaakoo akka ta'anitti yeroon itti yaadu jira. Haala kanaan jiraachuun hindanda'amu, kanaaf baay'een aara" jedha.
Gaafiin ijoo 'abbaankoo eenyu?' jedhu kan hindeebineef Aartar, nama qaawwa onneessaa jaalalaan duuchuuf kan argate umrii ga'eessumaatti ture. Haaluma kanaan dubartii Oodree jedhamtu waliin jaalala eegale.
Haa ta'u malee jaalalli haaraan kun gaafii haaraa fidee dhufe. Sababnisaas Oodreenis akkuma Aartar isparmii arjoomameen dhalatte.
'Akkuma jalqaba wal agarreen wal jaalanne' kan jettu Oodreen, wal jaalachuufi wal barbaaduun kun jaalalarraamoo firoomarraa madde kan jedhu garuu deebisuu hindandeenye.
Yeroo Aartar fi Oodreen dhalatanitti magaalaa Paaris keessa baankiiwwan isparmii lama qofatu ture, dhiironni heddus isparmii arjoomanii turan. Kanaaf abbaan Aaratar fi Oodree nama tokko ta'uu danda'a.
Kanaaf jarri lamaan gaa'ela hundeeffatanii jireenya waloo ijaarrachuu osoo hin eegalin dura obbolaa ta'uu dhiisuusaanii mirkaneeffachuu qabu. Haa ta'u malee sababa seerota qorannoo qaccee sanyiifi eenyummaa arjoomtota isparmii dhoksuuf bahanin cimdiiwwan kun gaafiinsaanii salphaatti deebi'u kan danda'u hin turre.
Faransaay keessatti mana keessatti qorannoo DNA gochuun yakkadha. Biyyattii keessatti saayintiistota qorannoo gaggeessan, doktora yookiin abbaa seeraa qofatu qorannoon qaccee sanyii akka adeemsifamu ajajuufi to'achuu danda'a. Namoonni dhuunfaa gochaa kana raawwatan birrii kuma 680 ol adabamuu danda'u.
Seerri kun bara 1994 hojiirra kan oole yemmuu ta'u, kunneen seericha deeggaranis seerri kun ragaan qaccee sanyii icciitiinsaa eegamuu qabu dhaabbilee daldalaa harka akka hinseenne taasisa, maatii gidduuttis dhibdeen hinmalle akka hin uumamne hambisa jedhu.
Haa ta'u malee biyyoota Awurooppaa keessaa qorannoon kun yakka kan itti ta'e Faransaay qofa akka taate Aartar hima.
Gama biraatiin Aartarfi Oodreen ji'ootaaf doktara qorannoo qaccee sanyii taasisuuf barbaadaa erga turanii booda doktara kibba Faransaay jiraatu tokko argatan. Birrii kuma 160 maallaqa kaashii kaffaluunis qorannoon adeemsifame. Bu'aan qorannichaas jarri lamaan obbolaa akka hintaane agarsiise.
Haa ta'u malee bu'aa qorannichaa kan shakkan jaalalleewwan lamaan qorannicha manuma isaanii keessatti ofumaan hojjechuuf yaadan. Ogummaa seeraa kan baratte Oodreenis bifa adeemsa seeraa hordofeen raawwachuuf murteessite.
Namni isparmii isheen irraa dhalatte arjoome lubbuun jiraachuusaa, yoo jiraates ammallee eenyummaansaa akka hinbaramne akka fedhu mirkaneeffachuu barbaadde. Kana malees yeroo hagamiif isparmii akka arjoomefi Aartar obbolaashee keessaa tokko ta'uu dhiisuusaa adda baafachuuf yaalte. Haa ta'u malee yaaliiwwanshee hundi osoo hinmilkaa'in hafan.
Dabalataan dhimmashee mana murtiitti geessuun hordofaa kan turte Oodreen bara 2015'tti manni murtii olaanaa iyyannooshee kuffise.
Aartar fi Oodreen gaafiinsaanii osoo hindeebi'infi shakkiinsaanis osoo hinfuramin bara 2013'tti gaa'ela godhatan.
Daa'imni jalqabaasaanii osoo hindhalatin duras doktorrisaanii odeeffannoo waa'ee arjoomtota isparmii jarri lamaan irraa dhalatan qorachuuf waliigalan. Akka seera biyyattiitti ogeeyyiin fayyaa odeeffannoo akkanaa argachuu danda'anis odeeffannicha garuu maamiltootasaaniif kennuu hindanda'an.
Haa ta'u malee arjoomtonni isparmii Aartar fi Oodreen irraa dhalatan bara garagaraa keessa dhalachuusaanii doktarri itti himan. Odeeffannoon kun jaalalleewwan lamaaniif boqonnaa sammuu kan laatu ta'us odeeffannicha argachuu kan danda'an garuu doktorrisaanii seera cabsuusaaniitini.
"Waan nama ajaa'ibudha" kan jettu Oodreen, "sababnisaas doktorri waa'eekoo ana caalaa beeka jechuudha" jetti.
Gama biraatiin odeeffannoo jarri lamaan obbolaa akka hintaane mirkaneessu kan argatan Aartar fi Oodreen fira dhiyoo kan akka durbii walii akka hintaanes baruu barbaadan.
Kanaaf gochaa waggootaaf osoo gochuu barbaadanuu osoo hingodhin hafan gochuuf murteessan. Qorannoo qaccee sanyii (DNA) mana isaanii keessatti ofumaaf taasisan. Bu'aan qorannichaas jarri lamaan firooma akka hinqabne mirkaneesse.
Abbaa ofii walin wal arguu
Qorannoowwan DNA taasisaniin odeeffannoowwan garagaraa kan argate Aartar, waggoota 30 booda yeroo jalqabaaf bara 2017 guyyaa ayyaana Qillee abbaasaa qunname.
Oodreen immoo dubartiin dhimma walfakkaataan mana murtiitti falmaafi turte obboleettishee ta'uu barte. Oodree fi Aartar aktivistoota isparmii arjoomamerraa dhalatan kan biroo saddeet waliin ta'uun qorannoo DNA kan taasisan yemmuu ta'u, 10 keessaa afur isparmii nama tokkoon arjoomamerraa dhalachuunsaanii mirkanaa'e.
Haaluma kanaan Oodreen, obboleessishee Piitar, Soofii fi obboleessishee Deevid isparmii nama tokkorraa akka dhalatan barame.
Kennaa hinsafaramne
Waggootaaf abbaashee barbaadaa kan turte Oodreen namni isparmii isheen irraa dhalatte arjoome lammii Ameerikaa Filiip jedhamu ta'uu barte. Haa ta'u malee namni kun lubbuun darbeera.
Maatii Filiippif xalayaa kan barreessite haati Oodree "kennaa hinsafaramne" Filiip naaf laateef galatoomaa jette.
Maatiin Filiip Oodree daawwanaaf kan affeeran yemmuu ta'u, "ijji nama hundaa imimmaaniin guutamee ture" jechuun taatee wayita walargan ture himti. Kana malees Filiip isparmii arjoomuusaa kan baran Oodree walin erga walbaranii booda ture.
Gama biraatiin duulli Oodreen gama seeraatiin taasisaa turtefi kitaabni Aartar barreesse Faransaay seeroota ulfa isparmii arjoomameen uumamu ilaalchisee jiran akka jijjiiraman gumaachaniiru. Haaluma kanaan biyyattiin namoonni Eebla 2025 booda dhalatan wayita umrii dargaggummaarra gahan mirga eenyummaa arjoomtota isparmii irraa dhalatan baruu ni qabu.
Haa ta'u malee Faransaay ammallee biyyoota Awurooppaa qorannoo DNA mana keessaa dhorkan muraasa keessaa ishee tokkodha. Kana jechuunis "Namni kamiyyuu maddafi seenaasaa baruuf mirga qaba" kan jettu Oodreef falmiin dhimmicha ilaalchisee taasisaa turte itti fufa jechuudha.